ABOn ilmaan Oromoo Humnoota Waraanaa fi tikaa mootummaa keessa jiranii fi bifa adda addaatin diinaan hidhachiifaman gara mooraa qabsoo bilisummaa Oromootti makamuun akka humna qabsichaa ta’aniif irra deddeebiin waamicha dhiyeessaa turuun ni beekkama. Ilmaan Oromoo kunneen ummata isaanii balaa mootummaan faashistiin irraan gahurraa ittisuu fi roorroo saba isaaniirra gahaa jirutti xumura gochuu keessatti dirqama lammummaa akka bahataniif marii fi qunnamtii yeroo dheeraa taasisaa turuus ibsa jidduu dabre baaseen beeksise.
Akka kanaanis ilmaan Oromoo sabboonoon waamicha dhaaba kallacha qabsoo Oromoo, ABOf owwaatudhaaf murteessan qindoomina tolfameen mooraa QBO ABOn hogganamuutti makamanii ummata cinaa dhaabbachuun tarkaanfilee diinarratti fudhataniin humna QBO tahuu mirkaneessanii jiru. Haaluma kanaan qindoomina tolfamee fi qajeelfama dhaabarraa kennamuun humni QBOtti makame kun Onkoloolessa 03 hanga 09 bara 2016 tarkaanfilee armaan gadii diinarratti fudhachuun injifannoo cululuqaa galmeessee jira.
Onkoloolessa 3 bara 2016
- Kibba Oromiyaa Godina Gujii keessatti sabboontonni Oromoo waraanaa fi poolisa wayyaanee keessa turan aantummaa ummataaf qaban agarsiisuun humna QBOtti makamuudhaan tarkaanfii fudhataniin loltoonni amanamtoota wayyaanee 8 fi Agaaziin 5 ajjeefamuun 2 ammoo madeeffamaniiru. Tarkaanfii humni QBOtti dabalame fudhate kanaan Kilaashiin 10, Boombiin F1 Afuri fi rasaasni 267 diinarraa booji’amee dantaa qabsoo bilisummaa Oromoo ABOn durfamuuf oolfameera. Qunnamtii fi qindoomina jiruun poolisoonni mana hidhaa Bulee Horaa eegan dhiisanii deemurraa hidhamtoonni guututmmaatti akka bahan taheera.
- Baha Oromiyaa Kaampii Addeellee keessatti marii bal’aa taasifamee fi murtii kennameen waraanni wayyaanee sirnicha jalaa bahee QBOf tumsuuf sagalee guutuudhaan murteesse. Aashaa Dawwallee, Shiniillee, Harargee Dhihaa fi Dirree Dhawaa dabalatee bakkoota hedduutti aangawoota mootummaa wayyaanee fi waraana amanamaa sirnichaa ta’e irratti haxxee hidhuu fi tarkaanfilee fudhachuufis murannoo qabu ifatti agarsiisee jira.
- Godina Shawaa Bahaa Bishooftuu keessatti ilmaan oromoo waraana Agaazii fi Poolisa Oromiyaa keessa turan gara mooraa QBOtti makamuun tarkaanfii waraana wayyaaneerratti fudhataniin loltoota 38 ajjeesaniiru. Humna QBOtti makame keessaas Sadi wareegamanii jiru. Kunis waraana wayyaanee Shawaa Bahaa keessatti argamu jidduutti sochiin bal’aan akka taasifamu godhe. Godinuma kana Aqaaqiittis tarkaanfii Kaampii Kuusaa meeshaa waraanaa irratti fudhatameen qawween 200 booji’amuun milkiin gonfatameera.
- Tarkaanfiin humna QBOtin fudhatamu Godina Arsii Lixaattis cehuun, Kaampii waraana wayyaanee Shaashamanneetti argamu keessatti amanamtoota TPLF fi ajajoota wayyaanee haleeluun kaampicha keessaa baasan. Arsii Lixaa naannawa Meexamaattis ilmaan Oromoo waraanaa fi Poolisa keessa turan waamicha lammummaaf owwaachuu itti fufuun, poolisoonni 7 qawwee Kilaashii harkaa qaban waliin mooraa QBOtti makaman. Ummanni naannichaa humnoota diinaa ofirraa ari’ee alaabaa ABO balaliisuun bulchiinsa Ummataa dhaabbatee jira.
Onkoloolessa 04 bara 2016
- Godina Shawaa Bahaa Ona Boosat keessatti lolli jabaan ummataa fi waraana wayyaanee jidduutti gaggeeffameera. Ilmaan oromoo Poolisa Oromiyaa turan 90 ta’an gara mooraa QBOtti makamuun ummata faana dhaabbatan. Achuma Shawaa Bahaa naannoo Dooniitti ammoo tarkaanfii fudhatameen qawween 200 harka ummataa galeera. Humni Poolisa Oromiyaa keessaa QBOtti makame dargaggoota Oromoof leenjii kennuu fi waraana wayyaanee haleeluun qawwee hiikkachuunis barameera. Agaaziin tarkaanfii irratti fudhatameen ari’amee naannichi ummataa fi waraana gara QBO seeneen dhuunfatamee tikfamaa jira.
