SEENAA KEENNA DEEBISAA
Via Hawwi Shashe
Roorroon daangaa dabare
leenci aaduu eegale
Dadammaquu jalqabde
Kunoo Ilmaan Aanolee
Anummaanuu sisi’aaye
Bobookkisuun kajeele
Lola gaafa Albasoo fii
Lola Arsii doddotaa
Abboota keettu qale
Naafxanyaa lafarra butaa
Dhaamsa kiyya kana mee
Ilmaan Hurutaa gurra buusaa
Harkaan hin qusatinaa
Diina tolchaatii dhawaa
Diina safuu hin beeyneef
Rasaasaf qawwetu dawaa
Arse sanyiitu goota
Eboodhaan diina cabsa
Goonni harka haxxiyyaa
Woraanee itti dabsa
Bakka hundaa haa ka’uu
Daddafaa lola labsaa
Dabareen eeggatinaa
iyyaa iyya dabarsaa
Worra lolaan beekkame
Ka eboon garagalchu
Edaa ilmoon gootaa gootuma
Goonni dabeessan dhalchu
Silaa ka’ee geerara
Akka Nadhisoo Abdii
Garuu yeroon hin geenne
Geerraris akka qabdii
Jabaadhaa jarri gadheen
Ammaa dheefa jalqabdii
Aduwwii gogombisaa
Geeraraa dhageessisaa
Gootummaa keenna durii
Adunyaatti beeysisaa
Abbootiin hanqatinaa
seenaa keenna deebisaa
QEERROO ARSII LIXAA QOREE