Quantcast
Channel: Oromia
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1918

#OromoProtest Daily, April 7, 2016 (updated)

$
0
0


Ebla 7,2016, Naannolee Qobboo fi Waldayaa akkasumas Gambeelaas dabalatee sochiin fincilaa jabaatee akka jirutu Qeeyroon gabaasee jira. Dabalataan toora Qobboo fi waldiyaatti transiformariin ibsaa gubatee bade ji’a tokko ol kan lakkaawe uummanni ifa dhabee rakkina kanan naannoo kanatti fincilli uumataan ka’eejira.

‪Ebla 7,2016 ,Naannoo Kibbaa godina Saganti magaala Konsootti Fincilli ka’ee finiinuu gabaasuun keenya ni yaadatama. Manneen barnootaas cufamanii hamma ammaatti. Humneen nageenyaa wayyaanee naannicha buufatee jiru baajatni mootummaa waan hanqataa dhufeef naannicha irraa waraanni buufatee jiru fagaatee hojii eegumsaa dhaabaa akka jiru odeessi Qeerroo naannichaa ibsa.


Ebla 7,2016 Yuuniversitii Bahar Daar mooraa Yibaabitti torban tokko dura barattootni rakkoolee bishaan dhugaatii fi qulqullina nyaataan wal qabateef gaaffii dhiyeessuun nyaata lagatanii turan. Barattootni hanga har’aatti diddaa nyaata lagachuun fincilatti fufanii akka jiranis Qeeyroon gabaasee jira. Wayyaaneen barattoota Oromoo irratti shira xaxuu akkuma beekamu moorawwan Yuuniversiti naannoo Amaarattis miidhaa barattoota irratti gaggeessuuf karaa naataa fi bishaan qulquulluu dhabsiisuun daran jabaatee jira,Mooraa Yuuniversitii Dabra Taabor keessatti dararamuun ni jira.


#‎Oromoprotests‬ Oromiyaa Godinaalee Adda Addaa fi Manneen Barnootaa Keessatti FXG Jabaatee Itti Fufee Jira. Oromiyaa Ilubbaabooritti Eebla 7, 2016 eegalee barattoonni sad.2ffaa fi qophaa’inaa algee Mattuu, Beddellee’ barnoota hin barannu, hanga warri hidhaman hiikamnaitti qormaata biyyoolessaa hin qoramnu jechuun FXG kaasan addaan osoo hin kutin itti fufanii jiru.
Godina Shaggar Bahaa Bishooftuuttis barattoonni sad.2ffaa fi sad.1ffaa liiban Cuqqaalaa FXG uumanni kaaseen humni waraana Itiyoophiyaa tarkaanfii uummata irratti fudhatuuf yaalus uummanni ofirraa deebisee jira.
Naannoo Finfinnee dukamitti Eebla 5,2016 barattoonni qophaa’ina dhiiqa ergisuuf heyyamasaanii kennanii hojjettoonni fayyaa yeroo gara mooraa mana barumsaa seenan dhiigi keenya osoo iddoo hundaatti dhangala’uu akkamiin dhiiga ergisaa jedhamna jechuun FXG kaasanii tarkaanfii lukkuulee Wayyaanee irrattis fudhatamee jira.
Harargee bahaa aanaa Faadisitti Ebla 3 ,2016 eegalee jiraattonni bulchaan aanichaa nuuf haa bu’u jechuun finciili uummatan itti fufaa waan jiraniif qaamni ilaallatu yoo uummata hin haasofsiifne rakkoo gudaan kan uumamuudha jechuun ergamtootni fi kaabinoonni aanaa hedduun
raafama guddaa keessa seenanii jiru.
Itti fufudhaan Yuunivarsiitii Haramaayaatti barataan osoo mooraa hin seeniin poolisii tahee hojjetaa ture 1 yeroo ammaa odeeffannoo barattoota oromoo mootummaa Wayyaaneef dabarsee kennaa waan jiruuf suuraa fi seenaa gabaasa waliin weebsaayitii’oromo one love’ jedhurratti gadhiisuun tarkaanfiin irratti fudhatamuu qaba kan jedhu dabarsuun poolisoonni mooricha guutummaatti mooraa sodaa kanaan gadhiisani akka jiran Qeerroon gabaase. Qeerroonis mooricha dhunfate toohatee jira wayita kana barumsi hin jiru FXG malee jedhu.
Yuunivarsiitii walqixxeetti barattoonni Oromoo dhaaba ABO deeggaran ; kanaan dura garee disipiliiniin fi koomaandi poostii moorichaan gorfamaniiru jechuun barattoonni 9 guutumman guutuuttu ariayamanii,17 immoo adabbii waggaa 2 akkasumas 9 immoo akeekkachiisi dhumaa akka itti kenname eebla 5,2016 ibsame. Haaluma kanaan mooraa kanatti fxg ka’ee finiinaa jiraachuun gabaafame.


