Gabaasa, Abbaa Seenaa
Hawaasni OROMOO magaalaa kaampaalaa jiraatu, Ebila 15, Guyyaa Yaadannoo Wareegamtoota/Gootoota Oromoo walitti dhufuun kan gaggeeffate yennaa ta’uu, sirni guyyaa yaadannoo wareegamtoota Oromoo kun akka aadaa Oromootti eebba Maanguddootaa fi yaadannoo sammuu Gootoota/ wareegamtoota Oromoof taasisuun eegalee jira.
Itti aansuun keessummaan sirna kanaa, maqaa hawaasa Oromoo Magaalaa Kaampaalaatiin , guyyaa yaadannoo wareegamtoota Oromoof, dungoo qabsiisuu ega mirkaneessanii booda, Hawaasi oromoo sirna kana irratti argamees, dungoo qabsiifachuun kabajaa fi ulfiina Gootoota Oromoof qabu mirkaneessee jira.
Sirna Guyyaa Yaadannoo Wareegamtoota Oromoo Hawaasni Oromoo Magaalaa Kaampaalaa jiraatu gaggeeffame kana irratti, Guyyaa wareegamtoota Oromoo ilaalchisee ibsi bal’aan kan kennamee yennaa ta’uu, wareegamtoonni Oromoo Amantii fi kutaan adda osoo adda hin ba’iin, kabajaa Tokkummaa Oromoof qaban mul’isuuf Gootummaa seena qabeessa akkuma raawwatan, Dhaloonni har’aas, Oromiyaa guutuu keessatti tokkummaadhaan Imaanaa wareegamtotaa bakkaan ga’uuf aarsaa guddaa baasaa akka jiran , kanas xumura itti gochuuf dhalli oromoo hundi sochii eegalee daran jabeessuu akka qabu dhaamamee jira.
Sirna guyyaa yaadannoo guyyaa Gootoota Oromoo kana irratti qophiileen Dorgommii fi caalbaasii gaggeeffameera. Sirna caalbaasii kun, Alaabaa Oromoo fi Suuraa Gooticha Oromoo Taaddasaa Birruu fi Maandeellaa dhihaatee jira.
Hawaasni Oromoo Magaalaa Kaampaalaa jiraatu, guyyaa wareegamtootaa kana yennaa yaadatu , wareegamuun isaanii ilmaan Oromoo amma lubbuun jirruuf wabii akka ta’ee, waadaa fi Imaanaa isaanii Dantaa dhuunfaa fi oftuulummaa, akkasumas ofittummaan jaamanii akka hin dagannee, rakkoon kamiyyuu bakka fedhe jiraatu, kaayyoo wareegamtoota keenyaa bakkaan ga’uuf ni qabsoofnaa jedhanii jiran.
Dhaloota har’aa Mirga Abbaa Biyyummaa isaaf wareegama ol aanaa kafalaa jiruufis kabajaa fi Ulfina ol aanaa kan qabu ta’uu ibsuun, Qeerroo fi Ummati Oromoo Biyya keessaa fi alatti sochii taasisaa jiran bifa barbaachiseen kan waliin dhaabbatan ta’uu akeekanii jiran. Sirni kabajaa Guyyaa Wareegamtoota Oromoo Magaalaa Kaampaalaatti hawaasa Oromoon yaadatamee oolee, waadaa wareegamtootaa bakkaan akka ga’an faaruu fi dungoo qabsiisuun haaromsanii, dirnichis akkuma eebba maanguddoon eegalee , eebba Maangudduun xumuramee jira.