Waaqoo Noolee irraa
Maqaa Waltajjii “Marii Nageenyaa” jedhuun ergama diinaa fudhatanii Saba keessaa dhalatan afaan faajjesuun dhaabbachuu qaba!
“Sareen badduun Saree gara Ofii nyaatti” akkuma jedhamu, ulee diinaa ta’uun garaa ofiitiif jecha garaa ofii kan waliin dhalatan dhaanuun, qe’ee fi qabeenya maatii ofii diinaa dhaalchisuun, dantaa yerootiif jedhanii maatii beelaa fi dheebuu ofitti cabsuun ofii agabuu bulee nama nyachisee namatti nama qixxeesse beelessuun, Dhibbaa roorroo diinaatiin irratti taasifameen jireenya hin jirre keessatti qotee, bocee, ofii daaree daara nama baase deebisanii daarsuun, isa ofii osoo hin baratin ofii kufee boru kufnaanaa na kaasa jechuun nama barsiisee wallaala godhanii salphisuun, Obbolaa dhiiga ofii kan waliin dhalatanii fi Haadhaaf abbaa ofii kan irraa dhalatan ergama diinaa fiixaan baasuuf jecha adda isaanii keessa qiyyaafatanii rukutanii ajjeesuu fi ajjesisiisuun, safuu ummata keessatti dhalatanii cabsuu bira dabree gochaa yakkaa kan seeraa fi seenaanis wal nama gaafachisiisuudha.
Sirnoota Impaayira Itiyoophiyaa bitaa turan dhufaa lufaa keessatti diinaaf ulee ta’anii shoora ol’aanaa taphachuun, akka gabrummaan ummata Oromoo irratti dheerattu kanneen tasisan harcatotni eenyumaa ofii dagatan hedduudha. Akka kanaaninis Sirna Bulchiinsa Minilikii keessatti Goobanaan gochaa Diinaa fudhatee ummata isaa akka fixaa fi ficisiisaa ture ragaan , galmee seenaa Calanqoo fi Aanoleeti.Haa ta’uu malee Oromoon diinaaf hara galfii tokko malee hojjetaa ture itti galli isaa kufaatii akkamii akka ta’e galmee seenaa qofaafis yoo dhiisuu bannee Goobanaan akkamitti akka kufee fi awwaalli isaa kabajaa osoo hin argatin dagatamuuun isaa wal nama hin gaafachiisu.
Sirnoota Itti aanan keessattis lukkeelee diina ta’uun Ummataa isaanii irratti kanneen gochaa gar-jabinnaa gaggeessa turan xumurri isaanii“Oytee mukaa” ta’aniiti kan sirnichi waliin kufe.
Oromoon dur oggaa mammaaku, “ Abbaan imaan sadi” qaba jedhu. Isaanis: Ilma Abbaa caalu, Ilma Abbaa dhaalu fi Ilma Abaa Dhaanu,
Egaa anis dhaalmaa fi Caalmaa dhabeetii, isa dhaanutti bahe;Safuu!Safuu Waaqaa Lafaa !waaqni gadaa akkanaa irraa nu haa baraaru!
Sirni amma keessa jirru kun sirna abaaramaa fi fokkuu sirna ilmi sabaa diinaan masakamuun ergama diinaa fudhatee abba isaa ittiin dhaanu ta’eti kan nuti argaa jirru.Akka kanaanis haalli itti ilmaan Oromoo diinaaf guggufaa hojjetaa jiran, “Oytee mukaa” ta’uun gubbaan Osoo itti marqatanii jalaan gubachaa jiraachuudha.
Haala kana irraa ka’uun namoota Kufaatii hin tane osoo birdiifatanii mootummaa abbaa irree afaan qawweetiin biyya bulchu faanshatanii xumura irratti kufan keessaa muraasni, amanamoota TPLF kaannen ta’an Pr.Mootummaa Naannoo Oromiyaa duraanii kan ture Juneeydii Saaddoo fi Qondaalota OPDO ol’aanoo kanneen turan Dhaabaa Dabalee fi Zalaalam Jamaanee akka fakkeenyaatti eeruun dirqii ta’a.
Namoonni kunniin “Galannii Harree Galgalli Uleedha” akkuma jedhan namoota mootummaa gabroomfataa Wayyaaneetiif amanamoo ta’uudhaan garaa ofiitiif jecha garaa isanii kan waliin dhalatan saamaa, saamsisaa, ajjeesaa, ajjeesisiisaa fi biyyaa abbaa isaanii irraa baqachisiisuun, gochaa farruummaa hojjetanii fi diinarraas gumaata dhabuun Firaaf ammoo namoota gumaa ta’uun balaalefatamaa turanii fi jiraniidha.
