እባካችሁ ይህ መልዕክት ለአዲስ አበባ ነዋሪዎች ይተላለፍ። ዛሬ ጠዋት ሊነጋጋ ሲል በጠቅላይ ሚኒስቴሩ ፅሕፈት ቤት አካባቢ ከወትሮ ለየት ያለ እንቅስቃሴዎች ነበሩ ቁጥራቸው ወደ አስር የሚሆኑ ታንኮች እና በጣም ከባባድ መሳርያዎችን የጫኑ ተሽከርካሪዎች በዛ ያሉ ወታደሮችን እና ቁጥራቸው 8 የሚሆኑ V8 ተሽከርካሪዎች ጋር በፍጥነት ተከታትለው ወደ ላይኛው ቤተመንግስት ሲገቡ ነበር። ለሊቱን በሙሉም ከፍተኛ የወታደር ማዕርግ ያላቸው ሰዎች በመከላከያ ጊቢ ውስጥ ከፍተኛ ጭቅጭቅ የነበረበት ስብሰባም ሲያካሂዱ ማደራቸዉም ተሰምቷል ምን አልባትም የመንግስት ግልበጣ በወታደሩ ሳይደረግ አይቀርም ለማንኛም መረጃ ያላችሁ እባካችሁ ለህዝቡ አካፍሉ
እናመሰግናለን
#OromoProtests-Mana hidhaa Maa’ikalaawii keessatti poolisoonni oromoo hojii eegumsa mana hidhichaa irratti mindeeffamanii hojjechaa turan kan Biqilaa fi Darajjee je’aman ji’a Adoolessa irraa kaasee hidhamanii achumatti dararaan cimaan irra ga’aa jiraachuu hidhamtootni achii bahan himan. poolisiin Sintaayyoo je’amu immoo yeruma kana miliquu himan. Via Dhábasá W. Gemelal
#OromoProtests “Arra Qeerroon magaala Awwaday Salaata iida saanirrati Waan ajaaiba galmeessite Dirree iidaarrati Alaabaan Xoopiyaatifi oromiyaatiis Akka hin fannifamne dhorkuudhan ammaas xaaxaaqirra eegale hanga bulchaatti akka ol ka.ee hin dubbane agaaziin takka akka hin seenne dhoorkuudhaan sabboonumma ifii garsiistee diina rifachiiftee jirti….Injifannon Ummata Oromoof…” Via Naf-tanan Gaadullo
#OromoProtests UPDATES IN Amboo
“Guyyaa 7ffaan ykn xumura duula lagannaa hojii
Amboo keessatti kana fakkaata
1. Geejjibni guutummaan guutuutti hin jiru.
2. Suuqiwwaanii fi hoteelotni balbalaa manaa dhiisaatii, balballi dallaa manaayyuu hin banamne.
3. Poolisootni oromiyaa baayyinaan hin mullatan
4. Agaaziin olii fi gadi fiiddee namoota walitti qabamanii taa’an ykn dhaabatan reebuun ni mullata.
Egaa akka gudunfaatti waanin jechuu fedhu….
ani amboo keessa hojiifin dhufe malee dhalataa achii miti.
utuu handhuurrikoo asitti awwaalame taee baayyeen gammada.
iddoon akkas walii galuufi wayyaanneetti mata dhukkubbii guddaa tae biyya kana keessa jiraa laata???
garuu guddinni magaalattii baayyee booddeetti hafeera. egaa dhaamsi ani diaspooraa oromootiif qabu gaafa bilisoomne dhuftanii magaalattii kana akka misoomsitan gamanumaan waamicha isiniif goona.
Qabsoon itti fufa…
wayyaanneen amma kufa…
bilisummaan amma dhufa….” Via Naf-tanan Gaadullo
#OromoProtests
“Qeerroon magaalaa Ciroo yeroo bulchaan bulchiinsa godina harargee lixaa Jamaal Nuree ayyaana iida irratti soba isaa biifuu eegalu bifa kanaan ol ka’ani mormii isaanii dhageesisuun qaanyeesani kijiba isaa osoo hin xumuratin jidduti kute akka taa’u godhanii jiran” Via Saphaloo Kadiir
AKEEKKACHIISA, Hatattamaa Qeerroo bilisummaa Oromoo Magaalaa Naqamtee irraa:
.
