Bakkaanga’aa Margaa irraa
OPDOn Ayyaana Irreecha Oromoo, gara figichaa spoortii tti, akkasumas gara madda galii Wayyaanee tti jijjiruuf beeksisa baaftee jirti.
“Federeeshiniin Atileetiksii Oromiyaa Dorgommii KM-2 kan Daa’immanii fi KM-10 kan ga’eessotaa A.L.A Fulbaana 20 fi 21 bara 2009 (Onkolooleessa 1 fi 2) Magaalaa Bishooftuu Hora Arsadeettii Dorgommii Fiigichaa qopheessuuf saganteesitee jirti, Akkasumas T-shirtii kuma shantama (50,000) kan ta’u maqaa ‘Fiigicha Guddaa Irreechaa, ‘Irecha Great Run’ jedhu irratti moggaastee gurgurtaaf qopheessaa jirti, Namoonni dorgommi kana’rratti hirmaachuu fedhan hanga Fulbaana 15/2009tti, Dhimma Dargaggootaa fi Ispoortii Godinaalee fi Magaalotaatti akka galmaayan, akka T-shirtiis bitachuu qaban OPDOn beeksisa baafteen gaafachaa jirti.”
Kanaafuu Uummanni Oromoo iyya waliif dabarsuudhaan gochi kun hojiirra akka hin oolle taasisuu qaba. Qapxilee hubatamuu qabu!
1ffaa – Ayyaanni Irreechaa guyyaa Aadaa fi Duudhaa, Safuu fi Eenyummaa Oromoo waliin kabajan, guyyaa guddaa fi xiqqaan, dhiiraa fi dhalaan waliin ayyaanefatanii oolan, guyyaa Waaqa Uumaa umamaa waan hunda uume waliin galteeffatan malee, guyyaa wal-dorgommii spoortii fiigichoo miti.
2ffaa – UNESCO dhaan kan galmeeffamuuf deemu, Haaluma kanaan dura barameen akkaataa Sirni Irreechaa gaggeeffamu (Ufannaa aadaa tiin miidhaganii, Sirboota aadaa dhageesisaa, Uummanni miliyoona heddutti lakkaawamu qooduu fadhachuu isaanii, Abbootiin aadaa akkaataa eebbaa fi dhaamsa eenyummaa Oromummaa Uummataaf dabarsan, Uummannis eebbaa fi dhaamsa hayyuu aadaa’rraa darbu akkaataa simatan, Akkaataa irreenfatan, kkf tiinin malee) huccuu spoortii tiin, namoota fiigicha wal-dorgomaanin miti.
3ffaa – Galiin T-shirtii kuma shantama (50,000)’rraa argamu, Birriin miliyoona shanii (5,000,000.00) ol bittaa meeshaa Waraana tiif oola (rasaasa Agaaziin obboleeyyan keenya ittiin ajjeeftu bita). Kan afe’mmoo kiisa Kaadiroota Waayyaanee gabbisa.
4ffaa – Haala Ayyaanni Irreechaa caalatti dagaaguu qabu kan akeeku, Abbootii Aaadaa Oromoo, Sabboontota fi Hayyuu Oromoo, kanneen guddina Saba Oromoo tiif yaadaniin malee namoota Uummata Oromoo guddina dhoorkaniin (Wayyaanee fi OPDO dhaan) miti.
5ffaa – Qapxilee kanaa fi kan kana fafakkaataniin kan ka’e Uummanni Oromoo T-shirtii OPDOn qopheesite bituu’rraa lagachuu qaba, Ayyaaneffannaa Irreechaa bifa jijjiruu dhaan figicha’rra tti hirmaachuu’rra of daangessuu fi wal-daangessuu qaba!
OPDOn Sirna Irreechaa Jijjiruuf Mirga Hin Qabdu!
Bakkaanga’aa Margaa
oromummaan@yahoo.com