Shawaa Bahaa magaalaa Wanjiitti kan argamu Warshaan Sukkaaraa Wanjiis tarkaanfii humni gara QBOtti makame fudhateen barbadeeffamee mootummaan wayyaanee miliyoonaan akka kasaaru taasifame.
Onkoloolessa 05 bara 2016
- Onkoloolessa 5 bara 2016 tattaaffiin waraanni Agaazii Kaampii Shaashamannee dhuunfachuuf Dodolaa keessatti daandiirra fiiguun taasise Poolisoonni Dodolaa QBOtti makaman dura dhaabbachuurraa kan fashalsan yoo tahu, kilaashii 16s QBOf gumaachan.
Onkoloolessa 6 abra 2016
- Mootummaan wayyaanee diddaa humnoota waraanaa, poolisaa, Tikaa fi Agaazii dabalatee hidhattoota isaa keessaa irratti jabaachaa jiru irra aanuu akeekkatuun Godina Arsii Lixaa Ona Qoree keessatti lola banus kasaaraa haguuggate.
Humni QBO waraana wayyaanee haleeluun Agaazii 18 ajjeesuun, 7 madeessee, kilaashii 14 fi Matrayyasii 6 dhuunfachuun akeeka bobbaa diinaa hoongessee, injifannoo galmeesse.
- Shawaa Bahaa Liiban Cuqqaalaa keessatti lola jabaa gaggeeffameen ammoo loltoonni Agaazii 32 qabsaawota bilisummaa Oromootin ajjeefamanii, 18 madoo taasifaman. Loltoonni Agaazii 12 ammoo mooraa QBOtti makamanii jiru. Lola kanaan qawween Kilaashii 8 kan booji’ame wayta ta’u konkolaattooni waraanni wayyaanee itti gargaaramaa ture 7 daareffamaniiru. Gama qabsaawotaatii 4 wareegamuun, 3 madeeffaman.
- Meettaa Roobii keessattis lola jabaa gaggeeffameen Agaaziin 11 ajjeefamuu fi 8 madeeffamuun, Kilaashiin 22 booji’ameera. Loltoonni Agaazii 7 ummata faana hiriiruuf murteeffatuun mooraa QBOtti makaman.
Onkoloolessa 07 bara 2016
- Mootummaan wayyaanee diddaa humni waraanaa isaa Kaampii Awaash keessa jiru irratti kaase dhaamsuuf Onkoloolessa 7 bara 2016 humna dabalataa wayta ergetti, Shawaa Bahaa Ona Fantaallee magaalaa Matahaaraatti haxxee itti hidhamee tarkaanfii fudhatameen Agaaziin 32 ajjeefamuun reeffi loltoota isaas achuma akka bulu taasifame. Ona Fantaallee keessatti qindoomina ummataa fi humna mooraa QBOtti makame waliin tolfameen lolli jabaan gaggeeffamee diinarra kasaaraan guddaan dhaqqabeera.
- Baha Oromiyaa Awwadaay keessatti sabboontotni Oromoo waraana wayyaanee keessaa diddaa jabaa agarsiisan. Waraanni Kaampii Awwadaay yeroo bahus Kaampicha keessatti alaabaa ABO fannisuun akka bobba’etu ibsame. Humni QBOtti makame hogganootaa fi amanamtoota wayyaanee ummata Oromoo miidhaa turan irratti tarkaanfii fudhateera.
Onkoloollessa 08 bara 2016
- Godina Shawaa Bahaa Ona Boosat keessatti Onkoloolessa 8 bara 2016 waraanni wayyaanee gandeen sirnicha jalaa baafamuun ummataan dhuunfataman harkatti galfachuuf lola banerratti hidhattoota Federaalaa irraa 7 ajjeefamuun 3 madeeffamanii, qawween Kilaashii 9 erga irraa booji’amee kasaaraa haguuggatanii booda of duuba deebi’aniiru. Qabsaawotarraas 1 wareegameera.
Ona Fantaalleetti ammoo Humni QBOtti makame ummata waliin tahuudhaan qindoominaa fi qajeelfama tolfameen waraana wayyaanee bakka Dheebitii jedhamutti dursee haleeluun Agaazii 38 ajjeesee 24 ammoo madeessudhaan diinarratti injifannoo galmeesse.
- Shawaa Kibba-Lixaa Waliso keessatti tarkaanfii fudhatameen ammoo waraana wayyaaneerraa ajajootni 3 fi miseensonni 5 mooraadhuma waraanaa keessatti ajjeefamaniiru.
