SBO March 30, 2016
FXG Haalaan Jabaatee Magaalaan Naqamtee Humna Waraana Wayyaanee Liyyuu Haayilii ykn Qeybaahir Jedhamuun Weeraramtee Jirti.
Fincilli xumura garbummaa magaalaa naqamtee fi naannoo ishee keessatti guyyaa harraa Bitootessa 30,2016 kanas itti fufee oolee jira.Halkan halkanis magaalattii kessatti dhukaasni daran humna hin beekamneen akka bishaanii roobsamaa bulaa jira .fincilli kun daran jabaachuurraan kan ka,e humni liyyuu aayil yookiin qaybaahir warri jedhaman jedhaman guyyaa harraa kana magaalattii keessa makiinaa kan hayyundai qixqixii tokkoon magaalattii keessa naanna,uun uummata goolaa jiru.Uummata hidhuu ,reebuu fi mana uummataa olseenuun poolisiin oromiyaa fi humni federaalaan fattashuun daran jabaatee jira.Uummanni magaalattiis sodaa tokko malee fincila kana eenyuyyuu boodatti nun deebisu jechuun finiinsuu itti fufaniiru.
Ibsa gabaabaa CTBOBM irraa…
Haala yeroo laalchisee kenname.
Koreen Caayaa fi Koreen Waldaya guutuu hawaasa baqataa Oromo kaayroo fuula waajjira UNHCR duratti hiriira nagayaa bahee mirga isaa falmachaa jiru bitotessa 27/2016 irraa egalee hanga arraatti haragalfannaa tokkoon maletti waliin dhaabbataa rakkoo fi qorra halkanii akkasuma oowwaa fi aduu guyyaa irratti isaani waliin dhaabbachaa akka mirga isaanii itti falmataniif haala anjessaafi jira.
Garuu guyyaa dura hawaasni baqataa Oromoo kaayroo hiriira baheetti qaamni hinbeekamne hiriira kana fashalsuuf karoorfatee jira jechuun bal’inaan odeeffamaa waan tureef koreen Caayaa fi Waldayaa hawaasa tasgabessu nagayaa isaanii akkasuma dhaadannoo fi sirna isaan iyyanna fi rakkoo isaanii ittiin UNHCR ittiin ibsataniif yaalii guddaa godhaa turree.
Haala akkanaa kessatti rakkoon xiqqoon tokko bu’ee ture waan taheef akkamiin rakkon san umamtee wayta Kaayo hiriiraa ittiin bane kan rakko baqataa fi UN kana raawwannu booda qormaata irratti gad-gessuuf deemna waan taheef qaamni kamu alarraa mallaqaa waliitti buusanii biyyaa masriitti gad-ergitanii hawaasa yeroo dheera nagaan waliin jiruu waliitti buusuufi sossoha jirtan dhimma kaayroo harka kakkaayuu akka dhaaban isaan gaafanna. Rakkoon Kayriootti dhalatte yoo jiraatte, kayrumaa keesatti nagaan fixanna,Dhimmaa namaa tokko olkaasanii (Exergerate) godhanii guddisanii ololaa hinfakkaanne akka biraatti hiikanii oofun akka dhaabbattu kabajaan isin gaafanna.CTBOBM dhaaba siyaasatiimitii, Caaya gaaddisaa baqataa Oromooti, Yeroo hiriira kanaa fixanneen booda Koreen Caayaa fi Koreen Waldaya akkumaa wajiin jirruu kanaatti waliitti dhufne sirreessina. Oromoon yoomiyyu tokkumaa, Gandaan walhiqoodinuu..
Koree CTBOBM
In spite of Oromo protests (students and farmers) against the land grabbing policy in Oromia.
The TPLF elites has continued with land grabbing in Oromia, giving Oromo land to foreign land-grabbers for close to hundred years. For instance, the Industrial Park in Adama, 1,000ha, will be owned by a Chinese company for 85 years. As per the recent agreement, the Chinese company can sell, lease or rent the park to any country or company for up to 85 years. After the 85 years is up the Industrial Park will become Ethiopia’s property again. Other industrial parks also follow the same suit in terms of foreign ownership. TPLF Regime will destroy Oromia and the rest of Ethiopia as much as possible, and try to buy Oromia/Ethiopia as many enemies as possible.
#OromoProtests Guyyaa har’aa Bitooteesa 30/2016 FXG magaalaa Bishooftuufi naannoo ishiitti itti fufa jiru guyyaa har’as itti fufee ooleera. Gaaffii mirga abbaa biyyummaa barattoota mana barumsaa qophaa’inaa Bishooftuutiin ka’e irratti gaaga’amni hamaan barattoota irra ga’eera. Hedduunis hidhamaniiru. Suuraa akkuma arganneen isiniin geenya sirkanan.
#Rising High Oromo Resistance Flag In Moses Mabida Stadium During South Africa vs Cameroon Game!
