DUBBII HAYYUU
“Ameerikaan nu waliin loltee Wayyaanee akka kuffistuuf gaafachaa hin jirru. Nuti Ummanni Oromoo ofii kenyaan Bilisummaa gonfachuudhaaf deeggarsa eenyutuu hin barbaannu. Wanti guddaan nuti barbaannu cunqursaaf gidiraa ummata Oromoo irra gahaa jiru hubatanii tumsa wayyaanedhaaf godhaa jiran haa dhaabaniidha. Nuufi wayyaanee walitti akka gadi lakkisaniif gaafachaa jirra. Kuni ta’uu baannan wanta ofdura dhalatuuf Ameerikaafi biyyoonni har’a nu dhageeffachuu didan hundi isaanituu itti gaafatamu.”
Jawar Mohammed
(Sagantaa Dheengadda Ameerikaa, Waashingtan DC tti taasifame irratti gaafif deebii gabaabduu Ethio Tube waliin tasifame irraa kan fudhatame.)
Ebla 21, 2016 ykn 13/08/2008
Lixaa Oromiyaa goddina Wallaggaa, magaalaa NAJJOO.
Eda galgala magaalaa Najjoo iddoo addaa gama Boolee jedhamuuti konkoolaataa Ibnebiireed fe’ee gara shaggar deemu irratti humna hin beekamneen tarkaanfiin irratti fudhatamee hojiin ala ta’uu fi barattootni gara 50 guyyaa hardhaa mana barnootaa keessaa guuramanii mana hidhaatti uguuramuu isaannii qeerroon naannoo magaalaa Najjoo gabaasaa oduu dabarsan irraa hubatameerra.
WarraaqsiXFG naannoo Najjoo osoo waliirraa hin dhaabane itti fufuu isaas kannuma waliin oduun kun adeesee jira. Sochiin gootowwan ilmaan Oromoo naannoo kanatti gaggeessannii fi gaggeessaas jiran kan gootumaa saba Oromoo dhiigaan mirkaneeffame ta’uu ragaa bahaati jiru.
Faashistootni TPLF saba goota kana qawween jilbifachiisuun bituun akka hin danda’amne wallaaluun yknis hubachuu dhabuun haala barbaachiisaa hin taane ummata Tigreeti affeeruuf yaaluun ishii garee itti gaafatamnii itti hin dhagahamne ishii godheetti jira jedhu qeerroon Najjoo.
Oromoon ni mooha.
Jaalataa, Muluu & Jamaal *Ana haa nyaatu lammii * New Oromo Music 2016
Saartuu Usmayoo Musaa Bilisuummaa Dhiigaan New Oromo Music 2016
#oromoprotests Ebla 21 bara 2016.
Fincila Xumura Gabrummaa(FXG) Godina Iluu Abbaa Booraatti Qeerroo fi ummata Oromootin jabaatee itti fufaa jiruun kan dhiphate mootummaan wayyaanee waraana bobbaasuun miidhaa geessisu itti fufeera.
Onoota akka Mattuu, Buree fi Beddelleetti goototni ilmaan Oromoo barattootni, barsiisotni fi ummanni wal kakaasuun sodaa tokko malee humna diinaa hidhatee itti bobbaafame dura dhaabbachuun FXG finiinsaa kan jiran yoo tahu, hdhattoonni sirnichaa barattoota halkan manarra deemuun maatii biraa adamsanii qabuu fi reebuurratti argamu.
Ebla 19 bara 2016 Godinuma kana Mana Barumsaa Sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’inaa Beddelleetti waraanni wayyaanee reebicha barattoota irraan gaheen danuun miidhamanii hospitaala geeffamuutu barame. Yeroo dabre manuma Barumsaa kanatti humni tikaa waayyaanee Gaasii Imimmaansu barattoota harka duwwaa gaaffii mirgaa dhiyeessanitti darbachuun kan yaadatamu yoo tahu, barattoonni gaafa sana miidhamanii Hospitaala Beddellee seenanii turan amma Riifariidhaan gara hospitaala Jimmaa dabarafamanii jiru.
Bitootessa 21 Bara 2016)
Gartuun Tarkaanfii Oromiyaa bakkoota adda addaatti haleellaa laalessaa ergamtootaa wayyaanee fi qabeenya diinaa irratti fudhateen injifannoo galmeesse.
