Barattoonni yuniversiitti Jimmaa Afaan oromoo fu ogbarruu ebbifamtoonni 2016 lammiin baratee IMAANAA him nyaatu jechaa du’aa Dr.Dani’eli gizaachoo baay’ee akka isaan gaddisissee ibsatanirruu kayyoo inni eegalee sharfe tokko otoo hin cabsiin galmaan genyaa jechuun waadaa galaniruu
Qeerroon giincii mormiin fxd hamma biliisummattii hin dhabatu jechun guyyaa har’aa gabaa guddaa magaala keessa nan’uun mormii dhaggesiisa olaan. waraanni agaaziis ijoolee qabuf oliigadii kattuus qeerroon hundii harka miliiqxee jirtii.
#OromoProtests three people have been arrested from Rift Valley University, Labu Campus today.
1. Chalchisa Damtew
2. Gololcha Bali ( Dean of the College, an Italian educated academic who returned to the country with hope of serving his people)
3. Abiyot Nugissie Head accountant
==========================
ODUU AMMA NU GAHE (Wax. 9, 2016):
Itti gaafatamtoonni Yuniversiitii Riifti Vaalii ukkaamfaman. Diinii Yunivarsitichaa kan tahe Gololchaa Baalliitii fi tti gaafatamaan damee barnoota fagoo Abiyoot Nugusee humnoota mootummaatiin bakka hojii isaaniirraa butamanii akka fudhataman himameera. Itti gaafatamtootni kunneen butamuu malee, hanga ammaatti bakki geeffaman hin baramne. Barsiisaa Caalchisaa Daamxoo fi Abiyoot Nugusee kaleessa galgala waajjira isaaniirraa konkolaataa garagaraatiin kan fuudhaman yoo tahu, obbo Gololchaa Baallii ganama har’aa akkuma waajjira seeneen faana seenanii akka butanii deemaniin himameera. Obbo Gololchaa Baallii kanaan dura, perezidaantii barattoota Oromoo Yunivarsiitii Finfinnee kan ture yoo ta’u, yeroo hedduu deddeebisee hidhamaa turuun isaatis ni yaadatama.
#OromoProtests-(09.08.2016, #FreeOromia, Oromia) Bakka bu’ooti mootummaa Wayyaanee gochaalee farra namoomaa Oromoo irratti raawwataa jiran biyya Australia akka jiran beekame.
Hogganooti mootummaa naannolee, Presidaantii Oromiyaa Muktaar Kadiir, Presidaantii Naannoo Tigiraay, Abbaay Walduu, Presidaantii Naannoo Somaalee, Abdii Mohaammed kan keessatti argaman namooti 14 Australia jiru.
Maaliif Australia akka seenan ifatti himamuu baatus, namooti ijoollee Oromoo mormiif bahan 500 ol fixuun himataman kunneen VISA Australia argatanii biyya Australia jiru.
Waldaan Hawaasa Oromoo Australia, dhaamsa dabarseen gochaa qondaaltota ummati haala jiru hordofee akka walhubachiisu dhaameera.
Via Dhábasá W. Gemelal
#OromoProtests-(09.08.2016, #FreeOromia, Oromia) Koreen hoji raawwachiisaa ADWUI diddaa fi Mormii Oromoo to’achuu fi hordofuuf caasawaa haarawaa ijaare.
Koreen kun Waxabajjii 6 fi 7 walga’ii idilee gaggeessen dhimmoota jajjaboo biyyattii mudate ittiin jedhe kan akka mormii Oromoo, balaa gogiinsaa fi dhibdee bulchiinsa gaarii irratti maryateera.
Mormii Oromoo waliin kan walqabates, furmaata kan ittiin jedhe carraalee hojii baadiyyaa fi magaalatti uumuu irratti akka hojjatamu murteesseera.
Hojii kanas taliiguus, koreen qindeessaa biyyoolessaa hundaa’ee naannolee fi dhaabbilee federaalaa waliin walta’uun akka hojjatu koreen ADWUI kun murteesseera.
