#oromoprotests Lixa Harargee Onoota gara garaa keessatti FXG yeroo 5ffaa ykn marsa guttu oromomiya keessati itti fufeera. Lixa Harargee Ona Biyyoo Karaabaa keessatti diddaan guyyaa kaleessaa Caamsaa 07,2016 waraana wayyaanee irratti mul’ate har’a itti fufuun achuma Lixa Harargee magaalaa Hirnaa fi naannoo isheetti FXG bal’inaa geggeeffamaa akka jiru maddeen gabaasan.Walumaagalatti FXG kan marsaa 5ffaa Godina Bahaa keessatti kan eegale oggaa ta’u, godinoota hafan keessattis sochiin eegalamee jira. Kana irraa mootummaan wayyaanee ammas rifaatuu keessa galuun waraana bakkoota adda addaatti baay’inaan : Warraaqsi Ummata Oromoo FXGn hanga bilisummaa fi mirgi abbaa biyyummaa Oromoo guutuuttii mirkanaa’utti jabaatee itti fufa
Tokkummaa’un jaarmiyaalee siyaasaa Oromoo ummata Oromoo yoo onnachiisu, diinota Oromootti mataa dhukkubbii tahee jira.
Wayyaanen sodaa guddaa keessa galuun ilmaan Oromoo jumlaan mana hidhaatti guuraa jirti. Barattoota Oromoo ukkaamsun kaan hidhas, kaan achi buutee dhabamsiisaa jirti.
#Oromoprotests waraanni Wayyaanee Agaaziin bakka olariin isaan gahuu dideeti akka surraa irratti gartan kannan uummataa olarii godhatani deema jiran.. ah ah ah ah keessati osso darbani garii ture garu mee kophe namatichaa agazii jatanin kan ilala waraanuma motummati male agazii miti namichii sareen kun akanumati uummataa kenyaa agaziidha jedhani milishoota naannoo tokko fudhani naannoo bira gessani agaziidha jedhani male agazii miti kun milishadha mee ilaala likitii
\
Guyyaa hardhaa Godina Harargee Lixaa Aaanaa Doobbaa fi Araddaa ifaa janataa fi madda biliysummaa keeysati Hawaasa goola akka turan maddeen keenya gabaasan .#RDHSambata Eebla 28/2008Guyyaa hardhaa Godina Harargee Lixaa Aaanaa Doobbaa naannawa Biyyoo karaabaa keessatti guyyaa har’a loli cimaa gegeeyfama akka turee beekkamme .Koori bitineeysaa Oromniyaaf humnii ittissa Araddaa ifaa janataa fi madda biliysummaa keeysati salaata zuhuuri irraa hamma salaata Asriit hawaasa goola akkla turan maddeen keenya gabasaniiru .Akka maddeen keenya nuf gabaasanit humni Agaazii oraalii shaniin magaalaa Ciroo irraa socho’e dargaggoota naannawa biyyoo Karaabaa rukutuuf yeroo yaali taasosety ummanni dirmatee ofirraa deebisee jira jechuun maddeen gabasaniiru .Tarkaanfi qaamon mootummaa fudhachuuf yaalan kana hordofee qaama hawaasaf Mootummaa irraa miidhaan akka dhaqabuu hin olinis maddeen Eeraniiru .
#OromoProtests Guyyaa arraa Caamsaa 8, 2016 Harargee Lixaa Magaalaa Hirnaa keessa mormiin godhameen waal qabattee namoonni hedduunis akka hidhaman beekkame jira. Isaan keessaa warren hagaa ammaatti maqaan beekkame: maqaale arraan gadi kaana laalla.
1. Adam Ayub
2. MAHAMAD Ayub
3. Fammi Abdi
4. shukri Jamal
5. kamal MAHAMAD
6. Adam Amadu
7. ABDO barsisa
Namoota magaalaa hirnaa keessaa agaaziin arraantan fudhataman kaanas Eessa akka geeffaman hin beekkamne .
Via Qararam Qururum
Oduu gaddaa
Balaa konkolaataa har’a Finfinnee Adaamaatti imalaa jiruun uumameen gara lubbuun nama kudhanii battalumatti darbuu isaa maddeen gabasan.
R .I.P
#OromoProtests 7/5/2016 walgahii yeroo ammaa kana Afrikaa Kibbaatti gaggeeyfamaa jirtu, walgahiin kun dhaabilee siyaasa warra lafa xophiyyaa san keessaatti akka keenyaatti gabroomanifi Adda Bilisummaa oromoo ABO dhaattii. ..
Injifannoon Ummata Oromoof!!!
Guyyaa har’aa Caamsaa 8, 2016 Rooba cimaa guyyaa har’aa Harargee bahaa naannawa Addeellee fi dhangaggoo roobeen akka biyyaatti sa’aatii 5:00AM irraa hanga sa’aa 8:30 PM tti galaanni daandii addaan kutee ture. Hanga ammaatti balaan lubbuu fi qabeenya namaarra gahe wanti beekkame hin jiru
13 people are reportedly killed and dozens are wounded due to a car accident in Borana zone Mega district yesterday.Privately owned and overloaded FSR Isuzu transportation vehicle was traveling from Dubuluqi town to Goobsoo village when overturned in a place called Qarsa Boru. The wounded were taken by Yabello Hospital and nearby clinics.
=============
Oduu Gaddaa: Godina Booranaa Aanaa Meegaa keessatti guyya kaleessaa balaa konkolaataatin namni 13 lubbuun darbuun beekame. Konkolaataan fe’iinsaa FSR Isuzu ta’e humnaa ol nama fe’ee magaalaa Dubuluq irraa gara Goobsoo osoo deemaa jiru garagalee namoota 13 bakkatti yoo galaafatu warri miidhaman gara Hospitaal Yaabello fi manneen yaalaa naannoo sanii geefamanii jiran. Warra lubbun dabref jannata, warra madaayeef wayya’ina maatiif firootaaf ammoo jajjabina hawwina.