Onkoloolessa 09 bara 2016
- Ilmaan oromoo wayyaaneef qawwee baatan diina saba isaanii fixaa jirutti akka naannessaniif hojii hojjetamaa tureen, kanneen waraana keessaa mooraa QBOtti dabalaman Awwadaay keessatti qawwee hidhatan diinatti naannessuun haleellaa raawwataniin qondaala wayyaanee ol’aanaa Ajajaa Kumaa Atsbahaa Asgadoom jedhamu kan waraana Agaazii Dirree Dhawaa, Hararii fi Haramaayaa ajajuu fi waraana Agaazii 17 ajjeesuun seenaa boonsaa galmeessan. Kana malees sabboontotni Agaazii keessaa QBOtti dabalaman kilaashii 7 ummataaf gumaachudhaanis aantummaa qaban agarsiisan. Guyyuma kana Waraanni wayyaanee weerartummaaf Baha Oromiyaa Ciro, Hirnaatti bobb’aa ture tarkaanfii irratti fudhatameen ergamni isaa fashaleera; Waraana Awaash tiksu 2 irrattis tarkaanfiin fudhatameera.
Tarkaanfilee Onkoloolessa 3 hanga 9 bara 2016tti fudhataman kanneeniinis: Ajajaa Kumaa Atsbahaa Asgadoom dabalatee ajajootni waraanaa 4 fi loltoonni amanamoo wayyaanee Agaaziin 211 ajjeefamanii, 62 ammoo madeeffamanii jiru. Kana malees Qawween Kilaashii 493, Matrayyasiin 6, Boombiin F1 Afuri fi Rasaasni 267 diinarraa booji’ameera; konkolaattotni waraanaa wayyaanee 7 daareffamaniiru. Gama kaaniin ammoo ilmaan oromoo Waraana Agaazii fi Poolisa wayyaanee keessa turan 116 mooraa QBO ABOn hogganamuutti makamuudhaan falmaa finiinsaa jiru.
Walumaagalatti ilmaan oromoo Humna Waraanaa, Poolisaa, Agaazii fi milishaa keessa jiranii fi bifa adda adaati hidhachiifaman qunnamtii fi qindoomina tolfamaa tureen gara mooraa QBOtti makamuudhaan tarkaanfilee seena-qabeessa mootummaa wayyaaneerratti fudhataa jiran.
Tarkaanfilee fakkaatoon karaa Dhiha Oromiyaa jiraatanis rakkina qunnamtii yeroodhaaf bal’inni isaa ibsamuuf rakkisaa tahuus kanuma waliin hubachiifna.
Waamicha:
Ilmaan Oromoo Kutaalee Waraanaa Ittisa Biyyaa, Humna Polisa Federaala, poolisa Oromiyaa, Agaazii, tikaa fi milishaa gandaa tahuudhaan akkasumas bifa adda addaatin wayyaaneen hidhachiifamuun diina tajaajilaa turtan gara mooraa QBOtti makamuudhaan balaa diinaan ummata keessanirra gahu ittisuu fi gabrummaatti xumura gochuuf waamicha isinii dhiyaateef deebii kennaa jirtaniif ABOn bakka ummata Oromoo bu’ee isin galateeffata. Galanni keessanis bilisummaa Oromoofi walabummaa Oromiyaati!
Kanneen caasaalee waraanaa fi tikaa armaan olii bakkoota biroo jiran keessa jirtanis murtii boonsaa fi seena-qabeessa obbolaan keessan mooraa QBO ABOn hogganamuutti makaman fudhatan hordofuun mootummaa abbaa irree ummata Oromoo jumlaan duguugaa jiruu fi maqaa labsii yeroo hatattamaatin duguuggii sanyummaa caaluuf nutti aggaamee jirutti xumura gochuuf akka ummata keessan cinaa dhaabbattanii fi mooraa QBOtti makamtan waamicha maayii yeroon gaafattu kana isiniif dabarsina.
Ummanni Oromootis bakka jiru maraa tokkummaa fi murannoo irra jabaadhaan socho’uun dhumaatii diinni nutti labse masheensuuf akkasumas qabsoo wareegama ilmaan isaatin bilisummaa ulaa isaatin gahetti xumura gochuuf akka sossohu waamicha goona.
Maayiirrattis ilmaan dhalattoota saboota biyyattii kan kutaalee Waraanaa Ittisa Biyyaa, Humna Poolisa Federaalaa, poolisa Oromiyaa, Agaazii, tikaa fi milishaa gandaa tahuun akkasumas bifa adda addaatin wayyaaneen hidhachiifamuun diina tajaajilaa turtan marti, QBO kan xiyyeeffatu mootummaa wayyaanee/TPLF dhiiga Ummata Oromoo lolaasaa jiru irratti malee, isin ilmaan ummatoota cunqurfamoos tahee nam-tokkee ykn garee kamirrattuu akka hin taane hubatuun sirnicha faana hiriiruun dhiiga ummata Oromoo dhangalaasuu irraa akka of qusattan. Kana gochuu hanqatuudhaan dhiiga ummata Oromoo dhangalaasuu itti fufuun seeraanis tahee seenaan kan isin gaafachiisu tahuurra dabree, tarkaanfii adabbii isinirratti fudhatamuuf gaafatamni mataa keessanirra akka jiru gadi jabeessinee hubachiisna.
