Quantcast
Channel: Oromia
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1918

#OromoProtests – Boycott Continues, September 9, 2016

$
0
0

Konso Protests – A New Phenomena in the South of Ethiopia

Anti-TPLF movement reaches Southern Nations, Nationalities, and Peoples region.

by CDE

09 Sep 2016 – Two villages burnt down after the Konso community demand for Identity and Self-Determination (pictured) was denied by TPLF/ EPRDF government in Ethiopia.

Score of people have been left homeless after the incidence and the majority of the people in Konso have taken their protests by occupiing the local prison and releasing 60 inmates.

Gemech Gemise, the Konso Community Identity and Self-Determination committee member said, “our demand has been ignored for so long by EPRDF even though more than 50,000 people signed petition to form its own Konso zone.”

The Konso, also known as the Xonsita, are a Cushitic-speaking ethnic group primarily inhabiting in the Southern Nations, Nationalities, and Peoples region in south-central Ethiopia, and has its own special administrative area with over 350,000 people. Via Eritrean Press

14192018_523686467823952_378137468252766987_n


#Oromoprotests “Dubbii ajaa’ibaa asaasa irraa!
Agaaziinillee karaa hin beekamneen odoo nu miidhuuf yaaltu nu fayyadaa jirti.
Gaafa kibxata darbee asaasaa gabaa guddaa ture. Ummanni guutuun gabaa lagatee hafe. Agaaziin aartee namoota muraasa daandii qaxxamuran argitu tumuu jalqabde. Achumaan ummata guutuu gabaaf karaa irraallee dhabnaan
gara hojjatoota waajjiraa magaalaa asaasaa biiroo isaanii deemte. Kaabinootaaf hojjattoota biiroo keessatti argitu tumuu jalqabde. Hojii maalii hojjattan soba waajjira teettan malee odoo kan hojii hojjatan ta’ee ummanni ajajaa keessan dhaga’a ture. Biiroo ba’aatii ummatuma waliin mana ofitti cufaa ta’aa isinillee jettee tumaa turte. Asaasaa har’a guyyaa 4ffaa laguu gabaa kunoo akkuma itti fuufteetti oolte. Boru jechuun sanbata xinnaa guyyaa gabaa xiqqooti. Maarree ummanni Asaasaa akkuma jabinna dur beekamuun itti fufuu qaba.” Via Feyera Sobokssa






#OromoProtests Sabboontota Magaalaa Finfinnee hedduu nu boonsitan. Finfinneen duriis qe’ee abbaa keenyaati alagaan qofti gubbaa dhiichisuun hafeera. Haqa ofii abbaatu falamata. Via Mirga Namummaa

14264821_300173593693060_1695682975533061736_n





Godina Wallaggaa Horroo Guduruu Aanaa Abbaay Cooman Finca’aa Qeerroon Karaa Cufee Gabaa Lagachuun FXG Gaggeessaa Jira.
ficaaa


