Quantcast
Channel: Oromia
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1918

Artistota Oromoo Motummaan Wayyaanee Ajjeese

$
0
0


‪#‎BilisummaaOromoo‬-(17.03.2016, ‪#‎XumuraGarbummaaHurrumuu‬, Oromiyaa) Mootummaan Wayyaanee erga aangoo Impaayera Itoophiyaa qabatee biyya Oromiyaa keessatti buttaa garboonfatummaa siaa diriirsee egalee qamoota hawaasa Oromoo mirga saba Oromoof dubbatan, falmanii fi qabsaa’an dhabamsiisaa jira. Bara 1992 haga 2006 gidduutti, fakkeenyaaf, artistota Oromoo qaroo fi beekamoo 10 ajjeesee jira.

  1. JIREENYAA AYYAANAA – Bara 1992 keessa ukkaamsame; ergasiia chi buuteen isaa kan dhabame.
  2. EEBBISA ADUNYA – qabsa’a fi weellisa Hagaya 30 1996 Finfineetti wareegame
  3. USMAAYYO MUSAA – qabsa’a fi weellisa mana hidhatti giddira heddu erga arge 2006 magaalaa Cirrotti boqote
  4. HIMEE YUUSUF – qabsa’a, weellisa fi ogeessa meesha muuziqa baandi caffe gadaa 1997 Harargeetti wareegame
  5. KUULANI BORUU – qabsoftu, weellistu baandi caffe gadaa 1997 harargetti wareegamte
  6. BOONSISO CAALAA – qabsa’a, Weellisa baandi caffe gadaa 1992 harargetti wareegame
  7. HORDOFA BAARENTOO – qabsa’a, weellisa baandi caffe gadaa 1992 harargetti wareegame
  8. JAALAL ENYUMMAA – qabsa’a, Ogeessa diraama baandi caffe gadaa 1992 harargetti wareegame
  9. SABBOONTU BAARENTOO – qabsoftu weellistu baandi caffe gadaa 1997 baaletti wareegame
  10. AYYAANTU BAARENTOO – qabsoftu fi Weelistu baandi Caffe Gadaa.
  11. YOOSEF GAMMACHUU – hidhaa fi dararaa hedduu booda bara 1996 Sabbatatti kan wareegame. fi kkf yaadachuun ni danda’ ama.

Kaayyoon Oromoo dhiigaa fi lafee gootota akkanaan jiraatee yoon gahe; kaayyoo isaan wareegamaniif akna galmaan gahuuf amma ilele wareega guddaa nu gaafachuu mala. Wareegni guddatus, kaayyoon Oromoo otuu galii isaa hin gahiin hin HAFU!!


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1918