
Irreechaa Hora Arsadee irratti hirmaattonni oggaa mormii agarsiisan, Onkoloolessa 2, 2016
WASHINGTON, DC (VOA Afaan Oromoo) — Waggoota hedduu dhaaf akkuma baratame kaleessa magaalaa Bushoftuu keessatti kabajamuuf kan ture ayyaanni Irreechaa kan inni xumurame karaa hin eegaminiin ture.
Ayyaanni sun kan geggeessame mormii mootummaa irratti dhiyaate jeeqama ka’ee fi sanaan wal qabatee baduu lubbuu namoota hedduu, qaamaa hir’achuu dhaan akka ta’e sabaa himaalee biyya keessaa qabee hanga sabaa himaalee sadarkaa addunyaa beekamoo ta’aniin hanga har’aatti gabaasamaa jira.
Itti aanaa dura taa’aan Kongresii Federaalawaa Oromoo obbo Mulaatuu Gammachuu VOAf akka ibsanitti miidhaa guddaan kaleessa raawwatame haala hamtuu ka biroo dhaqqabsiisaa jira. Oromiyaa gama dhiyaa akkasumas Oromiyaa waaltaa keessa kanneen jiran magaalaalee adda addaa keessatti hiriirawwan mootummaa morman hedduun har’a geggeessamaniiru.
Amboo Najjoo Mandii Gimbii dhiya Wallaggaa achii immoo Sandaafaa keessatti haatii fi ilmi du’anii sirna awwaalchaa irratti uummati achii ennaa deebi’u hiriira geggeesseen walitti bu’iinsi uumamuun nutti himamee jira.
Adaa Bargaa Meettaa Roobii, Shaashamannee, Baatuu, Bulee Horaa, Dambi Dolloo, Jalduu, Arsii Nagallee, Adaabbaa, Dodolaa, Gadab Asaasaa keessatti uummati mormii isaa dhageessiaa jira jedhan.
Itti aanaa komiishinerri kmishina poolisii naannoo Oromiyaa obbo Soorii Dinqaa har’a har’a waaree booda ibsa kennaniin naannolee Oromiyaa adda addaa keessa har’as dubbii tuqachuutu jira jedhan. Akkuma Kanaan naannolee Amboo, Dambi Dolloo akkasumas Bishooftuutti bilbillee jiraattota dubbisnee jirra.
የበርካቶች ሕይወት በጠፋበት የኢሬቻ በዓል አከባበር ላይ በአካል ከነበሩ ጋዜጠኞች ጋር የተደረገ ቃለ ምልልስ

በኢሬቻ በዓል ላይ ሕይወቱ ያለፈው የ32 ዓመቱ የኮንስትራክሽ ኢንጂነር አቶ ተስፉ ታደሰ የቀብር ሥነ ስርዓት
(VOA Amharic Service) — በቦታው ከነበሩ ጋዜጠኞች አንዱ “እኔ ብቻ ሆስፒታል ውስጥ ተጥለው በነበሩ ድንኳኖች ሰው እንዲለያቸው ተብለው የተቀመጡ ከ50 በላይ አስክሬኖች ቆጥሬያለሁ ” ይላል።
ዲሲ — በትናንትናው ዕለት በቢሾፍቱ ሆራ አርሰዲ ሃይቅ ለመከበር በዝግጅት ላይ የነበረውና ከኦሮሞ ክብረ በዓሎች አንዱ የሆነው ኢሬቻ በዓል ላይ ለዘገባ ተገኝተው የነበሩ ጋዜጠኞች የተከታተሉትን በዝርዝር ለአሜሪካ ድምፅ ተናግረዋል።ጽዮን ግርማ የተወሰኑትን አነጋግራ ተከታዩን አጠናቅራለች።
ዝርዝሩን ከተያያዘው የድምፅ ፋይል ያድምጡ።