#Dhaamsa Ariifachisaa Uummata Oromoo Hundaaf!!
Qeerroo Bilisummaa Oromoo irra!!
Wayitaa Duulli Gabaa Lagachuu fi uggura dinagdee mootummaa abbaa irree Wayyaanee irra Kallattii Hundaan kaa’amaa jiruufi Bakkoota Hedduutti Qeerroon Tarkaanfii Qabeenyaa Lukkeelee wayyaanee fi aangawoota wayyaanee,kanneen akka konkolaataa fi Qabeenyaa diinaa dhabamsiisuu irratti fudhata jiru kanatti:
1. Qee’ee keessaan irraa daandii adeemna jettanii manaa bahuu dhiisaati uummatama naannoo keessanii waliin marii ‘atuun, Bulchiinsa ganda keessanii kan sirna wayyaaneen qajeelfamtu OPDO irraa aangoo kaasuun .
2. Namni kam illee Tajaajilaa Kamiif Iyyuu Waajjiraalee Ergamtuu Wayyaanee OPDO, Waajjiraalee Bulchiisaa OPDO, Waajjiraalee poolisii OPDOfi, waajjiraalee OPDO sadarkaa sadarkaan jiruu hundaa nafayyada jettanii akka hin dhaabbatne!!
3. Uummatni keenyaa Yeroo kanatti rakkoolee dhuunfaa kamiin illee akka wal hin dhabne, kanneen waldhaan jaarsolii biyyaa naannoo jiruun akka argamaan!!
4.Abbootiin amantaa, jaarsoliin biyyaa fi Abbootiin Gadaa uummata keessan waliin dhaabbachuu malee haala fedhee kamiin iyyuu mootummaa wayyaanee fi lukkeelee Ergamtuu Wayyaanee OPDO waliin akka hin dhaabbatne!!
5. Namoota aangawoota wayyaanee ta’anii fi lukkeelee Ergamtuu Wayyaanee EPRDF / TPLF /OPDO irra #Tuma Itti aanuu kana kaa’uudha:
Namoota mootummaa wayyaaneef harka mirgaa ta’an OPDO fi lukkeelee ilmaan Oromoo ajjeesaa, hiisisaa fi ragaa sobaa Bahaa kan jirtuu wajjiin hin nyaatiinaa, yoo namni jalaa du’ee warraa du’aa ishee hin dhaqiinaa, nagaa hin gaafatina, waliin hin a deeminaa, yakkamaa gumaan lubbuu ilmaan Oromoo kumaatamaa waan irra jiruuf akka yakkamaatti ilaalaa malee akka nama aangoo qabuu tokkotti hin ilaaliina Guutummaa jiruufi jireenyaa hawaasummaa keessa baasaa. Qabxii armaan olii kan cabsee diinaa jala adeeme dhalli hin guddatiifiin, yoo dhalchuu jaamaa duukaa fi joortuu gandaa haa dhalchuu, saree gurraatti haa dhalchuu jechuun bakka jirtan hundatti wayyaanee fi ergamtuu wayyaanee irratti tuma jigsa jechuun Qeerroon Dhaamsa lammummaa dabarsee jira!!
İnjifannoon Uummata Oromoof!! Via 
Jaarraa Bilisummaa


#Breaking News#Nekemte #Nekemte
Duulli Lagannaa bittaa fi gurgurtaa guyyaa 4ffaaf itti fufeera 4/13/2008!!!!!!
Haaluma kanaan warri labsii lagannaa bittaa fi gurgurtaa uummataa tuffatan
1.Suuqii(duunkana) Goojjamee yeerus(yeerusalemii) jedhamtuu bakki isaa#Calalaqii bakka addaa waldaa#Adventistii bukkee karaa horsiisa loon Dr Tsahayitti gessurra.Dubartiitiin kun yeroo baayee goojjamoota #Buree fi#BaahirDaar irraa fiddee magaalaa Naqamtee qubachiifti.Dhoksaadhaan suuqiishee keessatti daldalaa jirti.
2.Mana Nyaataa Amantee Jiraataa kunis duula lagannaa kana dabalatee ji’a sagal guutuu #Agaazii nyaachiisaa jira bakki itti argamu mooraa bulchiinsa godina wallaggaa bahaa keessatti argama.Innis yeroo baayee Walitti dhufeeya hoggana waajjira Galii Taayyee jedhamu magaalaa#Naqamtee waliin qabuun galii fi gibira magaala illee irraa kutanii xiqqeessee kaffala. warren kanan Qeerroon #Naqamtee maal jetti ??? Via  
Beekan Gulummaa Irranaa


Akkeekkachisa ariifachisaa: guyyaa bor’i wayyaannen jiraatoota tigiire magaala bishooftuf hojeetoota tigiire ta’anni bihooftu automotive hojeetanni waliigayii ariifachisa jette shop isaanni keessatti argamanni irraa deemte iccittidha itti himuf yaallite turte garuu dubiin ifaa baate kun immoo hojeetoota oromoo achii keessa hojeetannif nyaanni guyyaa bor’i sodaachisadha kanaf nyaata achii keessa nyaachuuf hojii akka lagaatanni nuuf akkeekkachisi.