Ummata Oromoo wayyaanedhaan duguuggiin sanyii irratti raawwatamaa jiruu fi waliigala ummatoota biyyattii cunqursaa hamaa jala jiraniif aantummaa keessan agarsiisuudhaan sirna farra-ummatootaa tahe, TPLF/EPRDF dhabamsiisuun haqa, dimokraasii, bilisummaa fi mirga namummaa ummatootaa biyyattii keessa jiran hundaa dhugoomsuuf qooda keessan akka gumaachitan ABOn irra deebiin dhaamsa isiniif dabarsa.
Injifannoo Ummata Oromoof!
Adda Bilisummaa Oromoo
Onkoloolessa 12 bara 2016
የኦነግ ወታደራዊ መግለጫ
የኦሮሞ ነጻነት ግንባር በመንግስት የጦርና የደህንነት ሃይሎች ውስጥ ላሉ እንዲሁም በተለያየ መልኩ እንዲታጠቁ ተደርገው ጠላትን በማገልገል ላይ ያሉ የኦሮሞ ልጆች፡ ወደ ኦሮሞ ህዝብ የነጻነት ትግል ጎራ በመቀላቀል የትግሉ ሃይል እንዲሆኑ በተደጋጋሚ ጥሪ ሲያቀርብ እንደነበር ይታወሳል። እነዚህ የኦሮሞ ልጆች ህዝባቸውን በፋሽስቱ የወያኔ መንግስት ከሚደስርበት ኣደጋ ለመከላከልና በወገናቸው ላይ እያተፈጸመ ላለው ጭቆና ፍጻሜ በማበጀቱ ውስጥ የዜግነት ግዴታቸውን እንዲወጡ ለረጅም ጊዜ ውይይትና ግንኙነት ሲያደርግ እንደነበርም ሰሞኑን ባወጣው መግለጫ ኣስታውቋል።
በዚሁ መሰረት ከነጻነት መሪ ድርጅታቸው የኦሮሞ ነጻነት ግንባር ለቀረበላቸው ጥሪ ምላሽ ለመስጠት የወሰኑ ብሄርተኛ የኦሮሞ ልጆች በተፈጠረው ቅንጅት በኦነግ ወደሚመራው የኦሮሞ ህዝብ የነጻነት ትግል ጎራ ተቀላቅለው ከህዝቡ ጎን በመቆም በጠላት ላይ በወሰዷቸው እርምጃዎች የኦሮሞ ህዝብ የነጻነት ትግል ሃይል መሆናቸውን ኣስመስክረዋል። በተፈጠረው ቅንጅትና ከኦነግ በሚሰጥ መመሪያ ይህ ወደ ኦሮሞ ህዝብ የነጻነት ትግል የተቀላቀለው ሃይል ከጥቅምት 3 እስከ 9 ቀን 2016ዓም ከዚህ በታች ያሉትን እርምጃዎች በጠላት ላይ በመውሰድ ኣንጸባራቂ ድል ኣስመዝግቧል።
ጥቅምት 3 ቀን 2016ዓም
- በደቡብ ኦሮሚያ ጉጂ ዞን ውስጥ በወያኔ ጦርና ፖሊስ ሃይል ውስጥ የነበሩ የኦሮሞ ብሄርተኞች ለህዝቡ ያላቸውን ወገንተኝነት በማሳየት ወደ ነጻነት ትግሉ በመቀላቀል በሰነዘሩት ጥቃት የወያኔ ታማኝ የሆኑ 8 ወታደሮችና 5 የኣጋዚ ጦር ኣባላትን ገድለው 2ቱን ኣቁስለዋል። በዚህ እርምጃ 19 ክላሽ ጠመንጃ፣ 4 ኤፍ.ዋን. ቦምብና 267 ጥይቶች ከጠላት ተማርከው በኦነግ ለሚመራው የነጻነት ትግል ውለዋል። ባለው ግንኙነትና ቅንጅት የቡሌ ሆራ እስር ቤትን ሲጠብቁ የነበሩ ፖሊሶች ትተው በመሄዳቸው እስረኞች ሙሉ በሙሉ እንዲወጡ ሆኗል።
