Torbaan darban lamaan kana keessa agartuu ija uummata Oromoo kan tahe Qeerroo Oromoo irratti duulli madaala hin qabne adda danuun banamee jira. Kan baayyee nama gadisiisu warra Kanaan dura ifaa fi harka lafa jalaan Qeerroo Bilisummaa Oromoo nutu ijaaree of harkaa qaba jedhan burqa olola kana tahanii argamuu dha. Dhuma bara 2015 yaroo ejjaannan Qeerroo bilisummaa Oromoo walatajjitti baahee soda tokko malee mirga uummataa isaa falmachuu eegalu , Qeerroo Bilisummaa Oromoo kan ijaare OMN fi OFC dha hiriyaan koo nama waa hubachuu dandau dha jedhean yaadu naaf hime.
An garuu eenyu akka ijaare irraa gaafasis tahe har’a rakkoo hin qabu. Waan natti mul’at tokko Qeerroon Bilisummaa Oromoo kun kan jireenya nama tokko keessatti takka argamu utuu hintaane, seena saba tokko keesstti yaroo tokko kan argamu dha. Kanaafuu Qeerroo Bilisummaa Oromoo karaa dandeenyu maraan gargaaruu fi hamaa itti dhufu hundaa irraa qolachuu qabna kan jedhu amantaa koo isa duraa ti. Akka nama tokko qaamni keenya fayyaa guutuun yoo tahe gammannee buraaqinee jiraachuu nutti tola. Garuu hamaan yoo dhufu jifuu hundakeessa ija keenya olshachuuf yaalla. Iji yoo jaame bara baraan dhukana keessa jiraachuu taha. Guyyaan bariihuu fi dhiyu hin argani. Bareedaa fi fokkisaa adda hin baasan. Adii fi guaracha hin beekan. Kan ormi harka irra namaa ka’e nyaatu , hinuu yoo argame. Jireenya dukkanaa jiraachuu Waaqayyoo nu haa baraaru.
Warri agartuu ija uummata Oromoo kana jaamsuu wixxifachuu jiru ofitti qaana’uu qabu. Abjuun isaanii firii godhachuu hin danda’u. Qeerroo Bilisummaa Oromoo nagaa eegdhuu TPLF tokko shan ijaarame ciree as gahe ololli namoota gadadoo kanaan ni huba jedhee hin yaadu. Garuu namoota isaan fakkaatanii fi ergamtoota TPLF biratti of mul’isaanii boru yoo TPLF biraa waa argamee butachuuf of qopheessaa jiru. Warri kun dhima Saba Oromoo dantaa tokko illee hin qaban.Dhimua saba isaanii hidhamuu, waxxalamuu fi dhiga dhangalaasuun hafee guyyaa tokkof itti dheebota ykn beela’anii hin beekan . Qabsoo kanaa wareegamni bahaa jiru odduuf malee dhima isaanii miti. Isaan garuu firi wareegama dhiiga ilmaan Oromoon dhufuuf jedhu kana dura darbanii dhandha’amuu of qopheessanii jiru. Akkuma hareen “yoon an du’e margi hin margin” jette kan isaan itti aangoo hin qabanne yoo ta’e Qeerroon Bilisummaa Oromoo illee maaliif hin badne.
Ololli ABO irrattti godhamu haraa miti. Wagaa afrtamaan darban kana keessaa irraa fi jalaan dhageenye jira. ABO balleessuu keessaa fi alaan Mootonni Habashaa dadhabbii amma kan hin jenne godhanii jiru. Har’as goddhaa jiru. Hamma uummatni Oromoo diina isaa kana injifatee hiree mataa murteefattu borus itti fufu. ABO maaliif haala akas xaxxamaa fi rakkisaa tahe kana keessatti utuu hin badiin hafee? Gaaffii jedhuu, deebiin waan Kaayyoo Bilisummaa Saba Oromoo kaasee of harkaa qabuuf. Kanaafuu amma sabni Oromoo jirutti ABOn ni jiraata. ABO afuura fi onnee Oromoota bilisummaa hawwanii hundaa keessa jira.
Bara kudha sagalii fi torbaataman keessa yaroo Mootummaan Haayile Silaase kufu karaa gabaabaa aangoo qabachuu ijaasota hedduttu burqe. Warri akka Me’esonii fi EPRP human Dargii madaluu qabaachaa turan. Beektonni Oromoo hedduun aangoo sana hirmaachuu jecha lachuu keessa qooda guddaa qabu. Haala sana keessatti muratoonni ilmaan Oromoo muraasni aangoof bololi’uura kabajaa saba isaanii of dabrasnii kennuu warri filate ABO ijaaruuf dirqaman. Yaroo dhaltee mila utuu hin fudhatiin karaa lamaan Somalee fi Habashaan harktti wareegama qaallii baasuun dirqama qabsoo itti tahe. Tahus qabsawwanitu kufe malee qabsoon bilisummaa hin kufne. Kaayyoon gaaffasii har’as Oromiyaa duchaa keessaa bilbilaa jira. Waa’ee ijaarsota Habshaa waanan kaaseef warri aangoof qofa deemanii har’a bakka bu’an hin beekau. Akka nama tokkotti yoo jiraatan Mootumma Habshaa wajjin qabsoo Saba hadheessuu fi haxxee hidhuu irraa of duuba hin jedhan. Yoo Sabni Oromoo abbaa biyyuumaa isaa argatee aangoon isaan hawwan abjuu qofa tahe akka hafu beeku.
