Quantcast
Channel: Oromia
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1918

#OromoProtests, September 28, 2016

$
0
0



#OromoProtests-Dhaamsa Bushooftuu irraa nu gahe: “Qeerroo Oromoo amma Wayyaaneen muddama guddaa keessa jirti. Murtiin Wayyaanee tokko qofaa dha. Kunis nama Oromoo keessaa jaba fi qaroo ta’e ajjeesuun bara bittaa dheereffachuu dha. Akka argaa jirutti, Qeerroon Oromoo waanti gochuu qabu ni jira.
1. Hoggana isaa jabaa fi murteessaa jabeessee eeggachuu fi daheessuu qaba.
2. Humnoota Wayyaaneef hirkoo ta’an adda baasuun tarkaanfii keessa deebii hin qabne fudhachuu qaban.
3. Waan maxxansan mara of eeggannaan maxxansuu qaban.
4. Iccitii fi naamusa qabsoo jabaa aadeffachuu qaban.
5. Bakka barbaachisetti, leenjii siyaasaa, ijaarsaa, tikaa, fi waraanaa argachuun hin badu. Jabaadhaa, diini hedduu raafamaa fi rom’aa jirti.
Keessoo fi teessoo keessan jabeeffadhaa!!” Via 
Dejene Gutema



#OromoProtests-Arsii Lixaa Alambaadaa keessatti yeroo ammaa kana hiriira mormii guddatu jira. Ummatis, mormii kana irratti, “Nuuf hin taane Wayyaanee, qarriffaa kee buqqifna tokko taanee,” jechaa jiru.
Qeerroon Arsii Alambaadaa kun akka jedhanitti, diddaa fi mormiin hiree murteeffannaa Oromoo mirkaneessuuf gaggeeggamaa jiru haga galii isaa gahutti hin dhaabbatu!!

14485031_10209431387093330_4960891136756199436_n14485031_10209431387093330_4960891136756199436_n



#OromoProtests Magaalaa Finfinnee Kutaa Bulchiisaa Qaallittii Bakka Total jedhamutti kan Argamuu Hoteelli Abbaa Qabeenyaa Wayyaanee Teegem Jedhamu tarkaanfii Ibiddaan irraatti fudhatameen barbada’uun gabaafame, guutummaa gabaasaa kanaaf nu eeggadha!! (በቃሊቲ ቶታል አካባቢ የሚገኘው ቴገም ሆቴል በእሳት ቃጠሎ ወደመ)
Injifannoon galuun baranuma!! Via Seenessaa Qeerroo

14516445_734963706641861_5147144940435341745_n


HAAMARIYANNUU?

ABBAAN QABSOO EENYU? QABSOON OROMOO GARAMITTI DEEMAA JIRA?.

Yeroo ammaa kana waan waldhahaa keessa waan jirru fakkaata. Gatii/aarsaa Oromoon kaffalaa jiru kun qoosaatti akka hinbanneef maaltu ta’aa jira. Mee dura Abbaa Qabsoo’ kan jedhu kanarrattan yaada fedhe.
Abbaan Qabsoo Oromoo finiinaa jiru kanaa:
1. Qeerroo Oromoo biyyaa diina dura dhaabatee aarsaa hadhaa’aa kaffalaa jiru kanaa?
2. Diyaaspooraa biyya alaa kanaa dhaaba garaagaratti qoodame kana qabatee miidiyaadhaan as ba’ee nutti dubbataa jiru kana?
3. Aktivistoota Oromoo miidiyaalee hawaasaatiin dhimma qabsoo Oromoorratti nama du’eefi madaa’ee suuraasaafi maqaasaa gabaasaa oolu kanadhaa?
4. Dhaaba karaa nagaanan bilisummaa fida jedhee biyya Oromiyaa keessa socho’aa jiru kanaadhaa?
5. Dhaaba humna qawweenan biyya sana bilisoomsa jechuun hidhannootti amanee bosonaafi Oromiyaa keessa riphee sosocho’udhaa?
6……isin itti daddabalaa……?
Akka amma ilaalaa jirrutti qabsoon Oromoo adeemsa walxaxaa keessa waan seene fakkaata. Bilisoomneerra; bilisoomaa jirra jechuun uummata gowwoomsuufi hawwii abjuutiin saba oofuun kun qabsoo furmaata dhumaa fidaa jiru natti hinfakkaanne. Oromoon kan dheebotaa jiru kan biraa, rakkoo jabduu uummanni Oromoo keessa jiru kan biraa, kan nuti ala kanaa dubbataa jirru kan biraa…..tarsiimoon wayyaanee guutummaatti fonqolchee gatus kan Oromoon lafaa qabu ifa miti. Midiyaan bilisaa kun waanuma xiqqoo hojjetamte akka waan guddaa guddaan raawwatametti dhiheessuunsaa saba gowwoomsaa jira natti fakkaata. Wayyaaneen miillashee nujalaallee achi hinbutanne; waraanni, qabeenyi, qawween, meeshaan waraanaa qilleensarraafi lafarraa harkashee jira. Mee Oromoon maal of harkaa qaba?…Carraan Oromoo isheen bara 2016-2017 kun dabartee jennaan waggaa 100’ttu akka deebitee nutti hindeebine beeka. Yaa uummata bal’aa nana ati geggeessaa dhabdee jirta. Dhaabni sin ooggana jedhee lafa dhiitus naannoof amantiin walhiree dantaa mataasaa ooffataa jira. Dhiigni ilmaankeeti lafatti sijalaa akka hinbanneef atattamaan ka’i!!!….. Via 
Beekan Gulummaa Irranaa


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1918