#OrmoStruggle-Road from Northern Oromiya has been blocked at 8 separate places with in 15km distance in W/Jaarsoo area. It has been confirmed gun fighting between the people and Agazi. There are tension in the area. No Internet connection is available in the area.
=========================
Oromiyaa gara kaabaa naannoo Warra Jaarsoo keessatti warraaqsi guddaan adeemaa jira. Walirraa fageenya kiilomeetira kudha shan -gidduutti bakkoota saddeetitti karaan cufameera. Waraanni guddaan ummataa fi Agaazii gidduutti deemaa jira. Yeroo ammaa naannoo san keessa socho’uun hedduu yaaddeessaa dha. Qunanmtiin internet naannoo sanaa hin hojjatu. Via Dhábasá Gemelal
#OromoRevolution thanks a million Chancelor Angela Merkel of Germany to cancel your planned visit to the state of dictatorship Ethiopia. We Appreciate Your BOLD ACTION Via Daraaraa Sabaa
#የኦሮሚያየነፃነትትግል-ለህዝባዊ ተቃውሞዎችና ህዝባዊ የመብት ጥያቄዎች የሚሰጡት ምላሾች እስር፤ አፈናና ግድያ ከሆነ ህዝባዊ እንቢተኝነትን ማስከተሉ አይቀሬ ነው። በእስር ፤በአፈናና በግድያ እንዲሁም በሰራዊት ሀይል ህዝብን በማሸማቀቅ በስልጣን መቆየት የሚቻል ቢሆን ደርግም ከቤተ-መንግስት ባልወጣ፤ ወያኔም ዛሬ ከቤተ-መንግስቱ ባልተንፈልለሰ ነበር።
እስከ ዛሬ የትኛውም አንባገነን ስርአት በሚተማመንበት የወታደራዊ ሀይል አማካይነት የመንኮታኮቻቸውን ሰአት በአንድ ሰኮንድ ማዘግየት የቻለ እንደሌለ ሁሉ ወያኔም ያለ የሌለውን ወታደራዊ ሀይል ሲያርመሰምስ ውሎ ቢያድር ውድቀቱን በአንድ ሰኮንድ ማዘግየት አይችልም።
ህዝባዊ እንቢተኝነት ይበልጥ እያሰፋን የጀመርነውን የኦሮሚያ የነፃነት ጉዞ ከግብ ለማድረስ ሌት ተቀን የመስራት ሀላፊነታችናና መወጣት ይገባናል።
ጉዞአችን ወደ ነፃነት ነው Via Dhábasá Gemelal
#OromoRevolution Ibsa ejjannoo qeerroo Godina Harargee Bahaa fii Dirree Dawaa irraa:-
________________________________
Akkuma beekkamu, qabsoon Oromoo bu’aa bahii hammana hin jedhamne keessa darbaa as-gahe. Danqaalee fii roorroo hamtuu wayyaanee fii qaamuma keenya irraa numudataa ture hunda obsaan irra taree otuu jiruu, amma duguuggaa ilmaan Oromoo bishooftutti wayyaaneen raawwatteen obsa wanti jedhamu dhumatee jira. haga amma duraa, ilmaan Oromoo karaa nagaatiin harka qullaa diina dura dhaabatee falmaa turullee, ajjeechaan dhaabachuu waan dideef, akkuma dhaga’aatii fii argaa jirtan, gara tarkaanfii of-irraa ittisuutti tarkaanfatee jira. kanaaf, dhaamsi qeerroon bahaa oromiyaa isiniif qabu kan armaan gadii kana fakkaataa itti dhiyaadhaa!!.
_____Qabsoon Oromoo galma barbaadame kan ga’uu danda’u, gargaarsa ilmaan Oromoo ykn Ethiopianota biyya ambaa jiran/Diaspora qofaan galma galma ga’uu hin danda’u amantaa jedhu qabna. kanaaf, deeggarsa abbootii qabeenyaa biyya keessaa dabalachuu barbaachisa waan ta’eef, nutiis hubachiisa armaan gadii kana baafne.
