Quantcast
Channel: Oromia
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1918

Qawwee Iyyuu Hin Dhaga’u

$
0
0

Qeerroo Bilisummaa akkas jedhee laata?
(Abbaa Magaal irraa)

13164494_1093172840755417_8458371522476010467_n

Kansaatti abbaa ta’ee fedha isaa guuttatee
Nagaan yaa’ee galee daldalee qotatee
Misoomee duroomee baree qaroo ta’ee
Taliigee walbulchee, Oromummaan moo’ee,
Oromoon wal ta’e abbaa biyyaa ta’ee,
Saba tokko ta’e, biyya guddaa ta’ee
Gammadee haajiratuufan hawwee manaa ba’e.

Waaq akka nu uume bareechee, bal’isee,
Guddaa nu taasisee;
Eebisee damboobee biyya nu badhaasee;
Shakkii tokko maleen amanee fudhadhee,
Dhugaa jallaa hinqabne kan ittiin dhaladhe,
Seenaa booruu hinqabnee xaliila ganamaa,
Haqa Waaq nuuf kenne dhiiga Oromummaa;
Oromoon tokkoomuu,
Oromiyaan biyyoomuu.

Haqa koo falmachuufan hiriyee koo tumse,
Dardarran, shamarran mana manaa kaasee,
Warra garaa tokkoo warra sodaa hin beekne,
Ibidda utuu arguu kan irraa hin dheessine,

Halkani fi guyyaa qawweetu nurraa iyya,
Nutti tolee miti bari kufaatiin hiriyaa,
Aarree baane malee jibbinee gabroomuu,
Hidhaa fi ajjeefamuu, saamamuuf hiyyoomuu,
Roorroo bara dheeraa doofuu fi gadadoomuu,
Biyya irraa buqaanee sanyiin duguugamuu,

Bara diinni quuftee ofirratti hagdu,
Waa meeqa munaagdu,
Waan inni nuun jedhe ilmi Xaayyee Walduu,
“Oromoon maal fiddi buqqifamtee haa baddu;
Morma ishee irraa cirra warra kana diddu.”
Salphoo bor hin beekne mormi abbaashee haa badu.

Ano haqan falmaa, biyya abbaa koon falmaa
Seera jallaan falmaa, seenaa sobaan falmaa
Mirga sabakooti, kabajaa namummaa
Basha’ee jiraachuu kan abbaa biyyummaa,
Dhiiga Taaddeen falma lafee Baaroo Tumsaa,
Foon Eelamoo fi Muhee Abboomaa fi Magarsaa;

Maaltu keessa seennaan galaanni raafame?
Hirkoon koo sabni koo oduun maaf jeeqame?
Oromoo qulqulluu Oromoo abbaa hoodaa
Oromoo abbaa gadaa Oromoo abbaa odaa
Ho’u wal dhungannee qabbanaa’u wal nyaannaa?
Maaf xurii wal faalla maaf diinaaf wal laanna?
Dilbii diinqaa baafnee maaliif gabaa dhaabna?

Maanguddoon maaf dhibe jaarsi bulee raage?
Kan biyyat dheekkamu waan fafa yoo arge?
Maal dubbiin akkanaa kan akkas fokkisu?
Lammii irra dheedanii diinatti mirgisuu?
Mana ofirraa diiguu utubaa buqqisuu?
Muka akaakaan dhaabe qirixanii jigsuu?
Qe’ee ofii mancaasuu?
Akka kormaa hindaaqoo haadhanii tamsaasuu?
Maal taatani dhiiroo barana wal lollaa?
Bara nuuf firoomuu dharra’u warri ollaa.

Ani kaayyoon qaba kaayyoon fiixaan baasu,
Hangan bakkaan gahutti bishaan jigde hin kaasu.
Yoo qilleensi dhufes, bubbeen yoo bubbise,
Oduun yoo baay’etees huursee yoo shubbise,
An karaa irraa hin maqu,
Daandii haaraa hin saaqu,
Bubbee baqachuufis tasa iyyuu hin dhama’u,
Oduu fi hama miti qawwee iyyuu hin dhaga’u.

Abbaa Magaal (Caamsaa, 2016)


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1918

Trending Articles


Girasoles para colorear


mayabang Quotes, Torpe Quotes, tanga Quotes


Tagalog Quotes About Crush – Tagalog Love Quotes


OFW quotes : Pinoy Tagalog Quotes


Long Distance Relationship Tagalog Love Quotes


Tagalog Quotes To Move on and More Love Love Love Quotes


5 Tagalog Relationship Rules


Best Crush Tagalog Quotes And Sayings 2017


Re:Mutton Pies (lleechef)


FORECLOSURE OF REAL ESTATE MORTGAGE


Sapos para colorear


tagalog love Quotes – Tiwala Quotes


Break up Quotes Tagalog Love Quote – Broken Hearted Quotes Tagalog


Patama Quotes : Tagalog Inspirational Quotes


Pamatay na Banat and Mga Patama Love Quotes


Tagalog Long Distance Relationship Love Quotes


BARKADA TAGALOG QUOTES


“BAHAY KUBO HUGOT”


Vimeo 10.7.0 by Vimeo.com, Inc.


Vimeo 10.7.1 by Vimeo.com, Inc.