Quantcast
Channel: Oromia
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1918

Gabaasa hiriira kan baqataan Oromoo magalaa masrii jiraatu balbala UNHCR duratti bahe

$
0
0

13007324_10209240314303287_908247103397025073_n
Akkamu beekkamu komunitiin lameen Oromo kan masrii keessatti argamtu guyyaa 27/3/2016 irraa eegalee hiriira balbala UNHCR duratti bahuun niyaadatama Torbaan lamaa ol Oromoonni magaalaa masrii keessa baqatummaan jiraatu bifa tokkummaattiin osoo qorraa fi oowa hinjanne halkaniif guyyaa ala galanii Addunyaan akka sagalee isaanii fi miidhama isaanii dhagayaniif falmachaa turuun niyaadatama, haata’umalee deebisaan teenya dhibbaa fi dhibatti deebi’uu baatullee muraasni nuuf deebi’ee jira.

Kaayyoon hiriira kanaa qabxii Afur gurguddoo kan qabateedha.
=================================================

  1. UNHCR xiyyeefannaa keezii Oromoo maalif gad buufti
  2. Baqatummaan oromoof mirkanaawuuf maalif turti ykn namni interview blue godhee ja’a jahaa ol dabre akka qabxiin ykn result gad-dhiifamtuuf
  3. Unfair rejuct ykn kufaatiin seeraan alaa oromoorraa haadhaabatu
  4. File close ykn galmeen baqataa Oromoorraa cufamte haabanamuuf kan jedhuu ture.

Haaluma kanaan bakka bu’oonni komunitii Oromoo lameenii fi akkasuma hawaasa keessaahiis namni dabalamee waltajjiin bal’oon haggantoota UNHCR damee kaayroo wajji falmii guddaa godhuun niyaadatama,guyyaa afur namoonni kun waajjira UNHCR olseenanii baqataa Oromootiif hanga sa’aa 30 olitti tilmaamamutti falmii guddaa godhaa turaniiru akkasuma guyyaa 11/4/2016 itti-gaafatamtuun jiddugala baha Afrika tan UNHCR Mrs Elzabeth Tan jedhamtuu dhufte yaada fooyya’uu qabuu fi baqataan Oromoo baqataa sirrii akka tahe ifaan ifatti nuuf himtee jirtii, hirina qabnu nisireefanna jattee jirti akkasumaa gamaa hawaasatiis akka sirreeffannu.
Qabxiilee hiriira kana irraa argame:-
============================

  1. Ji’a sadi keessatti nama interview blue godhee ji’a jaha taa’e kan komunitiin list nama 403 nutti kannite hunda iratti daleeynee qabxii gad-dhiifna ja’anii waadaa nuuf seenan
  2. Rejuct ykn namoota kufan akka keezin isaani ilaalamtuufii waadaa nuuf seenan
  3. Rakkoon ummata Oromoo rakkoo qabatamtuu akka taatee fi xiyyeefannaa kan dur caalaa akka itti kannan waadaa nuuf seenanii jiran,
  4. Akkasuma namni interview godhu akka qophaawee dhufuu fi xabaqaa qabatee akka dhufu dhaamaniiru, kuna akkaa keezii dhuunfaa irraattii kufaatin diqqaattuufii.
  5. Sabni biraa akka keezii Oromootiin hindeemne akka iratti dalaganii fi Oromoo tahuudhaaf 50% akka afaan oromoo beekuun akka dirqama tahe nuuf himanii jiru.

HUBACHIISA
==========
Deebisaa isaan nuuf kannan kana harkatti qabannee tan nuuf hafte bifa dipilomaasiitiin deemuun barbaachisaadha waan taheefi,akkasuma GENEVA irraa hillee akka itti bilbilame nuuf himanii jiran, Hayyoonni Oromoo kan biyyaa ala jiranilleen iyyata keenya kana GENEVA tti nuuf himaa jiran,saniifuu obsa qabaannee akkanamuu obsaan deebisaa nuuf kannamte tana fudhannee tan hafte obsaan eegannu kabajaan isin gaafanna.

Yoonif waadaa nuuf seenan tana ji’a sadi keessatti nuuf deebisuu baatan deebinee akka hiriira baanu isiniif dhaamna.ammaaf namuu akka mana isaatti galu kabajaan isin gaafanna.

Amma booda namni balbala UNHCR duratti hafe rakkoo baqataa Oromoo irraa dhufuuf isaatu ittigaafatama, dhiibba waan itttii waliif gallee san akka gufuu ittii hintaanee kabajaan isin gaafanna.
.
Koree CTBOBM


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1918