- በምስራቅ ኦሮሚያ ኣዴሌ ወታደራዊ ካምፕ ውስጥ በተካሄደ ሰፊ ውይይትና በተሰጠ ውሳኔ የወይኔ ጦር ከስርዓቱ ቁጥጥር ስር ወጥቶ የኦሮሞ ህዝብ የነጻነት ትግል ኣጋር ለመሆን በሙሉ ድምጽ ወስኗል። ኣሻ ደወሌ፣ ሺኒሌ፣ ምዕራብ ሐረርጌና ድሬደዋን ጨምሮ በበርካታ ቦታዎች በወያኔ መንግስት ባለስልጣናትና የስርዓቱ ታማኝ ጦር ላይ የደፈጣ ጥቃት ለመሰንዘርና እርምጃ ለመውሰድ ያለውን ቆራጥነት በግልጽ ኣሳይቷል።በምስራቅ ሸዋ ዞን ቢሾፍቱ ውስጥ በወያኔ ኣጋዚ ጦርና የኦሮሚያ ፖሊስ ውስጥ የነበሩ የኦሮሞ ልጆች ወደ ነጻነት ትግሉ ጎራ በመቀላቀል በወያኔ ጦር ላይ በሰነዘሩት ጥቃት 38 ወታደሮችን ገድለዋል። ወደ ነጻነት ትግሉ ከተቀላቀለው ሃይልም 3 ተሰውተዋል። ይህም በምስራቅ ሸዋ ዞን በሚገኘው የወያኔ ጦር መካከል ሰፊ እንቅስቃሴ እንዲካሄድ ኣድርጓል። በዚሁ ዞን ኣቃቂ ኣካባቢም የወታደራዊ ካምፕ የመሳሪያ ማከማቻ መጋዘን ላይ በተወሰደ እርምጃ 200 ጠመንጃ በመማረክ ድል ተመዝግቧል።በነጻነት ሃይሎ የሚወሰደው እርምጃ ወደ ምዕራብ ኣርሲ ዞንም በመሸጋገር በሻሸመኔ በሚገኘው የወያኔ የጦር ካምፕ ውስጥ የወያኔ ታማኞችና ኣዛዦችን በማጥቃት ከካምፑ እንዲወጡ ተደርገዋል። በምዕራብ ኣርሲ ሜጠማ ኣካባቢም የጦርና ፖሊስ ሃይል ውስጥ የነበሩ የኦሮሞ ልጆች ለወገናዊ ጥሪ ምላሽ መስጠታቸውን በመቀጠል 7 ፖሊሶች በእጃቸው ከሚገኝ ክላሽ ጠመንጃ ጋር ወደ ኦሮሞ ህዝብ የነጻነት ትግል ጎራ ተቀላቅለዋል። የኣካባቢው ህዝብ ጠላትን በማባረር የኦሮሞ ነጻነት ግንባር ባንዲራን ኣውለብልቦ የህዝብ ኣስተዳደር ኣቋቁሟል።
ጥቅምት 04 ቀን 2016ዓም
- በምስራቅ ሸዋ ዞን ቦሰት ወረዳ ውስጥ በህዝቡና በወያኔ ጦር መካከል ከባድ ውጊያ ተካሂዷል። የኦሮሚያ ፖሊስ ውስጥ የነበሩ 90 የሚሆኑ የኦሮሞ ልጆች ወደ ኦሮሞ የነጻነት ትግል ጎራ በመቀላቀል ከህዝቡ ጎን ቆመዋል። እዚያው ምስራቅ ሸዋ ዞን ዶኒ ኣካባቢ ደግሞ በተወሰደ እርምጃ 200 ጠመንጃ ከህዝቡ እጅ ገብቷል። ከኦሮሚያ ፖሊስ ወደ ነጻነት ትግሉ የተቀላቀለው ሃይል ለኦሮሞ ወጣቶች ስልጠና መስጠትና የወያኔ ጦር ሃይልን በማጥቃት ትጥቅ ማስፈታቱ ታውቋል። ኣጋዚ በተወሰደበት እርምጃ ተባርሮ ኣካባቢው በህዝቡና ወደ ኦሮሞ የነጻነት ትግል በተቀላቀለው ሃይል ቁጥጥር ስር ገብቶ ጥበቃ እየተደረለት ይገኛል።በምስራቅ ሸዋ ዞን ወንጂ ከተማ የሚገኘው የወንጂ ስኳር ፋብሪካ ወደ ነጻነት ትግሉ በገባው ሃይል በተሰነዘረበት ጥቃት በመውደም የወያኔ መንግስት በሚሊዮኖች እንዲከስር ተደርጓል።
ጥቅምት 05 ቀን 2016ዓም
- ጥቅምት 5 ቀን 2016ዓም የወያኔ ኣጋዚ ጦር በሻሸመኔ የሚገኘውን ወታደራዊ ካምፕ ለመቆጣጠር በዶዶላ ውስጥ በየመንገዱ በመሯሯጥ ያደረገው ጥረት ወደ ነጻነት ትግሉ ጎራ የተቀላቀሉ የዶዶላ ፖሊሶች ተጋፍጠው ያከሸፉት ሲሆን፡ ፖሊሶቹ 16 ክላሽ ጠመንጃም ለኦሮሞ ህዝብ የነጻነት ትግል ኣበርክተዋል።