Namni Maqaan isaa Siraabizuu Mollaa jedhamu lamummaan isaa Amaara kan ta’e magaalaa naqamtee keesaa
Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa, Distiriktii Naqamteetti Maanaajera ta’uun kan hojjechaa jiruudha. Namni kun yeroo sabni keenya diddaa bittaa-gurgurtaa eegalee irraa kaasee Magaalaa naqamtee fi naannoo ishee keessa dirqama alagaan itti kenne hojiirra oolchuuf jecha diinaaf utubaa ta’ee waliif gadi adeemuudhaan hojjetoonni isa jala jiran hojii akka seenaniif doorsisaa ba’e.
Tarii mootummaan wayyaanee dhiibbaa irraan geenyaan dirqamafudhatee oliif gadi jeeqamaa akka tures hojii isaafi
dorsisni inni uummata magaalaa naqamtee irratti raawwachaa tureen bira ga’amee jira.
Yakkamaan itti fufuudhaanis qabsoo oromoo gufachiisuuf jecha boqonnaa malee halkaniif guyyaa diinaaf amanamuudhaan ilmaan oromoo ajeesisaa fi hiisisaa akka jiru eeruu arganneen baramee jira.
Amma immoo keessuma ba’ee hojiin isaa kanaan dura hojjechaa ture itti xinaannan humnoota nageenyaa fi agaazoota waliin ta’uudhaan ilmaan Oromoo quuqqaan sabni isaanii itti dhaga’amu addaan baasee hojii isaanii waliin hidhata bifa qabuun doorsisuu ittifufee jira.
Sababa kana irraan kan ka’e kallattiidhaan qabsoo saba keenyaa gufachiisuuf akka inni hojjetaa jirus baramee jira. Via Qeerroo Bilisummaa Oromoo
#DIRE_DAWA and #Harayamaya_university
BARATTOOTA HAQNI JALAA JALLATEE MANNEEN HIDHAA DIRRE DAWAA KEESSATTI RIRRIITAMAA JIRAN
“barattoota yuuniv kanneen dirreetti argümanını list siif godhuutii qindeessii qilleensarra oolcha.walii galatti hu fi dirree yuunivarsiitiirraa barattoota 19 tu jira.kanneen hundi beellama adda addaatti mana murtiitti dhiyaatu.kanneen keessaa namoonni shan wabiin bahanii turani.1.baashaa eebbisaa english dept 2nd DD 2.BADHAASAA INDAALUU BIOLOGY DEPT 2ND DD
3.HUNDIKET MASARAT ICT HU 1ST 4.TOKKUMMAA WAAQUMAA A/OROMOO HU 2ND
5.CAALAA HASTAAWU DHUUNFAA BARATA HU 6.Amaanueel Ittafaa sport 3rd DD
7.caalii kabbadaa FB Hu 3rd
8.Taaddasaa dhaabaa geograph HU 2nd 9.Guutaa ephreem ICT Hu 1st
10.Darajjee Urgeessaa political science DD 2nd 11.Taamiruu Gosaayee political science DD 2nd 12.samuel Taaddasaa chemistry DD 2nd 13.Habib saalii industral DD 1st
14.lalisaa calqabaa chemical DD 1st
15.olii zawudee law DD 2nd
16.ganamoo mandoo HU sport 3rd
17.Abdii ahmed worker in DD
18.jireenyaa tasfaa federal police in HU
19bilisummaa gonfaa HU 3rd hyraulics and water resource engineering.turani.
kanneen keessaa kanneen wabii kuma torba torbadan (7000) bahan ;
1bilisummaa
2.darajjee
3.taamiruu
4.guutaa
5.ganamoo qofadha.kanneen hafan beellamaan jiru hordofaan jiraatii quba wal qabaanna”
OROMOON NAANOO SANII ILMAAN KEENYA MAATII IRRAA FAGAATANII DIRREE BARNOOTARRAA UGGURAMANII GALAA MALEE DARARAMAA JIRAN AKKA FAANA DHAHU GAAFANNA!!!!