#OromoProtests-(30.03.2016, #DiddaaOromoo, Oromia) Diddaa fi Mormiin Oromoo website fi network mootummaan Wayyaanee aanaalee ittiin to’atu jalaa caccabsuu aangawoti Wayyaanee amanan.
Ministeerri Informeshin Tekinolojii Wayyaanee,Dr DabraTsiyoon paarlaamaa wayyaaneef akka ibsetti, diddaa fi mormiin Oromoo beeksisuuf website fi networkii aanaalee walqunnamsiisan irratti tarkaanfiin fudhatameera. Tarkaanfiin kun immoo kaayyoo diddaa Oromoo beeksisuuf ta’uu qondaalli wayyaanee kun paarlaamaatti himee jira.
===============
በኦሮሚያ በተከሰተው ተቃውሞ ወቅት የወረዳ የመንግሥት ድረ ገጾችን ሰብሮ የመግባት ጥቃት ተፈጸመ ፡፡ የወረዳ ኔት ድረ ገጽ ላይ ጥቃት የተሰነዘረው ተቃውሞ ሲጀመር ነው ፡፡
የመገናኛና ኢንፎርሜሽን ቴክኖሎጂ ሚኒስትሩ ዶ/ር ደብረጽዮን ገብረ ሚካኤል ለፓርላማው እንደገለጹት በኦሮሚያ ክልል የተለያዩ አካባቢዎች ተነስቶ በነበረው ተቃውሞ ወቅት የመንግሥት ድረ ገጾችን ሰብሮ የመግባት ጥቃት ተመፈጽሞ ነበር፡፡
ዓላማውን የኦሮሚያ ተቃውሞ ለማቀጣጠል እንደሆነ ዶ/ር ደብረጽዮን ተናገረዋል፡፡
የወረዳ ኔት የኢንተርኔት ቴክኖሎጂ ሁሉንም የአገሪቱ ወረዳዎች በአንድ የሚያገናኝ በጠቅላይ ሚኒስትር ጽሕፈት ቤት የሚገኘው የብሔራዊ የዳታ ማዕከል ውስጥ የተካተተ ነው፡፡
#OromoProtests Bitootessa 30,2016 Qeerroon Wallagga lixaa magaalaa Jaarsoo jalaa deemtoota wayyannee kan tate OPDO boqonnaa dhorkee jira. Guyyaa har’aas waraqaa “Qabsoon keenyaa hangaa bilisummaattii hin dhabatu: OPDOn ummataa oromoo bakka hin butuu: Hiidhaafi Ajeechaan dubbattii nun deebisu: ” kan jedhu torbee torbeen moraa maneen barnoota wajjiraalee motummaa akkasumaas maneen ummataa keessa faccasuun: motummaa Wayyannee nasuu guddaa keessa galchanii jiru.
Hiriira Mormii Guyyaa Afuraffaaf(4) biyya Masirii Magaalaa kaayirootti Baqattoota Oromootiin Balbala Waajjira UNHCR Duratti geggeeffamaa Jiru Ammas Cimee Itti Fufee Jiraa.
Amma Mirgi Baqattummaa keenya Haalaan Kabajamutti qabsoo karaa nagaa geggeessinu hin dhiifnu jechuun daa’ima xiqqaa hanga beeraatti mudhii jabeeffatanii falma gochaa jiru.
waaqi Oromoo Isaan Faana Haa Ta’uu!
#OromoProtests-(30.03.2016, #MediaCoverage, Oromia) Kun diddaa fi mormii Oromoo, Oromiyaa Bahaa godina Haragee bahaa aanaa Fadis keessatti adeemsifamaa jiruud ha. Diddaan guyyaa lamaaf: Bitootessa 29-30 bara 2016 hawaasni, manguddoonni, dargaggoonni, hojjattoonni fi jiraattonni aanichaa gaggeessaniin bulchiinsi OPDO aanichaa danqamee jira. Humni Agaazii Diddaa Oromoo kana dhaabuuf namoota akka obbo Xilaahun fi obbo Bushraa jedhamn hidhee jira. Umamti immoo hidhaan kamuu qabsoo keenya hin dhaabu jechuun diddaa fi mormii isaanii itti fufanii jiru.
#Breakingnews:Bitooteysa 30/3/2016 oduun miliyxee achii as baate akka nugeeyseetti raayyaa ittisa biyyaa kan mootummaan wayyeenee abdattee teeysu gidduutti walitti buhiinsi guddaan jiraachuu ibsameet jira.Jeequmsi tun kutaa waraanaa 24ffaa keeysatti yoo tayu sababaan isaatiis jibbiinsa sirna bulchiinsa mootummaa tanaa tahuun ibsameet jira.Amma tolakaa yoo tole,Wayyaanee akkuma harree yaabbattee oromiyaa seente harree tee yaabbadhuu bakka dhufte galikaa,Opdo atihoo eeysa abbaakee seentagaa?boolla seenta moo sami baata? kkkkkkkk…hhhhhhhhhhh
#Abbaan_biyyaa_OROMOO_dha
#Abbaan_biyyaa_ABO_dha!!!!!!!!!