ጥቅምት 06 ቀን 2016ዓም
- የወያኔ መንግስት በጦር፣ ፖሊስ፣ ደህንነትና ኣጋዚን ጨምሮ ከታጠቁ ሃይሎቹ እየበረታበት የመጣውን ተቃውሞ ለማክሰም በማለም በምዕራብ ኣርሲ ዞን ቆሬ ወረዳ ውስጥ ውጊያ ቢከፍትም ኪሳራ ተከናንቧል። የኦሮሞ የነጻነት ትግል ሃይል የወያኔን ጦር በማጥቃት 18 ኣጋዚን ሲገድል 7ቱን ኣቁስሎ፣ 14 ክላሽና 6 መትረየስ በመማረክ የጠላትን የስምሪት እቅድ በማክሸፍ ድል ተጉናጽፏል።
- ምስራቅ ሸዋ ዞን ሊበን ጩቃላ ውስጥ በተካሄደ ጠንካራ ውጊያ ደግሞ 32 የኣጋዚ ወታደሮች በኦሮሞ የነጻነት ታጋዮች ተገድለው 18ቱ ቁስለኛ ተደርገዋል። 12 የኣጋዚ ወታደሮች ደግሞ ወደ ኦሮሞ የነጻነት ትግል ተቀላቅለዋል። በዚህ ውጊያ 8 ክላሽ ጠመንጃዎች የተማሪኩ ሲሆን የወያኔ ወታደሮች ሲገለገሉባቸው የነበሩ 7 ተሽከርካሪዎች ወድመዋል። ከታጋዮች 4ቱ ተሰውተው 3 ቆስለዋል።
- በሜታ ሮቢ ውስጥ በተካሄደ ከባድ ውጊያ 11 የኣጋዚ ጦር ኣባላት ሲገደሉ 11 ቆስለው 22 ክላሽ ተማርኳል። 7 የኣጋዚ ወታደሮች ከህዝቡ ጎን ለመሰለፍ በመወሰን ወደ ነጻነት ትግሉ ጎራ ተቀላቅለዋል።
ጥቅምት 07 ቀን 2016ዓም
- የወያኔ መንግስት በኣዋሽ ካምፕ ውስጥ የሚገኘው ጦር ሃይሉ የቀሰቀሰበትን ተቃውሞ ለማክሰም ጥቅምት 7 ቀን 2016ዓም ተጨማሪ ሃይል ወደ ስፍራው በላከበት ወቅት ምስራቅ ሸዋ ዞን ፈንታሌ ወረዳ መተሃራ ከተማ ውስጥ የደፈጣ ጥቃት ተወስዶበት 32 የኣጋዚ ወታደሮች ተገድለው የስርዓቱ ወታደሮች ኣስክሬንም እዚያው እንዲያድር ተደርጓል። ፈንታሌ ወረዳ ውስጥ በህዝቡና ወደ ነጻነት ትግሉ ጎራ በተቀላቀለው ሃይል መካከል በተመሰረተው ቅንጅት ከጠላት ጋር ከባድ ውጊያ በማካሄድ በጠላት ላይ ከፍተኛ ኪሳራ ደርሷል።
- በምስራቅ ኦሮሚያ ኣወዳይ ውስጥ በወያኔ ጦር ውስጥ የሚገኙ የኦሮሞ ብሄርተኞች ጠንካራ ተቃውሞ ኣሳይተዋል። በኣወዳይ ካምፕ የሚገኘው ጦር ሲወጣም በካምፑ ውስጥ የኦነግን ባንዲራ በመስቀል እንደተሰማራ ተገልጿል። ወደ ኦሮሞ ህዝብ የነጻነት ትግል የተቀላቀለው ሃይል የኦሮሞ ህዝብን ለሰቆቃ ሲዳርጉ በነበሩ የወያኔ ሹማምንትና ታማኞች ላይ እርምጃ ወስዷል።
ጥቅምት 08 ቀን 2016ዓም
- በምስራቅ ሸዋ ዞን ቦሰት ወረዳ ውስጥ ጥቅምት 8 ቀን 2016ዓም የወያኔ ጦር ከስርዓቱ ኣገዛዝ ውጪ ተደርገው በህዝቡ ቁጥጥር ስር ያሉ ቀበሌዎችን መልሶ በእጁ ለማስገባት በከፈተው ውጊያ 7 የፌዴራል ታጣቂዎች ተገድለው 3ቱ በመቁሰል 9 ክላሽ ጠመንጃዎች ከተማረኩ በኋላ ኪሳራና ሃፍረት ተከናንቦ ወደኋላ ተመልሷል። ከታጋዮችም ኣንድ ሰው ተሰውቷል።
በፈንታሌ ወረዳ ደግሞ ወደ ነጻነት ትግሉ የተቀላቀለው ሃይል ከህዝቡ ጋር በመሆን በተበጀው ቅንጅትና መመሪያ የወያኔን ጦር ዴቢቲ በሚባል ቦታ ቀድሞ በማጥቃት 38 ኣጋዚን ገድሎ 24ቱን በማቁሰል በጠላት ላይ ድል ተጎናጽፏል። - በደቡብ-ምዕራብ ሸዋ ዞን ወሊሶ ውስጥ በተሰነዘረ ጥቃት ደግሞ ከወያኔ ጦር 3 ኣዛዦች እና 5 የጦር ሃይሉ ኣባላት በወታደራዊ ካምፑ ውስጥ ተገድለዋል።
