Quantcast
Channel: Oromia
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1918

Qabeenyi Hogganoota Wayyaanee Humna Hin Beekamneen Oromiyaa Keessa Dhabamaa Jira

$
0
0

Onkolooleessa 08,2016 (qeerroo.org) — Magaalaa sabbataatti kan argaman warshaa BMT, warshaa uffataa Arbaaminci, warshaa shittoo, dhaabbata DST, warshaa abaaboo  dabalataanis manni jireenyaa tigirootaa  ganda 02  fi 08tti argaman gubatniiru. Kana malee sochiin itti fufee diimaa bakka jedhamutti warshaa biiraa meettaa sheh alhamuddin warshaa uffataa siyaagil 2, warshaa uffataa arbaamincii, konkolaataa daandiirra turan  wajjira gandaa 1, barbadeeffameera.

Konkolaataa warshaa ayikaa 14 caccabsaniiru. Onkoloolessa 5, 2016 magaalaa Alam Ganaa keessatti mana jireenyaa fi mana barumsaa diiguun, warshaa suuraa keentiri jedhamu gubuun lammileen Oromoo hin tahiin magaalitti lakkisanii akka bahan ta’ee jira.

Aanaa Aqaaqii Qaallittiitti waajiirri poolisii walii gala tarkaanfiii humna addaatiin gubatee barbadeeffameetu jira. Arsii bahaa aanaa  Limmuu fi Bilbiloo ganda Gimbichuutti daandii addaan kutuudhaan riqichi guddaan caccabee jira. Akkasuma aanaa mertiittimmoo waajjirri ganda fi warshaan cuunfaa Afriikaa jedhamu humna addaatiin gubatee jira.

Magaalaa Shaashamanneetti magaazanni xaa’oo fi midhaanii gubatee jiraattonni Oromoo hin tahiin akka magaalitti gadilakkisan taasifamaa jira keessasttuu ilmaan tigooraa. Ganda baadiyyaaatti immoo waajjirri ganda gubaniiru. Aana gadab asaasattis magaazanni midhaanii gubatee jira.

Daandiwwan kaleessaa kaasanii Arsi lixaa fi Arsii bahaatti akkasuma baalee fi harargetti guutummaadhaan cufameetu jira. Ammas humini addaa  injifannoo kanaa oliif karoora bahe bakkaan gahuuf hanga dhumaatti itti fufeetu jira. Wayyaaneen sochii kana tasgabbeessuuf humna waraana fi meeshaa lolaa qopheessaa jirti.


Caasam Wayyaanee Godina Arsii Lixaa Keessaa Guutummaatti Badeera, Injifatnoon Qeerroo Bilisummaa Itti Fufe!

Okoloolessa 08, 2016 (Qeerroo.org) — Guyyaa har’aa godina Arsii lixaa magaalota akka Kofalee, Shaashimannee fi kkf keessatti sochiin FXG Qeerroodhaan jabaatee jiru daran kan duuba hin deebine wayyaaneen humna hidhataa meeshaan ijaarame uumatatti erguun qbsoo amma sadarkaa bilisummaa irra gahe duubatti deebisuuf yaalii gootee jirti irree abbaa qabsoo Qeerrootiin diina kana dura dhaabbatuun uummatasaarraa duubatti deebisee jira. Haaluma kanaan godina Arsii lixaa aanaa Nagalleetti tarkaanfii humni hin beekamne fudhateen
1. Paarkii Sagoon
2.Hoteela Laanganoo fi
3.Mana jireenyaa qondaala ergamaa Wayyaanee tokkos hojii ala ta’uun beekama.
Guyyaa gaaafa Onkoloolessa 7/2016 qabsoo Qeerroon taasisaa jiruunis kanneen Wayyaaneef garaa tahanii hojjetan keessattuu kaabinoonni fi caasaan mootummaa Wayyaaneef amanamoo tahan akkasuma humni waraanaa fi poolisii godinicha keessaa kan gadhiisaa jiran akka tahe Qeerroon keenya gabaasee jira.
Aanaa Dallootti waajjralee fi manneen jireenya poolisoota Wayyaanee barbadeeffamaa ooleera.
Sochiin abbaan qabsoo Qeerroo Bilisummaa mootummaa Wayyaanee hundeedhaan raasee jiru kun xumura sirna mootummaa Wayyaaneetti gochuuf murteeffatee ka’een qabeenyi Wayyaanee Oromiyaa godina kam keessattuu kan hojiidhaan ala tahee jiruudha.
Godinuma Ars lixaa keessattti aanaa Loom Bilbilleetti waajjjiroonni gandaa shan (5)n daaraa tahanii jiru. Bulchiinsi wayyaanee guutummaatti godina Arsii lixaatti badeera caasaan qabsoo bilisummaa Oromoo Qeerroonis dhuunfataa jira. Alaabaan keenyas waajjirottaa fi magaalota keessatti fannifameera.


Diddaan Barattoota Oromoo Yuniversitii Jimmaa Itti Fufee Daandiileen Cufaman.

ggo-ebla-15-jimma

Onkoloolessa 8, 2016 (Qeerroo.org) /FXG Godina Jimmaattis jabaatuudhaan daandileen magaalota keessaa gara Yuuniversitiiwwan Jimmaatti geessaan irree gootota barattoota Oromoon kaleessaa kaasee halkan edaas itti buluudhaan cufameera. Waraanni agaazii halkan edaas gara Jimmaa yuuniversiti seenuun barattoota irratti tarkaanfi Barattootni Qeerroon Bilisummaa godina Jimmaa keessaa diina hidhannoodhaan guutame duubatti deebisuudhaan magaalicha dhuunfatanii daandiis cufuudhaan Injifannoo hin eegamne galmeessaa jiru.

Kana malee godinuma Jimmaa aanaalee adda addaa keessatti diddaan dargaggoota Oromoo Qeerroo haalaan jabaatee jiraachuu irraan loltooti Wayyaanee sadarkaa tohachuu dadhabuu irra gahanii jiru.

Godina Iluu abbaa Boooraa sochiin FXG haalaan jabaatee itti fufuu irraa kan ka’e poolisoonni Oromiyaa waan dargaggoota Oromootti dhukaasuu didaniif loltoota Wayyaanee Agaazii waliin walitti bu’aa akka jiranii fi yeroo amma wal dhabbiin isaan jidduu akka jiru beekamee jira.


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1918