Quantcast
Channel: Oromia
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1918

#OromoProtests, June 3, 2016

$
0
0

Via Jawar Mohammad
‪#‎OromoProtests‬ #OromoProtests kun haasawa Obboo Baqqalaa Garbaa Afaan Amaariffaatiin Mana Murtii irratti godhe Gaazexeessaa achitti argame Elias Gebru Godana dhiyaate kunooti. Afaan Oromootti kan hiike Hiwi – Elöna ti
Guyyaa har’aa Obboo Baqqalaa Garbaa Kaanaateeraa keessaa; Kofoo gabaabduu fi miila duwwaa mana murtiititti dhiyaatan;
” Gaggeessitoonni Bulchiinsa Manneen Sirreessaa hamma hin jijjiiramnetti jiruun keenna rakkoo guddaa keessa jira; beellama itti aanuf nabsedhaanuu argamuu keenna ni shakkina”
” Gara kutaa dukkanaatti fuudhanii nuun deeman. Nu keessaa gartokkee keenya akka malee nu tuman”
” Akka Lammii Biyyattiitti lakkaawwamaa hin jirru”
Obbboo Baqqalaa Garbaa
—————
” Beellama keenna isa dabre irratti uffata gurraacha mana murtiitti dhiyaachudhaaf uffanne baafadhaa nuun jedhan. Nutis hin baafannu jennee mormine. Uffata barbaanne kaawwachuun mirga heera biyyattiittiin nuuf kenname jenneen. Nuti uffata gurraacha kan uffanneef Lammileen Sabaan Oromoo ta’an Kuma 50 ol mana hidhaa keessatti kan argamaniifii dabalataan waggaa kana keessatti qofa lammiilen Oromoo 200 – 300 ajjeefamuu isaaniitiif gadda nutti dhagayame ibsuuf ture. Gochi nuti raawwanne hundi seera fi hojmaata mana sirreessaa haala hin tuqneen ture. Kuni gonkumaa hin ta’u jedhanii nu dhoowwan, nutti dallanan, nu sodaachisuudhaaf yaalan, nu arrabsan.
” Kaleessa sa’aa booda namoonni mana murtiitti dhiyaannu adda baafamne akka dhufnu godhamne. Eddoo jirruu uffata keenya qabannee akka baanu godhame. Uffata keenya keessaa uffata gurraacha barbaadanii fudhatan. Nutis ” uffata keenya hunda isaa nuuf deebisuu qabdu jennee gaafanne. Isaanis gara mana dukkanaa fuudhanii nuun deeman. Nu keessaayis namoota tokko tokko garmalee tumaadhaan dararan. Namootni tumamanis asuma waan jiraniif dhadacha fuulduratti waan irra ga’r kana ibsachuu ni danda’u. Uffatni keenya hundi isaa lafarratti waan bittinneeffameef hidhamtoonni biroo kan barbaadan keessaa fudhatan. Isa hafe fidanii kutaa keenya keessatti darban. Hanga har’aatti midhaan hin nyaanne. Harki keenya hamma ganamaatti Kaateenaadhaan hidhamee ture. Gochi suukaneessaan nurratti raawwatame hundi kan Oromummaa keenyarratii xiyyeffateedha. Lammiin sabaan Oromoo ta’e qofti filatamee garmalee tumamaa jira. Eddoon itti hidhamne kan ilmi namaa sababa sabummaa isaatif qofa itti adabamuudha. Anaanis ‘ Kan kana godhu sihi, si arganna’ naan jedhanii jiru.
Manni murtii eddoo turtii biraa akka nuuf mijeessu ni gaafanna. Ammas yoo gara mana hidhaa Qiliinxootti nu deebistan waan nurra ga’u hin beeknu. Sodaa guddaa qabna. Hoggantoonni mana sirreesichaa hamma hin jijjiiramnetti nabsee keennaaf ni sodaanna. Haala kanaan Beellama itti aanuf nabseedhaan argamuu danda’uu keenyas amantii hin qabnu. Maatin keenya akka nu hin daawwanne dhorgamaa jiru. Har’as erga dallaa mana murtii keessa seennee booda Namootni akka nu hin argine godhameera. Wanti akkanaa kuni mootummaadhaaf maal isaaf godhaa? Akka lammiitti lakkaawwamaa hin jirru.”
13346774_559420757573502_3498276810099153527_n