ጥቅምት 09 ቀን 2016ዓም
- ለወያኔ መንግስት መሳሪያ ኣንግተው ስርዓቱን የሚያገለግሉ የኦሮሞ ዜጎች የያዙትን መሳሪያ ኣፈሙዝ ህዝባቸውን እየፈጀ ወዳለው ጠላት እንዲመልሱ ሲሰራ በነበረው ስራ ከጦር ሃይሉ ወደ ኦሮሞ ህዝብ የነጻነት ትግል ጎራ የተቀላቀሉት፡ በኣወዳይ ውስጥ ያነገቡትን መሳሪያ ወደ ጠላት በማዞር በወሰዱት እርምጃ ሻለቃ ኣጽበሃ ኣስገዶም የተባለውን ከፍተኛ የወያኔ መኮንንና 17 የኣጋዚ ወታደሮችን በመግደል ኣኩሪ ድልና ታሪክ ኣስመዝግበዋል። ከዚህም በተጨማሪ ከኣጋዚ ጦር ወደ ነጻነት ትግሉ ጎራ የገቡ ብሄርተኞች 7 ክላሽ ጠመንጃ ለህዝቡ በማበርከትም ያላቸውን ወገንተኝነት ኣሳይተዋል።በዚሁ ዕለት ለወረራ ተግባር ወደ ምስራቅ ኦሮሚያ ጭሮ፡ ሂርና የተሰማራው የወያኔ ጦር በተወሰደበት እርምጃ ተልዕኮው ከሽፏል፥ ኣዋሽ በጥበቃ ላይ ከሚገኘው የወያኔ ጦር መካከልም በ2ቱ ላይ ጥቃት ተሰንዝሯል።
ከጥቅምት 3 እስከ 9 ቀን 2016ዓም በተወሰዱት በነዚህ እርምጃዎችም ሻለቃ ኣጽበሃ ኣስገዶምን ጨምሮ 4 የወያኔ የጦር ኣዛዦችና 211 የስርዓቱ ታማኝ የኣጋዚ ወታደሮች ሲገድሉ፣ 62ቱ ደግሞ ቀስለዋል። ከዚህም ሌላ 493 ክላሽ ጠመንጃዎች፣ 6 መትረየስ፣ 4 ኤፍ.ዋን. ቦምብና 267 ጥይቶች ከጠላት ተማርከዋል፥ የወያኔ ወታደሮች ሲጠቀሙበት የነበሩ 7 ተሽከርካሪዎችም ጋይተዋል። በሌላ በኩል ደግሞ በወያኔ የኣጋዚ ጦር ሃይልና ፖሊሲ ውስጥ የነበሩ 116 የኦሮሞ ልጆች በኦነግ ወደሚመራው የኦሮሞ ህዝብ የነጻነት ትግል ጎራ በመቀላቀል ፍልሚያውን በማፋፋም ላይ ይገኛሉ።
ባጠቃላይ በወያኔ ጦር፣ ፖሊስ፣ ኣጋዚና ሚሊሻ ውስጥ ያሉና በተለያየ መልኩ በጠላት እንዲታጠቁ የተደረጉ የኦሮሞ ልጆች ሲፈጠር በነበረው ግንኙነትና ቅንጅት ወደ ኦሮሞ ህዝብ የነጻነት ትግል ጎራ በመቀላቀል በወያኔ መንግስት ላይ ኣኩሪ እርምጃ በመውሰድ ላይ ናቸው። ተመሳሳይ እርምጃዎች በምዕራብ ኦሮሚያ በኩልም እንዲሁ ቢኖሩም በመገናኛ ችግር ምክንያት ለጊዜው በስፋት ለመግለጽ ኣስቸጋሪ መሆኑንም ከዚሁ ጋር እናሳስባለን።
ጥሪ:
በሃገሪቷ የመከላከያ ክፍለ ጦሮች፣ የፌዴራል ፖሊስ፣ የኦሮምያ ፖሊስ፣ ኣጋዚ፣ ደህንነትና የቀበሌ ሚሊሻ በመሆን እንዲሁም በተለያየ መልኩ ታጥቃቸሁ ወያኔን በማገልገል ላይ ያላችሁ የኦሮሞ ዜጎች ወደ ኦሮሞ ህዝብ የነጻነት ትግል ጎራ በመቀላቀል ጠላት በህዝባችሁ ላይ እያደረሰ ያለውን ኣደጋ ለመከላከልና ለጭቆና ፍጻሜ ለማበጀት ለቀረበላችሁ ጥሪ እየሰጣችሁ ላላችሁት ምላሽ ኦነግ በኦሮሞ ህዝብ ስም ምስጋናውን ለመግለጽ ይወዳል። ምስጋናችሁም የኦሮሞ ህዝብ ነጻነትና የኦሮሚያ ሉዓላዊነት ነው!
