(SBO/VOL – Waxabajjii 21,2016) Waxabajjii 20-21/2016 Godina Bahaa Oromiyaa Harargee Bahaa fi Dhihaa Aanota Garaagaraa Keessatti Warraaqsii Biyyoolessaa Oromiyaa FXGn Daran jabaachuun itti Fufe, Waraani Agaazii Wayyaanee, Liyuu Hayilii fi Koraa Bittinneessaa jedhamanis Yakka Duguuginsa Sanyii Ilman Oromoo Irratti gaggeessa jiru.
Godinoota Harargee Bahaa aanota akka Dadar Magaalaa Qobboo, Gursuum, Magaalaa Calanqoo, Godina Harargee Lixaa aanaa Mi’eessoo, Magaalaa Mi’eessoo dabalatee Warraaqsii biyyoolessaa Oromiyaa FXGn, gootota barattoota Oromoo kutaa 12ffaan daran jabaachuun itti fufee jira.
Goototni barattootni Oromoo Godina bahaa Oromiyaa, Harargee bahaa fi lixaa keessatti qorumsa kutaa 12ffaa seensa yuunibarsiitiif qophaa’aa jiraachuun keenya utuma beekamuu roorroo fi hiraarsa saba keenyaa fi nurra ga’aa jiruu obsuu waan dadhabneef warraaqsa finiinsuun falmachaa baranna; kunis warraaqsaa keenya irraa duubatti hin deebinu jechuun warraaqsaa finiinsu irratti argamu.
Goototni Barattootni Oromoo fi Qeerroon Dargaggootni Oromoo erga Oromiyaan bulchiinsa waraanaa jala galfamtee addatti duulli itti fufiinsaan waraanaa Agaazii, Liyuuhayilii, Poolisii federaalaa fi Kora bittinneessaa jedhamaniin uummata Oromoo irratti gaggeeffama jiraachuun godinoota Harargee lamaanii fi Oromiyaa bakkoota hedduutti ilmaan Oromoo guyyuu ajjeefamaa fi ukkaanfamaa jiraachuun Qeerroo dargaggoota, gootota barattootaa fi ummata Oromoo boqonnaa kan dhorkee fi daranuu kan warraaqsatti jabeessaa jiruu dha. Kana irraa warraaqsa FXG jabeessuun roorroo of irraa deebisuuf kan murteeffatan ta’uu ifa gochuun FXG finiinsuutti jabaatan.
Sababaan addaa warraaqsa FXG kana jabeessuuf dirqaman kan biroon immoo dabballootni kittallayyoota wayyaanee ta’an jibbinsaa barattoota Oromoof qaban deeggarsaa barattoota kutaa 12ffaa sababa qorumsaa yeroon itti dheeraateef godhameef dhorkachuun mirga barattoota Oromoo ukkaamsuufi deeggarsaa godhameef bu’aa dhuunfaa isaaniif oolfachuu irraa goototni barattootni Oromoo Aanaa Dadar magaalaa Qobboo, Aanaa Gursum, Anaa Mi’eessoo Magaalaa Mi’eessoo warraaqsaa finiinsuun dura dhaabbachuun falmachaa jiran.
Akkuma amaleeffatee fi baratee mootummaan wayyaanee fi ergamtuun wayyaanee OPDO’n ilmaan Oromoo bulchiinsa waraanaa jala jiran irratti loltoota agaazii bobbaasuun Oromoo nagaa hojjetatee of jiraachisuu fi mormii keessatti illee hin argamiin itti dhukaasanii ajjeesuu itti fufuun Shaamarree Oromoo kan hojii buna daandii irratti danfistee ittin of jiraachiftuu fi maatii ishee tajaajiltuu dubree Sabrina Abdallaa jedhamtuu Harargee Bahaa magaalaa Calanqootti itti dhukaasuun, lubbuun ishee wareegame jira.
Kana malees Godina Harargee Bahaa fi Lixaa keessatti bakkoota garaagaraatti yakki waraanaa ummata Oromoo irratti gaggeeffamaa jiraachuun walqabatee Qeerroo fi ummatni wal ta’uun addatti warraaqsa Biyyooleessa Oromiyaa FXG daran jabeessuun dura dhaabbachuu qofatu furmaata jechuun waamicha warraaqsaa waliif akkasumas guutuu barattoota, dargaggoota/qeerroo fi ummata Oromoo cufaaf dabarsaa jiraachuun ibsamee jira.
Injifannoon uummata Oromoof