Walgahii kana irratti diddaa fi mormii Oromoon Oromoo akka jabaatee hin babal’anne akka eegamuu fi to’atamus ajaja dabarsee jira.
Oromiyaan yeroo ammaa bulchiinsa “command Post” kan ajajoota waraanaa lammii Tigiraay jala galtee akka jirtu beekamaadha.
#Oromoprotests Waxabajjii 9,2016 Yuuniversitii Haromaayyaatti dhiyoo doormiin barattoota dhiiraa gubatuu irraa kan ka’e mooraan yuunniversitichaa humna waraana Wayyaaneen kan toohatamee fi buufata waraana tahe gabaasuun keenya ni yaadatama. Haala kanaan barattootni waggaa tokkkoffaa baratanis mootummaan wayyaanee akka galan dirqisiisee akka galan taasifameetu jira. Guyya doormiin barattootaa gubatee kaasee barattootni hedduunis yeroodhaa yerootti hidhaatti guuramaa jiraachuunis hubatamee jira.
barattootni hedduunis kan gara qe’ee galan mooraa alatti tika diinaan butamanii mana hidhaa darbamaa jiraatuunis Qeerroon gabaasee jira.
Dhaamsa hatattamaa qeerroo guutummaa oromiyaa keessa jirtaniif .Konkolaataan abbaan qabeenyummaa isaa kan tujaarota tigirootaa ta’e kun gidduu kana magaalaa naqamtee keessatti tarkaanffiin irratti waan fudhatameef mootummaan wayyaanee sodaa guddaa keessa seenuun humnoota federaalaa konkolaatota kanaaf ramaduun akka isaan dirqiin oromiyaa keessa hojjetan gochaa jira.Nuti qeerroon guutummaa oromiyaa keessa jirrummoo konkolaataa kana duwwaa irratti xiyyeeffachuu hin qabnu.Maaliif yoo naan jettan konkolaattonni kanneen akka
star bus
sky bus
tata
fi kanneen albuuda oromiyaa saamuuf kutatanii ka’an fakkeenyaa dhagaa daalattii kan jedhamu kan naannoo mandii keessaa ba’u .Dhagaan kun albuuda oromiyaan yeroo ammaa kana albuda qabdi jedhamee abdatamu keessaa isa guddaadha.Kanaaf nuti qeerroon guutuu oromiyaa keessa jirru yeroo kamiyyuu caalaa tarkaanffii qabeenyaa diinaa fi lukkee lee diinaa irratti fudhachuuf qoophii ta’uu qabna.Kanaaf adaraa keessan yeroo tarkaanffii fudhannu bifa qindoomina qabuun hojjechuummoo akka qabnu isiniif eeruun fedha.
#OromoProtests
Woyyaaneen Hidhaa Fi Ajjeechaa Sabboontota Oromoo itti fuftee jirti.
**********************************************
Guyyaa hardha jechuunis June 8/2016 galgala naannoo sa”attii 2:30tti nama lama harkaa fi luka hiitee fudhachuun namoonni ilaan dhaggan himan.
Namoota lamaan keessaa tokko Caalchisaa Daamxee jedhama. Obboo Caalchisaan kaadhimamaa dorgomaa Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa (parlaamaa) OFC/Medrek kan 2007 Kan ture yo ta’u bakka hojiisaa University Rift Valley Kampaasii Labuu irraa har’a humnoota wayyaaneetiin ukkaamamee fudhatameera. Humnoonni tikaa Woyyaanee bakka hojiisaa universitii Riifti vaalii kampaasii labuu laaftooti waardiyaa reebanii dhiigsanii seenuun biiroosaa foddaa cabsanii isa fuudhanii bahan jedhama.
Woyyaaneen haga feetelle wixirattu barana kubbaan harka Oromoo jirti! Oromoottu miidhaa jira isaan ofirraa ittissarra Jiru! Dargaggeessi Oromoo ofkennee woreegamaa jiraa waan dandeennu maraan bira haa dhaabbannu!