Quantcast
Channel: Oromia
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1918

#OromoRevolution, Oct 13, 2016

$
0
0

#OromoRevolution Galatoomaa naatoon Orumummaa daangaa hin qabdu!!
“Uumanni oromoo boorana kan lammiin isaani Keeniyaa ta’e kaleessa bakka duulli na filadhaa geegefamutti deegarsa ummata Oromoo kan biyya Abbaa keennaa Oromiyaa irratti falmachaa du’a jirani qabnu tokkummaan argisiifna jechuudhaan mallatto diddaa kan Oromiyaa keessatti argisiifamaa jiru argisiisani jiran. Ummanni kun yeroo Miseensonni paarlaamaa fi County represents duula na filadhaaf uumata dirreetti baasan irratti deegarsi isaan obbolootaa fi lammiilee isaaniif qaban kun kan agarsiifame. Lammiile Oromoo Booranaa fi Ormaa hedduun kan biyya keeniyaa keessa qubatan yeroo dheengadda dargaggooni Oromoo kan osoo Ayyaana Irreechaa deemanuu Embaasiin Etophiyaa shira itti xaxuun qabsiise Birmannaan isaan baqattoota Oromootiif godhan heddu nama boonsa
HORAA BULAA !!!! jennaan” Via  
Mirga Namummaa

14642340_318977651812654_6887022111926898151_n


#OromoRevolution AKEEKKACHIISA: Wayyaaneen Abbaa Gadaa Tuulamaa kan duraanii Laggasaa Nagawoofi nama Silashii Dhaabaa jedhamutti fayyadamuun Gumii Abbootii Gadaa Oromiyaa diiguun kan biraa bixxiluuf socho’aa jirti. Akkuma yaadatamu jarri lamaan kun gaafa Irreechaa Abbootiin Gadaa sirnaan yeroo ammaa aangorra jiran hamma waraanni bahutti ummatatti hin baanu jedhanii yeroo didanitti, Esheetuu dasee I/A Pirazidantii Oromiyaa qabatanii waltajjiitti bahuun jeequmsa uumuun ni yaadatama. Har’as Finfinnee dhaquun hogganoota Kommand Postii waliin wal arganii akkaata gumiin jiru itti diigamu irratti mari’atanii jiran. Abbootiin Gadaa yeroo ammaa Oromiyaa guututti angoorra jiran hundi mootummaa akka mormaniifi mormii deemaa jiru keessaa harka qaban jechuun yakkanii jiran. Kanaafuu takkaa Gumii kana diiguu ykn Abbootii Gadaa kana angorraa ari’un dirqama jedhanii jiru. Kana gamaan gahuufis baajtni akka ramadamuuf waadaan galameefi jira.

Laggasaa Nagaawoo fi Silashii Dhaabaa fira yoo qabaatan booda walkomachuurra ammumaan haa gorfatan jedhu Qeerroon naannawa Bishooftuu.
Jawar Mohammed irraa


#OromoRevolution
Faranjiitu dhufaa jiraa kanaaf kararraa maqan.
“yuuniversiitii haramayaatti loltonni agaazii(federalaa) akka jiranitti kaampii Isaanii lakkisanii bahanii jiru.bakka isaanii poolisoonni oromiyaa qabataniiru!!! amma poolisii oromiyaa qofatu mooraa dhuunfatee jira!!!” Via Saphaloo Kadiir


#OromoStruggle-Gammachuu Camadaa dhaloota Wallagga bahaa anaa Gobbuu Sayyoo ti. Yeroo ammaa kan inni jiraatu magaalaa Shashammannee ti; hojetaa Awaash Bankii kan damee Shashammannee ti.
Gammachuun gaafa Irreechaa 2/10/16 qabamee Ziwwaayitti guyyaa shaniif erga hidhamee booda gad lakkifame. Ammas deebisanii gafa 11/10/16 lafa hojii isaatii waamanii eega mana isaa geessanii sakata’ani booda waan inni qabu hunda fudhachuun namoota baay’ee waliin mana hidhaa Shashammanneetti ukkafamanii jiru.  Via Dhábasá Gemelal


#OromoStruggle-Godina Shawaa kibba lixa magaalaa Walisootti Qeerroon haleellaa bppmbii Agaazii irrattii fudhachaaj iru.Haleellaa kanaan bakka isaan walitti qabamanitti, mana barumsa sadarka lamaffa D/ Garasu Dhukii cina nannoo #kondominiyemitti tarkaanfii bombiin fudhatameen Agazonni #kudha lama/ 12 midhaa guddaan irraa qaqabe jira. Via Dhábasá Gemelal


#OromoRevolution Godina Arsii Lixaa magaala heerarootti guyyaa muraasa dura :’ duguugaan sanyii irratti geggeefameen yoo xiqqaate lubbuun nama 23 oli kan woreegamte yemmuu ‘ ta’u ammas:_ jaalatama fi kabajamaa manguddoo biyyaatii fi abba qabeenya magaala keenya sh/XAHIR QAASIM FISHAA kan jedhamu, halkan edaa agaaziidhan mana isaanitii fudhatan, hanga ammaatti eessa akka geessan hin beeknu, Via Mohammed Wado

