Quantcast
Channel: Oromia
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1918

#OromoProtests Daily, April 24, 2016

$
0
0

SBO‪ Ebla 24, 2016


NUMAAF NUMA! Amman tana taasifamaa jira
Kabajamaan keenya DINQUU DAYYAS 100,000 Gumaachee jira maal jettuun Oromoo Koo
Walumaa galatti qarshiin 200,340 argamee jira itti fufa
Ulfaadha isiin hunduu! obboo Dinquu Dayyas Tokkicha Abbaa Oromoo qabeenyaa kee sabaa keef goote rakkatootaf Abbaa tate waaliin qabna qabeenyii kee keenya nuuf jiradhuu lubbuu nuuf dheeradhuu tokkicha caalaa kummaa.
13083160_1055317527840494_9168611581972164737_n


Sirna kabaja Guyyaa Gootota Oromoo biyya Afrikaa Kibbaa magaalaa Johaanisbargitti geggeeffamaa oole
13087529_223436901366730_5779067991168104122_n
13077052_223436898033397_5066325687109861464_n


‪#‎OromoProtests‬ Toda April 24, 2016 Qeerroo Oromo and Ogaden youth are came together to celebrate Oromo Martyr’s Day in Western Australian, Perth.
13102867_1335244606502019_5858326518284455204_n

13094286_1055359754502938_5746954659550305425_n


Yuunibarsiitii Walqixxee irraa barattoonni Oromoo 27 badii malee hidhamanii dararamaa jiru.
‪#‎OromoProtests‬ Ebla 24,2016 Yakka tokko malee barattoonni Yuunibarsiitii Walqixxeerraa hidhamanii jiran 27 haala ulfaataa keessa jiraachuu Qeerroon achii dubbatu.Barattoonni kun gaaffii mirga abbaa biyyummaa waan gaafata niif qofa ragaa sobaa irratti qindeeffachuudhaan kan himataman yoo ta’u baay’ee isaanii Yuunibarsiitichi barnootarraa kan haqee jiru ta’ullee mana barnootaarraas dismissal erga ta’anii mana hiraarsa magaalicha keessatti akka hidhamanii jiraachuu akkasuma hidhaatii gadi lakkisuuf Mirga wabii kan eegsisaniif yoo ta’eellee dhabinsa namaaf osoo gadi hin dhiifaman jiraachuu mirga Wabii qarshii 5000 Kumashan shaniis yoo filannoof dhiyeesanillee baay’inaan barattoonni hidhamanii jiran kanfalachuu dadhabanii kunaanamaa jiru jedha odeessi Qeerroo gahe
Barattoota hidhaman 27 keessaa hedduun kaan abbaaf haadha kan hin qabne kaanis kanneen mana namaa ta’anii baratanii as gahan kaansaanii hojii guyyaa hojjetaa baratanii as kan gahan ta’ullee carraa isaan mudatte kana qolachuun akkaan itti ulfaatee hiree isaanii dararama
taate kan dhamdhamaa jiru.


kabaja ayyaana Irreechaa arfaasaa har’a haramaayati kabajame irraa suura fudhatame
Ebla 24, 2016
13095749_583802091782338_6050176295732189159_n
13076897_2034471290110877_2896471722638849218_n
13082721_2034471326777540_290563515654267047_n
13051609_2034471413444198_8556994200343964195_n


Kaaba Dirree Saawaa- Salaalee
Anaa Yaayyaa Gulallee, Fittaala
Ebla 24, 2016
Barattootaa fi ummatni sanyii gootota Salaalee mootummaan faashistoota TPLF nu gahee jedhee eega ka’ee mormii isaa bifa karaa hiriira nagaatiin dhaggeesiisuu eega jalqabee ji’oota afur darbee jira. Keessaahuu guyyaa kudha shanan darban kana keessatti mootummaan TPLF lukkeelee ishii meeshaa godhachuun ajjeechaa, hidhaa fi tumiinsa irratti bobba’uun ilmaan Oromoo gara 75 gahan mana manaa guuramuu fi ukkaamsamuun mana hidhaatti guuramanii jiru. Kanneen keessaa kan Maqaan isaannii Qeerroo annichaa irraa argame :
1. Diriba Kenne
2. Isheetu Kenne
3. Feye Alemu
4. Kubba
5. Abdi Mekonnon
6. Salamon
7. Adisu Birahnu
8. Talila
9. Seifu
10. Girma
11. Sirruu
12. Teferi Girma
13. Solomon Girma
14. Addana Hailu
15. Tibebu Fekadu
16. Tibebu Mekonnon
17. Adara Bunush
18. Abbuu Ashetu
19. Abrham fi namoota Sagal kan Maqaan isaannii amma dura hin beekamiin dabalatee kan akkannumatti dargaggoo Oromoo ta’uu qofaan shakkamannii mana hidhaatti gidirfamaa jiru. Kun hundi meeshaa diinaa kaabinoota ta’aniin waan ta’eef kaabinoota gochaa kanarraa hin dhaabane ni akeekachiisna jedhu gootowwan Salaalee.


