From: #Saphaloo_Kadiir | Abdulbasit
(Qooduun (Share) godhuun oromoo mara biraan gahaa)
Kabajamtoota hordoftoota amantaa muslimaa maraaf baga jala bultii guyyaa iidaa Al-fixrii geessan isiniin jechaa itti aansuun dhaamsaafi yaadachiisa muraasa armaan gadii kana isiniif qooduun barbaada.
- Yeroo ayyaanni iidaa dhihaatu namni marti uffata adda addaa ni bitata, ni uffata. Iida baranaa wanti adda godhu warraaqsa ilmaan Oromoo gaggeessaa jira kana waan taheef uffanni gaafa iidaatiif bitannuufi uffannu haala amantaa muslimaa hin faalleessineen kan eenyummaa keenya mul’isuufi qabsoo Oromootiif humna tahu yoo tahe baayyee gaariidha.
- Soomanni hawaasa muslimaa biratti ji’a waan keeyrii itti dalagatan tahuun beekkamaadha. San keessaa tokko hawaasni muslimaa ji’a guutuu soomanaa ture xumura guyyoota ramadaanaa irratti sirna hiyyeessa (harka qaleeyyii) ittiin gargaaran ‘fixrii’ ni baasu. Fixrii baranaatiin hawaasni muslimaa hiyyeeyyii warra mootummaan kun ilmaan irraa ajjeesse, baqachiiseefi miseensoota maatii keessaa kanneen nama hojjatee isaan bulchu duraa hidheefi madeesseef osoo kennanii baayyee gaariidha.
- Akkuma beekkamu mootummaan wayyaanee akkuma ilmaan Oromoo fixaa jiru hawaasa muslimaas shira addaa itti xaxee miidhaa jira. Kanaaf hawaasni muslimaa akkuma kanaan dura yeroo garagaraa kadhannaa goodhaa godhaa turtan salaata iidaa irrattiis gamtan akka rabbiin mootummaa kana nurraa kaasu ummata oromoof sagalee takkaan du’a’ii godhaaf. Akkasumaas lubbuu haqa isii irratti wareegamteef du’aa’ii godhuu hin dagatinaa.
- Hawaasni Oromoo kan muslima taatan marti haawasaa dhaamsa mootummaa dabarsuuf garaa bakka bu’oota isaaniin ykn kaabinoota opdon salaata iidaa irratti haasawa ni taasisan. Nutiis sagalee takkaan haasawa isaan taasisan kana mormuun jibbiinsa mootummaan kun muslimaa qabu irraa kan ka’e hawaasni muslimaa’illee daran mootummaa wayyaanee kana jibbuu isaa mirkaneessaaf. Carraa isaan nurratti lallabaniis jalaa fashaleessaa.
- Yeroo ammaa mootummaan wayyaanee badii isaa irraa kan ka’e ummanni muslimaa shoorarkaa kaasuu hin oolan shakkii jedhu keessa galee jira. Kanuma irraa ka’uun dabbaloota isaa hordoftootuma amantaa muslimaa keessaa gara hawaasaa erguun akka hawaasa amansiisan godhuuf, yookaa immoo akkuma masgiidatti salaatan amansiisuuf tattaafachaa jira. Kanaaf yaada dhiphaa mootummaa kanaa diduun guyyaa iidaa bakka jam’aan baayyeen arkamu gara dirree iidaatti yeroon argamuun toltuu akka amantaa fi sabaattiis waliin qabnu waliin qooddachaa sodaa fi gowoomfamuu bira darbuu ummata oromoo itti haa himnu.
- Dhaadannoolee yeroo garagaraa hiriira hawaasa amantaa muslimaa irrattiifi warraaqsa qabsoo Oromoo irrattiis dhaadatamaa turan bifa barruutiin guddifnee xalayaa bal’oo irratti barreessuun wayta gara dirree salaata iidaa yaanuufi deebinu ol qabaa akkasumaas sagalee dhageessisaa mormii mootummaa kanaaf qabnu ibsaa, shira inni ummata Oromoofi hawaasa muslimaa irratti raawwachaa jiruus balaallreffadha.
- Mootummaan wayyaanee tooftaa adda addaatti fayyadamuun abbootii amantaa beekkamoo kessaafuu Imaamoota masgiidaa hundaa walitti qabuun guyyaa iidaa irratti warri oromoo musliima tahaniif dursanii akka humaa hin dubbanne masgida irratti nuuf gorsaa jechuun, gaafa guyyaa iidaatiis osoo namni baayyee walitti hin dhufne dafani akka salaata salachisuu qaban fi yoo dandahl’ame immoo hawaasni badiyyaas gara magaalaa osoo hin deemne, hawaasni araddoota ollaas akka walitti hin dhufneef adda addaan akka bakkuma ganda isaanii keessatti salaatan ajaja dabarsaa jiran. Imaamootiin teenya immoo hundi ajaja isaani akka hin fudhanne ni beekna. Haatahuu garuu imaamoonni duraaniis wayyaaneen filamanii ajaja isaanii raawwachuuf qophaa’an waan jiraniif mormuu fi of eeggannoo godhuu akka hin daganne.
Kabajamtoota hawaasa muslimaa kan Oromoo taatan marti yaadachiisaan armaan olitti tuqe dabalatee tooftaawwan jibbaafi mormii mootummaa kanaaf qabnu ittii mul’isuu dandeenyu kan biraatti fayyadamuun jibba mootummaa kanaaf qabnu mara mul’isuufi raawwachuun kufaatii mootummaa kanaa haa saffifnuu jechaa dhaamsa koo isin yaadachiisuuf jedhe asumattiin goolaba. Ammaas irra deebi’uun baga ayyaana kabajamaa Id-alfixriin isin gahe jechaa iidni kan gammachuu, badhaadhinaafi kan injifannoo dhugaa isiniif haa tahu.
“Hawaasni Oromoo amantaa kamuu hordofu deeggarsa warraaqsa qabsoo sabaaf irkoo dha!”