Quantcast
Channel: Oromia
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1918

#OromoProtests Daily, April 9, 2016

$
0
0

Oromo Voice Radio, April 9, 2016



Ummani keenya halkanii fi guyyaa bifa kanaan mirga wayaneen biyyati irra mulqitee yeroo lamafaaf UN irraa mulquuf demtuu mormachaa jira mee wan dandesaniin bira dhabadha hawanii fi da.imman heddun wan midhamaa jiraniif kan dandessan adunyatii nuuf iyyadhaa
12923195_991186300969364_5659210038319198819_n
PAFD Meeting in frankfurt 09.04.2016
12932957_490946894440561_1876554769620299192_n
‪#‎OromoProtests‬-(09.04.2016, ‪#‎OromoFreedom‬, Oromia) Kanneen diinaaf lukkee taánii lammii Oromoo miidhanii fi miidhaa irraan geessisan irratti tarkaanfiin fudhatamu itti fufa. Qeerroon magaala Arsii Nageelee keessaas nama kanaan dura akka diina waliin hin dhaabbanee gorsa keennaafii turan garuu immoo dhaga’uu dide irratti tarkaanfii madaalawaa fudhataniiru.
Akka kanaan qabeenya obbo Tasfaayee Dilboo tilmaaman qarshii kuma shantama ol kan baasu naannoo hoteeelaa isa agaazi itti qalabu irrati tarikanfi fudhatame.
Agaaziin immoo ijaa bahachuuf nama nagaa hedduu hiitee gidirsaa jirti; akkasumas nama maqaan isaa Taariku jedhamu konkolaanchinsaa Shashamanee fi Kuyyaraa giduutti rasaasan ajjeeeftee jirti. Qeerroon kanas ijaa akka bahu beeksiseera.
‪#‎OromoProtests‬-(09.04.2016, ‪#‎FreeOromia‬, Oromia) Gaafa 30/7/2008 godina shawaa kibba lixaa Aanaa Walisoo ganda Dirree Dullattiti jedhamutti bulchaa ganda sana kan ta’ee humnan gibira kanfala jechuu humna hidhate qabachuun Uummata dorsiisaa ture. Uummannis gibira hin kaafalu jechuun didaa. Isaan booda qabeenya isaa mana babuura irratti qaama hin beekamnen halkan keessa tarkaaffii fudhatamen qabeenyi bulcha Sanaa, manni babuura isaa, barbaadefame jira.
‪#‎OromoProtests‬-(09.04.2016, ‪#‎OromoFreedom‬, Oromia) Magaalaa Bishooftuutti ergamtoonni Woyyaanee adda dureen humna waraana diinaa wajjiin hiriiranii ilmaan Oromoo haqaaf falmatan itti duuluun Oromummaa isaanii qofaaf yakkanii gocha sukkaneessaa irratti raawwatanii raawwachisaa jiran isaan kanniin:
1.Daadhii Wodajoo_Kantiibaa
2.Darajjee Hayilegabrel_Itti gaafatamaa Inveestimeentii
3.Tasfaayee Abbabaa_Itti gaafatamaa Komunikeeshinii
4.Assagid Tafarraa_Itti gaafatamaa siyaasaa
5.Kabbadaa Gonfaa_Itti gaafatamaa qulqullinnaaf midhaagina magaalaa
6.Mulaatuu Hordofaa_Kumaandara
7.Shimallis Qannoo_Poolisii/Inspeektara/ dha.
Qeerroon akkas jedha, “gochaa diinummaa irraa dhaababdhaa! Booda akka nu h

