Quantcast
Channel: Oromia
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1918

#OromoProtests, September 7, 2016

$
0
0

#OromoProtests– Kun dhaamsaa Qeerroo Godina Shawaa Kibba lixaa Aanaa Tolee ti. Guyyaa borii, kamisaa gabaa guddaan akka naannoo sanaatti beekamaa ta’eefi lafa ennaa darbe lubbuun namoota hedduu itti darba aanaa Tolee maggaallaa Abeebeetti waan jiruuf uummanni keenya guyyaa bori gabaa guddaa kana lagachuun aantummaa lammii isanii jecha lubbuu qaalii wareeganiif qaban akka aggarsiisan kabajaan gaafanna
Kanaaf, jiraattoti Aanaa Tolee dhaamsa kana akak hubattanii hojii irra oolchitan kabajaan isin gaafanna. Kan dide gufuu qabsoo keenyaa ta’uudhaan dhiiga lammiirra waan tarkaanfateef tarkaanfiin barbaachisu akka fudhatamu nuuf dhaamaa.” Via Dhábasá W. Gemelal


#OromoProtests The regime has began giving bodies of those political prisoners killed in Qilinto Prison. One of them is identified Kebede Feyisa Senbata. He was arrested during the grand rally on August 6, 2016. He is from Urga Hereri Village, Jaldu district, West Shewa.
=====================
“Mucaa mana hidha qilinxootti hidhamee ajjeefame Kabbe Fayyisaa Sanbataa jedhama. Godina shawaa lixaa aanaa Jalduu ganda Urga’aa Hererii dhalate guddatee gaafa hiriiraa guddaa August 06 2016 qabame ture. Addunyaatti nuuf beeksisi” Via Jawar Mohammed

14212155_10102523374683703_3464586632281342476_n



#OromoProtests Namoota oduu Qilinxoo gurra qeensitanii eegaa jirtaniif, har’as bakka #Mashowaalakiyaa jedhamuu ol darbuun hin danda’amne. Hinumaayyuu poolisoonni haala malee ummata sodaachisan. “Maqaa namoota du’anii adda baasnee hospitaalotatti ergaa jirra, hammasitti mana keessan taa’aa nu hordofaa malee as dhuftanii karaa cuftanii rakkoon yoo isinirra gahe isinumatu itti gaafatama” jedhan. Amma ummanni kumaan lakkaa’amu iyyaa, boo’aa hiriira galee gara buufata konkolaataa Qaallittiitti deemaa jira. Poolisoonni namoota hedduu daddarbachaa qabanii konkolaataatti naqaa jiru. Nama suura kaasu irraa moobaayilii funaanaa, daddarbachaa fi doorsisaa jiru. Abidda waliin taphachaa akka jirrun arge. Kana caala waanan jedhu hin qabu! Via Daalacha Qaccamaa

14238105_1171849929540627_7965815909869586653_n


#OromoProtests-Gaafa guyyaa 1/13/08 konkolaattota naannoo Amboo tti tarkaanfiin irratti fudhatame
-Naannoo Giincciitti 5
-naannoo meexxi tti 3
-naannoo sanqallee tti 1
-naannoo Guder /tokkeetti 2 qeerroon tarkaanfii fudhateera.
Guyyaa 2/13/08 ganama irra kaasee qeerroo baayyeen walkufeessun naannoo baadiyaa tti muka/bosona/daa’oo tokko tokko jala daa’eefataanii kan diina waliin dhaabataan kana haleeluu akka itti fufani waamicha keenya dhiyeesina. Via 
Dhábasá W. Gemelal


#OromoProtests “Konkolaaatota gurgurdo gejiba fi konkolaatota jimma garaa jijjiiga geysu irrattii tarkanfin haala kanan fudhatama bule nannaawa harar ittii konkolaata waligala 8 irrattii takanfin fudhatamera” Via Naf-tanan Gaadullo

