Quantcast
Channel: Oromia
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1918

#OromoProtests, May 21, 2016

$
0
0

‪#‎OromoProtests‬ TPLF continues to demolish houses of poor farmers in Warra Ganu area of Bole Subcity in Addis Ababa. As much as 11 people were reportedly killed this past week when farmers stood up for their property.


‪#‎oromoprotests‬ Caamsaa 21,2016) Gaaffiin Mirgaa FXG Godina Arsii Magaalota Adda Addaa Keessatti Deemuun Wal Qabatee Mootummaan Wayyaanee Humna Waraana Isaa Dabalataan Qubsiisaa Jira.
Caamsaa 20,2016, kaleessa magaalota Asallaa, Itayya,Shaashamannee, Ajjee, Asaasa Qoreefi Adaabbaa keessatti waraanni mootummichaa kan duraan ture akkuma jirutti ta’ee guyyaa har’aa saa’atii boodarraa eegalee bifa addaatin magaalota kanneenitti waraana baayee qubisiisanii jiru
13240508_1028267560596177_4395470741962397773_n


‪#‎oromoprtests‬ Caamsaa 21,2016) Fincilli Xumura Gabrummaa (FXG) wayta finiinaa jiru kanatti, tarkaanfileen diinaa fi qabeenya diinaa irratti fudhatamus Oromiyaa bakka hundatti jabaataa fi babal’ataa jira.
Caamsaa 19,2016 Kamisa darbe godina Lixa Wallaggaa Ona Gullisoo ganda Gujii Waraaboo jedhamtu keessatti konkolaataan wayyaanee 3 qabeenya adda addaa fe’anii deemaa turan irratti tarkaanfii fudhatameen dhuunfatamuun isaanii gabaafameera.
Haaluma walfakkaatuun tibbuma kana Godina Kibba Lixa Shawaa Ona Gooroo ganda Caacoo jedhamtu keessatti konkolaataan FSR jedhamu qabeenyummaan ishee kan wayyaanee ta’e lama erga to’atnaa jala galfamanii booda, qabeenyaan irra ture guutummaatti erga fudhatameen booda, konkolaatotni lamaan barbadeeffamuu oduun naannoo sanii bahu hubachiiseera. Qarshiin 10,000 ol ta’uu fi mobilootni adda addaa 8 kanneen dhuunfataman keessatti argaman


‪#‎oromoprotests‬ Caamsaa 21,2016) Hidhaa, ajjechaa fi gidiraan adda addaa barattoota/qeerroo fi ummata keenya irratti hammaatus FXGn bifa qinda’aan Baha Oromiyaa keessatti finiinaa jiraachuun mul’ataa jira.
Hidhamuu fi ajjeefamuun utuu jabaatuu akkanaan ummatni keenya baadiyaa fottoqee Onoota giddu gala godhachuudhaan gamtaan ka’ee diina dura dhaabbatuun falmii geggeessaa jira; dadhabbii, nuffii, sodaa fi hamilee dhabuu tokkoon maleetti haala onnachiisaadhaan ummatni keenya Baha Oromiyaa keessatti FXG marsaa 5ffaa finiinsuu irratti akka argamu ragaa biraa walitti himuu osoo hin taane dhugaa qabatamaa haala lafa irraa mul’achaa jirutu ifa godha jechuun maddeen SBO gabaasaa jiran.
Godinaaleen Oromiyaa biroos duubaan hiriiruun FXG marsaa 5ffaa kana milkeessuuf tarkaanfii fudhataa, daandiis cufaa bifa gara garaan sochii itti fufanii akka jiranis bal’inaan gabaafamaa jira. Godinoota Oromiyaa Bahaa fi Lixa Wallaggaa, Giddu Gala Oromiyaa, Iluu Abbaa Booraa, Arsii fi kanneen hafan keessatti sochiin FXG marsaa 5ffaa haala saganteeffameen itti fufee jira jechuun maddeen keenya gabaasaniiru.
Halkanii guyyaa osoo hin jenne fiixaan ba’iinsa FXG kan bilisummaa fi walabummaa injifannoodhaan milkeessuuf wantota barbaachisan guuttataa barruulee warraaqsaa fi kkf bittimsuunis bal’inaan itti fufee jiraachuu maddeen ibsaniiru.
Godinaalee Oromiyaa hunda irratti hidhaa fi dararri adda addaa diinaan geggeeffamu hammaatullee, falmaan hanga bilisummaatti itti fufa jechuun yaada ummatnii fi dargaggootni/qeerroon barattootni kennaa jiran kan gabaasan maddeen keenya, sochii diinaa fi basaasota isaanii akkasumas waliindhooftota of irraa tiksaa falmaa kan itti fufan ta’uu hubachiisuu isaanii maddeen keenya mirkaneessaniiru



Viewing all articles
Browse latest Browse all 1918

Trending Articles


Girasoles para colorear


mayabang Quotes, Torpe Quotes, tanga Quotes


Tagalog Quotes About Crush – Tagalog Love Quotes


OFW quotes : Pinoy Tagalog Quotes


Long Distance Relationship Tagalog Love Quotes


Tagalog Quotes To Move on and More Love Love Love Quotes


5 Tagalog Relationship Rules


Best Crush Tagalog Quotes And Sayings 2017


Re:Mutton Pies (lleechef)


FORECLOSURE OF REAL ESTATE MORTGAGE


Sapos para colorear


tagalog love Quotes – Tiwala Quotes


Break up Quotes Tagalog Love Quote – Broken Hearted Quotes Tagalog


Patama Quotes : Tagalog Inspirational Quotes


Pamatay na Banat and Mga Patama Love Quotes


Tagalog Long Distance Relationship Love Quotes


BARKADA TAGALOG QUOTES


“BAHAY KUBO HUGOT”


Vimeo 10.7.0 by Vimeo.com, Inc.


Vimeo 10.7.1 by Vimeo.com, Inc.