Guyyaa kaleessa jechuun 03:13:08 akkumman sibeeksise ture wayyaannen walgayii ariifachisa jette tigiiroota magaala bishooftuf hojeetoota makaalakiyyatif waamicha goote turte har’as akkumma waamitetti walgayiicha afaan tigiiriffan geggeessa jirritti galmaa adaa oromoo magaala bishooftu 05 keessatti argamuti haalli walgayiicha maali akka ta’e odeeffannoo argachuuf gurra ummaata keenyanni nuuf ga’i siin jedha qerroon magaala bishooftu. Via  Beekan Gulummaa Irranaa

14184297_627171777461683_828213082538530869_n


#OromoProtests Magaalaa Najjii irraa.
“Guyyaa kaleessaa jechuun 9-9-2016 Qeerroon magaalaa Najjoo hojii boonsaa hojjete. Innis Hoteelli Abbaa qabeenyaa Chombee jedhamu duula gabaa lagannaa waan dideef, dargagootni nama 15 ta’anii”Xibsii” 20 ajajatanii nyaatanii ergii xumuranii booda utuu hin kaffalin ba’aniiru. Kun hojii boonsaadha. Hoteelli Chombees achumaan cufame.Darbee guyyaa har’aa 9-9-2016 dargaggootni magaalattii Hoteelli daandii gabaa geessu haaraan baname “Hoteela Najjoo” jedhu tokko karaa cina isaa utuu hojii hojjetuu dhaga’e qeerroo biratti. Qeerroonis gatii hedduu aareef dargaggoon cocolleen 14ta’anii “Xibsii” 14 ajajataniin hojjettootni hoteelichaa na’anii hin jiru jechuun baqataniiru. Hoteelichis achumaan cufame. Kunis hojii boonsaadha.” Via Hassan Ismail


Qeerroo Dambi Doolloo: “Waa’ee diddaa guyyaa 4ffa “OPDO”n Dambi Doolloo baay’ee maraachaa jirti. Akkuma jalqabametti suuqiin cufaa, konkolaataan dhaabbatee jira, baakiin martuu cufaadha. Walgayii ganama waamame uummanni dhaquu dinnaan waaree boodas waamaa jirti “OPDO”‘n. Nuuk gaabaasi, haasaa “OPDO” haasaa saree taasise uummati Dambi Doolloo.” Via Hassan Ismail


#OromoProtests AWWADAAY
“ganamma kana awaaday keessati motumman dirqiin basisaani waara bulchisaa kameraa fidatanni qarsasani jiraann afaan qaweeti nanbasisaani ammas nannoon haraari guyaa artaan jimma somale demu dhorkiteeti saa’a 4:50 itti dabaarsu dhorkitee turte dirqiti iraa banana makinnan tokko garaa suqullin behetin demma jeti achiti qeron suqull caabcbsitee chufeerai oromoodha dhis jaaniti jimma achiti kassaraa gaalchaan” Via Hassan Ismail


#OromoProtests Kuni sirna awaalcha Goota keenya Kabbee Fayyisaa shawa lixa Aanaa Jalduu ganda Urgaa’a keessaattii guyyaa kaleessaa akkasiitti ture
Biyyoon sitti haa salphatu kaa kabbuu Koo

14237690_1173543812704572_3775750112444269178_n


በሆሳህና እስር ቤት ፓሊስ ጥይት እየተኮሰ አስለቃሽ ጭስ እየተኮሰ እና ድብደባ እየፈፀመ ወደ 20 እስረኛ ተጎድተዋል :; የፓሊሶቹ ስጋት ታራሚዎቹ እንደ አማራ እና እንደ ኦሮሚያ ክልል ተቃውሞው ወደ በደቡብ ክልልም ልያመጡት ነው የሚል ነው ::
ሰዎቹ በስጋት አለቁ እኮ ጎበዝ ~ ተረባርበን ቶሎ እንገላግላቸው እንጅ በስጋት ሕዝቡን ሊጨርሱት ነው ::


