#OromoRevolution Solidarity Rally, Germany, September 2, 2016
(Fulbaana 02,2016) FXG Shawa Bahaa Fantallee fi Booset Keessatti Qeeyroon Jabaatee Itti Fufe. Oromoon Karrayyuu Humna Waraana Agaazii Irratti Tarkaanfii Isaa Itti Fufee Jira
FXG Shawaa Bahaa Fantalleetti uummata Oromoo Karrayyuun jabaatee itti fufuun waraanni wayyaanee daangarraa dacha’ee uummata sana irratti dhukaasa banuuf guuramaa jira.
Odeessi Qeeyroo Shawaa Bahaa Fantaallee irraa akka gabaasutti guyyoota lamaa oliif humna waraana agaazii fi Oromoota Karrayyuu gidduutti lolla deemeera; ammas itti jira.
Mootummaan wayyaanee yaaddoo fi sodaa uummata Oromoo irraa qabuun hidhannoo uummanni Oromoo Karrayyuu ofirraa qabu hiikkachiisuuf waraana agaazii bobbaase irratti Oromootni Karrayyuu sodaa malee dhukaasa irratti banuun waraana agaazii 5 ol ajjeesuu fi 20 ol madeessee jira.
Oromootni Karrayyu duubatti osoo hin deebine waraana wayyaanee hunkuteessuu itti fufeera.
Mootummaan wayyaanee FXG Oromoota Karrayyuu kana dura dhaabbatuuf humna dabalataa naannoo biraa irraa sossoosuun gara Shawaa Bahaatti guuraa jiraachuu Qeeyroon gabaasee jira.
Akkasuma Shawaa Bahaa aanaa Booset ganda Caaleetti waajjirri gandichaa FXG ummatni finiinsaa jiruun gubatee barbadeeffamee jira. Daandiin aanaa kana keessa kutus Qeeyroodhaan cufamuun gabaafamee jira. Kuusaan garagaraa waajjira gandichaa keessa jirus Qeeyroodhaan gubatee daareffameera. Ummanni aanaaa Booset tarakanfii fi FXG walfaana finiinsuu eegalee akka jiru ganama kana Qeeyroon aanichaa gabaasee jira.
Injifannoon Ummata Oromoof!
Hagayya 1, 2016 guyya hara Gamta European Parlamenti Keesati walga’ii wayee yakka TPLF saba Oromoo fi Amhara irrati duguga sanyii balisee raawwate fi Samicha lafa Ethiopia keessati gegefamuu keesumati Samicha lafa Afar irrati TPLF gegesuu irrati Marii gudan adeemsifameera.
Oromoo 1000 ol ji’aa 10 keessati ajeesun 100,000 hidhuni, Kumatama madeese Mlioonoota lafa isaa irra kan buqisa jiru mootumman kun Mafia saba fixaa jiru waan ta’eef atataman angoo gadii dhisuu qaba jeedhamee jira.
Qabxiile ka’aan keessa :-
- Mootumman Ethiopia gargarasa fi Liqii biyya alati argatuu hunda fayyda Ogannota TPLF waan oluuf Ethiopian liqii TPLF fudhatee basuuf hin dirqamtuu, TPLF waan sameef isanumatuu kafaluu qaba.
- Lafa biyyati samame lammi Tigira fi invesiterota biyya alaf latamee seeran ala waan ta’ee beekamti hin qabuu qoote bulaf deebiyuu qaba;
- Lubu 1000 Oromiya keessati rawwatamee fi dhimmaa hidhamtoota seeran ala mootumman hidhee kan qooratuu qooratoon adunya akka ramadaman,
- Ethiopia Chemekala waan isaa hin beekamne kan nama fixuu maluu hojeecha jirti, Neuclar Bomb homishuuf uraniyem gaabisuuf biyoota heedu waliin marii gegesa waan jirtuuf kunatataman akka dhabduu;
- Saba Milliona 30 ol beela’aa jiru gargarsi tokko ilee ga’aa hin jiruu da’iimi dhuma jirti, kanaafu qoorannno adda mootumma kana irrati akka gegefamuu;
- TPLF Motuumaa Oromiya fi Paarlamaa Oromiya diigun Ormiyaan humnnota waran 8 jalati akka bultuu waan ta’eef kun seera Federation cabsuu waan ta’eef Mootumman Ethiopia seera qabeessa akka hin taan e adunyan akka mirkaneesuu qabuu
Walgaii kana irrati Bareefami 8 dhiyatan jiru, Marii ho’aa goodhamee irrati hundi nama rakko biyya sun keessati adeema jiru irrati ibsa ga’aa keenan jiru. lammin Ethiopia hundi siirana nama nyatan Ethiopia buqisuuf irrati walfiif galan hojeechuu qabu jeedhameera. Marii bu’a qabessa kana gabasa gutuu isaa isiin dhiyeesuu yaalaa..
EU Parliament ACPU on human right violation against the Oromo Nation in Ethiopia
Getachew Jigi Demekssa tin