Guyyaa har’aa ‘internationsl day’ ykn Guyyaa Addunyaaleessaatti biyya Egypt magaalaa kaayiroo University Misry damee saayinsii fi teknolojitti agarsiisa aadaa biyyoota 30 ol ta’an guutuu addunyaa irraa walitti dhufaniin taasifamee ooleera. Biyyoota hiree kana argatanii agarsiisa aadaa kanarratti hirmaachuun aadaa isaani ummata addunyaatif dhiyeeffatan keessaa ummanni oromoo isa tokko. Carraa arganne hundaanuu aadaa fi seenaa keenyaa ummata addunyaatif haa beeksifnu!

#OromoProtests Lafti bal’aan kun kan Investimantii oomisha abaabootiif jedhanii qonnaan jiraattota Oromoo irraa buqqaasanii faranjootti gurgurataniidha Kan argamu Godina Shawaa Kibbalixaa naannawa Magaalaa Walisootti yoo tahu mormii cimaa bara kana ummanni Oromoo taasiseen investaroonni baqatanii dhiisanii deeman Ummanni Lafa kan daddafee hiratuu akka qabu dhaamsa dabarsuun barbaada
Sababni isaa dhiigni ilmaan Oromoo 500 caalu itti dhangala’eet, lubbuun dabarteeti kan investaroonni baqatanii deeman. Lubbuu namoota 500 dhabne kana Kaayyoo isaan wareegamaniif kabachiisuun dirqama guddaadha


#OromoProtest
Caamsaa 15_2016 Sa’aa 1:30 irraa eegalee warraaqsi biyyaalessaa magaala Jimmaatti finiinee jira.
Ayyaana irreessa Afraasaa sababeeffachuun qeerroon Oromoo kuma kudhanii ol (10,000) lakkaa’aman dhaadannoo finiinsaa jiru. Humni waraana wayyaanee sodaa keessa galtee jirti.
Qeerron ABO nu bulcha jechaa dhaadannoon lafa buqqisaa jira.
#OromoIdentity-Kun Sirna Jala bultii Ayyaana Irreecha Arfaasaa kan Bara 6410ffaa A.L.G Jimmaatti kaleessa gaggeeffame dha.
Ayyaanni kun Dilbata Caamsaa 15/2016 Jimmaa Tulluu Deeddeetti ganama kaasee bifa addaatiin kabajama.
Waaqni Tokkichi isin haa gargaaru ammallee!
#Oromoprotests 15/5/2016
Kaayyoo Mootummaa Weyyaanee fi lukkeewwan ishee baafattee socho’aa turte Uummata Magaalaa Mattuu fi Barattoota Kooleejiitiin fashalaa’e. Suuraan armaan gaditti argitanu kun du’a Barataa Daagim Tolasaan walqabatee sababa du’asaa baruuf uummanni barattootni koolleejii Hospitaala Mattuu keessatti walga’anii yeroo dhaabbatanii dha. Reeffa Barataa Daagim Tolasaa qorannaa addaatiif jedhamee gara Hospitaala Minilikitti erganii booda barattootni nagaan gara Koolleejiitti Osoo deebi’aa jiranii ergamtootni weyyaanee dhakaa gara mana dhuunfaatti darbachuun akka jeequmsi ka’u yaalii godhanus battaluma sana barattootni warra kana godhani harkaan qabataniiru. Dabaltaan Barataa Daagim Tolasaa Mucaa Najjoo waan ta’eef ajjeefamuun mucaa kanaa ta’e jedhamee walitti bu’iinsa kanaan dira ture hammeessuun uummata gidduutti abidda qabsiisuuf yaalii godhamee dha jechuun uummatni fi barattootni shakkii jaraa ibsaa jiru jedha maddi odeeffannoo keenyaa. Torbee dhuma darbe kana keessa walitti bu’iinsa uumameen Dargaggoon Oromoo tokko kan dhalooteen isaa Iluu ta’e tokko lubbuun isaa darbuun niyaadatama.
Shirri Weyyaaneen Oromoo qoqqooduuf goote Tokkummaa Uummataan Xumura argate.
Injifannoon kan Uummata Bal’aati.
#OromoProtests Godina Harargee bahaa Aanaa Baddannootti poolisoonnii fi bulchinsi aanichaa dargaggoota Oromoo hidhaanii ji’oota 4f hiraarsaa turan irratti ragaa sobaa bahaa jechuudhaan ummata dirqisiisaa jiran. Manni Murtii namoota hedduu kan bilisa baasaa jiru yoo tahu Abbootiin alangaa, bulchinsa aanaa fi poolisoonni ragaa dabalataa dhiheeffanna jechuudhan baallama dheeressisaa jiraachuu isaanii gabaasni qeerroon achirraa nuuf ergite ni addeessa
Poolisoonni sabaan nafxanyaa tahanii fi ilmaan Oromoo hiraarsaa, reebaanii reebsisaa, mana hidhaatti guursisaa fi ragaa sobaa irratti baasisaa jiran ummannis tarkaanfii barbaachisaa irratti fudhachuuf qophii xumurachuu dubbatan
Gurmuu Falmattoota Haqaa MAAKILAAWWII BEEKTUU?????
