By Barento
Dhiigni ilmaan Oromoo kan kaleysa gadi naqame otoo hin qoorin, sharaleen gadda ilmaan Oromoo gar malee biyya abbaa isaanii irratti rasaasa agaaziitiin garmalee rukutamanii ajjeefamanii otoo hin ka’in, imimmaan ija ayyoti fi abbootii Oromoo irra otoo hin qoorin Wayyaanee waliin manguddootiin Oromoo Sodaree lafa bashananaa teesse cooma nyaachaa kan farshoo dhuguus farshoo dhugaa kaniis waanuma isaanitti tole godhuun akka nama foon ilmmaan Oromoo warra wayyaaneen ajjeefte san nyaatuuti. Joollee teeysan nurraa gorsaa jechuun wayyaaneen foon isin nyaachiftee yo kan isin ergaa saniin ilmaan Oromotti as baatan ta’e, isin kaadiroota wayyaaneeti. Ilmaan Oromoo mangudoota, Qeensota, fi sheekkota akkasii wayyaaneen gargar baaftanii laaluu hin qabdan.
Karaa biraan Oduun amma dhaga’aa jirru Wayyaaneen Ummata Tigrai hiriira baaftee gaaffin ummata Oromoo gaaffii haqaa fi gaaffii dhugaati jedhaa jettee irratti hojjechaa jirti. Yoomii asi kan Wayyaaneen fira Oromoo ta’uu agarsiise? Ummanni Tigrai ho dhugumaan ummata Oromoo bira dhaabbachuu barbaadan mo maaltu mullate? Gaaffii kanneen deebisuun dirqama. Akkuma kana duraas beekkamu Wayyaaneen yeroo hudhamtee rakkattu waan hin goone hin qabdu. Yeroo filmaata bara 1997 Yeroo Amari mudde filmaataan mo’etti Mumichi Wayyaane kan du’e Mallas Zenawi Amaran biyyi abba qabdi jedhe Mootumma Oromia Adaamaa irraa gara finfinnetti ol deebise. Akkasuma ammaas Amhari fi Oromoon mootummaa kana waan hacuucanii qabaniif rakkoo kana keessaa ba’uuf saba gurguddaa lamaan kana yeroo takkatti loluu waan hin dandeenyeef, adda babaasee rukutuf ( divid and rule ) waan jedhan san akka tarsiimotti ittiin hojjechuuf malee Oromoo jaalatee yo kaaan gaaffi Oromoo deebisuu danda’ee ykn fedhee miti. Yeroon kana dhaga’u makmaaksa Oromoon jettu tokkon yaadadhe, shilmiin eessaa laafa jennaan gara duubaatii jette jedhan. Wayyaaneen wanti waan waan kana gootuuf qoriin nyaataa Oromoo waan taateef yoon Oromotti dhihaadhe jiraachuu niin danda’a jettee erga waan garaa isii hojjette booda kanaan as baate.
Kanaaf an dhaamsiin Oromoof dhaamu, dhiirti takka nisobamti lama ammoo hin sobamtu. Kanaaf Wayyaaneen yeroo ammaan tanaa tana hudhamtee hafuura baafachuu dadhabdee jirti yo itti jabeysine ni duuti, yo irraa laafifne ni fayyiti, waan kana ta’eef nuti Oromoon wanni nu baasu bakka jirru qabsoo finiinsinee wayyaanee lubbuun keessaa ba’aa jirtu kana itti jabeysinee lubbuu keessaa baafne Oromia bilisoomsuu qofaatu filmaata ta’a jedheen amana. Kanumaafiin waan xiqqoo tana darbachuuf ol utaale namni waan qabu darbatu hamaa miti jedhan.
Jabaadhaa qabsoon Oromoo bakka ifbooda deebi’uu bira dabartee jirti. Nimoona ifbooda hin deebinu.
Injifannoon tan ummata Oromooti!
Gadaan gadaa bilisummaati