14225565_286516425063138_4217331873377602656_n


#OeomooProtests DHAAMSA HATATTAMAA Qrerroo magalaa naqamteef
“1. Hotela sookam (muziyemii dugda duubaa, kan duraan hoteela Totalii jedhamee beekamu) kan Abbaan qabeenyaa Balaxee jedhamu
2. Hoteela Totalii kan Ethiopia hotel jechun Dandii gara safara maariyamitti gessuu irratti argamu abbaan qabeenyummaa nama Sisay jedhamu. Hubadha namichi kun haati mana isaa Tigiree kan taatee ji’a afur dura muca daa’ima waggaa 5 hidha dhalootan oromoo ta’e ciidhan isaa keessaa rukkutun kan akka innii dhalchu hin dandeenye nam goote fi abban mana ishee kun ammmas hotela isaa baane humna waranaa fi Agazii Sooraa akka jiru
3. Hootela Oromiyaa kan naannoo humna Ibsa (galma guddaa fulduratti argamu) abbaa qabeenyaa Shibiruu jedhamu.
Hoteellii kun sadeen yeroo ammaa osoo ilmaan Oromoo lubbuun jiranii akka nama Ayyaanaa masqalaatti muka jiidha bobbessuu sabbontoota keenyaa warraa dhaabbiitti boobbessaan sooraa jira. Keessummaa Abbaan qabeenyaa hoteela oromiyaa Guyyaa kalessaa fi har’a mana baante agaziidhaf nyaata kennaa yeroo isaan seenanii fi ba’an mana cufa geggessa jira. Seenaa Shibiruu yeroo biroo hangan isiinif barressuuttii attatamaan hoteellii isaa mana diinaa fi qarshii dur ABO waliin qabsa’a fakkatee saamee bade wan ta’ef kan diiinaa (hotelaa Sookemii fi Totalii) dura hoteela oromiyaatti birattii wal haa arginu!”


Second Boycott Day, Burayuu

14265025_286508851730562_3905098326788225139_n


#OromoProtests Market boycott MUGGI for 2nd day
========

Aanaa Anfilloo magaalaa muggii keessatti lagannaan bittaa fi gurgurtaa haala kaleessaa caalaatti guyyaa lammaffaaf itti fufee jira. Bajasjiin tokkollee socho’aa hin jirtu. Konkolaataan ykn baasiin nama deddeebisuus hojii dhaaber jira. msnni daldalaa cufaa dha. OPDOn sodaattee daldaltoota dukkaana qaban walgahii ariifachiisaa waamtee jirti hin sodaatinaa uummata isiniif wayya nuuf jedhin

14183675_286508438397270_5426563359250563185_n


#Oromoprotest #Ambo Magaalan Amboo har’as akkuma magaalaawwan oromiyaa biroo akkuma onetti jira.

14191914_953862101426561_6187647023522556190_n


#OromoProtests Passangers at Asko bus station stranded as buses are not leaving for Oromia towns. Via Naf-tanan Gaadullo

oromia_towns


# OromoProtest Beeksisaa fi Hubachiisa
– – – – – —- – – – – – – — – – – – – – – – – – – – – – – – – – – —
# QeerroonGodinaBaalee duulli gabaa lagachuu Qaammee 1, 2008 – Fulbaana 2, 2009tti karoorfame magaalota Godina Baalee keessatti argaman hunda keessatti haala gaariin hujiirra oolaa jiraachuu isaa ibsanii jiru. Kanumarraa ka’uudhaan laguun gabaa kun wiixatarraa kan eegale akka ta’ee magaalota akka Alii fi Dallotti akka wal hin bitinii fi kaleessas gabaan Dambal kan hin jirre ta’uu oduun amma achirraa dhufe ni mul’isa. Guyyaa Roobii har’aas Gaasaratti bittaa fi gurgurtaan kan hin jirre ta’uu eeranii jiru. Guyyaa kamisaa boruus gabaan guddaan magaalaa Roobee cufamee kan oolu akka ta’ee fi namoonni laguu gabaa kana diduun dukkaana banauuf deeman yoo jiraatan AGAAZII ilmaan Oromoo fixaa jiruun gar-garitti akka hin laalamne dhaamanii jiru. Magaalotii akka Agaarfaa, Goobaa, Diinshoo, Gooroo, Hisuu, Maliyyu, Jaaraa fi Gindhiirttis laguun gabaan kuni cimee kan itti fufu ta’uu dhaamnii jiru.
Qabsoon Itti fufa… bilisummaan ni dhufa!!! Via 
Riad Bale Khan


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1918