(Ijoo Dubbii-ABO)
Hawaasni addunyaa irra jiraatu waan tokko isa taasisu qabaatullee, Afaan, aadaa, akkaataa jireenyaa, amantii fi kkf irraa adda addummaa qaba. Ummatni Oromoos akkanuma ummatoota biroo waliin waan isa walfakkeessu jiraatullee, kanneen irraa kan adda isa taasisu qaba. Kan ummatoota kaan irraa adda isa taasisu aadaa Irreeffannaa qabaachuu isaa ti. Ummatni Oromoo guyyaa Irreechaa bakka adda addaatti malkaatti bahuun, dhiiraa dhalaan, xiqqaa guddaan Waaqa galateeffata. Irreechi baatii Onkoloolessaa keessa Har-sadeettti kabajamu ammoo isa guddicha ummatni Oromoo miliyoonotaan irratti hirmaatu, baga dukkana gannaa keessaa nu baastee booqa Birraan nu geesse jechuun kabajatuu dha. Irreessi ayyaanota namootni miliyoonotaan bakka tokkotti argamuun kabajatan takkaan takkee addunyaa irratti argaman keessaa tokko waan taheefis UNESCO biratti galmaa’ee beekkannoo argatuuf kan kaadhimamee jiru ayyaana guddaa dha.
Irreechi waggaa kanaa kanneen kanaan dura kabajaman irraa haala addaa keessatti ayyaaneffatama. Yeroo Fincilli Xumura Gabrummaa baatii 11 lakkoofsise Oromiyaa keessatti finiinaa jirutti kan kabajamu ta’uun kan dabre irra adda taasisa. Ayyaanni Irreechaa kun waggaa ilmaan Oromoo mootummaa Fashistii Wayyaaneen dhibboota danuun itti ajjeefaman keessatti kabajama. Ilmaan Oromoo kuma kudhanoota hedduun lakkaa’aman, mana hidhaa mootummaa Wayyaanee keessatti gidirfamaa jiranitti ayyaaneffatama. Wayta ummatni Oromoo nageenyi isaa amansiisaa tahuu hanqatee nagaan bahee galuu dadhabaa jirutti, diina irraa dheessa mana isaa dhiisee daggala buluuf dirqame, akkasumas, waggaa mootummaa Wayyaanee jalatti hin bulu jedhee fedhii isaa ifatti dhageessisaa jiru keessatti kabajama. Kana tahuu irraa ummatni Oromoo ayyaana kana irratti Waaqa dukkana gannaa keessaa isa baase nagaa akka isaaf argamsiisu kadhata. Biyya isaa irratti abbaa, qe’ee isaa irratti ajajaa akka isa taasisu uumaa isaa kadhata.
Ayyaanni Irreechaa Onkoloolessa 2, 2016 Har-sadeetti kabajamuuf jedhu kun, bakka ummatni Oromoo uumaa galateeffatuuf itti wal gahu qofa osoo hin taane, bakka aadaan Oromoo itti mul’ifamu, tokkummaan isaa agarsiifamu, waltajjii egereen isaa akka miidhaguu fi toluuf hawwii fi abdii isaa itti ibsatu, bakka lammiin Oromo itti wal baruu fi yaada itti wal jijjiirratuu dha.
Ayyaanni Irreechaa alagaan dhabamsiisuuf uggura adda addaa irra kaa’uun akka hin kabajamne taasisaa akka ture ni yaadatama. Har’as taanaan ummatni Oromoo ayyaana kana kan kabajatu qabsoo isaatiin mootummaa Wayyaanee dirquun akka fudhatu taasisuu irraa ti malee, aadaa isaa kana jaallatanii fi kabajaniifii miti. Waggoota gabaaboon dura ummatni Oromoo ayyaana Irreechaa irratti argamuun kabaju dhibboota qofaan lakkaa’ama. Kanayyuu yeroo garii mootummaan farra ummata Oromoo sababoota adda addaa uumuun gufachiisaa akka ture hin dagatamu. Huccuu fi callee halluun isaa alabaa ABO fakkaatu godhatan jechuun akka ayyaanicha irratti hin argamneef deebifamanii fi miidhaan gara garaa irra gahu lakkoobsaan baay’ee ture. Gochaa farrummaa fi diinummaa kana ammoo adda durummaan kan raawwataa ture, jalee fi ergamtuu diinaa OPDO dha.