Hubachiisa:-
Abbootii qabeenyaa ormiyaa, dirree dhawaa, Finfinnee,akkasumaas naannoolee biyyattii keessa jiraatan maraaf:- 1. Abbootiin qabeenyaa sirnicha kana jalatti cunqurfamaa qabeenya horattan hundi, qabeenya keessan irraa kaffaltii/tax isaanii fii hojjattoonni keessan sirna cunqursaa kanaaf kaffalaa jirtaniin wayyaaneen humnooytee duguuggaa dhala namaa irratti raawwachaa jirti. kanaaf har’aa jalqabee deeggarsi keessan karaa danda’ameen qabsoo biyya keessaa deemaa jiru bira dhaabachuu qaba. Hanga arraa qeerroon, qabeenya keessan tiksaa jira malee, wayyaaneen galaaf kaate, akka isin saamu ifatti beekna. dabalees qeerroon hamma murtii kana irra ga’utti, yaadota adda addaa irratti mari’achaa ture. innis:- 1. Abbootiin qabeenyaa meeshaa ittisaa dirqama akka nuuf bittu. 2. Karaa danda’ameen namoota erginee deeggarsa gaafanna. 3. Warri abdii isaan irraa hin qabnuu, tarkaanfii jedhanis inuma jiru.
Haata’uu, murteen dhumaa nuti irra geenye, 1. Abbootiin qabeenyaa biyya keessaa hundi, karaa danda’ameen yeroo nuti deeggarsa gaafannetti haanubira dhaabatan kan jedhu. 2. Kaffaltii diinaaf kaffalan akka dhaaban. 3. Kun didamnaan diina nurratti gargaaru waan ta’eef nurratti dalagachuu akka hin dandeenye beekuu qaban kan jedhu. kanaaf, waliin taanee diina of-irraa qaarsina! Wayyaaneen konkolaataa ishee lakkoofsa gabatee dhufaa godhattee, qabeenya nama dhunfaa guban jettee abbaa itti uumaa jirti. mana diina ilmaan Oromoo dhiiga dhugaa jiru yeroo qeerroon barbadeessite, diina biroo bakka buustee kunoo akkanatti qabeenyaa kiyya naduraa guban jechisiisaa karaa media ishee hafarsaa jirti. kanaafuu ,Abbootiin qabeenyaa keenya rakkoo walxaxaa wayyaaneen qopheessite kan giddutti akka hin qocolamne isiniin jenna. Abbootiin qabeenyaa warra Somali tokko tokko wayyaanee waliin nutti tumsuu jalqabanii jiran. isaan kanaas warri walitti dhufeenya qabdan akka nuuf akeekkachiistan isiniin jenna!!. Galatoomaa! injifannoon ummata ormoof yeroo jennu, gargaarsa waaqaatiin!!!. Via Sirkanan Ahmed
#OromoStruggle– The Woyane government has declared a state of emergency as of Saturday, October 8, 2016.
The cabinet of Woyane Prime Minister Hailemariam Desalegn has an emergency meeting on Saturday afternoon where the government declared the state of emergency at a time of deteriorating security situation in Oromia Regional State.
The state of emergency declared for the first time in 25 years, will last for six months.
=============================
Wayyaaneen huggura yeroo hatattamaa labsitee jirti. Kun yeroo ammaa Oromiyaa keessatti qabsoo Oromoo dhaabuuf furmaata isa dhumaa jettee kan Wayyaaneen labsitee dha.
