Quantcast
Channel: Oromia
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1918

#OromoProtests Daily, April 12, 2016

$
0
0


Ebla 12-11/2016 Warraaqsii Biyyoolessaa Oromiyaa FXG Marsaa 5ffaa Gootota Barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Amboo Fi Gootota Uummata Oromoo Magaalaa Fi Baadiyyaalee Amboon Daran Jabaachuun Itti Fufee Diina Boqonnaa Dhorkate Jira!!
Warraaqsii biyyoolessaa Oromiyaa bifa ijaaramee fi Qaroomina ammayyaa gonfateen Ebla 11/204 gootota Qeerroo dargaggoota Barattoota Oromoo dhaabbilee barnoota olaanoon kan qabsiifame daran jabaachuun mootummaa wayyaanee milla tokkon kan dhaabe, sadarkaa haar’a qabasoon Oromoo irra ga’ee jiruu irraan ga’uun guyyaa kaleessa Ebla 11/2016 irraa eegaluun goototni Qeerroon barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Amboo Damee Awwaaroo guutummaa isaanii diinatti argisiisuun Warraaqsaa FXG Gabrummaa ifaan ifatti qabsiisuun dhaadannoo dhageessisan guyyaa har’aan Gutummaa Magaalaa Amboo fi baadiyaalee amboo keessatti illee Warraaqsii biyyoolessa Oromiyaa FXG daran jabaatee itti fufe jira. Goototni Qeerroon barattootni oromoo Yuunibarsiitii Amboo dhaadanoolee jajjaboo dhageesisuun diina rifaasasa jiru,
Dhabni ergamtuu mootummaa nama nyaataa wayyaanee OPDOn kan uummata oromoo ficiisiiftee waan ta’eef oromiyaa keessa socho’uu hin qabdu Oromiyaa gadhiistee bahuu qabdi!!
Nuti waraanaan hin bullu , Waraanni Wayyaanee Oromiyaa gadhiisuu qaba!!,
Mootummaan abbaa irree wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDOn aangoo gadhiisuu qaba!!
@ ABO nu haa bulchuu malee, nuti Bulchiinsa wayyaanee OPDO hin barbaadnu, Mootummaa dhiiga keenya dhangalaasuu jalatti hin bullu!!
Mirgi abbaa biyyummaa keenyaa nuuf haa kabajamu!!
Mirgi dimookiraasii fi namuummaa nuuf haa kabajamuu
Ilmaan Oromoo hidhamaan hatattamaan haa hiikaaman!!
Mootummaan wayyaanee Ilmaan Oromoo 750 ol lubbuun balleesseef seeraatti dhiyaachuu qaba!!
Ilmaan Oromoo dhiyeenyaa 7500 ol Mooraa waraanaa Xoollayitti hidhamaniif Mootummaan wayyaanee itta gaafatamaadha,
Dhaabbileen Mirga namummaa hidhamtoota oromoo qaqqabuu qaba!! Jechuun sagalee jabaa dhageesisuun Warraaqsii Marsaa 5ffaa daran jabaatee itti fufe, waraanni wayyaanee Hedduminaan Magaalaa amboo irra qubatee jiruu waan qabee gadhiisu dhabee uummataa gooluu qofarratti argama!!
Injifannoon uummata Oromoof!!
12961580_660749834063249_1335389126734849745_n
#‎OromoProtests‬-(11.04.2016, ‪#‎FreeOromia‬, Oromia) Bakki halluu diimaan marfame kun Godina Jimmaa, Aanaa Cooraa Botor keessatti kan argamu mooraa leenjii waraanaa, Xoolaay ti. Xoolay yeroo ammaa mooraa ilmaan Oromoo gaaffii mirgaa gaafatan 7000 ol ta’an keessatti dararamaa jiraniidha. Yeroo ammaa kanatti adabbii bulchiinsaa kan guyyaa 90 itti darbee jira.
Mooraa kana keessatti hidhamtoota Oromoo hedduun dhibee garaa kaasaan qabamanii wal’aansa dhabanii du’aa fi jireenya giduutti argamu. Oromooti hedduun dhibee daddarbaan dararamaa jiru.
12963879_10208124442260526_3296996860252968995_n
Godina shawaa lixaa aanaa Tokkee kuttaayee naannoo baabbicha jedhamutti loltoonni wayyaanee gaafa guyyaa jimaataa halkan keessaa saatii 8 irratti qe’ee obboo Dibaabaa Dabalaa cabsanii seenuun obbo Dibaabaa reebanii caccabsanii ijoollee isaanii dargaggoo (darg) Mootummaa Dibaabaafi darg. badhaasaa dibaabaa ol seenanii hukkaamsanii eessa akka buusan hanga har’aatti waanti beekame hin jiru.
suura Motummaa Dibaabaa fi Darg. Dabalaa Hayilee Laggasa a wal duraa duuban
Darg. Dabalaa Hayilee Laggasaa kan jedhamu dhalootaan godina shawaa lixaa amboo kan ta’e humna mootummaa wayyaaneetiin bakka jiru qabamee gara bakka dhalootasaa magaala ambootti geeffamuun waajira poolisii ganda 02 kan magaala ambootti argamutti gidiraa keessa jiraachuun yaala llee dhabee du’aaf jireenya jidduu jiraachaa osoo jiruu kaleessa mana murtiitti dhiheessuun mirga wabii qarshiin eeganiifii qarshii kaffalchiisanii bahi jedhanii yeroo gadi bahu federaalli alatti eeguun eessa akka buusan dhabame
dargagoo
Lafti Keenyaa Lafee Keenyaa Hin Gad-dhiifnuu . dhiigaa keenyaatuu irrattii dhangaala’ee lubbuu nama keenyaatuu irrattii bahee. keesuumayyuu misirroon batee gala dhabdee, hayyoolliif abboolii keenyaa osoo boqoonnaa barbaadanii har’a lafa kaleessa irrattii wareegamanii yoonan gahan irraattii dhuumaan kanaf hundii keenyaa kan booqonnaa dhabnee bosoonaaf gammoojjii keessatti kan dhumnuuf. ammaa biyyi keenyaa waalabaa batuutti falmaa hin gadhifnuu.
INJIIFANNOON KAN UMMAATA OROOMOOTI!!!!!!””””
12998550_877585569053733_9005348677852997232_n

Viewing all articles
Browse latest Browse all 1918