#OromoProtests Qellem Wallaggaa,Anfillootti Alaabaan fannifame. Odeessa Qeerroo magaala Anfilloo Muggii irraa addeessuun kaleessa Waxabajii 30/2016 Muggi Bulchiinsa magaalichaa fi bakka addaa Gabaa Dafinoo jedhamee waamamutti alaabaan fannifamee oolee buleen har’a poolisiin Wayyaanee Aannicharra jiru buusuun gabaafame. Alaabaan ABO yeroodhaa yerootti irra deddebiin magaala Anfilloo, Muggiitti fannifamuu fi guyyaa gabaa sanbata darbe gaba kamisaa bakka jedhamee waamamutti dhaadannoon dhageesifamuu fi waajjirri OPDO diigamu fi barreefamni sirna mootummaa Wayyaanee balleessaa jedhus barreeffameen poolisoonni wayyaanee guyaya kaasun olii fi gadi fiiguun kan beekames uummanni yeroo kana walgayii wayyaanee diiguu fi walumaa galatti sirna mootichaa magaalicha keessaa balleessuuf qabsoo Qeerroon taasisaa jiruu fi guyyuudhaan alaabaan fannifamuunis ergamtoota Wayyaanee kaabinoota tahanii jiraatan yaaddessuu odeessi Qeerroo adeessa. Haaluma kanaan amanamaa fi ilmaan oromoo aanicharraa kan hiisisaa jiru waajira nageenyaa aanicha Israael Fayisaa kan jedhamu WBOn aanicha keessa seenera jechuun humna waraanaa mootummaan akka aanicharra qubachiisu iyyannoo taasisaa jira. Barruuwwan hedduunis faca’a jiru. Alaabanis manneen barnootaa fi waajjiralee garagaraatti fannifamuun FXG aanichatti itti fufaa jiraatuun Qeerroon gabaasee jira. Uummanni ifatti mootummaa wayyaanee hin feenu jedhees walgayii tahurrattis dubbatuu itti fufe
“ABOn biyya qabate” jedha Uummanni Oromoo naannoo Awadayi jiraatu tokkummaadhaan qabsoo finiinsaa jiru.
#OromoProtests Godina Harargee bahaa Aanaa Haramaayaa naannawa Yunivarsitii Haramaayaa Baate keessatti guyyaa har’aa Adoolessa 2, 2016 hawaasni oromoo ajjeechaa ilmaan Oromoo irratti Aawwadaayitti geggeeffame balaaleffatanii wayyanneen ilmaan keenyaa ajjeessuu dhabbu qabdi jechun mormii cimtuu gaggeessaa turan, Saroota wayyanneettiifi akkasummaas hawaasa jiddutti lolii deeme hedduu guddadhaa ja’an jiratoonni achii!
Akkuma beekkamu Awwaday keessatti fincila diddaa gabrummaa gaggeessuun ni yaadatama. Haaluma kana wajjiin wal qabatee, Barattoota sadii kanneen kutaa 9 baratan guyyaa kaleessaa fuudhanii bakka buusan dhabamsiisanii jiran.
Maqan isanii
1) Gaalanoo Mummee Daawwid – Awwaday, Ganda Usmaan
2) Kadiree Amhad Diinoo – Awwadaay, ganda usmaan
3) Firomsa Amhad Dawwe – gaanda baashiir irra fuudhanii achi buuteen isaanii dhabamsiisan.
Waan nama ajaa’ibu ummannii lubbu nama 6 baase osoo seeraaf hin dhihaatiin, Ijoollee salaataaf gara masgiidaa deemaa jirtu qabanii dhabamsisaanii jiraan waraanni wayyaanee.
#OromoProtests Adoolessa 02,2016) Godina Arsii Ona Seeruu Abbaas keessatti lukkeelee wayyaanee kanneen hojii basaasummaa irratti bobba’an, ummataa fi dargaggoota hordofuun wayyaaneef gabaasanii fi sochii FXG dura dhaabbatan lama irratti tarkaanfii fudhatameen ajjeefamuu isaanii maddeen oduu naannoo sanii beeksisaniiru.
Ajjeefamuu ergamtoota wayyaanee kanaan walqabatee magaalaan Seeruu Abbaas waraana wayyaaneen guutamtee, ba’ii fi galli ummataa balaa irra bu’ee jira jechuun maddeen dabaluun gabaasaniiru
Oromoonni Golee Oromiyaa ala jiraatan Eenyummaa ofii dhabaa jiru!
