(Ibsa ABO)
Ummatni Oromoo, miseensotni ABO fi WBO, Qeerroon Bilisummaa Oromoo mirga ummata Oromoof jecha wareega ol aanaa baasaa turan, baasaas jiran. Baatiilee 11 dabraniif ammo addatti Qeerroon bilisummaa fakkii tahuun duungoo tahee qabsoo fuula dura furgaasuu keessatti dalagaa boonsaa fi seenaa qabeessa raawwatuu dalagaan itti jiruu fi qabatamaan mul’atutu raga dha. ABOn sochii dargaggootaa 2000 irraa eegalee itti jiramu, addatti ammo FDG Sadaasa 9, 2009 irraa eegalee hanga 2014 itti fufe, dabrees Sadaasa 2015 irraa eegalee gara FXG-tti guddifame hunda qajeelchuu, leenjisuun fi hogganuun dirqama qabsoo irra jiru sadarkaa haaraa seensisee jira.
Ummatni keenya, miseensotnii fi deggertootnii, akkasumas Qeerroon Bilisummaa hogganummaan ABO ifa akka tahuu gaafataa turan illee ABOn nageenya ummata keenyaa fi Qabsoof dursa kennuun haalli aanjaa hanga uumamutti ABOn hidhata hogganummaa Qeerroo waliin qabu fi sochii FDG-FXG qindeessuu fi hogganuu ibsuu irraa of qusataa har’a gahe. Tarkaanfii kun ABOn fudhatamuu irraa sochii biyya keessaa hogganummaa ABOn gaggeeffamaa jirutti abbaa itti tahuuf kanneen himachuu hin waakkanne mul’achaa akka turanii fi jiran, akkasumas ABOn hin jiru jechuun hoggana QB-tti of ilaalan mumul’atuun ummata keenya jalaa dhokataa miti.
ABOf kan dursu roorroo, saaminsaa fi cunqursaa gateettii ummata Oromoo irraa buusuun bilisummaa isaa mirkaneessuuf namusaan hojicha milkeessuu malee beekamtii matayyaa fi dantaa biraa ittiin guuttatuuf ykn bekumtii maqaa Oromoon argamuun golgamee diinatti araaramuu dhaan cunqursaa fi saaminsa itti fufsiisuu waan hin taaneef haala aanjaa kan lubbuu ummata keenyaa galafatuuf sababaa diinni himatu irra aanuuf obsaan haala aanjeffatuu filate. Har’a sadarkaa qabsoon ummata Oromoo irra gahe eenyuyyuu jalaa dhokataa hin tahu. QBO fincila ummataa dabalatee sadarkaa maayyii gahe kana xumura itti gochuuf ABOn yeroo kamiyyuu caalaa hojjatuu irratti argama. Ummata keenya meeshaa maleeyyii balaa irraa ittisuuf, wixxifata diina abdii kutateen tarkaanfii gara jabinaa fudhatamaa jiru irraa baraaruufis ABOn ilmaan Oromoo Waraana mootummaa, humna poolisa federaalaa fi kanneen bifa adda addaan hidhachiifaman waliin hojii hojjataa bahe fi itti jiru milkiin argamaa jiru akeeka isaa rukutaa jira.
Hojii waraana, poolisaa fi hidhattoota biraa waliin hojjatamaa jiru kanaanis ilmaan Oromoo dhumiinsa lammii isaanii irra gahaa jiru arganii fi dhaga’an ABO fi ummata isaanii waliin hiriiruu dhaan garee Fashistootaa maqaa mootummaan hammeenya dorgomaa hin qabne ummatoota irratti raawwataa jiru kana aangoo irraa qaarisiisuuf hidhannoo isaanii waliin QBOtti makamuu irratti argamu. Ilmaan Oromoo sirna ummata Oromoo hiyyoomsee fi deegse waliin hiriiruun garee faashistootaa kana umrii dheeressuun as irratti haa dhaabbatu jechuun qabsootti makamuun umrii bittaa Wayyaanee/TPLF gabaabsuu keessatti gumaachi qabu ol aanaa akka tahe hin falamsiisu.
Waan taheef ABOn haala biyya keessaa irratti hundaa’uun ummata Oromoo biyya keessaa fi alaaf dhaamsa armaan gadii dabarsa.
- Yeroo ammaa kana ilmaan Oromoo caasaa mootummaa gara garaa keessaa addatti ammo, waraana mootummaa , poolisaa fi milishaa keessaa gara QBO-tti dabalamaa waan jiraniif caasaan dhaabaa, kan Qeerroo fi ummatni keenya akka simatu ABO dhaama. Qabeenyaa fi maatii isaanii tarkaanfii diinaa irraa tiksuunis gaafatama keenya tahuu hubatuun eegumsi barbaachisu akka godhamuuf ABO dabalataan dhaama.
- Wayta ammaa kana ummatni Oromoo haalli keessa jiru ulfaataa fakkatus qarqara bilisummaa irratti argama. Gaaga’amaa fi yaaddoo jiru ammo kan hanqisu qabsoo dhaloota Oromoo maraa ti. Yeroon qabsoo Oromoo moggaa dhaabbatanii ilaalanii fi dantaa matayyaaf jecha mirga ummata keenyaa dura dhaabbatan miti. Waan taheef ilmaan Oromoo caasaa mootummaan haammatamtanii dalagaa ummata Oromoo akka sabatti dhabamsiisuuf murteeffate tajajiiluu irratti bobbaatanii wareegama keessaniin sirna farra ummata Oromoo jiraachisaa jirtan hundi, yeroon dirqama lammummaa keessan itti bahatuu qabdan kan mayii amma waan taheef akkuma waaheloota keessanii mooraa qabsoo bilisummaatti akka dabalamtan maqaa ummata Oromootiin ABOn waamicha dhumaa kana isiniif dabarsa. Caasaan dhaabaa, Qeerroo Bilisummaa fi ummatni keenyas kana aanjessuu fi simatuuf akka hojjatu hubachiifna.