Ayyaana Irreechaa waggaa kana kabajamuuf jedhu jaleen mootummaa Wayyaanee kun ayyaana kana xureessuuf karoora adda addaa baafatuun sosso’uu jalqabee jira. Kana keessaa tokko dorgommii figichoo meetra kuma 2 fi kuma 10nii qopheessuun akka wal dorgoman taasisuu dha. Dorgommii kana keessatti kan hirmaatanis T-Shirt Asxaa OPDO of irraa qabu bitatanii uffatuun dirqama. Ayyaana kanaan dahatuun, ummata Oromoo asxaa OPDO uffachuun hafnaan ijaanuu arguu hin barbaadne ayyaana kana irratti mul’ifatuun ummatni nu waliin jira jechuun ololaaf itti gargaaramuuf qophaawaa jiran. Kana malees OPDOn,
- Sabboontota bakka adda addaa jiraatan galmeessuu dhaan mooraa ajajaa (command post) ayyaana kana to’atuuf naannoo Har-sadeetti banatanitti gabaasuun sochii isaanii to’achuuf,
- Amanamoo fi miseensota jaarmayaa jalee kanaa ayyaanicha irratti fuula dura hiriirsuu dhaan akka OPDO fi gooftolii isii galateeffatanii fi faarsan gochuuf karoorfatuun,
- Guyyaa Irreechi kabajamu miseensota tikaa, poolisaa fi waraanaa uffata aadaa uffachiisuu dhaan nageenya ummataa tiksuuf abbootii Gadaan kan bobbaafaman fakkaatanii dhihaatuun ummata basaasuu fi to’atuuf qopheeffamuun,
- Ummatni ayyaanicha irratti argamu akka wal duukaa hin yaaneef adda adda qooduuf,
- Ummatni sagalee dhaanis tahe mallattoon mootummaa irratti akka mormii hin agarsiifne to’atuu, yoo morme ammoo kanneen isa fakkaatanii huccuu aadaa uffatuun keessatti argamaniin shaffisaan to’atuuf,
- Ayyaanni Irreechaa baranaa akka mootummaan barbaadetti akka ayyaaneffatamuuf naannoo Har-sadee dursanii to’achuu dhaan hordofuun karoora mootummaa Wayyaanee fi jalee isaa OPDO tahuun bira gahamee jira. Waan taheef ummatni Oromoo kana beekuun eeggannoo fi qophii barbaachisu gochuun irraa eegama.
Aadaan ummata tokkoo kan dagaaguu fi guddatu, bakka sirni dimokraatawaa aadaa ummataaf kabajaa kennu jirutti malee, mootummaa abbaa irree jalatti hin guddatu. Dagaaguus hin danda’u. Mootummaan abbaa irree Wayyaanee aadaa ummataa kabajamuu irraa dantaa hin qabne, ayyaanni ummata Oromoon jaallatamuu fi kabajamu kun akka hin mul’atneef gara dabarsuuf mala adda addaa dhawa. Qophii spoortii, qophii bashannanaa fi kkf jal-bultii guyyaa kanaa qopheessuun akeeka kana irraa ka’uudhaani. Kanas bakkaan gahatuuf OPDOn figichoo KM 2 daa’immaniif, KM 10 ammoo gaheessaaf kan qopheessite.
Bakki Irreechaa bakka nagadaa ykn saamichaa akka hin taanes beekamuu qaba. OPDOn ayyaanni Irreechaa akka hin kabajamneef gufuu tahaa turte amma ammoo bakka madda galii godhatuun Wayyaaneef maallaqa ittiin argamsiisuuf T-Shirt kumootaan lakkaa’amu gurguratuu dhaan galii Birrii miliyoona 5nii ol argatuuf qophaa’aa jirti. Qalbiin OPDO ammayyuu bakka saaminsaa waan jiruuf ayyaana Irreechaa bakka itti ummata saammattu taasifatuuf abjootti. Waan taheef ummatni Oromoo shira kana fashalsuuf T-shirt OPDOn qopheeffatte kana bituu lagatuu qaba. Ummatni Oromoo diina isa irratti daldaluu fi aadaa isaan dahatee dantaa siyaasaa ittiin guuttatuu kajeelu dura dhaabbatuu qaba.
Kanaafis:
1ffaa – Ayyaanni Irreechaa guyyaa Aadaa fi Duudhaa, Safuu fi Eenyummaa Oromoo itti mul’isan, guyyaa guddaa fi xiqqaan, dhiiraa fi dhalaan waliin ayyaanefataa oolan, guyyaa Waaqa Uumaa umamaa hunda itti galteeffatan malee, guyyaa wal-dorgommii spoortiif walitti dhufan waan hin taaneef ummatni qophii OPDO kana of irraa diduu qaba.
2ffaa – Sirni Irreechaa UNESCO dhaan galmeeffamuuf deemu, akkuma kanaan duraa ufannaa aadaan miidhaganii fi Sirboota aadaa dhageesisuun kabajamuu qaba malee akeeka diinaa guutuuf huccuu asxaa jaarmayaa jalee uffatuun bakka Irreechaatti argamuun ayyaanicha fokkisiisuutti dabalee diina of irratti goobsuu waan taheef gochaa akkanaa irraa fagaatuu qaba.
3ffaa– Ayyaanni Irreechaa ummanni miliyoona heddutti lakkaawamu irraa qooda fudhatu irratti Abbootiin aadaa ummata itti eebbisanii fi dhaamsa Oromummaa ummataaf itti dabarsan malee bakka dhaamsi diinaa irraa dabarfamu tahuu waan hin qabneef, ummatni kana of irraa to’atuun irraa eegama.
Walii gala ummatni Oromoo Har-sadeetti kan argamu huccuu aadaa uffatee, marga jiidhaa qabatee Waaqaaf galata galchuufi. Jaarmayaa jalee mirga isaa dura dhaabbataa turee fi jiru, ajjeesaa fi ajjeesisaa, hidhaa fi hiisisaa turee fi jiru galateeffatuuf miti. T-Shirt jaarmayaa ergamtuu uffatuu dhaan asxaa isaa dhaadhessuufis bakka kanatti hin argamu. Ayyaanni Irreechaa bakka faashistootaa fi ergamtootni isaanii irratti argamuu hin mallee fi bakka mallattoon maalummaa isaanii agarsiisu kamiyyuu itti dhihaatuu hin qabnee dha.