Dhaamsi kun Baddannoo irraa na dhaqqabee
‪#‎OromoProtests‬ Godina Harargee bahaa Aanaa Baddannoo keessatti bulchinsi aanichaa kan humna agaaziin durfamu gargaarsa milishootaa fi agaazii fidaa jechuudhaan ummata huraarsuu itti fufee jira. Haaluma kanaan araddoota baadiyyaa qabnu 42’n keessatti namni jiraatu hundinuu gargaarsa maallaqaa fi midhaan nyaataa milishootaaf qophaawu akkasumas bajatni dhumee waan jiruuf maallaqa agaaziin jiraachifnu ummatarraa walitti sassaabaa jedhanii baadiyyaatti nu bobbaasanii jiran. Nuti hojjattoonni dirqama nutti kennanii waan nu bobbaasaniif ummata bira yeroo deemnutti ummanni beela hamaadhaan rakkachaa jiru. Ummanni harki hedduun ammaas kan abbaa warraa fi dargaggeeyyii gara Xawallaay biraa kuchiisanii fi nama gargaarullee hin qabneedha

Ni dhiifna yoo jenne agaaziin nu hin dhiiftu, ummata irraa waan fuunu dhabnee jirra. Nuufii ummannis rakkoo hamaa keessa jirra

Ukkaamsaa hangana hin jedhamne keessa jirra. Dhaamsa kana gurra ummataan nuuf gahaa
Falli biraa hin jiruu qabsoo finiinsuutu furmaata jenna
Hojjattoota Aanaa Baddannoo


‪#‎OromoProtess‬ a person identified as Beyan Abas was shot and wounded today following a protest in Hirna town, West Hararge. The people protested and disrupted celebration of OPDO’s 26th founding anniversary. Similar protest have been taking place all across the province in towns and rural areas of Xullo, Dobba, Daro Labu, Miesso and Burqa Tinitu districts.
=========
Mormii guyyaa hardha g/h/l aanaa xuulloo magaalaa Hirnaatti godhamerrati namooni hedduun miidhamani akka jiranii fi kanis hidhamani akka jiran beekamee jira. Warra rasaasaan rukutame keessaa tokko Bayaan Abbaa kan jedhamu yoo ta’u yeroo ammaa kana hospitaal Ciroo keessatti waldhaanamaa jira. Mormiin kun ayyaana OPDO kan 26 hin feenu jechuun kan ka’e yoo ta’u aanaalee godinachaa hedduu keessatti godhamaa jira. Jiraattonni anaanalee Xuulloo, Mi’eessoo, Daaro Labuu, Doobbaafi Burqaa Tindhitu keessatti mormiin akka jiru gabaasni nu gahe ni garsiisa. Waan deemaa jiru qorannee isin beeksifna.
12985509_465604826972944_7889517151107388264_n


“Guyyaa hardhaa Bitootessa 7, 2016 kantiibaa magaalaa Bishooftuu Dr.Dadhii Wodajoo kan jedhamu M/B Qophaa’ina Bishooftuu daa’immaan umrii waggaa 18 gadii dhagaa poolisoonnii fi ergamtoonni isaanii darbatanii ni jeeqxan jedhanii barattoota OROMOO ittin adabuuf qindeessanii qiyyeeffatan jalaa osoo dheessan maaf dheessitan jechuun itti duulanii erga qabatanii booda tontommoo fi dhitichoon afaan keessa tumuun ilkaan irraa harcaasuun dhiiga isaanii dhangalaasaa humna waraanan fudhatanii achi buuteen isaanii hin beekamne.Hojiifi gaheen Bulchiinsa magaalaa Bishooftuu kana fakkaata.Bilisummaan hin haftu,dhiigni ilmaan haadha hiyyeessas lafatti hinbadu,yoo lubbuun dandamatan,gaafa bilisooman daa’immaan ilkaan irraa harca’e kun seeraan gaafachuun waan hin oolle.Gurra ummataan nuuf gayaa.”


#‎OromoProtests‬ Qerroo Godina Harargee lixaa Aanaa Ciroo Araddaa Waaccuu Gileey irraa motummaan abbaa irree ayyaana ‪#‎DhDUO‬ sababeeffachuun araddaa waaccuu Gileey iratti bobahuudhaan ummata baasanni shuuroo dalagaa keeysuummootaatu dhufaa jachuudhaan ummata doorsisaa jiran. Yeroo isaan daasa dhaabudhaan ummata walitti qabani sobuuf deemab qeerroon araddaa Waaccuu shuroo isaan nyaachuf afaan bananii eeggataa jiran iraa ariyanii jiran. Jarattiinis amma baareydee humna waraanaa dabalachuun ijoolle barbaadaa akka jiranii fi maati jolleedha mana hidhaati guuranni jollee teeysaan fidaa jadhanii ciinqaa jiran gabaasni tooraraa nu gahee ibseera
Jabaadhaa qeerroo Waaccuu !!!!!!!


