(oromia press) — Irree fi Gaachanni Ummata Oromoo Waraanni Bilisummaa Oromoo Godina Kibba-Bahaa Tarkaanfii Waraana Wayyaanee Irratti Fudhateen Loltoota Diinaa 87 ol Hojiin Ala Taasisee, Meeshaalee Waraanaa Adda Addaa hedduu Booji’uudhaan Injifannoo Cululuqaa Galmeesse.
Gootichi Humna Addaa WBO Godina Kibba-Bahaa, Oromiyaa Godina Baalee Ona Eelkarree bakkoota adda addaatti haleellaa Bitootessa 24 fi 28 bara 2016 akkasumas Ebla 2 bara 2016 waraana wayyaanee Sochii Fincila Xumura Gabrummaa (FXG) dura dhaabbachuu fi WBO sakatta’uu akeekkatee bobbaafame haleeluun loltoota diinaa 57 battalummatti ajjeesee, 30 ol ammoo madoo taasisuudhaan injifannoo galmeessee jira.
Haaluma kanaan Bitootessa 24 bara 2016 gootichi humni addaa WBO, Godina Baalee Ona Eelkarree bakka Gooroo Saalaa jedhamutti ganama keessaa Sa’aatii 8:00 hanga 9:00tti waraana Wayyaanee WBO sakatta’uuf bobbaafame haxxee hidhee haleeludhaan loltoota 15 battalummatti yoo ajjeesu, 9 ammoo haala hamaan madeessuun kanneen hafan facaaseera.
Haleellaa kanaanis:
- Qawwee AKM-47 baay’inni isaa 15 tahe hidhannoo guutuu waliin
- Rasaasa AKM firii 800 ol
- Boombii harkaa fi lakkoofsaan 25 tahu fi meeshaalee waraanaa adda addaa humna diinaarraa booji’uudhaan QBO ABOn hogganamuuf oolchee jira.
Irree fi gaachanni saba Oromoo Waraanni Bilisummaa Oromoo tarkaanfii laalessaa waraana qubattuu, wayyaanee/TPLF irratti fudhatu itti fufuun Bitootessa 28 bara 2016 Onuma Eelkarree naannoo Gaara Girriirraa bakka Eela Hoofii jedhamutti loltoota diinaa WBO akka sakatta’aniif bobbaafaman rukutee 23 ajjeesudhaan 14 ammoo madeesse.
WBOn loltoota diinaa sakattaarra oolanii guyyaa sa’aatii 1:00 irratti bakka Eela Hoofii jedhamu boqotaa turan irratti tarkaanfii fudhate kanaan,
- Qawwee AKM-47 Baay’inaan 17 tahu hidhannoo guutuu waliin
- Rasaasa AKM firii 1200 ol
- Bombii harkaa fi baay’inni isaa 32 akkasumas
- Raadiyoo qunnamtii RT-33 tokko (1) loltoota Wayyaaneerraa booji’uun dantaa QBOf oolchee jira.
Gootichi humni addaa WBO Godina Kibba-Baha humnoota diinaa sochii FXG qeerroo-barattoonni Oromoo ummata waliin tahuudhaan gaggeessaa jiran dhaabuu fi lammiilee Oromoo gooluuf akkasumas sochii WBO danquuf bobbaafaman irratti tarkaanfii fudhatu ittuma fufuudhaan Ebla 2 bara 2016 Ona Eelkarree bakka Gola Hurrii jedhamuun beekkamutti lola ganama sa’aatii 10:00 hanga 10:45tti taasiseen, dursee dhukaasa irratti banuun loltoota wayyaanee 9 battalumatti ajjeesudhaan 7 ol madeessudhaan gaaga’ama tokkoon alatti injifannoo boonsaa galmeessee jira.
Walumaagalatti, Gootichi Humni Addaa Waraana Bilisummaa Oromoo Godina Kibba-Bahaa Ona Eelkarree bakkoota sadeenitti tarkaanfii waraana Wayyaaneerratti fudhateen, loltoota sirnichaa 47 ajjeesee kanneen 30 caalan madeessudhaan hojiin ala taasisee jira. Tarkaanfiidhuma boonsaa kanaan Qawwee AKM-47 heddumminni isaa 33 tahe hidhannoo guutuu waliin, rasaasa AKM firii 2000 ol, boombii harkaa F1 57 fi Raadiyoo Qunnamtii RT-33 tokko akkasumas meeshaalee waraanaa adda addaa diinarraa booji’uun qabsoo bilisummaa Oromoo ABOn durfamuuf oolchuun injifannoo cululuqaa galmeessee jira.
Tarkaanfii humnoota hidhattootaa sirna Wayyaanetiin bobbaafaman akkasumas farreen QBO fi FXGtti gufuu tahaa jirani fi Ummata Oromoo hiraarsaa jiran irratti fudhatu hanga Bilisummaan Ummata Oromoo fi Walabummaan Oromiyaa mirkanaahutti jabeessee fi bal’isee kan itti fufu tahuu Ajajni WBO Godina Kibba-Bahaa beeksisee, Ummanni Oromoo tinnisa roga hedduun WBOf taasisaa jiru daran akka cimsee itti fufu dhaamee jira.
Injifannoo Ummata Oromoof