‪#‎OromoProtests‬ Waxabajjii 3, 2016
Harargee Bahaa Aanaa Malkaa Balloo Magaalaa Harawaacaattii keessaatti mormiin itti fufa ture.
13344771_1365076830185463_2555052018878098686_n
Godina Kibba Lixa Walisoo M/B Garasuu Dhukii Sadarkaa 2ffaa fi qopha’inaa akkasumas Walisoo fi Magaalaa Walisoo keessatti FXG itti fufe.
June 2, 2016 By Qeerroo
Itti fufaWarraaqsii FXG marsaa 5ffaan kun Godina Walisootti Caamsaa 26 /2016 Irraa eegaluun kan eegalee fi addatti immoo goototni barattootni Oromoo M/B sadarkaa 2ffaa fi qophaa’ina Garesuu Dhukii adda durummaan warraaqsaa kan finiinsan yoo ta’uu, mootummaan Wayyaanee Tajaajila network balleessuu irratti xiyyeeffachuun sochii uummata ukkamsuuf yaalii gudda godhus warraaqsii FXG kun afaan qawwee fi loltuun ukkanfamuu kan hin dandeenye ta’uun itti fufuun warraaqsii daran jabaachuun finiina jira. Goototni barattootni Oromoo gaaffii mirga abbaa biyyummaa gaafachaa jirruu fi mirgi bilisummaa saba keenya hanga kabajamuu fi waraanni wayyaanee Oromiyaa fi dhaabbilee barnootaa gadhiisee hanga bahuutti warraaqsii FXG hin dhaabbatu, qormaata utuu hin baratiin hin qoramnu, sirni barnootaa waraanaan nu jalaa uggurameef mootummaan wayyaanee itti gaafatamuu qaba, hidhamtootni Oromoo hundi haalduree tokko malee haa hiikaman jechuun gaaffii isaanii finiinsuun warraaqsa qabsiisan. Sochii Warraaqsaa Oromiyaa godinichatti jabaachaa dhufuun wal qabatee waraanni agaazii gootota barattoota Oromoo M/B Garesuu Dhukii sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa mooraa mana barnootaa seenuun barattoota waraana agaaziin kan goolaa jiruu ta’uu fi barattootni Oromoo 6 humna waraana agaaziin ukkanfamuu kan hidhaman ta’uun ibsame jira. Barattootni Oromoo Wallisoo M/B Garasuu Dhukii irraa ukkanfaman
1. Barataa Misgaanaa Dhiinsaa , kutaa 9ffaa
2. Barataa Guutamaa Rundaasaa, kutaa 9ffaa
3. Barataa Alamayyoo Rundaasaa, kutaa 9ffaa
4. Barataa Xurunaa Kitaabaa, kutaa 10ffaa
5. Barataa Waggarii Birhaanuu , kutaa 9ffaa kanneen keessatti argaman barattootni Oromoo 6 humna waraana agaaziin kan ukkanfamani hidhatti darbataman ta’uun ibsame jira. Humni waraanaa agaazii fi poolisiin federaalaa gara godina kanatti guuramaa jiraachuun ifa ta’eera. Warraaqsii uummataa Godina Kibbalixa Shaggar Walisoo magaalaa hanga gandoota baadiyyatti illee yeroo irraa gara yerootti jabaachaa jiraachuu madden Qeerroo Magaalaa Waliisoo irraa gabaasan.
June 3, 2016

Harar city inside Jegol is on fire. This is second crime by the Woyane in less than 24 hours. Yesterday Haramaya University dormitories turned into ash and today it the Jegol’s turn. The regime is determined to burn down everything in Oromia