Eebla 24/16
==========
Irreecha Arfaasa Bara Kanaa Dilbata Dhufu Finfinneetti (Qaalittii Galaan) Uumannii Oromoo Sirna Kabaja Ayyaana Irreechaa Irreeffachuuf Deemaa Jiru Kana Irrati Mootumaan Wayaanee Siyaasa Isaa Itti Garagaramuuf Wixxifachaa Jira; Mootumaan wayaanee Irreecha Arfaasa Bara Kanaa seera Irreechaa fi guyyaa Irreechaa kan hin eegnee qopheesitee uumannii dirqaman akka irrati argamu dirqisiisaa jirti; Yeroo ammaa OPDOni Gullalee ,Askoo, Aqaaqqii fi magaalaa finfinnee keessaa naannoo uumannii oromoo itti baayyatu mana dhuunfaa irra deemutin akka uumannii dirqamani Irreechaa irrati akka argamtan jechuutin dirqisiisaa jiru. Eeraa fi Seera Sirna Kabaja Ayyaana Irreechaa Oromoo keessati Irreechi Arfaasaa Galma Abbaa Gadaa keessatti Kabajamaa??
13082600_10206840741997195_5449161819452488176_n
13094253_10206840742277202_829813518507274012_n


#‎OromoProtests‬-(24.04.2016, ‪#‎FreeOromia‬, Oromia) This is Oromo community in Nairobi; they commemorate Oromo Martyrs.
=========•
Sabboontoti Oromoo Nairobi Kenya jiraatan Ebla 15 Guyyaa gootota Oromoo kabajan.
13083226_10208209874436277_4078801185460579623_n
13076703_10208209875116294_4399819817909632029_n


Yuunibarsiitii Walqixxee irraa barattoonni Oromoo 27 badii malee hidhamanii dararamaa jiru.
Ebla 24, 2016
Yakka tokko malee barattoonni Yuunibarsiitii Walqixxeerraa hidhamanii jiran 27 haala ulfaataa keessa jiraachuu Qeerroon achii dubbatu.Barattoonni kun gaaffii mirga abbaa biyyummaa waan gaafata niif qofa ragaa sobaa irratti qindeeffachuudhaan kan himataman yoo ta’u baay’ee isaanii Yuunibarsiitichi barnootarraa kan haqee jiru ta’ullee mana barnootaarraas dismissal erga ta’anii mana hiraarsa magaalicha keessatti akka hidhamanii jiraachuu akkasuma hidhaatii gadi lakkisuuf Mirga wabii kan eegsisaniif yoo ta’eellee dhabinsa namaaf osoo gadi hin dhiifaman jiraachuu mirga Wabii qarshii 5000 Kumashan shaniis yoo filannoof dhiyeesanillee baay’inaan barattoonni hidhamanii jiran kanfalachuu dadhabanii kunaanamaa jiru jedha odeessi Qeerroo gahe

Barattoota hidhaman 27 keessaa hedduun kaan abbaaf haadha kan hin qabne kaanis kanneen mana namaa ta’anii baratanii as gahan kaansaanii hojii guyyaa hojjetaa baratanii as kan gahan ta’ullee carraa isaan mudatte kana qolachuun akkaan itti ulfaatee hiree isaanii dararama
taate kan dhamdhamaa jiru.