Ummati keenya labsa Wayyaaneetti otuu hin rifanne qabsoo bilisummaa isa ajabeessee itti fufuu qaba. Via Dhábasá Gemelal
==================
#ሰበር_ዜና – የኢትዮጵያ መንግስት የአስቸኳይ ጊዜ አዋጅ አውጀ
#QbsooOromoo-(SBO/VOL – Onkoloolessa 09, 2017) WBOn Godina Dhihaa Onkoloolessa 07,2016 galgala naannoo D.Doolloo Ona Sogoof Garjeedaa keessatti waraana wayyaanee agaazii ummatatti roorrisaa jiru irratti tarkaanfii fudhate. Lola WBO fi agaazii gidduutti deemsifame irratti miidhaa guddana humna diinaa irra gahuun ibsameera. (bal’ina isaa akak nu gaheen isin beeksifna)
Gootichi WBOn Dhiha Oromiyaa Godina Qellem dhumaatii suukaneessaa fi gocha bineensummaa mootummaan wayyaanee Onkoloolessa 2 bara 2016 ilmaan Oromoo ayyaana Irreechaaf Bishooftuu Hora Arsadeetti bahan irratti raawwate gumaa baafachuuf Onkoloolessa 3, 2016, waraana diinaa naannoo Dhagaa Allaattii jedhamu kan Dambi Doolloo irraa gara Birbir geessu buufatee ture irratti tarkaanfii fudhateen waraana wayyaanee Muraasa tokko(32) barbadeessuu isaa ni yaadatama.
Warraaqsa ummataa finiinaa jiruu fi tarkaanfii WBOn humni diinaa Ona kana keessaa baqataa jira. Via Dhábasá Gemelal
#OromoRevolution ”
Godina Arsii Bahaa Aanaa Balee Gasgaar keessatti mormii cimaatu gaggeeffamaa oole. Kunis ergamtoonni wayyaanee aanicha keessatti namoonni ayyaana irreecharratti hirmaatan kan walirrakoranii wal fixan jechuun akkuma miidiyaa jaraa afarsuu jalqabde. Ummanni garuu gaaffii ummanni keenya kan irreecha dhaqe maraataa moo dhuganii dhaqan seetan jechuun afaan qabsiisan. Ummanni dallanuun qeerroon magaalittii mormii cimaa gaggeessan. Mormii kanarratti maanguddoofi abbootiin amantaa gidduu seenanis akka waajjirri mootummaa hin banamne, opdo akka nu keessa hin sochoone, yeroo ammaa kanarraa akka maanguddoon bullu jechuun nama aanicha hoogganu maanguddoofi abbootii ammattaa godhachuun eda halkan addaan galan. Yeroo ammaa kanas Qeerroon walgeechee karaa baadiyyaa deemuun meeshaa hiikka chuuf akka deeman dhaamsa kana nuuf dabarsi kan hin dhageenye dhagahee akka qophaauu jechaa jiru.” Via Naf-tanan Gaadullo
#OromoStruggle-Kun mormii fi diddaa baraatoni Oromoo Yuniversity Arbaminch guyyaa har’aa laqaana lagachuu fi down down wayaaneen jechaa agarsiisanii dha. Mormii kana irratti jibbinsa sirna wayyaaneef qaban ifatti ibsuun kana bodaas bartooni waan biyyi keenyaa nurraa eeguu kaffalufis qophii dha jechaa jiru. Via Dhábasá Gemelal
HUBACHIISA GUDDAA BARATTOOTA OROMOO YUNIVARSIITII KEESSA JIRTAN MARAAF.
=
Yeroo ammaa kana haala qabsoo Oromiyaa keessatti finiinaa jirturraan kan ka’e dhumaatii saba keenyaa teenyee hinilaallu jechuudhaan barnootaa gadi lakkistani mooraa Yunivarsiitii gadi lakkisaa jiraachuu keessantu dhaga’ama! Kun ”DOGOGGORA ‘guddaadha!.
