Leelloo Sabaa irraa
Mahaammad Alii, leencichi booksii addunyaa, waggaa 74faatti, dhukkubaan guyyaa gaafa 4/06/2016 du’aan boqote. Mahaammad Alii, gurraacha Afriikaa ta’ee, biyya Ameerikaa, kan gurraachi Afriikaa keessatti tuffatamuu fi namaa gaditti ilaalamu keessatti dhalatee waan guddateef, carraan itti dandeettii ofii guddifatan haalaan xiqqaa ture. Haa ta’u malee, daangaa sanyummaa sirni Ameeriikaa, gurraacha Ameerikaa fi faranjii Ameerikaa gidduutti uume, obsaa fi muratnoodhaan kukutee, Mahaammad Alii, dorgommii booksiitiin addunyaa irratti marroo sadiihiif tokkoffaa ta’e.Biyya guddoo abdii kutachiisaa fi gurraacha ta’uun homaa ta’uu akka hin dandeenyetti fudhatamu keessatti, Mahaammad Alii, booksiidhaan addunyaa irratti tokkoffaa ta’uun, of tuffii fi abdii kutannaa mataa Afriikaanota Ameerikaa keessaa kan haqe qofa osoo hin taane, sanyummaan sirni Ameerikaa, gurraacha fi faranjii Ameerikaa gidduutti uume, jabina gurraachi Afriikaa qabu akka hin caalle kan mirkaneesse ture. Gurraacha ta’uun, dandeetti homaatuu dhabuu fi ergamtummaa qofaaf kan itti yaadamu biyya Ameerikaa keessatti, Mahaammad Alii, qabsoo cimaa geggeesseen spoortii booksiitiin tokkoffaa ta’ee addunyaa irratti beekamuun, olaantummaa fi tuffii faranjii injifachuuf gurraachi dandeetti akka qabu, akkasumas, gadi qabaa fi tuffiin faranjooti irratti geggeessan yoo irraa ka’e, gurraachi Ameerikaa guddachuu akka danda’u mirkaneessee gurraachi Afriikaa, Ameerikaa keessa jiraatu mirga isaatiif akka falmu kan godhe qofa osoo hin taane, akka Mahaammad Alii booksitiin injifate, biyyooti Afriikaa muratnoodhaan yoo lolan, gabroomfattoota Awurooppaa injifatanii bilisummaa isaanii gonfachuu akka danda’an hamilee fi ilaalcha of irratti abdachuu biyyoota Afriikaa keessatti illee kan uume ture. Mahaammad Alii, maatii hiyyeessaa keessatti kan dhalate qofa osoo hin taane, biyya tuffii fi gadi qabaan gurraacha irratti geggeeffamu keessatti spoortii booksiin addunyaa irratti tokkoffaa bahuun, biyyoota Afriikaa keessatti illee dorgommiin booksii akka babal’atu taasieera.
