Beekan Gulummaa Irranaa
Dhugaa jalatten arge akkamittan obsaree
osoo abbaan qe,ee jira keessummaan ol darbaree?
ol darbuu qofa mitii yoo dhiibe abbaa qe,ee akkamittan obsaree
Barrri dhufee ni darba, jireenya akka fixeensaa
Yoo lammiin kee garboomu ati akkamiin teessaa?
Jedheetoo na gaafate surreen koo gadi qabee
maal jedhee deebisuufree garaatoo na dadhabe
maal ani dhiira mitii yoommuu haadhon koo du,ee du,ee awwaalcha dhabu
haadhoo koo gudeedanii, harmee koo boochisanii
Lafa abbaakoo saamanii mirga kan koos sarbanii
hin jiru maalin jira warri jirtaa? jettani
ka,i garaakoo citi, jabaadhu qabattookoo
ibidda itti qabate irraa dhaamsuf lammiikoo
namni tokko ga,aadha bilisummaa fiduufi
ni yaadata seenanis hundumtuu dhaga,eera
kan lammiisaf qabsaa,u kan akka che guviara
maalree ani dhiira mitii? yoo ilmoo ajjeesanii haadhammoo irra teessisan
hin arginee ijjikoo? hin dhageenye gurri koo?
Nan maraadha ka,eetin eenyumtuu nan hidhinaa
seenanuu na yaadata oduukoo naaf hin himinaa
Na ga,e dide yoo akkas ta,e jiruun
du,ati caala malee waanti dhageessu hin jiru
Lolaa dhiiga lammiikoo irra ijjadhee dhaabadhee
natti haa hafu jiraachun yartuu namaa fakkaadhee
garaan koo na yaadata afrikaa kibbaa deemee
gooticha mandeelladhaa kan wareegamaaf seene
Maal ani dhiira mitii? akkamittan obsaree garaatu na dadhabe
biyyan itti dhaladhetti mirgi kan koo sarbamee
Hin obsu hin obso hin obsu