Fulbaana 09,2016 diddaan gabaa lagachuu guutummaa magaalaa Naqamtee keessatti kan guyyoota sadan darban irra caaluun akkuma itti fufeetti jira.
Godina Wallagga bahaa magaalaa Naqamtee keessatti diddaan gabaa lagachuu daran jabaachuun itti fufee jira.
Guutummaan magaalattiis callistee jirti. Dunkaanonni magaalaa Naqamtee fi naannoo ishee keessa jiranis hunduu cufamuun gara diddaa gabaa lagachuutti makamuun mootummaa Wayyaanee nagaa dhorkaa jiru.
Konkolaataan kamiyyuu magaalaa Naqamtee keessa oliif gadi socho’aa hin jiru.
Kanneen walii galtee uummataa cabsanii socho’an immoo tarkaanffii Qeerroo Leeqaatiin haleelamaa jiru.

Baankonni magaalaa Naqamtee keessa jiranis baankii daldala Ithiyoopiyaa irraan kan hafe hunduu diddaa gabaa lagachuutti makamuun mootummaa Wayyaaneetti kirkirffannaa guddaa naqanii jiru. Haaluma kanaanis baankonni kanneen akka:

Baankii internaashinaalii Oromiyaa
Baankii hojii gamtaa Oromiyaa
Baankii Awwaash
Baankii Hibirat
Baankii konistraakshinii
Baankii Nib
Baankii Abiisiiniyaa
Baankii Bunnaa fi kanneen kana fakkaatan magaalaa Naqamtee fi naannoo ishee keessatti guutummaan guutuutti cufuudhaan diddaa gabaa lagachuu uummata isaanii waliin ta’uun jibba mootummaa Wayyaaneef qaban mullisaa jiru.
Hanga ammaattis dunkaanonni magaalaa naqamtee keessa jiranis heedduun isaanii fedhii uummataa malee dirqiin samsamaa akka jiran bira ga’amee jira.
Mootummaan Wayyaanees yeroo ammaa kana diddaa uummanni Oromoo isaaf qabuun riffannaa guddaa keessa seenuun sagalee guddiftuu fidhatee magaalaa Naqamtee keessa oliif gadi deemmuun uummata doorsisaa jira. Uummannis diddaa isaas sodaa tokko malee akkuma itti fufetti jira. Via Qeerroo Bilisummaa Oromoo

14203255_1108041602612791_6147121176556348566_n


#Qeerroo_news Shaashamannee irraa: “Nnuuf beksisi maaloo. Magaalaa Shaashamanneetti namtichi maqaan isaa Jaamboo Dachaasaa jedhamu Ynivarsitii Rift Vaalii Damee Shaashamanneetti itti gaafatamaa waardiyootaa fi to’ataa qabeenyaa ta’ee hojjeta. Namtichi kun yeroo tokko tokko akka konkolachisaaf akka aartisistii of godha. Ni sirba arrabni isaa sagali. Yeroo waliin dubbatanitti sabboonaan akka namticha kanaa hin jiru. Armaan dura hojjettoota Yunibarsitii kanaa basaasaa ture, namoota hedduu basaasuun hiisiseera. Yeroo baay’ee waayee isaa ni dhageenya garuu sabboonaa waan fakkaatuuf amanuu hin dandeenye. Yeroo dhihoo kanatti basaastuu Agaazii waliin walitti dhiheenyaan hojjechaa fi basaasaa jiraachuun isaa argameera. Yaa lammiikoo Namtichi kun haaduu/ billaa qara lamaati Jabeessaa irraa of eegaa. Yoo deebi’uu baate kana booda tarkaanfii tokko akka isa hin deemsifne haa beekkatu.” Via Qeerroo Karaa Harargee


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1918