#‎OromoProtests‬ 7/4/2016 Mormii guyyaa arraa magaalaa Hirnaa aanaa Xuullootti godhameen walqabatee namni hedduum cafaqamaa jira kan xiyyitiin dhahamees ni jira mucaan dhahame maqaan isaa Bayaan Abbaas Usmaan jadhama gara Cirootti dabarfamee jira. Namni Kadiir jadhamu kan kantiibaa ture kan amma dura yaa’iin takkaa hin kaane jadhe VOA irratti kijibee sun arraas joollee xixiqqoo tana akka malee tumsiisaa jira. Akka nama dhiiraa wajjiin qabsoo walqabeetti ijoollee xixiqqoo san tumsiisaa jira Namni hedduuniis hidhamaa jiran
12923141_213113582399062_6877464282070715949_n


Namootni Godinaalee Oromiyaa kaanirraa Moyyaalee Deeman Poolisiin Magaalattii Sababa Malee Nu Hidhaa Jira Jechuun Komatan


NAAYROOBII (VOA Afaan Oromoo) — Dhalattoonni Oromoo godinaalee Oromiyaa biroorraa gara Magaala Mooyyalee dhimma dhuunfaa isaaniif deeman Poolisiin Mootummaa Naannoo Somaalee seeraan ala qabee nu hidhaa jiraa jechuudhaan himatan. Dhalataan Oromoo poolisii mootummaa naannoo somaaleen ji’a lamaa ol hidhame jedhu tokko akka Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf himettii, poolisoonni kuni utuun waraqaa eenyummaakoo ibsu isaanitti agarsiisuu humnaan na fuudhanii mana hidhaatti na darbanii jedha. Waa’ee hidhamuu namoota kanaa Raadiyoon Sagalee Ameerikaa bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa gartokkee magaalattii bulchu gaafatus, bulchiinsi Oromiyaa magaala Moyyaalee garuu dhimma kana ilaalchisee yaada kennuu hin dandeenyu jedhan.
28FF1035-30F1-4F7B-88AF-741289F339D3_cx0_cy11_cw0_w1000_r1_s_r1
Gabbasnni Galmoo Daawit qindeesse kunooti.

Yeroo dhiyoodhaa as kana Godinaalee Oromiyaa kaanirraa gara Magaala Moyyaalee dhimma dhuunfaa isaaniitiif namootni dhufan humni poolisii Magaala Moyyaalee sababa malee nu hidhaa jiraa jechuun komii himatan. Akkas jechaan ka himatanis, baayyeen isaanii hojii humnaa barbaacha, kaanimmoo dhimma dhuunfaa mataa isaaniif jecha gara magaala Moyyaalee kan deemaniidha. Namootni kunis akka Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf himanittii, kan hidhaa nurraan gayaa jiru qaama magaalattii gartokkee bulchu mootummaa naannoo somaaleetii jedhu. Dargaggoon Godina Shawaa Lixaatii hojii humnaa hojjedhee bulu barbaacha Moyyaalee dhufe jedhu akka jedhuttii waraqaa eenyummaakoo himu utuun poolisoota na gaafatanitti agarsiisuu isaan garuu sana dhiisanii ji’a lama guutuu akkasumaan na hidhanii jedha.

Inni biroommoo barataa koolleejjii Godina Arsii Lixaarraa gara Moyyaalee osoo bilbila bitachuuf deemuu qabamee bultii 15 hidhamee bahe jedhuudha. Innis magaala moyyaalee naannoo quxxebaa jedhamuttii godinaalee Oromiyaa kaanirraa dargaggoonni dhufan hidhamanii jiraachuu isaanii dubbata.

Barataan kunis dabaluudhaan turtii bultii 15 booda mattaha yookiin gubboo kennee akka bahe hima. Garuu hiriyaan isaa isa waliin qabame kan maqaan isaa fayisaa yaadaa jedhamu sababa sirbi afaan oromoo bilbila isaa keessatti argameef amma yoonaa mana hidhaa naannoo quxxebaa keessa akka jiru dubbata. Bakki mana hidhaa kunis asxaa ykn alaabaa akka hin qabnee mana dhuunfaa akka tahe darbees namni yoo gaaffiif deemellee akka eegdonni hidhamtoota kana gaafachuuf nama hin seensifne dargaggoonni hidhamanii bahani kuni Raadiyoonii Sagalee Ameerikaaf himaniiru.

Dhimmi kuni bakka raawwatamaa jira jedhame, bulchiinsa naannoo Somaalee magalaa Moyyaalee akka yaada nuuf kennaniif irra deddeebiin gaafannus qaama bulchiinsaas tahe qaama poolisii keessaa nama yaada nuuf kennu argachuu hin dandeenye.

Gama birootiin gartokkee magaalaa Moyyaale kan bulchu bulchiinsa naannoo Oromiyaa magaalattiitiif waa’ee hidhamuu dargaggoota kanaa yoo gaafannu yaada isiniif kennuu hin dandeenyuu jedhan.


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1918