Gartuun Tarkaanfii(GT) Ebla 19 bara 2016 jiddugaleessa Oromiyaa Ona Yaayyaa Gullallee magaalaa Gullalleetti galgala keessaa sa’aatii 3:30 irratti tarkaanfii manneen jireenyaa lukkeelee wayyaanee diinaaf ergamuudhaan ilmaan Oromoo hiisisaa fi miidhaa adda addaaf saaxilaa turan Afur(4) irratti fudhateen ibiddaan daaressee jira. Guyyuma kana halkan keessa Godina addaa naannawa Finfinnee, Sulultaatti daandii guddaa gara Baahir-daar geessu cufuudhaan haleellaa konkolaataa diinaa irratti raawwateenis hojiin ala taasisee jira. Daandiin kunis guyyoota Lamaaf cufamee buluun gabaafameera.
Bifuma walfakkaatuun, Dhiha Oromiyaa Ona Najjoo ganda Walgaltii jedhamutti Ebla 18 bara 2016 halkan keessaa sa’atii 7:00 irratti konkolaataa diinaa FSR taate kan Asoosaarraa gara Finfinnee deemaa turte irratti tarkaanfii fudhatuun hojiin ala godheera. Tarkaanfii kanaanis konkolaatichi caccabuun hojiin ala yoo taasifamtu, konkolaachisicha dabalatee ergamtoota diinaa keessa turan Lamas adabamaniiru.
GTn haleelaa diinaa fi qabeenya diinaarratti fudhatu kallattii adda addaatin jabeessee itti fufuudhaan, jiddugaleessa Oromiyaa (Kibba-Lixa Shawaa) Ona Tolee fi Booceetti Ebla 18 bara 2016 halkan keessaa sa’aatii 5:00 irratti konkolaataa diinaa meeshaa fe’ee Finfinnee irraa gara Jimmaa geessaa ture irratti tarkaanfii dhukaasaan fudhatameen konkolaachisaan yoo ajjeefamu kanneen biroo 2 ammoo hojiin ala taasifamaniiru. Haleellaa Gartuun tarkaanfii fudhate kanaan konkolaatichaa fi meeshaan diinni fe’ee deemaa tures daareffamuutu gabaafame.
Haaluma walfakkaatuun Baha Shawaa Ona Fantaallee magaalaa Matahaaraatti guyyuma kana, Ebla 18 bara 2016, halkan keessaa sa’aatii 8:00 irratti Gartuun tarkaanfii konkolaataa Konteenara fe’ee gara Adaamaa deemaa ture irratti tarkaanfii fudhateen hojiin ala taasisee jira.
Mootummaan wayyaanee fi ergamtuun isaa OPDOn tarkaanfii laalessaa Gartuun Tarkaanfii Oromiyaa bakkoota adda addaatti bifa qindaayeen fudhataa jiruu fi kasaaraa irra gahaa jiruun baaragee olii fi gadi fiigaa jira.
Ebla 21-20/2016 Godina Lixa Shaggaritti Magaalaan Amboo Gara Dirree Waraanatti Erga jijjiramtee olee bubbulee jira,Goototni barattootni Oromoo Manneen Barnoota Sadarkaa 2ffaa Amboo biyyi keenya Waraanaan goolamaa utuu jirtuu, waraanni wayyaanee gandoota baadiyyaa hanga manneen barnootaa sadarkaa 1ffaatti qubsiifamee uummata keenya, ajjeesaa, saamaa, hidhatti ukkamsaa fi dhukaasee sodachisaa jiru hanga Oromiyaa gadhiisee bahuun hanga seeratti dhiyaatuttii qoramtaas hin fudhannuu Warraaqsaa FXG marsaa 5ffaa itti jirruun bilisummaa keenyaa fi Walabummaa biyya keenyaa ni mirkaneeffanna jechuun qoraata hin fudhan nuu jechuun sagalee mormii dhageesisuun gara maatiitti deebi’an. Goototni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Amoo dame Awwaroo mormii isaanii akkuma itti fufanitti jiruu, waraanni Wayyaanees mooraa Yuunibarsiitii Amboo keessa buufatee barattoota goola jira. halkan edaas Waraannii Wayyaanee of irratti wareeruun dhukaasaa uummatarratti reebaa bulee. Godinicha keessatti tarkaanfiin rifachiisaa fi haleellaan gootota ilmaan Oromoo human ittisa Oromoon eegalames magaalaa Amboo fi Aanota Godinichaa hedduu keessatti daran jabaachuun itti fufee jira. Aanotaa Godinichaa cufa Keessatti Diddaan uummata Oromoo daran jabachuun itti fufee jira, Sochiin diddaa kanfaltii Gibra fi buusii mootummaa abba irree dhorkachuus haalaan hojii irra olfamuun uummatni Oromoo eenyummaa isaa diinatti argisise.
Injifannoon uummata Oromoof!!