~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~•~~~~~•~~~~~
Oromoonni Tuulamaa Salaalee fi Ilmaan Tuulamaa Meettaa, Darraa (Darroo), Abbichuu fi Galaan kutaalee Salaalee naannoo Finfinnee har’aa gara onaa Meettaa Roobii irraa godaanuu isaanii himatan #Kafaa keessatti yeroo ammaa kumaatamaan kan lakkawaman afaaniifi aadaa ofii kan beekan waggoota Oromiyaa irraa adda baasamanii ilaalaman kana keessatti afaan ofii dhabaa jiru!
Oromoota #Booranaa karaa gadiin #Sumaaleetti, Maccaa keessaa#MatakkalWambaraa Ilmaan Baarentumaa #RaayyaaAseebuu qaqqabuun dirqama!
Yeroo ammaa kana Oromoota #TuulamaaKafaa keessa jiran irratti qorannoon geggeeffamuufi Oromoonni Oromiyaa keessa jirru mirga akka argataniifi eenyummaa isaanii ibsachuu akka danda’aniif tumsa barbaachisu taasisuun dirqama lammummaati!
#Amharaprotests July 2, 2016 Bahr Dar today
#oromoprotests Adoolessa 02,2016) Finfinnee naannoo Carree Araaraa (kiiloo 6) humna waraana poolisii Federaalaa fi humna agaaziin weeraramtee jirti. Kunis haala ammaan kan walqabateen wayyaaneen yaaddoo keessa seentee jirti. Ajajootni raayyaa ittisa bittaa walgayii ariifachiisaa kiiloo 6tti har’a taa’aniiru. Akkasuma yuuniversitii kiiloo 6 keessattis FXGn ka’uuf kan jedhuun miira sodaatiin waraanni bakka biroo dhufee kiiloo 6 buufatee jira.
Maddeen Oduu Qeerrooo (MOQ) Finfinneerraa akka gabaasanitti halkan edaa irraa kaasee Finfinneen waraana jabaadhaan eegamaa jirti. Addatti naannoo Finfinnee fi magaalli kanneen dhaabbileen barnootaa keessatti argaman yuuniversitii kiiloo 6, 4, 5, Kotobee, Meksikoo, Yohannis fi kanneen Koollejjiin dhuunfaa akka Rift Valley kutaa magaalotni dhaabbileen barnootaa kunneen keessatti argaman hunduu waraana Agaaziin eegamaa jiran.
Manneen ummataa naannawa Finfinnee jiru wayyaaneen diigamuun walqabatee warraaqsa FXG ka’een tarkaanfiin poolisoota wayyaanee irratti erga fudhatamee as diinni soda fi bir’uu hamaa keessa seenee jira.
Sababa kanaanis lolli kallattii gara garaan itti babal’achuu fi FXG Qeerroodhaan jabaatuun waan isa yaaddesseef teessoo mootummaa isaa waraanaa fi poolisa qabuun eeguu, nama karaa deemu qabee hidhuu fi hiraarsuu akka furmaataatti fudhatee jira.
Har’as daandiin cufamuudhaan magaalli Finfinnee humna waraana wayyaaneen weeraramtee jirti.
Injifannoon Ummata Oromoof!
Horroo Guduruu Wallaagaa, Adoolessa 2, 2016 today
#OromoProtests Abbaan Biyyaa Oromoodhaa!! Awwadaay, July 2, 2016 today
#OromoProtests
“Wanni bilisummaa argachuu nu dhoorke maali?” Gaaffii ummata keenya Awwadaay kana deebisuu feesisa. Gaaffiin kun gaaffii dhala Oromoo quuqama Oromummaa qabu maraan gaafatamuu qabus. Osoo lakkoofsa wayyaba qabnuu, osoo ummata onnee kana fakkaatu qabu qabnuu, osoo alaabaa miidhagduu jaalatamtuu kana fakkaattu qabnuu dhaaba onnee ummataa fi miidhagina alaabaa kanaan gitu dhabne. Hoggana ummata hiriirsee qajeelchu dhabnee hoggana ummataanuu qajeelfamuu hin dandeenye mudannee kan kolfaa tahaa jirra. Hadhooftus dhugaan jirtu tanuma!
Oromoo Uf Baraari
Ajjeechaa Awwadaayitti ilmaan Oromoo irratti raawwatameen gadda guddatu natti dhagayame. Rabbi worra du’e hundaa rahmata haa godhu, maatii worra du’etiif jajjabina kadhadhaaf.