Mootonni Habashaa uummata Oromoo cabsuuf meeshaan isaanii duraa ergamtoota Oromoo qabachuu dha. Tooftaan kun har’a waan haaraa tahee nutti mul’achuu hin qabu. Inni lammaffaa Oromoo gandaa fi amantiin adda baasee , akka wal sodaatu, akka wal jibbuu fi wal irraa fagaatu gochuu dha. Bara Haaiyle Silaa see Impaayerri Itopiyaa bulmaata kolonii (afaan Amaaraan Xaqilaayi Gizaati) jalatti hiramaa dha. Dargiin waan kolonii jedhu sana habsee kutaa buulmaata mogaase. Namni hunduu akka naannoo isaa faarsu warra kaan irraa adda of godhee fudhatu tooftaa micciramaatu dagaagaa ture. Mootummaan TPLf sana habsee yaroo zooniin hiru Oromiyaan akka kutaa duri tokko taate asi baate. Dhaltonni qubee fi Qeerroon Bilisummaa Oromoo waa’ee naannoo fi gandummaa warri durii beeknu, beekuu hin danda’an. Waan keessatti dhalatanii hin guddanneef jecha amalli gandummaa isaan keessa jiraachuu hin danda’u.
Ololli ABO irratti godhamu maaliif amma deebi’e akka haaratti dhiyaate isa jedhuu sababa gahaa tahe lamattu jira. Sana dura wagaa muraasa dura ABO hin jiru jedhee Jawwar biyya lafatti labsee warra Habashaa Xinxalaa Siyaasaa tahee afufuu eegale. Gaafa tokko Al gaziraa irratti dura ati Oromoo dha immoo Itopiyaa jennan tasa an “dura Oromoo dha “ kan jedhu afaanii isa bahe. Sana booda warri Habashaa bahaa fi galma isa dhorkinaan uummatni Oromoo isaatti dirmatee akka OMN dhaabbatu isa gargaare. ABO durii ni abaara. Mootumaan Habshaas wal jalaa booda ABO badeera jechaa isa tufe araabaa ilmaan Oromoo hunda ati ABO jedhee hidhaa, waxxalaa fi ajjeessaa jiru. Jawwariifis tahe warra mootummaa Habashaa ABO hin jirree isaa dhufee komatamuu qaba?
Sababni inni duraa maalli Ololli kun barbaachisaa tahe argame isa jedhuuf tokko warri kanaan dura Qeerroo Bilisummaa Oromoo of harkaa qabana jedhanii akka oddeessan tahuu diduu dha. Bahaa fi Dhihaa, Bitaa fi Mirgaa bakka sochiin qeerroo jiru maratti kan ol ka’u alaaba ABO tahee argamu dha. Dhugaa dubbachuuf yoo tahe ABO Qeerroo Bilisummaa Oromoo natu ijaaree, natu hoogganna jedhee ifattis tahe dhoksaan yaroo himatu hin dhageenye. EEnyee , haala mijjawwaa qeerroon Bilisummaa Oromoo qopheesse kana keessatti ABO uummata Oromoo keessaa seenee wajjin dagaaguu ni danda’a. Kana dura uummatni keenya dammaqinsaa waan hin qabnee fi olola diinan afanfajja’e, ilmaan isaa bilisoomsuuf qabsaan yaroo addatti diinatti dabrsee keenaa ture. Har’a kun tahuu hin danda’u.
Inni lammaffaa har’a ijaarsonni Oromoo walitti dhufanii wal galtee yaroo godhan maaliif haalli dhukkanaa kun dhalachuu danda’e? Gargar bahuu ijaarsota Oromoo kan jaalatuu fi kan hawwu diina duwwa. Uummatni kam iyyuu diina keessaa fi alaa qaba. Yoo irratti hin barree kan qabsoo hubuu danda’u isa ifatti argan caala isa fira fakkaatee bukkee ofii jiru dha. Diina kam irraa iyyuu of tiksuun qabsoon akka mirgisu godha. Qeerroo Bilisummaa Oromoo yaroo gabaaba kana keessatti diina galmaa fi baha dorkee watwaachisaa jiru namoonni maalummaan ishee hin beekamneen komatamuun nama gadisiisa.
Qeerroon Bilisummaa Oromoo funyaan waraana Agaazii jala taa’ee wareegama qaalli baasudhaan qabsoo hadhaa hofaa jiru ololli kun ni diiga jedhee hin yaadahu. Uummatni Oromoos bakk jiru maratti ijoollee agartuu ija isaa taate kana mararsiifachuu duwwaa utuu hin taane ,waan qabu hundaan wajjin dhaabbachuu fi diina irraa tiksuuf dirqama seenaa qaba. Ijoolleen Qeerroos akka uummatni Oromoo milloyaan lakkamu isiin faarsaa, kaayyoo keessan ol kaasee jiru dhugeefachuu malee , olola ilbisonni yartuun ooftuun akka haamileen keessan hin cabine nan ammana.
Ijafannoo Uummata Oromoof
Oromiyaan ni bilisoomti.