- Ummatni Oromoo rorroo irra gahaa jiru hubatee, mirga isaaf malu beekee wareeegama ulfaataa baaseen qabsoo isaa sadarkaa boodatti hin deebineen gahee jira. Har’a gowwoomsaa fi sossobbaa kaminuu boodatti hin deebi’u. Mirga bubuutuudhaan gowwoomsuun ni danda’ama jedhanii yaaduunis of gowwoomsuu dha. Waan taheef gochaan waggoota 25 dabraniif irratti raawwatame dhaabamuu qaba. Mirga akka ummataatti qabu akka gonfatu taasisuu malee dura dhaabbatuun haada ofitti jabeessuu taha. Waan taheef miseensotni OPDO sadarkaa adda addaa, bulchiinsaa fi dabballummaan sirna farra ummataa waliin hojjachaa jirtan, qalbii keessanitti deebi’uu dhaan akka ummata Oromoo waliin hiriirtan ABOn waamicha Oromummaa maayyii kana isiniif dabarsa. Kanaan booda diina waliin hiriiruu fi diinaaf hojjatuu irraa tarkaanfii ummatni fudhatuun balaa maatii fi qabeenya keessan irra gahuuf gaafatamaan isinuma tahuu ABO jabeessee hubachiisuu fedha.
- Ummatni Oromoo gabrummaatti xumura gochuuf Oromiyaa mara keessatti diina sardaa akka jiru dhokataa miti. Haa tahu malee ilmaan ummataa har’as sababa adda addaan mooraa qabsootti kan hin makamiin ni jiru. Kana waan taheef ummatni Oromoo ilmaan, firaa fi aantee isaa waraana mootummaa, humna poolisaa fi caasaa OPDO keessatti argaman irratti dhiibbaa gochuun of cinaa hiriirsuu irratti jabinaan akka hojjatu ABOn dhaamsa isaa dabarsa. Kanneen waamichaa fi gorsa ummataa irra tarkaanfatuu dhaan diina waliin dhaabbatanii ummata Oromoo dhiigsuu itti fufan seeraanis tahe seenaan gaafatamoo tahuu kanuma waliin yaadachiisa.
- Ummatni Oromoo ummatoota olla isaa waliin nagaa fi obbolummaan jiraachuun fedhii isaa ti. Ollaan isaa nagaa qabaate malee nagaa guutuu qabaachuu akka hin dandeenye ni hubata. Nagaa ummatoota hundaan barbaadamu kana hariiroo ijaaraa ummatoota gidduutti uumamuu fi diina waloo irratti waliin qabsaa’uun argama. Waan taheef ummatootni olla Oromoo hundi diina waloo irratti waliin haa kaanu jechaa, ilmaanii fi firoottan isaanii mootummaa kufaa jiru kanaan sobamanii fi dirqisiifamanii humna waraanaa, poolisaa fi tika keessatti hiriiruu dhaan ummata Oromoo irraan miidhaa geessisaa jiran gochaa isaanii kana irraa akka dhaabbataniif dhiibbaa barbaachisu akka godhaniif ABOn waamicha obbolummaa dabarsaaf.
- Falmaa bilisummaa adeemsifamaa jiru kanaan ummatni Oromoo bakkoota hedduu irraa diina ari’uu danda’ee jira. Naannoo bilisoomse daddaffiin tasgabbeessuu fi nageenya tohatuun ammo haalaan barbaachisa. Waan taheef naannoolee dhuunfataman keessattis Koree Bulchiinsa fi Bilisummaa ijaaruun nageenya naannoo fi ummataa tiksuun qabeenyi ummataa kamiyyuu akka hin saamamnee fi seer-dhablummaan akka hin dhalanne akka taasifamu, haala uumame kanaan dahatanii kan ummatoota gidduutti rakkina uumuu barbaadan ergamtootni diinaa jiraachuu waan malaniif alagoota Oromiyaa keessa jiraataa turanii fi jiran irratti tarkaanfiin kamiyyuu akka hin fudhatamne akka taasifamu ABO jabeessee hubachiisa. Kanuma waliin kanneen dhimma dhuunfaa fi haaluu bahuuf jecha qabsoof fakkeessuun tarkaanfii nam tokkee fi garee irratti fudhatan yoo jiraatan seera ummata Oromoon gaafatamuun waan dhufuuf akka kun tasa hin dalagamne kanuma waliin yaadachiifna.
- Haala yeroo ammaa biyya keessatti mul’ataa jiru ummata keenyaaf ittisa gochuu gaafata. Dirqamni ulfaataa kun ammo kan ABO fi miseensa qofatti dhiifamu miti. Dirqama lammii hundaa ti. Dirqama ummata keenya ittisuu fi QBO xumuraan gahuufis qabeenya guddaa fi sochii siyaasaa fi diplomaasii bal’aa gaafata. Waan taheef ummata keenya ittisuuf ABOn WBO, miseensota Humna Ittisaa Itophiyaa turanii kanneen Qabsootti makaman, Poolisa Federaalaa fi humnoota hidhatoo biroo waliin qindoomina ol aanaan dhimma qabsoo hojjataa jiru caalaatti milkeessuuf ummatni keenya ala jiru bifa hundaan akka dirmatuuf ABO waamicha Oromummaa dabarsa.
Injifannoo Ummata Oromoof!
Adda Bilisummaa Oromoo
Onkoloolessa 07, 2016