በሌሎችም ኣካባቢዎች በሚገኙ ከላይ የተጠቀሱት የጦርና የደህንነት መዋቅር ውስጥ ያላችሁ ሁሉም በኦነግ ወደሚመራው የነጻነት ትግል የተቀላቀሉት ወንድሞቻችሁ የወሰዱትን ኣኩሪና ታሪካዊ ውሳኔ በመከተል የኦሮሞን ህዝብ በጅምላ እየፈጀ ያለውንና በኣስቸኳይ ጊዜ ኣዋጅ ስም ለበለጠ የዘር ፍጅት ላነጣጠረብን ኣምባገነን መንግስት ፍጻሜ ለማበጀት ከህዝባችሁ ጎን እንድትቆሙና ወደ ነጻነት ትግሉ ጎራ እንድትቀላቀሉ ወቅቱ የሚጠይቀውን ይህንን የመጨረሻ ጥሪ እናስተላልፍላችኋለን። የኦሮሞ ህዝብ ከያለበት ሁሉ በላቀ ኣንድነትና ቆራጥነት በመንቀሳቀስ ጠላት ያወጀብንን እልቂት ለመመከት እንዲሁም በኦሮሞ ልጆች መስዋዕትነት ከደጃፋችን ለደረሰው ነጻነት ፍጻሜ በማበጀት ለመጎናጸፍ እንድንንቀሳቀስ ጥሪ እናቀርባለን።
በመጨረሻም በሃገሪቷ የመከላከያ ክፍለ ጦሮች፣ የፌዴራል ፖሊስ፣ የኦሮምያ ፖሊስ፣ ኣጋዚ፣ ደህንነትና የቀበሌ ሚሊሻ በመሆን እንዲሁም በተለያየ መልኩ ታጥቃቸሁ ወያኔን በማገልገል ላይ ያላችሁ የሃገሪቷ ብሄር ብሄረሰብ ተወላጆች ሁሉ የኦሮሞ ህዝብ የነጻነት ትግል የሚያነጣጥረው የኦሮሞን ህዝብ ደም እያፈሰሰ ባለው የወያኔ/ሕወሃት መንግስት ላይ እንጂ በናንተ የተጨቋኝ ብሄር ልጆች ላይም ይሁን በማናቸውም ግለሰብ ኣልያም ቡድን ላይ ኣለመሆኑም ተገንዝባችሁ ከስርዓቱ ጋር ተሰልፋችሁ የኦሮሞን ህዝብ ደም ከማፍሰስ እንድትቆጠቡ። ይህን ባለማድረግ የኦሮሞን ህዝብ ደም ማፍሰሱን ለመቀጠል መወሰን በህግም ይሁን በታሪክ የሚያስጠይቅ ከመሆኑም ባሻገር ለሚወሰድባችሁ የቅጣት እርምጃ ተጠያቂው እራሳችሁ መሆናችሁን ኣጥብቀን እናሳስባለን።
በወያኔ መንግስት የዘር-ፍጅት ተግባር እየተፈጸመበት ላለው የኦሮሞ ህዝብና ባጠቃላይ የከፋ ጭቆና ስር ላሉ የሃገሪቷ ህዝቦች ያላችሁን ኣጋርነትና ወገንተኝነት በማሳየት ጸረ-ህዝብ የሆነውን የሕወሃት/ኢህኣዴግ ስርዓት በማስወገድ ፍትህ፣ ዲሞክራሲ፣ ነጻነትና ሰብዓዊ መብት በሃገሪቷ ውስጥ ላሉ ሁሉም ህዝቦች እውን እንዲሆን ድርሻችሁን እንድታበረክቱ ኦነግ በድጋሚ መልዕክቱን ያስተላልፋል።
ድል ለኦሮሞ ህዝብ!
የኦሮሞ ነጻነት ግንባር
ጥቅምት 12 ቀን 2016ዓም