Dhala namaa ka qawwee harkaa hinqabne garajabeennaan rasaasaan tumanii ajjeesuun yakka yakka caale. Keessumattuu nama manarraa ibidda dhaamsuuf bayetti rasaasa roobsuun jibbaa jarri tun ummata Oromootiif qaban dabalee mirkaneessa.
Oromoon guyaa irraa guyyatti akka bineensaa karaa irratti ajjeefamaa, ijoolleen isaaniille jalatti ajjeefamaa, jiruun hinhafneef. Mootummaan kun ka poolisaan nama ajjeesisu hanqateefii, garee dukkana dayeeffattee ijoollee Oromoo ajjeeftu leenjise namatti bobbaaseera. Akkauma woliinuu dhageennetti, Arsii Lixaatti dargaggoo Oromoo heddutu du’e jedhan. Wollaggaaf Shawaa keessattis ajjeechaafi dararaan ilmaan Oromoo akkuma itti fufetti jira. Naannoo Jimmaaf Iluu Abbaa Booraa ummata Oromoo shabbarsiisutti jiran. Naannoon Oromiyaa tokko otoonhafin, godina Baalee, Gujiifi fi Boorana dabalatee ummanni Oromoo dararaa guddaa keessa jira.
Ummanni Oromoo uf baraaruuf:
1) Woyyaaneen nagaya qixxummaafi ol’aantummaa seeraa irratti hundaaye hinfeetu.
2) Woyyaaneen meeshaa woraanaa qabdi jedhanii sodaachuu dhabuu.
3) Jeequmsi naannoo hundaa yeroo tokko kaanaan woyyaaneen ni kufti. Ummanni Oromoo Xiqqaa guddaan yeroo tokko lafaa ka’uu.
4) Balaa worra balaan deemutti deebisuu; balaa nagayaan ufirraa ittisuun hindanda’amu.
5) Dargaggoon Oromoo magaalaa hundatti garaa jalaan ufjaaruu.
6) Namoottan woyyaanee wojji dalagan, ka Oromoo miidhan, woyyaanee wojji dalaguun akka gatii nama baasisu itti garsiisuu.
7) Qawwee poolisootarraa hiikanii ta ummataa godhuu.
8) Otoo woyyaaneen Masaraa Mootummaa Finfinnee keessa teettu biyya harkaa baasuu.
9) Gabroomanii, saamamanii, ajjeefamanii callisuun nagayaa miti, kana akka gaaritti wol hubachiisuu.
10) Ummata Oromiyaa keessa quphatu ka Oromoo hinta’in baraaruu.
Nageenni woyyaaneen feetu ka Oromoon keessatti gabroomtu waan ta’eef sun nagayaamiti, nagaya akkasii diduu.
#Oromoprotests
Magaalaa Finfinnee keessatti Wayyaaneen waytii gannaa kan roobni walitti dhaabee jiru kanatti hiyyeeyyii alatti bineensaaf qoorraa keessaatti gad hartee mana isaanii diiguu itti fuftee jirti. Kan suuraa irratti argitan kun Kutaa magaalaa Laaftoo naannoo Maangoo jedhamutti kan tahaa jiruudha.
==
Wayane regime continues to demolish homes in Mango area of Lafto Sub-city leaving thousands on street in this rainy season.
![]() |
![]() |
#ETHIOPIA ዜጎችን ያለመጠለያ የሚያስቀር ስርዓት! እጅግ በጣም ያሳዝናል!! ህወሓቶች በህዝቡ ላይ የሚፈፅሙት ግፍና በደል እለት በዕለተ ሆኖል። እነሱ ከኮንዶሚኒየም ቤት እስከ ቪላ ቤቶች ብሎም እጅግ በጣም የተንጣለለ አፓርታማ ላይ እየኖሩ ይህን ህዝብ ችግር እንዴት ብለው ይመልከቱ! ወቅቱ ክረምት ነው በዝናብና በብርድ ቤታቸውን በላያቸው ላይ ማፍረሱ እውን ተገቢ ነው ? በልማት ስም የሚደረገው የመሬት ነጠቃ በህብረተሰቡ ዘንድ ትልቅ ችግር ሆኗል። በህወሓት የሚመራው መንግስት ከህዝቡ ጋር አይጥና ድመት መሆኑ እስከመቼ? ህዝቡስ መቼ ይሆን መብቱ የሚከርለት? ኢትዮጵያ ህዝብ ፎቅ አልተራበም! የኢትዮጵያ ህዝብ የተራበው መልካም አስተዳደር! ይህ ትልቅ ችግር ከጉያቸው አስቀምጠው ልማት ኖረ አልኖረ ህዝቡም ሆን ሀገሪቱ ላይ ምንም ፋይዳ አያመጣም!
