Quantcast
Channel: Oromia
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1918

Baqqalaa Garbaa: Dawaa Liqimsitan Malee Mana Dukkanaa Keessa Kaa’amtu Nuun Jedhan

$
0
0

Baqqalaa Garbaa, ittti aanaa dura ta'aa KFO, Hagayya, 2015

Baqqalaa Garbaa, ittti aanaa dura ta’aa KFO, Hagayya, 2015


WASHINGTON, DC (VOA Afaan Oromoo) — Hoogganootaa fi miseensota Koongiresa Federaalawa Oromoo mormii Oromiyaa keessatti ka’een wal-qabatee mana hidhaa turanii fi Jimaata dabre kana mana-murtiitti dhiheeffamanii shororkeessummaan 22 keessaa, hoogganoonni dhaabichaa afur achii-buuteen isaanii dhabame, jechuun maatiin isaanii kaleessa iyyatan – Obbo Beqqelee Garbaa faa har’a mana-murtiitti dhihaatanii jiru.

Jimaata darbee kaasee gara mana hidhaa Qlinxootti akka darban kan murteeffame hogganoonni Koongiresa Federaalawa Oromoo afuran, jechuun. Obbo Baqqalaa Garbaa, Obbo Dajanee Xaafaa, Obbo Gurmeessaa Ayyaanoo fi Obbo Addisuu Bullaallaa eega guyyaa sanaa as ka maatii isaanii wajjiin wal hin argiiniin, sababaa kanaanis muddama guddaa keessa akka turan har’a mana murtii duratti dhiyeeffamanii jiru.

Baqqalaa Garbaa, ittti aanaa dura ta'aa KFO. Istuudiyoo 'NPR' Waashingtan Diisitti argamuutti gaafii fi deebii oggaa godhu, Hagayya, 2015.

Baqqalaa Garbaa, ittti aanaa dura ta’aa KFO. Istuudiyoo ‘NPR’ Waashingtan Diisitti argamuutti gaafii fi deebii oggaa godhu, Hagayya, 2015.

Iyyata dhageesiifataniin, yeroo Qilinxoo dhaqqabaniitti qoricha akka liqimsan gaafatamanii diduu isaanii dubbatanii, “ carraan qaban lama qofa akka ta’e nutti himame’” jedhu. Qoricha kennameef liqimsuu kana didnaan mana dukkanaa keessa ka’amanii firoota isaanii hanga guyyaa diigdamaatti akka arguu hin dandeenye kan itti himame ta’uu dubbatan.

Nuti garuu dukkana keessatti hidhamu filanne. Garuu maatii keenya eessa akka jirru dhoksanii, nutis mirga maatii keenya arguuf qabnu sarban jechuun mana murtiitti iyyatan .Manni murtiis waa’ee kanaa akka ibsuuf nama mana hidhaa Qilinxoo irraa dhufe gaafate iyyuu, namnii maqaan isaanii Abrahaa ta’uu dubbatan tokko waa’ee dawaa ykn qoricha jedhame hin dubbanne. “Manni dukkanaa qilinxoos ta’e guutummaa biyyatti keessa hin jiru. Tahus garuu, hidhamtoonni seeraaf buluu diidan lafti ka’aman jira” jedhanii jiran, jechuun Abukaatoon hidhamtootaa Obbo Wandimmu Ibsaa ibsanii jiru.

Caamsaa Sadii fullee keenyaatti beellamni ka biraan qabamuu ibsamee jira. Gaaffii fi deebii armaa gadiitti caqasaa.


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1918

Trending Articles


Girasoles para colorear


mayabang Quotes, Torpe Quotes, tanga Quotes


Tagalog Quotes About Crush – Tagalog Love Quotes


OFW quotes : Pinoy Tagalog Quotes


Long Distance Relationship Tagalog Love Quotes


Tagalog Quotes To Move on and More Love Love Love Quotes


5 Tagalog Relationship Rules


Best Crush Tagalog Quotes And Sayings 2017


Re:Mutton Pies (lleechef)


FORECLOSURE OF REAL ESTATE MORTGAGE


Sapos para colorear


tagalog love Quotes – Tiwala Quotes


Break up Quotes Tagalog Love Quote – Broken Hearted Quotes Tagalog


Patama Quotes : Tagalog Inspirational Quotes


Pamatay na Banat and Mga Patama Love Quotes


Tagalog Long Distance Relationship Love Quotes


BARKADA TAGALOG QUOTES


“BAHAY KUBO HUGOT”


Vimeo 10.7.0 by Vimeo.com, Inc.


Vimeo 10.7.1 by Vimeo.com, Inc.