The TPLF regime expels the entire class of 1st year engineering students of Haramaya University. This decision is passed in the name of the university senate but sources tell us that the faculty including the president are strongly against it. The decision is attributed to the security command post using the chairman of Board of Governors Mr Sileshi ( Minister of Fish) to over rule the faculty. The students are vowing not to leave campus until the entire university is closed down. You might recall that students have been boycotting class for the last three weeks demanding release of their classmates and removal armed forces from campus. Instead addressing
====================================
Mootummaan Wayyaanee barattoota Yunivarsitii Haramayaa Damee Injinariingii waggaa 1ffaa barnoota irraa ugguruun ID fi qabeenya Yunivarsiitichaa deebisanii akka mooraa Yunivarsiitichaa gadi dhiisanii bahan beeksise.
13332745_10208530745020421_1446822734188982519_n


Dhaamsa yuunivarsitii Haramaayaa irraa
Nuti barattoonni Oromoo yuunivarsitii Haramaayaa keessatti argamnu erga barnoota dhaabnee turree jirra. Mootummaan wayyaanee yuunivarsitii guutumaan guututti cufna jechuun irra deddeebi’ee beeksisus nuti barattoonni Haramaayaa tokkummaan dura dhaabbannee jirra. Yuunivarsitii Oromoo tokko cufuun yuunivarsitii hundaa cufuu waan taheef tarkaanfin itti aanu hamaa akka tahu gamanumaan hubachiisna.
Barattoonni Oromoo yuunivarsitii hundaa keessatti argamnu bara kana tokkummaan mormii keenya mooraa keessa fi mooraa alatti yeroo boqonnaaf hawaasatti gallu qeerroo Oromoo gurmeessun qabsotti galchuuf qophii hunda xumuraa jirra.
Barattoonni Oromoo gidiraaf osoo hin jilbiiffanne mootummaa gabroomsaa wayyaanee dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasaa jiru hundeen buqqisuuf yeroon isaa amma waan taheef bakka jirru hundatti qabsoo finiinsuu qabna.
Nuti barattoonni Oromoo yuunivarsitii Haramaayaa gochaan diinummaa wayyaaneen qabeenya Oromoo gubsiisaa jirtu hedduu nu dallansiisaa jira. Yuunivarsitoota Oromiyaa gubuun dhuguma wayyaanen Oromoo lafaa duguugufi dhaloonni Oromoo akka hin baranneef kaayyoo ishiin qabatte agarsiisa.
Kanaafuu ummannii fi barattoonni Oromoo gamtaan shira wayyaaner dura dhaabbachuuf tokkummaan akka kaanu dhaamsa Oromummaa isiniif goona.
university_haramaya


Yunversitii Haromaayaa
(Waxabajjii 03,2016) – Yunversitiin Haromaayaa Damee Doormii Daamaraa kan gubachuu eegale galgala sa’aa 1:00 irraa kaasee ti,
– Humni waraana wayyaanee mooraa Yunversitii Haromaayaa keessa kan buufate ji’oota lakkoobsiseera,
– Waraanni wayyaanee kun humna hin beekamneen tarkaanfiin irratti fudhatamu cimaa fi babal’achaa dhufuu irraa aariin tarkaanfii kana fudhachuun isaa shakkii akka hin qabne jiraattotni naannoo ibsaa jiraachuu,
– Humni waraana wayyaanee Agaaziin afaan qawween barattoota irra dhaabbatu yeroo yunversitiin kun gubatu barattoota dhaanaa akka ture,
– Doormiin gubate kun hedduu ta’uu fi qabeenyi barattootaallee guutuutti keessa akka jiru, mootummaan wayyaanee ofii shororkaa’ee qabeenya biyyaa mancaasaa jira.
– Yakka ofiif raawwate kana barattoota/Qeerroo fi qaama biraatti haqatuuf akka abbalaa jiru hubatamuu,
– Barattoota Yunversitii Haromaayaa mana hidhaatti guuruuf karoora akka qabu, gubachuu mooraa kanaan walqabatees barattootni hedduun karaa irraa butamanii dhabamsiifamaa jiraachuun hubatamuu,
– Qabeenya ummataa fi biyyaa kan egeree dhalootaa ibiddaan barbadeessuutti tarkaanfachuun wayyaanee, mootummichi waggootni hafee ji’ootaaf iyyuu biyyattii bulchuuf humni isaa laamsha’aa jiraachuun mul’achuu,
Mootummaa wayyaanee kufaatiin isaa jala ga’ee fi daddaaqamaa jirutti xumura gochuuf FXGn haalaan jabaatee itti fufuun murtii barattoota/dargaggoota/Qeerroo Oromoo ta’uun irratti waliigalameera.