![]() |
![]() |
#OromoProtests Wayyaanen naasu wanti je’amtu keeysati hin uumamne mee Finfinnee keeysati kutaa bulchinsa magaalaa laaftooti wayti Roobaa kana gara jabeenyaan mana irraa diige daa’immaan 3 wajjiin ala gad facaase mee video kana laalaa
የራስን እያሳረሩ የሰው ማማሰል ትርፉ ኪሳራ ነው። #Ethiopia #Eritrea
የተባበሩት መንግስታት ድርጅት የሰብዓዊ መብት ኮሚሽን በኤርትራ ላይ የቀረበውን የሰብዓዊ መብት ጥሰት ሪፖርት እና በኣይሲሲ ባለስልጣናቱ እንዲጠየቁ የሚለውን ክስ (Draft Resolution L.5/Rev.1) ውድቅ ኣድርጎታል። ከንቱ ድካም ከንቱዎቹ ወያኔዎች የት ናቹህ በሰላማዊ ሰልፍ እና በሃሰት ፕሮፓጋንዳ የአይቶ ኢሳያስን መንግስት ስትወነጅሉ ከርማቹ ሕዝብን ስታስጨንቁ ከርማቹ ሃፍረት ተከናነባቹ። የራስን እያሳረሩ የሰው ማማሰል ትርፉ ኪሳራ ነው።
#Oromoprotests
Barattoota Oromoo Universitii Hawaasaa keessatti barana eebbifamuuf deeman haala kanaan gamtaan diddaa gabrummaa ibsatan
#OromoProtests Mean while the regime continue to demolish homes of people of Qarsa & Kontoma Villages of Lafto Sub-city in Addis Ababa forcing them to move out of the city into the nearby forest. Via Jawar Mohammed.
#Oromoprotests
This is a letter sent out to the diaspora community in S Korea. A plan to dispossess and displace the local inhabitants.
Barattooti Yuunibarsiitii Wallaggaa waraqaa eebbaa/tempoo/dhorkataman!
~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~
Yuunibarsiitii wallaggaatti barattooti waraqaa eebbaa dhorkatamani!
Odeessi Qeerroo yuunibarsiitii wallaggaa akka addeessetti yuunibarsiitichi barattoota erga eebbifamanii waraqaa dhowwatee jira.Barattooti kun afaan qawwee jalaa hafanii kan eebbifaman yeroo ta’u, guyyaa eebba isaanii maatiin isaanii fi hawaasi eebba barattootaa kanarratti argame reebamuun kan yaadatamudha!
Yeroo ammaa kana barattooti kun waan nyaataniifi bakka bulanis dhabuun rakkachaa akka jiran beekameera!
#OromoProtests Eergaa amma na qaqqabe.
Lammii oromoo maqaan isaa zarihuun Aseffa godina jimmaatti kan dhalate kaleessa polisii wayyaneen funyaan isaa cabee hospitala Tirunesh Beging jedhamutti yaalame riferiin barreffameefi gara hospitaala yekatit 12 jedhamu ergame ture. Garuu wayyaaneen mucaa kana mana hidhaa Aqaaai jirutti galshani dararaa oolan. Dararaa irra gahee irraan kan ka’ee mucaan kuun waan maraateef luka isaa hidhani mana yaalaa ani dalagu yeroo fidan riferii jalqaba isaaf barreeffame kiisii isaa keessatti argeen jiira. Adaraa goochaa suukkanneessaa kana gurra lammiin naaf gahi.
Maddii oduu kan Musa Dawud
Qeerron eebbifamtoonni Oromoo yuunivarsitii Jimmaa sagalee iyyaa guddaan lafa sochoosaa jirti.
Yeroo ammaa sagalee tokkoon mormiif qophiirra jiru.
Bulchiinsi yuunivarsitichaa sodaa guddaa keessa galtee jirti.
Yeroo barattoonni gara iddoo eebbaa galuuf jedhanitti humni waraanaa barattoota Enginering irratti reebicha raawwatee jira.