Quantcast
Channel: Oromia
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1918

#OromoProtests – Continued, March 15, 2016

$
0
0

‪#‎oromoProtests‬ Oduu Tarkaanfii Amma Nu Gaheen
============================

Ona Ebantuutti Itti Gaafatamaa Dhimma Tikaa fi Nageenyaa Wayyaanee Kan Ture Ajjeefame.

Godina Baha Wallaggaa Ona Ebantuutti yeroo dheeraadhaaf itti gaafatamaa dhimma tikaa fi nageenyaa Onichaa ta’uun hojjechaa fi ummata irraan dararaa ulfaataa ga’aa kan ture namni Geetaachoo Xilahun jedhamu Bitootessa 13,2016 Dilbata kaleessaa tarkaanfii irratti fudhatameen ajjeefame.

Farra ummataa fi gufuu QBO kan ta’e lukkee Geetaachoo Xilahun magaalaa Hindee maadheffatuun barattoota Oromoo fi sabboontota ilmaan Oromoo basaasaa, hiisisaa fi dararaan gara garaa akka Oromoota irra gahuuf yakka dhiifama hin qabne hanga guyyaa ajjeefamuutti raawwataa akka ture oduun SBO dhaqqabe ifa godha.

Namni kun gochaa isaa diinummaa fi farra ummataa ta’e kana irraa akka dhaabbatuuf dhaamsi isa dhaqqabus irraa dhaabbatuu waan dideef tarkaanfiin xumuraa irratti fudhatamee jira.

Tarkaanfii lukkee diinaa irratti fudhatame kanatti ummatni Oromoo Ona Ebantuu gammachuu isaa ibsataa jira jechuun oduun nu dhaqqabe ifa godhee jira.

Kanneen lukkee diinaa ta’uun warraaqsa ummata Oromoo FXG dura dhaabbatanii gufuu ta’uuf abbalaa jiran hundi akka karaa irraa maqanii fi warraaqsa ummataatti makaman irra deddeebiin dhaamsi darbaafii jira.


Oduu FXG; Godina Iluu Abbaa Boor Aanaa Hurrumuutti Baratootin mana Barumsaa Qophaahina sadarkaa 2ffaa fi Ummatin naannoo Bitootessaa 14 Bara 2016 hiriira bahuun ajeechaan ilmaan oromoo irraa haa dhaabbatu,OPDOn nu bulchuuf dhaadanoollee gara garaa dhageessisaa oolaniiru.akkuma aadaa jara humni goolessituu wayyaanee reebbicha jarri geggeesuu eegalaniin kan aaran goototin baratoota oromoo tarkaanfii of ittisuu fudhataniiru.baratootin heduunis hidhaati gurmaniiru jedha oduu argadhe.bifuma wal fakaatuun Aanaa Mattuu Ganda Burruusaattis mormiin wal faakaataan akka gegeeffamaa oole beekameera.
#‎BilisummaaOromoo‬-(15.03.2016, ‪#‎XumuraGarbummaa‬, Oromiyaa) Diddaa fi mormiin bifa adda addaan itti fufee jira. Duulli qeerroon bilisummaa Oromoo namoota hedduu humneessaa jira. Oromoon sodaa waggootaaf itti bulaa ture caabsanii dallaa bilisummaa ijaarrataa jira. Guyyaan bilisummmaa Oromoos fagoo miti.
Kan sodaatamus du’a kan hin oolles isa jedhe oromoon gaafa mammaku!
1653404_10207822066901331_8667963790266809200_n

Sakatta’insi mooraa Guddicha Main Campus Yuunibarsiitii Jimmaatti Jaabaate
Bitootessa 15,2016
Waan qabee gadi dhiisu kan dhabe humni diinaa Agaaziin guutummaa mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa Kutaa lamaa wal qoodee qubsuma bakka lama taasifachuun kan jiru dararaa barattootaa itti fifee jira.Akkasuma Komaandara Moorichaa kan ta’e Kaalid Abbaa Tamaam wayiita kana icciita barataa dhabuun dhukkubbii kan itti ta’e haala barataa ittiin qabatu yoo dhabu shirrii sobaan yeroo barattootarratti Ragaa funaannachaa jiru kanatti haala mooraa of sodaachurraan guutummaa Doormiirra deemsisee sakataasisaa jirachuu gabaasi Qeerroo ibsa


Umanni Konso eenyuu?


Hawaasaatti Barattootii Oromoo Hiriira Bahanii Hidhaman,Aanaa Liiban,Nageellee Booranaa Keessalleetti Nama Hedduu Hidhan Jedhan


0A57FCCE-BC12-4EFA-9E6C-766FCFE3E0C6_cx3_cy13_cw94_w1000_r1_s_r1Barattootii Oromoo yuniversitii Hawaasaa kalee galgala hiriira mormii bahanii namii hedduun hidhame jedhan.

Barattootii tun yoo dorgommiin Ispoortii Guutuu Itoophiyaa kalee magaalaa Awaasaatti jalqabde istaadiyoomii keessa oolanii dallaa yuniversitiitti deebihanii hiriira mormii bahan.

“Reebichii ilmaan Oromoo irratti taasifamaa jiru, dararaan haa hafuu fi gaafii gara garaa gaafatanii,”jedha barataan yuniversitii sun baratu tokko.

“Achiin duubatti poolisoonni haala nu hin beekneen gibbii seenanii nu marsani odeeffannoo qamnuun nama 26 hidhaa jira.”

Pirezidaantin yuniveristii Hawaasaa Porofeeser Yoosef Maammoo ammoo “Kanneen hidhaman dhiisii kanneen hiriiraniiyyuu 20 hin caalan,”jedhaee,“ galgala yeroo ani saatii sadii irratti arge yoo baayyate,nama hiriira bahe 35 hin caalan…kaa dhaamanee fi hidhamelleen hin jiru,”jedha.

Gama kaaniin ammoo akka jiraattotii godina Gujii aanaa Liiban jedhanitti guyyaa lamaa fi sadeen dabran keessaa nama hedduun hiriira dhiyoo keessa jiran jedhanii hidhuutti jiran jedhan.

“Nama hedduu hidhanii dhaanan,” jedha namii maqaa ufii himachuu hin fedhin tokko aanaa Liiban irraa

Fulaa namii keessaa hidhan jedhan;Bulbul, Dhakaa-Qallaa, Simmintoo, Hadheessa, Qoraattii, Nageellee Booranaa fa jedhan.

“Wannii mirkanaa ani arge ganda sunitti poolisii aanaa Liibanii fi Federaalaa buusanii poolisiin sun nama dhaantee nama qaqqabdee ijoolleen mana barumsaatii baqattee.”

“Namii amma hidhaa jiru akka jedhanitti 30 tahaa 19 hardha gadi dhiisanii jara cufaa hirira baatan jedhanii hidhan,” jedhan.

Qorataan poolsii aanaa Liiban,obboo Teshoomee Qaallichaa, ”Wannii ani dhagahee hin jiruu namii qabamee nu gahe hin jiru, namii 19 fulaa teennatti hidhani ardha gadi dhhisanilleen hin jiru,”jedha.

Obboo Kadir Jibboo,Poolisii magalaaa Nageellee Booranaati“Womaa quba hin qamnuu namii nu biratti hidhame hin jiru,”jedha.


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1918