Fulbaana 12,2016 Guyyaa har’aakana Qeerroon magaalota oromiyaarraa FXG itti fufuun oole. Akka biyyaatti guyyaan bara haaraa kn guyyaa kabajaa ture garuu Oromiyaan guyyaa gaddaan kan oolte FXG finiinsuu fi ummanni Oromoo waan hundarraa dhaabee qabsootti seenee beelaa fi dheebuu osoo hin jenne kan itti fufee jiru yoommuu tahu kanneen jalee wayyaanee fi diinonni uummata Oromoo hojii dhhuunfaa isaaniif Oromiya keessa konkolaataa isaanii sochoosanii fi konkolaataan geejjibni mootummaas Oromiyaa keessa deddeebihu hundi tarkaanfii Qeerroon guyyaa har’aa bakka hedduutti hojiin ala tahe jira.
Akka odeessa Qeerroo godinoota oromiyaarraa addeessutti torban kun torban uummanni Oromoo mootummaa Wayyaanee waliin wal’aansoo isaa
jabeessee gara Bilisummaatti cehuf tarkaanfii eegaleedha. Torbee kana keessa sababa kanatti konkolaataan Wayyaanee fe’iinsa ykn tajaajila kennuu irratti argaman Amboo gada Awwaarootti konkolaataa fe’iinsaa 2,irratti tarkanfiin jabaan irratti fudhatameera. Akkasuma Arsii lixaa konkolaataan deddeebisaa uummataa kan diinaa tahes 5 hojiidhaan ala tahee jira. ummanni Oromoo ammas tarkaanfii itti aanutti Qeerroodhaan durfamee qajeelfamni itti kannemudhaan tarkaanfii isaa itti fufeetu jira.
Akkasuma tarkaanfii garagaraa uummanni oromoo fudhatu keessatti magaala shaashimannetti isin ABO fi WBO dha jedhamanii ijoolleen 30 humna wayyaanee agaaziittiin butamanii bakka buuteen isaanii kaleessa dhabamaniiru. Akkasuma kofalettis ilmaan Oromoo qabsoo irratti humnaa fi qabeenyaa isaaniin halkanii guyyaa itti jiran 12 eessa buuteen isaanii dhabamee jira.
Godina addaa Oromiyaa magaalaa sulultaa keessatti barreeffamni ” qabsoo eegallee jirru irra aanuuf duula diinagdee irratti diddaa uumuuf sochiin baadiyyaa irraa gara magaalaatti tahuun midhaan akka gurgurtaaf hin dhiyaanne gochuuf xoophiyaan kamuu gaheesaa akka bahu dhaamsa dabarsina” barraaffamni jedhu Qeerroodhan raabsamee jira. haaluma kanaan torbanoota muraasa booda dhiyeessin midhanii Oromiyarraa gara Finfinnee galu guutummaatti citee mirkanaa’uu akka qabu Qeerroon waamicha dabarsee jira. Via Qeerroo Bilisummaa Oromoo
#OromoProtests “Kun dargaggoo Getu Girma Tolasaa kan mana hidhaa Qilinxoo keessaa dhabamee ture, amma mana hidhaa Shawaa Roobititti argame.
Dargaggoon kun galmee Obbo Baqqalaa faa irratti himatamee mana hidhaa Qiliinxoo ture. Diraamaa dhumaati ilmaan Oromoo mana hidhaa Qiliinxootti raawwatame asitti haalli keessa ture wallaalameet ture.
Haati manaa isaa guyyaa kaleessaa mana hidhaa Shawaa Roobit jiraachuu isaa ijaan argitee mirkaneeffatte.
Namni hidhamtoota kana dhqee ijaan arge, “Ijaan arguudha malee hedduu hin dubbistu; daqiqaa lama qofaaf haasofsista; isa iyyu afaan Amaaraa malee Afaan Oromoon dubbachun hin danda’amu,” jechuun haala daangessa hamaa keessa akka jiran ibse.
Namni biraa hidhamtoota kunneen gaafates, hidhamtooti kunneen rakkin guddaa keessa akka jiran ragaa bahe:”Afaan Amaaraa qofaan nama dubbisu; kophee hin qaban, miila duwwaa dhufanii nama dubbisu; uffata hin qaban; nyaata dhabuun midhamaniiru. kana iyuu iddoon itti hidhaman kun hedduu hoo’a; biyyichi gammoojidha.”
Uummatni Oromoo bakka jiran irraa hidhamtootaa fi maatii hidhamtoota Oromoof akka birmatan dhaamameera.
Qabsoon itti fufa!” Via Dhábasá W. Gemelal