Quantcast
Channel: Oromia
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1918

Waraanni Bilisummaa Oromoo Godina Bahaa Diina Haleelee

$
0
0

OLF2Caamsaa 05,2016) Waraanni Bilisummaa Oromoo Godina Bahaa Diina Haleelee Injifannoo Boonsaa Galmeesse.

Abdii fi Gaachanni ummata Oromoo WBOn Godina Bahaa Ebla 28,2016 hamma Caamsaa 02,2016tti Bahaa fi Lixa Harargee Onoota gara garaa keessatti tarkaanfilee waraana diinaa irratti fudhateen injifannoo boonsaa galmeessee jira.

Haaluma kanaan WBOn Godina Bahaa Ebla 28,2016 Lixa Harargee Ona Bookee Xiqqoo bakka Haroo-Bareedaa jedhamutti kutaa waraana wayyaanee 13ffaa Dirre-Dhawaa qubatee jiru irraa ka’ee WBO sakatta’uuf bobba’e rukutuun kasaaraa guddaa irraan gahee jira. Tarkaanfii kanaanis loltootni diina 12 ajjeefamanii 15 ammoo madeeffamuu fi qawween AKMn 9 fi meeshaaleen gara garaa hedduun irraa dhuunfatamuu Ajaji WBO Godina Bahaa beeksiseera.

WBO Godina Bahaa tarkaanfii isaa itti fufuun Caamsaa 01,2016 Baha Harargee Ona Fadis bakka Facaatuu jedhamuttis humna diinaa kan sakattaaf ba’e rukutee 6 irraa ajjeesuun, 9 madeessee jira. Lola kana irrattis qawween AKM 3 fi mi’ootni biroo diina irraa booji’amaniiru.

Caamsaa 02, 2016tti ammoo Humni Addaa WBO Baha Harargee magaalaa Harar biratti kan argamu bakka keellaa Dakkar jedhamee beekamutti humna diinaa bakkicha qubatee jiru irratti dhukaasa banuun loltoota diinaa 2 ajjeesee jira.

Walumaagalatti WBOn Godina Bahaa tarkaanfilee guyyoota kanneen keessatti fudhateen loltoota diinaa 20 yeroo ajjeesu, 24 ol ammoo madeessuun waliigalatti lolto Caamsaa 05, 2016) Waraanni Bilisummaa Oromoo Godina Bahaa Diina Haleelee Injifannoo Boonsaa Galmeesse.

Abdii fi Gaachanni ummata Oromoo WBOn Godina Bahaa Ebla 28, 2016 hamma Caamsaa 02, 2016tti Bahaa fi Lixa Harargee Onoota gara garaa keessatti tarkaanfilee waraana diinaa irratti fudhateen injifannoo boonsaa galmeessee jira.

Haaluma kanaan WBOn Godina Bahaa Ebla 28, 2016 Lixa Harargee Ona Bookee Xiqqoo bakka Haroo-Bareedaa jedhamutti kutaa waraana wayyaanee 13ffaa Dirre-Dhawaa qubatee jiru irraa ka’ee WBO sakatta’uuf bobba’e rukutuun kasaaraa guddaa irraan gahee jira. Tarkaanfii kanaanis loltootni diina 12 ajjeefamanii 15 ammoo madeeffamuu fi qawween AKMn 9 fi meeshaaleen gara garaa hedduun irraa dhuunfatamuu Ajaji WBO Godina Bahaa beeksiseera.

WBO Godina Bahaa tarkaanfii isaa itti fufuun Caamsaa 01,2016 Baha Harargee Ona Fadis bakka Facaatuu jedhamuttis humna diinaa kan sakattaaf ba’e rukutee 6 irraa ajjeesuun, 9 madeessee jira. Lola kana irrattis qawween AKM 3 fi mi’ootni biroo diina irraa booji’amaniiru.
Caamsaa 02,2016tti ammoo Humni Addaa WBO Baha Harargee magaalaa Harar biratti kan argamu bakka keellaa Dakkar jedhamee beekamutti humna diinaa bakkicha qubatee jiru irratti dhukaasa banuun loltoota diinaa 2 ajjeesee jira.

Walumaagalatti WBOn Godina Bahaa tarkaanfilee guyyoota kanneen keessatti fudhateen loltoota diinaa 20 yeroo ajjeesu, 24 ol ammoo madeessuun waliigalatti loltoota 44 ol hojiin ala gochuu Ajaji WBO Godina Bahaa ifa godheera.ota 44 ol hojiin ala gochuu Ajaji WBO Godina Bahaa ifa godheera.


Caamsaa 05, 2016) Kaaba Shawaa Ona Mooriitii fi Jirruu keessatti qabeenya diinaa irratti tarkaanfiin fudhatamuun dhaga’ame.

Akka oduun naannoo sanii bahu addeessutti godina Kaaba Shawaa Ona Mooritii fi Jirruu ganda Inewasriitti qabeenya diinaa irratti boombiin darbatamuun balaan irra geessifameera. Kaabinootni lamas waytuma kana akka du’anii fi namootni 10 akka madaa’anii dha maddeen kan gabaasan.
Tarkaanfiin kun kan fudhatame tibbana ta’uunis ibsameera. Erga FXGn jalqabamee bakka bakkatti tarkaanfileen ummataan fudhataman babal’ataa akka jiran ifaa dha.



Viewing all articles
Browse latest Browse all 1918