#Oromoprotests (SBO/VOL – Caamsaa 09,2016) Godina Iluu Abbaa Booraatti Basaasni Sirna Wayyaanee Ajjeefame.
Oduun amma nu gahe akka mul’isutti Godina I/A/Booraatti basaasni wayyaanee dursaa garee Gooxii Dhaabbata Barsiisotaa Mattuu (TTC) ta’e tokko Caamsaa 08,2016 guyyaa kaleessaa ajjeefamuun isaa mirkanaa’e.
Basaasni wayyaanee kun barattoota Oromoo hiisisuu, sochii isaanii danquu fi tarkaanfiin gara garaa akka irratti fudhatamuuf hojii yakkaa irratti bobba’aa turuu isaa kan gabaasan maddeen keenya, gocha isaa kanaaf tarkaanfiin keessa deebii hin qabne irratti fudhatamee jira. TTCn kun Mattuu ganda Botoo jedhamtu keessatti argama.
Tarkaanfii basaasa wayyaanee dursaa Gooxii TTC Mattuu ta’e kana irratti fudhatameen walqabatee waraanni wayyaanee naasuu keessa seenuun barattoota irratti duulee goolaa akka jiru ibsameera; kana irraas barnootni dhaabbatuu fi barattootni hedduun waraana wayyaaneen qabamanii gara mana hidhaatti guuramaa akka jiran oduun amma nu gahe ifa godha.
FXGn naannoo kanatti akkuma jalqabetti bifa adda addaan itti fufee kan jiru oggaa ta’u, falmaan hanga bilisummaatti kan hin dhaabbanne ta’uu goototni barattootni/Qeerroo Oromoo Godina I/A/Booraa hubachiisaa jiran.
#Oromoprotests
የኦሮሞ ተቃውሞ እስከ ድል ደጃፍ ነው የምሉት ቄሮዎች ባድስ መልክ ከታጠቄ ኃይል ጋር ተፋጠዋል። እስካሁን በደረሰን መረጃ መሰረት በሃረር በአርሲ እና በወለጋ የተጀመሬ ስሆን በኢሉባቦርም አንድ ማንነቱ ባልታወቀ አካል የመቱ መምህራን ኮሌጅ ጎጥ ሰብሳቢም እስከወድያኛው ተሸኝቷል።
የመረጃ ምንጫን ጋርም ባድስ መልክ ለመስራት ስምምነት ላይ ደርሰናል። ካሁን በኋላ ዝር የምትል ወፍ ሳትቀር ለመዘገብ ተዘጋጅተናል። በዝህ አጋጣሚ መረጃ በመስጠት እንድትተባበሩን እንጠይቃለን። መረጃ ሙሉ ሰው ያደርጋል።
Injifannoon kan Uummata Oromoot!!!
#OromoProtests-(09.05.2016, #FreeOromia, Oromia) These are some of Oromo prisoners who have been jailed from different parts of Oromia due to #OromoProtests in Xolay military camp, Jimma zone, South West Oromia. More than 5000 Oromos are incarcerated in this concentration camp right now.
============================
Kunneen Oromoo sababa diddaa fi mormii Oromootiin Oromiyaa keessaa qabamanii kaampii waraanaa Xoolayi, kan Oromiyaa Kibba Lixaa, naannoo Jimmaatti argamutti hidhamanii dha. Mootummaan Wayyaanee hidhamtooti kunneeen humaana TV irratti akka diddaa fi mormii Oromoo balaaleffatan yaalii gochaa jira. Yeroo ammaa Oromooti 5000 ol ta’an mooraa kana keessatti hidhamanii jiru.
# Oromoprotests
Harargeen qabsoo mirga abbaa biyyummaa marsaa jahaffaa dheengadda irraa eegalte cimsite itti fuftee jirti
Haaluuma kanaan guyyaa ar’aa (Caamsaa 9, 2016) ganama irraa kaase mormiin cimaan Godina Harargee Bahaa aanaa GorooGuutu magaalaa kaarraamilleeti mormiin cimaan gaggeeffamaati jira. Jiraattoonni achii, mana murtii guutumaan guutuutti barbadeessuun gara waajiraa poolisii deemanii namoota mana hidhaa jiran cufa baasaniiti jiran.Hanqa ammaa tanaatti qabsoo isaanii itti fufaniit jiran. walitti bu’insa ummata mormii gad geeysaa jiruu fi humnoota mootummaa jidduuti uumameen karramiilleen hookkara keesa jirti. Lubbuu namatis dabartee jirti je’a gabaasni amma nu gahe.
oduu tana hordofnee gabaasa guutuun walitti deebina
*********************************
Eega oduu tana maxxansine booda ;-
Oduu dabalataa kaarraa miillee!!”
Haalli kaarraa millee hammaachaa jira. Hamma ammaatti namni 4 wareegamuun isaa beekkame jira.
Oduu dabalataaf nu hordofaa.
_______________________________________________
#OromoProtests Gootonni Barattonni Hararge Magaala Qobbo qorumsa Oso hin baratin Hin qoratamnu Jechudhaan Dhiisani Bahani Jiru
#BBB Jechuun Akkanadha Ilmaan Oromoo Guutu biyyatti Jirtan Hundi Gootonni Kuniin Fakkenya Guddaa Isiniif Ta’u, Obbolewwan Keenya Ajjefamani Hidhamani barsiisonni Keenya Ajjefamani Hidhamani Barumsaaf Qormanni Jiraatu Tokko Hin Jiru!
#Oromoprotest
Kaarraa miillee!!!
Oduu Daqiiqaa 4 dura nu gage
maqaan guutun namoota lama Harargee Bahaa Aanaa Gooroo Guutuu magaalaa Kaarra Miilleetii wareegaman Caalaa Shamsadini fi Sa’idee Abdallaa Qaadii akka ta’e beekamee jira. Poolisiin Oromiyaa tokko kan maqaan isaa ammaa hin beekaminis du’ee jira.