Maakilaawwiin mana hidhaa mootummaa itoophiyyaa darbanii fi kan amma bulchaa jiruuti.kaleessas oromoon kumaan lakkaa’amu itti gidirfamaa ture.har’as gidirfamaa jira.maakilawwiin magaalaa Finfinnee kutaa bulchiinsa piyyaassaatti ykn AFAAN OROMOON BIRBIRSA GOOROOTTI argama.namni siyaasaan shakkame ukkaanfamee maakilaawwiittigeeffama.sana booda qorannoon halkan halkan namicha irratti raawwata.maakilaawwiitti qorannoon guyyaa hin geggeeffamu.nama tokko qorattootashanii oliti qorata.yoo barbaadan ija si hidhanii si qoratu.sagalee malee nama si qoratu ijaan hin argitu.shiboon,uleen goggogaa,gommaan,piinsaan,bishaan,elektirikiin meeshaalee reebichaaf gargaaran keessaa isaan muraasa.humni ibsaa torture nama gochuuf,piinsaan,qeensa namarraa buqqisuuf,warreen biroo reebichaaf,qaruuraan qaama saalaa ittiin kolaasuuf gargaaramu.oromoon nama dararuu miti uumama dachee irra jiran maraaf gatii kenna.warri habashaa garuu ilma namaa irratti gochaa bineensa irratti hin raawwatamne dalagu.maakilaawwii keessa namoota akkamiitu jira? qorattootni ilmaan oromoo qoonqoof jiraatan ofkeessaa qaba.hoogganaantigiroota yommuu tahu saboota biraa irraa illee wardiyyummaa fi hojii jalee kan hojjetan ni jiru.maakilaawwiin kutaalee meeqa qaba???maakilaawwiin kutaa hidhamtootaa sadii qaba.isaanis: sharaaten,saabeeriyyaa fi xaawulaa jedhamu.saabeeriyyaan akkuma maqaaisaa baayyee qorra.kutaa ykn doormii kudha sadii qaba.kutaan lakk.8ffaa kutaalee xixiqqoo afur ofkeessaa qaba.kutaaleen xixiqqoo arfan kun nama tokko tokko qofa qabachuu dandeessi.guyyaas halkanis dukkanadha.kutaa kana keessaa yeroo barbaadan si waamanii si reebu.qofaa waan taateef yoo si ajjeesanis hiriyyaan si argu waan hin jirreef yoo barbaadan ofajjeese jedhu.yoo barbaadan immoo dhoksaatti si awwaalu.kutaaleen saabeeriyyaa biroonis guyyaa fi halkan cufamanii oolu.kutaa xiqqoo 4mx3m taate kanatti haga nama 25 itti naquun ukkaamsu.sharaaton sababa saabeeriyyaa caalaa fooyya’eef sharaaton jedhame.guyyaa ulaan hidhamtoota irraa banamee oola.maatii daqiiqaa kudhaniif ija kaameeraajala dhaabbattee haasofsiisuu dandeessa.sagalee kee fi suuraan kee kaameeraa sanaan waan waraabamuuf waan icciitii haasa’uu hin dandeessu.xaawulaan kutaa shamarran itti hidhaman yoo ta’u guyyaa guyyaa balballi isaa akkuma sharaaton banamee oola.kana malees hidhamtootni tokko tokko kan achi erga galanii hidhaa fi reebicha sodaa ragaa hiriyyaa ofii irratti ragaa bahuuf kaadhimaman xaawulaatti jijjiiramu saabeeriyyaa ykn sharaaton irraa.hidhamtootni ragaa walirratti bahuu irraa ofeeguu qabu.gaafa ragaaf kaadhimaman amma rageessanii ba’anitti achuma tursiifamu.hidhamtootni saabeeriyyaa guyyaatti al lama mana fincaanii geeffamu ganamaaf galgala jechuudha.hidhamaan tokko hiriyyaa isaa kutaa biraa jiru nagaa gaafachuu yoo barbaade sirbaandhaama.walwaamanii dubbachuu fi nagaa walgaafachuun dhorkaadha.yoo carraa argatte ani hin amanu hin amaniif jedhu.sababni isaa faallaa macaafa qulqulluu KAN AMANEE FI KAN CUUBAME NI FAYYA”kan jedhu deemuu qabda.maakelaawwiitti kan amanetti ni murtaa’a kan haale ni ba’a.kanaaf HIN BEEKU jechuun furmaatadha.kunis ulee reebicha sitti cimsus yeroo xiqqoo booda ni gammadda.tooftaalee isaan itti fayyadaman doorsisa,gowwoomsuu fi burjaajessuudha. MOIBON B.TIIN.
Filmii “WAADAA” Oromoo teenya kan Finfinneefi naannawa sanii bifa kanaan hamma teessoon wal hanqatee manni dhippatutti bahanii miidhagsan. Ulfaadhaa jennaan.