#‎oromoprotests‬ 23/4/2016 Magaalaa Hirnaa keessatti guyyaa har’a jechuun Saftii waraana fidanii ummataan sodaachisuuf yaalaa oolan. Garuu galanni Rabbii haa gahu ummanni OROMOO agaazii miti magaaziidhaahu sodaachu dhiiseera. Kanaafuu nuti ilmaan Oromo Hundi keenya diinni Wayyaanee obbolewwan keenya akka nu biraa hin fuune isiniif dhaama. Bakka deemtan hunda gareedhaan deema. Namni kamiyyuu Ablee fi wacaafaa keessan hin dagatina.
Wal irratti lolaa, wal beeku yoo baataniillee. Abbaa fedhe yoo ta’ellee osoo waraanni / milishaa fi kora bittineessi/ nama tumuu bira hin dabrinaa HADARAA.
13061981_1774672316096795_2153535454449130290_n


ከኢትዮጵያዉ የጭቆና ቀጣና እስከ አሜሪካን መዲና


ኢሕኣዴግ የተረጋጋ መንግስት እየመራ አለመሆኑን የድርጅቱ ሰዎች እየተናገሩ ነው::
‪#‎Ethiopia‬ ‪#‎EPRDF‬ ‪#‎EthiopianOppositionparties‬ ‪#‎MinilikSalsawi‬
Minilik Salsawi (ምንሊክ ሳልሳዊ) – በዚህ ሳምንት አዲስ አበባ እገኛለሁ:: በአዲስ አበባ ቆይታዬ ከሄድኩበት ጉዳይ ጎን ለጎን በኢትዮጵያ ለውጥ እንዲመጣ ሚና ከሚጫወቱ የማህበራዊ ድህረገጽ ጓደኞቼ ጋር ተገናኝቶ በሰፊው የመወያየቱ እድል ገጥሞኛል::ከነዚህ ወዳጆቼ ውስጥ የተወሰኑት በወያኔ አገዛዝ ውስጥ በስልጣን ላይ ተቀምጠው ወያኔን የሚያጋልጡ የውስጥ አርበኞች የማግኘቱ እድል የገጠመኝ ሲሆን ኢሕኣዴግ ውስጡ ያልተረጋጋ መንግስቱ የደፈረሰ መሆኑን በእርጋታ የውስጥ ፖለቲካቸውን እያጣቀሱ በስፋት አጫውተውኛል::
የጥቂት ግለሰቦች ትእዛዝ የሚፈጽሙ ቡድኖች በራሳቸው የሚመሩ እና ማስተዋል ያልፈጠረባቸው የክልል ባለስልጣናት ክትትል እና ቁጥጥር የሌለበት የሃገሪቱ አስተዳደር ዘርፍ ማእከላዊ አመራሩ ላይጠራ የደፈረሰበት እና በጥቅም የተሳሰሩ ባለስልጣናት የሚፈነጩበት ድርቅ እና ረሃቡን በተመለከተ የድርጅቱን አመራሮች አቋም በአባላቱ ዘንድ ኩርፊያ መፍጠሩ የመከላከያ እና ደህንነትን ጉዳይ በተመለከተ እንዲሁም የውጪ ፖሊሲን በተመለከተ ከሕወሓት ባለስልጣናት ውጪ ሌሎች ምንም መረጃ እንደማይሰጣቸው እና እንዳሌላቸው በመለስ ዜናዊ አገዛዝ ዘመን ብኣዴን ይሁን ኦሕዴድ በሁሉም ተቃማት እስጥ የማገልገል እድሉ እና አቅሙ ሲኖር አሁን ግን አቅሙ አያለ ደህንነት ውጪ ጉዳይ እና መከላከያ ውስጥ በማንናውም የስልጣን እርከት እንዳይኖሩ መደረግ ያሉትንም በማውረድ እና በማግለል ከስተዳደር ስራ ጋር ማቀናጀት እየተለመደ ነው::
ሕዝቡ በኑሮ ውድነት እያማረረ ስለፖለቲካ እና ኢኮኖሚ ስኬቶች ማውራት በራሱ በድርጅቱ ውስጥ ያለውን ችግር ለሌላው ያሳያል ስብሰባ የሚባለው ሁሉ ለፕሮፓጋንዳ እንጂ ከአዳራሻ ውጪ ትርጉም የሌለበት ባለስልጣናት ለሕግ እና ለመመሪያ ለሕዝብ ጉዳዮች ለውሳኔ እና ለደንብ ሳይሆን ለጥቂት ግለሰቦች ታዛዥ መሆናቸው ተወሰነ ይባል እንጂ ማንም ጠያቂ የሌለበት በኢሕኣዴግ ድርጅቶች መካከል መተማመኑ የሰፋ ሲሆን ሕወሓት ከደቡብ ግንባር ውጪ ከብኣዴን ይሁን ከኦሕዴዽ ሰዎች ጋር በፍጹም አለመተማመን ውስጥ ሲሆኑ በየቀኑ የሕወሓት በቀል እና ጥቃት በድርጅቶቹ አባላት ላይ እያረፈ እንደሚገኝ ሕወሓት በአምሳሉ የፈጠረው የሃይለማርያም ደሳለኝ የደቡብ ሕዝቦች ግንባር የሚባለው የሕወሓት ዋና አለቅላቂ እና አሽከሮች ስብስብ ሲሆን ከብኣዴን እና ኦሕዴድ አባላት ጋር በፍጹም እንደማይስማሙ ታውቋል::በነዚህ እና ወደፊት በዝርዝር በምናያቸው ጉዳዮች ወያኔ የተረጋጋ መንግስት እየመራ እንዳልሆነ አስረድተዋል::
በሃገሪቱ ጠንካራ የሚባል የለውጥ ሃይል ስብስብ የሆነ ፓርቲ አለመኖር እና የተቃዋሚዎች የእርስ በእርስ መናቆር የወያኔን አለመረጋጋት ሽፍኖታል የሚሉት የውስጥ አርበኞቹ ከኢሕኣዴግ ፓርቲ ውስጥ ከባድ የሱናሚ አብዮት እንደሚነሳ ጠቁመዋል::ከተቃዋሚ ፓርቲዎች በግለሰብ ደረጃ የለውጥ ሚና የሚጫወቱ ጠንካራ ዜጎች ቢኖሩም በድርጅት ደረጃ ግን ሁሉም መልፈስፈሳቸውን እንዲሁም ከትጉህ እና ታጋይ አባላት ይልቅ ሰርጎገብ ቅጥረኞች በተቃዋሚ ፓርቲ ውስጥ ክብር እና ቦታ ማግኘታቸው የወያኔን ገበና እንደሸፈነለት ገልጸዋል::(ይቀጥላል) ‪#‎ምንሊክሳልሳዊ‬
13055510_1712590362344692_2690836427346137093_n