Guddina, kabajaa, maallaqa fi maqaa dorgommii booksii injifatauun argate kana irraa, sirni tuffii, gurraacha Afriikaa gadi qabu hin jiru osoo ta’ee, gurraacha Afriikaa keessaa kanneen akka isaa miliyoonni hedduun bifa adda addaattiin guddachuu akka danda’an kan hubate Mahaammad Aliin,sirni sanyummaa fi tuffii gurraacha Afriikaa irratti geggeeffamu Ameerikaa keessaa buqqifamee sirna walqixxummaa fi haqaan akka bakka bu’uuf kan hedduu qabsaawe ture. Hojiilee fi spoortiilee adda addaa gurraachi Afriikaa ittiin guddachuu danda’u irraa gurraacha Afriikaa kan dhowwaa ture sirni sanyummaa faranjii buqqa’ee sirna: bilisummaa, haqaa fi walqixxumaatiin yoo bakka buufame, gurraachi Afriikaa faranjii caalaatti guddachuuf dandeettii fi kennaa waaqaa akka qabu kan hubate Mahaammad Alii: dhageettii, ulfina, maqaa fi qabeenyaa qabu dantaa dhuunfaa fi kan maatii isaaf osoo hin taane, mirga gurraacha Afriikaa maraa kabachiisuuf kan dhimma itti bahe ture. Sirni walqixxummaa fi haqaa gurracha Afriikaaf akka argamuuf gochaa sanyummaa faranjii balaaleffachaa fi dura dhaabbachaa ture. Sababa kanaafis, faranjoota sirna tuffii fi gadi qabaa babal’isan biratti Mahaammad Alii ni jibbamaa tureera.. Kan qofa osoo hin taane, biyya Veetinaam gabroomfachuuf duula Ameerikaan bara kudhanii sagal jaatamoota keessa gooteef waraana Ameerikaa ta’ee akka achitti bobba’uuf mootummaa Ameerikaan gaafatamee, waraana gabroomfataa Ameerikaa ta’uu mormee kan irraa hafeera. Mahaammad Alii, ”Waraana gabroomfataa Ameerikaa ta’ee Veetinaamitti duuluu, seexaan kiyya naa hin hayyamu.” jechuun imaammata Ameerikaa dura muratnoodhaan kan dhaabbate ture. Saba waraana Ameerikaa ta’ee Veetinamitti duuluu dideefis, bara 1967 irraa hanga bara 1970tti, mootummaan Ameerikaa, adaba irratti murteesse. Adaba kanaanis, waggoota sadiif dorgommmi booksii irraa akka hin hirmaanne godhuun paasportiin illee irraa fuudhamee, booksii addunyaatti tokkoffaa ta’uu isaatiin maqaan kennameefi illee irraa mulqame. Waggoota sadiif dorgommii booksii addunyaa irraa hin uguramne osoo ta’e, Mahaammad Alii yoo xiqqaate dorgommi ja’a irraa hirmaatuun yoo xiqqaate doolara miliyoona 90 argachuu ni danda’a ture jechuun ogeessoti spoortii tilmaamaniiru. Mahaammad Aliin, maallaqa hagana kassaree haqaa fi dimookraasiif kan qabsaawe ture.Bifa kanaan, Mahaammad Alii, sirna gabroomfataa dura dhaabbachaa fi qabsoo farra gabrummaa ummattooti geggeessan jajjabeessaa ture. Biyyoota Afriikaa keessaa, jalqaba yeroo biyyi Gaanaa mootummaa Ingilizii irraa bilisa baatu, biyya Gaanaa deemee kan ummata biyya Sanaa biratti argamee waliin gammade keessaa Mahaammad Alii tokko ture. Walumaagalatti, Mahaammad Alii: maqaa, kabajaa, ulfina, qabeenyaa fi dhageetti spoortiin argate meeshaa qabsoo taasifatee sanyummaa fi walcaalmaa irratti duuluun: bilisummaa, dimookraasii, haqaa fi walqixxummaaf kan qabsaawaa ture waan ta’eef, seenaa qabsoo, bilisummaa fi dimookraasiif ummati Afriikaa gurraachaa geggeesse keessatti, mallattoo hin haqamne fi yeroo hunda addaatee mul’atu dhiisee addunyaa kan irraa kan darbee dha. Sababa Mahaammad Alii addunyaa kana irra jiraateef, addunyaan kun bu’aa guddaa akka argatte, sababa inni addunyaa kana irraa darbeefis addunyaan kun waan guddaa dhabdeetti.Sababa inni jiraateef addunyaan bu’aa guddaa argattee, sababa inni hin jirreef ammoo addunyaan bu’aa silaa argattu dhabuun, Mahaammad Alii, jireenya akeeka fi hiikkaa qabu jiraatee akka addunyaa kana irraa darbe kan mirkaneessuu dha. Waaqayyo, itti haa araaramu; jannatas haa kennuufi.