14680724_699133730235397_5338986882525718270_n



Gurra ittiin olola wayyaanee dhaggeeffannu hin qabnu!
—————————————————————————–

14680635_1145370042222348_7301414619142031381_n(SBO/VOL – Onkoloolessa 13, 2016) Gaaffiin ummata Oromoo gaaffii paarlamaa wayyaanee keessa namootni 5 ykn 10 ta’anii fuula wayyaanee bareechuu miti. Gaaffiin jiru gaaffii bu’uuraa ti; gaaffii mirga abbaa biyyummaa ti; gaaffii bilisummaa ti; gaaffii mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu ti; gaaffii kabajamuu mirga namummaa fi dimokraasii ti.

Seera keenya irra deebinee sakattaanee akkaataa itti mormitootni itti paarlamaa keessa seenuu danda’an irratti ni hojjenna jechuun kan mootummaan wayyaanee ofiifuu hundeen isaa burkutaawee kufuuf daddaaqamaa jiru gidduu kana lallabaa jiru madaala kamiinuu fudhatamas, bakkas hin qabu.

Mootummaan wayyaanee akka mootummaatti amma hin jiru. Oromiyaa keessatti ammoo tasumaa sirni mootummaa hin jiru. Kan duraa irraa addatti bifa walii galaan jechuutu danda’amaa, caasaan mootummichi diriirfate erga diigamee fi ummata waliin dugdaa fi garaa erga ta’ee tureera. Amma kan jiru sirna mootummaa osoo hin taane, bulchiinsa waraanaatu jira. Kana ammoo isaanuu kan Oromiyaa bulchiinsa waraanaa jala galchuun afaan qawween ummata bulchaa jiran irra deebiin labsii yeroo hatattamaa labsaniin mirkaneessan.

Sanas ta’e kanas warraaqsa ummata Oromoo FXG fi diddaa ummatoota empaayerattii keessaan mootummaan wayyaanee sirni isaa cicciramee guyyaa kufaatii isaa qofa eeggataa jira. Sirni kufuuf daddaaqamu kun kabeebsaa fakkeessaa muddamsuu irraa nan godha jedhee hafuura baafannaa isa dhumaan dubbataa jiru kana kan dhaga’u waan jiru hin fakkaatu. Wayyaanee/TPLFf waan hundi dhumateera; sa’atiin isaa isa maayii irra jira malee, yeroon itti sirna cunqursaa fi saaminsaa suphaa fi kabeebsaan ummatoota gowwaamsuuf yaalu hin jiru.

Keessumaa ummatni Oromoo kan sirna abbaa irree wayyaaneen eenyuun iyyuu caalaatti miidhame, erga waggaa tokkoo as ammoo gochi shanyi duguuggaa bifa adda ta’een irratti raawwatamaa jiru karaa fedheenuu ta’u lallaba wayyaanee waggoota 25 darbaniif lallabamaa ba’e gurra ittiin dhaggeeffatu hin qabu. Wayyaanee fi Oromoon warra gumaa, kan walitti araaramuu hin dandeenye. Harki wayyaanee dhiiga ijoollee Oromoon faalameera. Falli jiru wayyaane karaa irraa kaasuu qofa.

Ummatni Oromoo, sabaa fi sablammootni cunqurfamootni biyyattii mootummaa abbaa irree, saamtuu fi cunqursituu, gabroomfattuu fi goolessituu wayyaanee of irraa darbuuf, qarqar bool’aa irraan gahanii jiru. Addatti ummatni Oromoo morma sirna cunqursaa kana hudhee qabuun guyyaa awwaalcha isaa haalaan shaffisiisaa jira. Mootummaa goolessituu bifa kanaan hudhee qabee jiru waan deebisee lubbuu itti horoofis hin qabu. Furmaatni haleellaa gama hundaa jabeessanii sirna tortoree fi kufuuf daddaaqamaa jiru kana guyyaa isaa shaffisuu qofa. Malee isa itti aanutti paarlamaa keessa isin galchina, waliin haasofna, bu’aa Oromiyaan Finfinnee irraa argattu irratti ni hojjennaa fi boordii filannoo wayyeessinaan kan diinni wacabbaru dhaggeeffachuu miti. Waggoota 25 darbaniif kan waa irraa hin argamin amma waan irraa eeggatamu tasumaa hin jiru. Iyyi isaaniis kan dhugaa osoo hin taane, tooftaa ittiin sirna isaanii awwaalamaa jiru awwaalaa baasanii mootummaa irra of tursuun aangoo isaanii gaaffii jala galtee jirtu deebisanii jabeeffachuu ti.

Lallabbii naasuun guutame kana kan fides warraaqsuma keenya waan ta’eef, mootummaa wayyaanee isa dhumaaf of irraa fonqolchuuf qabsoo jabeessuu malee furmaatni hin jiru. Wayyaanee irraa waan addaa eegamu tokkollee hin jiru.


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1918