Ebla 24/2016 Magaalaa Finfinneetti Kabajni Ayyaanaa Irreecha Arfaasaa Mootummaa Abbaa Irree Wayyaaneen Uggurame,. Sabaabaan Guddaan Uummatni Oromoo Mootummaa Mataa Isaa Fi Uummaticha Bakka Bu’uu Dhabuu Irraa Diina Uummata Oromoo Kan Ta’ee EPRDF/TPLF/OPDOn Uummata Oromoo Shororkeessuu Fi Ugguruun Beekamadha!! Abbootiin Gadaa Oromoo Galma Maqaaf ‘’Galmaa Aadaa Oromoo” jedhamuu Finfinnee keessatti argamutti diqaman walitti qabamuun Shororkeeffama olaan!!
Wayita kanatti Oromiyaan bulchiinsa Waraana Wayyaanee jala galfamtee, Waraanaa kanaan shororkeeffamaa utuu jirtuu bakka hundatti uummatni Oromoo sagalee Mormii sirna abbaa irreef qabuu jabeessuun warraaqsaa FXG marsaa 5ffaa irra ga’ee waan jiruuf Yoo Oromoon Magaalaa Finfinnee keessatti walitti qabamee galma mootummaa Wayyaanee dhuunfatu mala soda jedhuu irraa Ayyaanni irreechaa Magaalaa Finfinnee keessatti akka hin kabajamne dhorkuu danda’ee jira. Uummatni Oromoo utuu mootummaa bakka isaa bu’uu fi isa tajaajilu hin argatiin baroota dheeraa kan ture, kan bara dhufaatii wayyaanee waggaa 26 immoo addatti baroota seenaa uummata Oromoo keessatti adda ta’an keessa isaa tokko. Oromiyaan ganna 26n darban kana guutuun utuu dhiigni ilmaan Oromoo dhangala’uu mootummaa mataa ishee malee turte jirti.
Kanaafuu Furmaatni rakkoowwan waliigalatti uummata Oromoo fi dachee Oromiyaa irratti gaggeeffamaa jiruuf ta’uu Uummatni Oromoo falmaa warraaqsaa FXG marsaa 5ffaatti tarkaanfatee jiru tokkummaan harka wal qabatee wareegama kamuu baasuun bilisummaa isaa gonfachuu fi biyyaa isaa walaboomsuun hacuuccaa halagaa jaalaa of baasuuf qabsoo isaatti jabaatuun bilisummaa balbala irra ga’ee jiruufi mootummaa abbaa irree xumura itti gochuuf raafama ulfaata keessa galchee jirutti xumura gochuuf yeroon gamtaan gara Warraaqsaa FXG marsaa 5ffaatti xiyyeeffanoon hojjetamuu amma ta’uu hubachuun Oromoo bakka jirruu hundaa wal qabannee haa sochoonu jechuun Qeerroon bilisummaa Oromoo dhaamsa dabarsee jira!!
Injifannoon uummata Oromoof!!