‪#‎OromoProtests‬ Yesterday April 8, 2016 Mendi town police officer has claimed that no one has been beaten. But this is Ayantu Nagasa who has been beaten brutally by security forces during protests against the 26th OPDO aniversary. Thank you VOA Afaan Oromo for being the voice of the voiceless and keep contacting the victims. Trust no! OPDO officials.
~~~~~~~~~~
Kun Ayyantuu Nagaasaa kan kaleessa mormii kabaja ayyana OPDO kan magaala Mandii irraatti humnoota tikaa wayyaaneetiin reebamteedha.
rukutaa


Dabareenkees Fagoo Miti!
Yaa abbaakoo abbaa karraa
Otuu hinta’iin akka har’aa
Loon horsiistee dheechifattaa
Sanyii qottee facaafattaa
Calleessitee gumbii guuttee
Ofii quuftee ollaaf hirtee
Alagaanuu keetiin quufuu
Taatee turteem Addunyaafuu
Garuu maal godhu Abbaa kiyyaa
Barii argitee dhabdeem guyyaa
Mana guutuutti lafaa kaatee
Guyyaa keessa dhabaa taatee
Dhagootumaaf dhagaa baattee
Gateettiinkee si luqqaatee
Yaa abbaakoo abbaa qe’ee
Oolmaan kankee kana ta’ee
Hundaaf taatee haara galfii
Kan homaafuu hinqabne tuffii
Beeladaafuu mana dhaabda
Beeneensaafuu naasuu qabda
Sareen keetuu raqa hinnyaannee
Harreen keetuu dhagaa hinbaannee
Gaarummaankee sumaan miitee
Tolli lolaan siif deebitee
Mana keetii gad sibaasee
Dhagaan dhagaa si baachisee
Yaa Abbaakoo garraamiikoo
Dhiyoo jiraam obsi rakkoo
Diina guyyaan sitti dhuftee
Darbuuf jirta morma kuttee
Yaa abbaakoo yaa mararaa
Abdii hinkutiin maaloo adaraa
Dhufaa jira abbaan murtii
Dabareenkees fagoo miti!
(Abbaa Kiyyaaf)
ANI ANUMA!
12985586_466155410251219_8089390428071808839_n


somalia


WBO FI QEERROODHAA KAN NUU BILISOOMSUU
=============
~Gaaffiin saba bal’aa qeerroon eegalamtee
~Tokkummaan warraaquun yerootti mul’atee
~Barataan baratuu barnootasaa dhaabee
~Bilisummaa fiduuf gaara hedduu yaabee
~Diina diina caaluu morma isaa qabee
—//—
~Harkaa duwwaa lola sibila hin sodaatuu
~Imaanaa abbootaa karaatti hin dagaatuu
~Qeerroon abdii biyyaa lafa hin gurguratuu
—//—
~Walabummaadhaa kaniin barbaaduu
~Qabsoo galmaan gahuuf baay’isee kan yaaduu
~Sanyii Elemootii duubatti hin deebi’uu
~Mudhiisaa hidhatee diina kan ari’uu
—//—
~Tustussee gandarraa biyyaa kan faggeessuu
~Saroota wayyaanee hundeedhaan kan buqqisuu
~WBO fi Qeerroodhaa kan nubilisoomsuu
< ===========>
BILISUMMAAN
~LAMMII KEENYAAF
~LAFA KEEYAAF HAA TA’UU
‪#‎GADAAN_GADAA_BILISUMMAATII‬!!!!!!!!


የሚከበርና የሚፈራ ህዝብ የሚኖረው መብቱን የሚያውቅና የሚያስከብር ሆኖ ሲገኝ ነው፡፡
‪#‎Ethiopia‬ ‪#‎Ethiopian‬ ‪#‎MinilikSalsawi‬ ‪#‎Rights‬ ‪#‎Change‬ ‪#‎Freedom‬
መብቱን ሲሸራርፉበት እምቢ! ማለት ሲችል ነው፡፡ ===== በደልን፣ ግፍን እያየ ዝም ሳይል ሲቀር ነው፡፡ ===== የፖለቲካ ሙስናን አልቀበልም ማለት ሲችል ነው፡፡=====አስተዳደራዊ ብልሹነትን አሻፈረኝ ማለት ሲችል ነው! ===== ቢሮክራሲያዊ እንቅፋቶችን አልቀበልም ማለት ሲችል ነወ፡፡== ====ከጭፍን ጥላቻ ውጪ ይሄን ጥያቄ ማንሳት ዲሞክራሲያዊ መብት ነው፡፡===== መብቱን የሚያውቅ፣ የገባውና የሚገባውን የሚያውቅ ዜጋ ያላት አገር የታደለች ናት! ===== Minilik Salsawi (ምንሊክ ሳልሳዊ)
12924334_566504883517252_6822471157142855607_n


Maaliif Ameerikaan Wayyaanee Gargaarti?
Ameerikaan akka hawaasa addunyaatti ol’aantummaa (dhageettii) guddaa argachuuf waan hunda keessa seenuun beekkamtummaa isaanii olqabuun dantaa isiitiif barbaachisaadha. Kanaafuu, toltuu fi hamtuu keessattis harka naqachuun foormulaa isaan ol’aantummaa isaanii itti kabajsiifataniidha. Biyya tokko keessa rakkoo jiru furuu caala, dantaa isaanii dursiti. Sababa kanaaf, miidhaa Wayyaaneen ummata keenya irra geessisaa jirtu osoo beeytuu, dhiibbaa irratti gootee furmaata ummata cunqurfamee fiduu irra dantaa isaanii hordofaa jirti. Wayyaaneen garee xiqqoo ummata lakkoofsaan xiqqaa tahe keessaa kan baateedha. Gareen wayyabni (lakkoofsaan hedduu) dhiitanii bulchuu malee, nagayaan bulchuuf aangoo sadarkaa amma irra jiran tanallee dhabu. Sabni Wayyaba tahe, yoo dimokraasiin dhugaa jiraate, barcuma hedduu waan argatuuf, kan biyyattii bulchu isa. Sababa kanaaf, gareen xiqqoon akka Wayyaanee, ummata bal’aa kana sirna dimokraasii dhugaa taheen bulchuuf ofitti amantummaa hin qabdu. Mootummaan Ameerikaa, mootummaa akka barbaaddetti ergattu, kan isiirratti akka malee irkattee harka isiirraa bahuu hin dandeenye jaalatti. Osoo Oromoon aangoo harkaa qabaatee, ofitti amantummaa guutuun biyya waan bulchuuf, Ameerikaan akka barbaaddetti Oromoo ergachuuf carraa san waan argattu natti hin fakkaatu. Ulaagaan walii galumsaa gaafii ta’a gaafa san. Fkf, mootummaan Ameerikaa Waraana Wayyaanee biyyoota adda addaatti kan ollaa hin tahinis dabalatee akka ergataa turee fi ammas ergataa jiru ragaaleen yeroo adda addaatti gadi bahaa turan. Waraanni isiin ergattu kun irra hedduun saba Tigree irraa osoo hin taane, Oromoo fi saboota biraa akka tahe ni beekkama. Waraanni ergamee biyya biraatti dhumu kun garaa isaan hin nyaatu dhiiga isaaniitii miti; dantaa ykn maallaqa gargaarsaa argatan san qofatu isaanitti mul’ata. Osoo Oromoon bulchaa jiraattee garuu, lammii isaa bakka hundatti ergee hin ficcisiisu; ni rifataaf. Sababa kanaaf, mootummaan Ameerikaa akka Wayyaaneetti Oromoo ergachuuf carraan xiqqaa natti fakkaata. Kuni hundi dantaa isaanii akka hambisutti shallaganii, mootummaa bicuu akka barbaadanitti ergatan gargaaruu irra filatan jedhee yaada.
12963893_10208130933545384_8677684984266346487_n



Viewing all articles
Browse latest Browse all 1918