April 23, 2016
#‎OromoProtests‬ this evening heavy rain caused flooding killing four people in East Hararge Fadis District, Balina ( Doyo) Village. The victims are identified as
1. Misbay Shek Muktar
2. Abdulla Doyyo
3. Tujjar Mohammed
4. An unidentified 6 years child
==================
Baha oromiyaatti, godina H/bahaa/Aanaa Fadis, Araddaa/Bal’ina arbaa/Ganda Dooyyoo, jedhamutti, har’a galga kana, Ebla,23/4/2016, rooba cimaa qilleensa makatee roobeen, miidhaa lubbuu fi qabeenyaa kan dhaqqabsiise, yeroo ta’u, balaa kanaan namoota 4 maqaan isaanii Misbaay Shek Muktaar, Abdullaa Dooyyoo, Tujjaar Muummad fi Daa’ima waggaa 6 dabalatee, namoota kana keessaa 3 battalumatti lubbuun yeroo baatu, Tujjaar kan jedhaman kuni ammoo yeroo ammaa buufata fayyaa magaalaa Bokkootti, yaalamaa jira. Uummanni kun rooba kana mana obbo Tujjaar kanatti kan dheessan yoo ta’ellee, manni kuni jiguuf laafee waan jiruuf, manichi, salphaadhumatti jigee jara kana galaafate. Kanaaf, uummanni keenya, gaaga’ama akkanaa irraa bakka maratti, akka of-eegani fi yeroo rooba dheessan, mana jiguuf reeqqise irraa of-eeguun akka lubbuu dandamachiisan itti nuuf dhaamaa.


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1918

Trending Articles


Girasoles para colorear


mayabang Quotes, Torpe Quotes, tanga Quotes


Tagalog Quotes About Crush – Tagalog Love Quotes


OFW quotes : Pinoy Tagalog Quotes


Long Distance Relationship Tagalog Love Quotes


Tagalog Quotes To Move on and More Love Love Love Quotes


5 Tagalog Relationship Rules


Best Crush Tagalog Quotes And Sayings 2017


Re:Mutton Pies (lleechef)


FORECLOSURE OF REAL ESTATE MORTGAGE


Sapos para colorear


tagalog love Quotes – Tiwala Quotes


Break up Quotes Tagalog Love Quote – Broken Hearted Quotes Tagalog


Patama Quotes : Tagalog Inspirational Quotes


Pamatay na Banat and Mga Patama Love Quotes


Tagalog Long Distance Relationship Love Quotes


BARKADA TAGALOG QUOTES


“BAHAY KUBO HUGOT”


Vimeo 10.7.0 by Vimeo.com, Inc.


Vimeo 10.7.1 by Vimeo.com, Inc.