Quantcast
Channel: Oromia
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1918

Master Pilaanii maqaa haaraadhaan deebisaa jiran

$
0
0

Master Pilaanii maqaa haaraadhaan deebisaa jiran. Shirri qonnaan bulaadhaaf kaffaltiin wayyaa kennina jedhu kunis akkuma maastar pilaanii dullachaa mormamuufi dhaabbachuu qaba. Qonaan bulaan Oromoo lafa ofii ofiif misoomfachuu barbaada malee gurgguratee hddaan buqqa’uu hin barbaadu. Maali Oromoon ofii lafa misoomsuu hin beekumoo wanna lafti irraa fudhatamtee alagaan misoomsuuf?

Dhagahaa ilmaan Oromoo, lafa teenyarraa bifa kanaan nu buqqaasanii abba biyyaa of godhuuf ammas marxifatanii ka’anii jiran. Shira kana fashalsuuf karaan salphaan kanuma baatilee muraasa keessa hojitti hiikkamee milkaayaa ta’uun isaa mirkanaaye sani. Kunis qabeenya invastaronni lafa keessanirratti jaaratan barbadeessuun lafa teessan deeffattanii dhuunfachuudha. Tarkaanfileen hanga ammaa fudhatamaniihuu bu’aa guddaa buusaanii jiran. Invastaroonni hedduun hojii dhaabanii maallaqa biyyaa baasaa jiran. Sababa kanaan gatiin lafaa dur samii tuqee ture akka raafuu gannaatti bushaayee jira. Ammas tarkaanfii akkasii itti cimsuun warri amma booda lafa teessan mootummaa irraa bitachuu fedhu akka of duuba deebi’u godha.

Biyyi kamuu ummata ofii waliin misoomuu qabdi malee ummata hiyyoomsuunii miti. Mootummaan tun yoo dhuguma lafa misoomsuu barbaadde imaammataafi tarsiimoo qonnaan bulaan kun lafa isaa ofiif iti misoomfatu baasuu qaba ture. Garuu kaayyoon Wayyaanee qonnan bulaa Oromoo lafa isaatirraa maqaa misoomaan buqqaasnii ofiifi deeggartoota isaanii kan biyya alagaa waliin duroomuun Oromoo hiyyummaa barabaraatin xaxnii of jalatti bulchuufi. Kanaafuu sabni keenya bakka jiruun seera haaraya isaan baasan kana mormuufi warra tarkaanfatee dhufee lafa keenya fudhatu ammoo qabeenya jalaa barbadeessuun kasaarsuu cimsee itti fufuu qaba.


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1918