Quantcast
Channel: Oromia
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1918

Godinaa Guujii Keessatti Namoonni Hedduun Hidhaman Jedhu Jiraattonni

$
0
0

orom

WASHINGTON, DC (VOA Afaan Oromoo) — Godinaa Guujii Aanaa Gooroo Doolaa keessatti, mormii barattootaa fi uummataa geggeessamaa ture irraa kan ka’e – namoonni digdamaa ol, mana hidhaa aanichaa keessaa fuudhamanii bakka biraatti geessamuu fi kanneen biroon akka wabiin gad-lakkisaman manni-murtii aanaa murteesse haga ammaa gad-lakkisamuu – jiraattonni aanichaa, Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsanii jiran.

Akka jiraattonni jedhanitti namoota afurtamaa ol mana-hidhaa Gooroo Doolaa keessa turan keessaa 21 Dilbata, Gaafa Bitootessa 27, 2016 achii fuudhamanii gara Negelleetti geessaman. Ka biroon kudha-sagal immoo mana-murtii aanaatti dhihaatanii akka wabiin gad-lakkisaman eega abbaan-murtii ajajee booda, poolisoonni ajaja mana-murtii kabajuu diduun achuma kaa’anii jiran.

Itti-aanaa hoogganaan Waajira Nageenyaa Aanaa Gooroo-Dolaa – Obbo Dirboo Jiloo garuu, “namoonni mana hidhaa jiran, kanneen jeeqama oofuu fi alaabaa Oromiyaa cicciruutti, akkasumas ujummoo bishaanii uummataa caccabsuutti shakkaman qofa.” Jedhu. Dhimmi ququlleeffamee akka gad-lakkisamuuf jiran illee dubbatu.


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1918