Quantcast
Channel: Oromia
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1918

Magaalaa Finfinnee, aanaa Laaftoo Keessatti Manni Jireenyaa Nu Irraa Diigamaa Jira, Jedhu Jiraattonni

$
0
0

Tuujubee Horaa

3CF402E0-7AC0-4B27-9069-D8F764B977E4_w987_r1_s

Faayilii- Gabaa Markatoo, Finffinnee, 2015

Magaalaa Finfinnee kutaa magalaa Laaftoo aanaa tokko bakkeewwan Haannaa Maariyaam, Furii, Qarsaa Kontomaa fi Maangoo Caffee jedhaman keessaa roobii darbe haala manneen jireenyaa diigamuu waliin wal qabatee jiraattota naannoo fi poolisii gidduutti walitti bu’iinsi uumamuun isaa ni yaadatama. Jiraattonni naannolee kanaa manneen jireenyaa isaanii kaleessaa jaqabee Doozeraan irraa diigamaa akka jiru, keessumaa warri dhiiraa naannoo sanatti akka hin dhiyaanne akka dhorkamaa jiran dubbatu.

“Ergan da’e reefuu guyyaa sadaffaa koo ti” kan jedhan haati mucaa tokko, mana amma irraa diigame keessa waggoota hedduudhaaf akka maatii isaanii waliin jiraatan dubbatu. Yeroo manni isaanii irraa diigamu, ijoollee isaanii keessaa lama achuma dhiisee, mana hiriyyaa koo deemuu ciisuu tu na irra ture, jedhu.


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1918