Akka Mahaammad Alii: dhageettii, kabajaa fi qabeenyaa spoortiin argate, meeshaa taasifatee, cunqursaa fi saamicha gurraacha Afriikaa irratti raawwatamaa ture ittiin lole, atileetoti Oromoo: dhageettii, kabajaa fi qabeenyaa spoortii adda addaatiin horachaa jiran, meeshaa taasifatanii :ajjeechaa, hidhaa, saamichaa fi dhiitama mirga dhala namaa ummata Oromoo irratti raawwatamaa jiru dura dhaabbataa hin jiran. Ummatni Oromoo, golee Oromiyaa mara keessaa ka’ee Ixoophiyaa taankii hidhatee itti duulu dura dhaabbachuun bilisummaa fi dimookraasiif ogguu qabsaawu, akkasumas: daa’ima, dubartii ulfaa, dardara, shamarrani fi jaarsa osoo hin jedhin yeroo Ixoophiyaan dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasaa jirtu kanatti, atileetoti Oromoo callisa filatuun ana qofa osoo hin taane, kanneen safuu fi seexaa Oromoo qaban hunda kan ajaa’ibu ta’a. Atileetoti Oromoo, keessattuu, kanneen dorgommii fiigichaan addunyaa kana irratti beekaman: kabajaa, dhageettii fi qabeenyaa qaban meeshaa qabsoo bilisummaa Oromoo yoo taasisan, jireenyi cunqursaa fi saamichaa irraa ka’ee ummatni Oromoo: bilisummaa, nagaa, badhaadhinaa, kabajaa fi gammachuun akka jiraatu godhuu keessatti qooda guddaa qabaatu. Jireenya: akeeka, hiikkaa, gammachuu fi maqaa qabu jiraachuu jechuun: dhageettii, kabajaa fi qabeenyaa qaban dantaa ofii qofaaf osoo hin taane, dantaa ummata ofiif oolchuu dha. Atileeloti Oromoo kan itti yaaduu qaban, jireenya akeeka, hiikkaa fi gammachuu qabu jiraachuu jechuun, sababa isaan addunyaa kana irra jiraataniif ummatni Oromoo waan argate yoo qabaatee fi sababa isaan addunyaa kana irra hin jirreef ummatni Oromoo waan dhabu yoo qabaatee dha. Kanaaf, akka Mahaammad Alii, spoortii meeshaa taasifatee mirga gurraacha Afriikaaf qabsaawe, atileetoti Oromoo illee: dhageettii, maqaa fi qabeenyaa qaban meeshaa ummatni Oromoo ittiin bilisoomu taasisuu qaban. Yoo kana godhan, ofiif qofa osoo hin taane, saba isaaniif illee jiraataniiru jedhama. Kana godhuun, seexaa isaanii waliin nagaan jiraachuu qofa osoo hin taane, seena qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti, mallattoo sabboonummaa fi gootummaa hin haqamne fi addaatee mul’atu of boodatti dhiisanii darbuu dha. Gammachuu dhugaanis kana irraa argama. Ajjeechaa, hidhaa, saamicha, guddeeddiini fi biyya har’atamuun osoo ummata isaanii irra gahuu, qabeenyaa isaanii tikfachuuf kan callisaa jiran yoo ta’e, qabeenyaan isaanii bilisummaa Oromiyaatiin tikfama malee Ixoophiyaan akka hin taane beekuu qaban. Guyyaan warri Ixoophiyaa Oromiyaa gadi dhiisan shaffeessaan dhiyaataa jira. Guyyaa san, tigrooti fi OPDO’n qabeenyaa atileetota kana saamanii akka biyya badan tasa dagachuu hin malle. Guyyaa sun, hundi seenaa himatu qabaatuu qaba. Guyyaa sun, kanneen seenaa himatan qabaatan keessaa atileetoti Oromoo tokko akka ta’an abdiin qabu guddaa dha. Yeroo itti ummatni Oromoo harki 98 ABO fi hooggana isaa jala hiriiree diinaa waliin kokkee walqabaa jiru kanatti, atileetooti Oromoo, duula kana keessaa moggaatti of baasanii taa’anii ilaaluu osoo hin taane, yeroo isaan hiriira ummatni bal’aan Oromoo gara walabummaa Oromiyaatti godhaa jiru kana keessa seenanii gooda isaanii gumaachan har’a.
Injifatnoon Ummata Oromoof !
Leelloo Sabaa irraa,
07/06/2016