Sababiinsaaa:
1. Qabsoo hidhannootti seenuun tarsiimoofi tooftaa mataasaati waan qabuuf..
2. Barnootarraa dhaabbachuun keessan akka Oromootti nuunis waan miidhuuf, Oromiyaan bor ijaaramtu ooggansa keessaniin waan bultuuf,
3. Diinni keenyaa nurratti gammadee ofiisaati miilla waan achi butatuufi dorgommii keessaa waan haftaniif..
4. Yunivarsiitii keessuma teessanii qabsoon qixa hedduun finiinuu waan danda’uuf,
5. Naannoo mooraa Yunivarsiitiiti yoo fagaattaan karaaleen ittiin walquunnamtii qabsoof goonu waan cufaa ta’uuf,
6. Dachaatani barnoota gadi lakkistani yoo baatan salphaatti adamsmtani afaan waraabessa kanaa waan buutaniif.
Haaluma kanaan warreen Yunivarsiitii keessaa ba’uuf jettan akkuma mooraa Yunivarsiiti keessa turtan; warreen gadi lakkisaa jirtanillee akka mooraatti deebitanii akkuma keenya kanaan duratti waliin hojjennuuf kabaja Oromummaafi jaalala ilmaan keenyaa nuuf wareegamaniitiin isin gaafanna! Via Beekan Gulummaa Irranaa
BURAAYYUURRAA BILBILAAN..
–
Qaamolee nageenya magaalaa Burraayyuu karaa iccitii ta’een ergaan akka nutti himametti halkan edaa dargaggoonni dhibba afur qabamanii gara birootti geeffamuuf iddoo tokkotti walitti qabanii halkan keessa sa’aatii ja’atti miliqsaanii deemuuf qophii irra jiraachu qaamoleen nageenya magaalaa Burraayyuu iccitiidhaan bilbilaan halkan nutti himanii jiru.Dargaggoonni kunneen 398 dhiira yoo ta’an 2 dubartoota yoo ta’an walumagalatti dargaggoota 400 afur ukkamsaanii deemuuf sa’aatii ja’a akka guutuuf eega jiru jedhani bilbilaan nutti himan.Dargaggoonni kunis warra ayyaana Irreecha Bishooftu oolanii du’a jala bahaanii gara qe’ee isaaniitti warra galaniidha.Sababiin isaas dhumaatii obboloota isaanii kan Bishooftutti dhumaaniif maaf gadditanii sagalee mormii dhageessiftan jechuun warra halkan reebamanii dhoksaan qabamaniidha.Halkan dhaamsa kana isiniif ergina jennee mootummaan tajaajila interneetii waan addan kuteef karaa isiniif erginu dhabnee.Eessa geessuf akka deeman garuu wanti nuti beeknu hin jiru. Via Beekan Gulummaa Irranaa
#OromoRevolution “Godina Arsii Bahaa Aanaa Balee Gasgaar keessatti mormii cimaatu gaggeeffamaa oole. Kunis ergamtoonni wayyaanee aanicha keessatti namoonni ayyaana irreecharratti hirmaatan kan walirrakoranii wal fixan jechuun akkuma miidiyaa jaraa afarsuu jalqabde. Ummanni garuu gaaffii ummanni keenya kan irreecha dhaqe maraataa moo dhuganii dhaqan seetan jechuun afaan qabsiisan. Ummanni dallanuun qeerroon magaalittii mormii cimaa gaggeessan. Mormii kanarratti maanguddoofi abbootiin amantaa gidduu seenanis akka waajjirri mootummaa hin banamne, opdo akka nu keessa hin sochoone, yeroo ammaa kanarraa akka maanguddoon bullu jechuun nama aanicha hoogganu maanguddoofi abbootii ammattaa godhachuun eda halkan addaan galan. Yeroo ammaa kanas Qeerroon walgeechee karaa baadiyyaa deemuun meeshaa hiikka chuuf akka deeman dhaamsa kana nuuf dabarsi kan hin dhageenye dhagahee akka qophaauu jechaa jiru.” via Jawar Mohammed