#‎OromoProtestes‬ Oduu Amma Nu Gaheen gootonni keenya Baqqalaa Garbaa faan dadhacha har’aa qaama qullaa butaantaa qofaan akka dhaqan beekamee jira. Kopheefi kaalsiillee hin diranne. Mortii hin baratamin kana fudhachuuf kan dirqaman wayaa hallu gurraachaa offatanii deemuu erga dhoowwamanii boodadha.


ኢትዮጵያዊያኑ በርሀብ ሊያልቁ ነው በቀን አንድ ዳቦ ብቻ የድርሱልን ጥሪ እያሰሙ ነው
በግሩም ተ/ሀይማኖት
ኢትዮጵያዊያን ስደተኞች ካምፕ ውስጥ በርሀብ ሊያልቁ ነው። የመን በአየር ድብደባ ቁም ስቅሏን ማየት ከጀመረች አመት አለፈ። በዚህን ጊዜ በሙሉ ከመቶ ሺህ በላይ ስደተኞች ወደ የመን እየገቡ ነው።
መንገድ የቀረው ቀርቶ ወደ ሳዑዲ አረቢያ የሚገባውም ብዙ ነው። ሁዴዳ ያለው የIOM ካምፕ በየጊዜው ከፍተኛ ቁጥር ያላቸው ስደተኞችን ያስተናግዳል። በአሁኑ ሰዓት ግን የባጀት እጥረት አለብኝ በማለት የምግብ አቅርቦቱ በቀን አንድ ዳቦ ብቻ ነው።
በከፍተኛ የርሀብ እና ችግር ውስጥ ናቸው። ከየቦታው ተለቅመው በእስር ቤት ያሉት እና በካምፕ ውስጥ ያሉ ወገኖቻችን በአሳዛኝ ሁኔታ ለስድስት ወር በርሀብ ተጠብሰው ያሉበት ሁኔታ ይሄን ይመስላል።
ምንም አይነት የምግብ ድጋፍ ለማድረግ አቅም የለንም ያለው IOM በሚቀጥለው ሳምንት ስደተኞቹን ወደ ሀገር ለመመለስ በመሰናዶ ላይ ነው። ሊሴ ፓሴ ለማዘጋጀት ኤምባሲ ወክሎ ያስቀመጣቸውን ሁለት ሰዎች ወደ ሁዴዳ እንዲሄዱ ጥሪ ቀርቦላቸዋል። ቅዳሜ ወይ እሁድ ሄደው የተለመደውን ትብብር እንደሚያደርጉ ይጠበቃል።
ሌሴ ፓሴው ቢዘጋጅም ጉዞው ግን በታቀደለት ጊዜ እንዳይካሄድ ንፋስ ስለተነሳ ባህሩን ማቋረጥ አስቸጋሪ ይሆናል ተብሎ ተፈርቷል። ጉዞው የሚዘገይ ከሆነ በዚሁ የርሀብ ሁኔታ እንዴት ሊቆዩ ይችላሉ? የአካባቢው ሰው ተርበው የሚለምኑትን ኢትዮጵያን ያለውን እያካፈለ በመሆኑ ሊመሰገኑ ይገባል። በርሀብም በበሽታም የሚሞቱትን ኢትዮጵያዊያን ቁጥር ማወቅ አልተቻለም።
መርዳት የምትችሉ ወገኖቻችንም ሆናችሁ ከዚህ በፊት የመን ላለ ስደተኛ ገንዘብ ለማሰባሰብ የሞከራችሁ። አሁን IOM ካምፕ ውስጥ ያለ ኢትዮጵያዊያን ስደተኛ በርሀብ እያለቀ ነውና አሁን ተረባረቡ….
13335827_1740648842819932_4574599846106266210_n



Viewing all articles
Browse latest Browse all 1918