Quantcast
Channel: Oromia
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1918

Guyyaa Gootota Oromoo 2016 Hawaasa Oromoo Ayerlaand jiruun kabajame

$
0
0

Waldaan hawaasa Oromoo kan biyya Ayerlaand guyyaa hara’a gaafa 01/05/2016 walitti dhufuun guyyaa gootota isaanii waliin kabajatani. Yeroo kanatti keesumaa har’a haala Oromiyaa fi ijoolleen ishee keessa jiran haala gaddisisaa fi yeroo kamiyyuu caalaa rakkisaa haa tau malee, goototni ijoollee Oromoo gootummaan diina morma hundhanii yeroo kuffisaa jiran kanatti gootowwan keenya wareegamanii fi wareegama gudda fakkalaa jiran galateeffachuuf yeroo walitti dhufnu kana gootota Oromoo ijoolleewwan keenya kana hammam akka jaallannu fi kabaja jaraaf qabnu yeroo hibsannu gammachuu guddaani dha jedhaniiru.

ireland

Har’a yeroo kammiyyuu caaala qeerroon gootummaa waliin bahee mirga uummata isaa kabachiisuuf yeroo wareegama guddaa kennaa jiru kana ilmaan Oromoo goototni keenya har’as ta’e kanaan dura wareegaman galateeffachuun, saaduu fi faarsuun kabaja  guddaaa nuuf keenna, yoomiyyuu gootummaa jaraattis ni boonnaa jedhaniiru.

Torbee dabarsine kana uummatin Irish gootota isaa bara 1916 kakaumsa godhanii uummata fi biyyaa isaa bilisoomsan yeroo itti kabajachaa yeroo jirandha. Gootonni Irish kun hundi isaanii human gita bittoota Biitishiin ajeefamanii haa dhuman malee ibda isaani gootommaan qabsiisan biyyaa fi uummata isanii gabrummaa waggaa dhibba sadeetii olii jalaa akka bahanii bilisummaan biyyaa isaanii dhuunfatani kan godhe dha.

ireland1

Gootonni Oromoo dhiiraa fi dhalaani,beekaa fi wallalaani, guddaa  fi xinna utuu hin jedhin gootummaan humna diinaa hidhate fuula dura dhaabbanii biyyaa fi mirga uummata isaaniif jechaa wareegama jiran uummatni fi seenaa Oromoo yoomiyyuu hin irraanfatu yoomiyyuu ittiin boona kan jedhani miseensonni waldaa kanaa  har’as taee bori mirga abbaa biyyummaa Oromoo mirkaneessuu fi qabeenya Oromiyaa saamicha irraa ittiif  kan dhaabbatani waliin waan danda’an hundaan bira dhaabbachuuf waadaa seenanii jiru. Haala kanaan ibsa ejjennoo tuqaa shan of keessaa qabu asii gadii kana tokkummaan waliin baafataniiru.

  1. Nuti miseensotin waldaa hawaasa Oromoo Ayelaand wareegama goototni ijoollee Oromoo kabaja mirga sabaa fi biyya isaaniitiif jecha kaffalan har’as taee bor galata, ulfinaa fi kabaja guddaadhaan yaadanna.
  2. Dhaloota ilamaan Oromoo sadoo ofiirraa kan uummata fi biyya isaanii caalsisuun wareegamani, hara’s wareegamuuf of laatanii qabsoorra jirani hundaa kabajaa fi jaalala qabnu ibsina
  3. Akka seenaa uummatoota biraa fi qabsoo amma yoonaa godhamaa jirurraa arginutti, sodaachisuun, hidhaanii, fi reebischi mirga keenya akka hin gonfanne nu taasisuu akka hin dandeenye hubanneerra. Kanaafuu qabsoo goototni keenya duraanii lubbuu isaanii bakka bua hin hin qabne itti wareegni bakka galii isaan ka’aniin gauuf gootota hara’a qabsaa’aa jira bira waan nuuf danda’ame hundaan ni dhaabbana.
  4. Mootummaa Itoophiayaa fi diinotni Oromoo hundi qabsoo mirgaa Oromoon godhaa jiru jaamsuuf carraqiin godhaa jiran hamma dhumaatti milkaa’uufii akka hin dandeenye hubatanii hojii balleessaa ta’e kanarra akka of qusatani akeekachiifna.
  5. Akka yeroo dheeraaf argaa jirruu fi hubatnetti, keesumaa haala amma addunyaan keessa jirtuun walqabatee, mirga Oromoof kan dhimmu Oromoo malee kan biraa waan hin jirreef, lammiiiwwan keenya hunduu bakka jirruutti harka wal qabatnee kaanee diinotni keenya waan isaan lammiiwwan keenya irratti godhaa jiran, keesumaa qabeenya ishee samanii biyya keenya Oromiyaa iyyeetti bara baraa godhuuf sammicha isaani godhaa jiraan irraa dhaabnee mirga keenya ofii keeenyaan gonfachuun akka dandeenyu hubatnee yeroo kamiyyuu caalaa tokkummaan socho’uuf waadaa seenaa, humnootin, hayyuun, waldaaleen fi uummaan oromoo walii-galli akka tokko tanee waliin qobsoofnu waamicha dhirqii lammummaa dhiheesina.

Injifatnoo uummata cunqurfamoo hundaaf!

 


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1918