Akka kanaanis Jineeydii Saaddoo “Jibittii Ootuu” ta’ee, ummata isaa kan dhabaa qabeenyaan isa waliin rakatee barsiise namatti isa qixxesse manaan, gandaan, sabaan fi Amaniitin waliin dhahuun jireenya ummta keessa dhalatee booshessaa kan ture yoo ta’u, dinni ammoo kan saba ofiitiif hin taane nuufis hin taatu jechuun takkitimaan Gaara Oromiyaa irraa dhiitee Qilee Baar gamaatti darbate.
Juneeydiin xumura kufaatii isaa booda Ummata Oromootti dhiheenya kana hafuura baafachuun, “Erga naan galee naaf gale” akka namittiin jette, osoo jiruu dhaabbatatti erga du’ee rawwatee booda , ummata irraa dhaladhe irratti badii hojjedheeraa“Dhiifaman Gaafadha” oggaa jedhu argina;kun ammoo Aangoo fi Ogummaa qabanitti dhimma bahuun saba ofii gargaaruu osoo danda’uyyuufallaa isaa diinaaf jilbifatee hojjechuun dantaa isaa qofa keessatti gabbifatee gaafa dinni irratti dammaqee al tokkoon Qiletti darbetti, “ badii kootii yaa ummata koo natti araramaa” jechuun Ummata Oromoo gowwoomsuu osoo hin taane isaa fi fakkattotni isaas ofii isaaniitii Daallee ta’anii hafuudha. Gaaffii akka kanaatiif ummanni Oromoo deebiin qabu yoo jiraate, “Harree Galgala bade kuru kurruun hin argitu” qofaa dha.
Jala deemtotaa fi lukkeelee dinnaa kanneen biroo yoo ilaallee ammoo, Koree giduu(Centeral Committee) OPDO keessatti taphoota gara garaa Murna TPLF Wajjiin Ummata Oromoo irratti kanneen taphataa turan, Dhaabaa Dabalee fi Zalaalam Jamaanees Itti galli qabsoo isaanii kufatii dha. Diinaaf jecha marxifatanii ummata Oromoo qucarsuun, hidhuun, doorsisuun, ajjeesuu fi ajjeesisiisuun, saamuu fi saamsisuun itti galli isaa kanneen sabaaf hin taane nuufis hin taatu ittiin jechuunMucuca hin taane irraa diinaan mucuceeffamanii kufaatii hin taane kufuun Doorsifamuu fi hidhamuu ta’e.
“Namni waan dabre hin beekne kan dhufu tilmaamuuf isa rakkisa” akkuma jedhan, Dhaabaa Dabalee akka seenaan isaa ibsutti ilma qonnaan bulaa, sanuu maatii harka qal’eessa irraa nama dhalate, kan abbaan isaa osoo ani lubbuun jiru ilmii koo ilmoo namaati gadi hin ta’in jechuun Ofii kophee hodhee barsiifateedha. “Dhugaan ni qal’atti malee hin cittu” akkuma jedhan, dhugaan dafqaan bulaa Oromoo afaan basuun itti iyyitee isa salphisuun dhuma isaa irrattii hojii malaamaltummaa hojjetta, qabeenya ummtaa nyaatte jechuun oggaa ulee Looniin tiksi jedhanii itti kennaan (aangoo ittiin ummata Oromoo miidhanii ture) irraa mulqanii fi ati yakkamaadha Oromoo fi Oromiyallee situu gurgurate jedhanii doorsisan dhageenya.
“Namni oytee ormaatti marqate hin haqooqqatu” akkuma jedhan Zalaalam Jamaanees ‘Warshaa keenya keessati isin oomishne, isin meeshaadha, isin haarawoomsuus ta’ee isin gatuus ni dandeenya, akka ofii feenetti hanga akka meeshatti isinitti dhimma baanutti dantaa fi fedhii keenya dhibbaan dhibbatti yoo guutuu battaan Ulee ittiin tika dhaqaa jenne isin irraa fuudhuu irra ceenee, isinuu akka Looniititti Foonattii isin deebifnee isin hidhuu ni dandeenya.’ Akka jechuutiin, aangoo itti keennaan harkaa fuudhanii mana hidhatti darbachuun dararaa akka jiran dhagahe.
Dhugaan Ummata Oromoo tirattee waan ifa bahaartu fakkatti!Ammas ifa haa baatu!Diinni dantaa yerootiin ilmaan sabaa sobeesossobee nyaatee nyaachissisee, yakkee yakkisiisee dhuma irratti waan nyaatan haqqisisee osoo hin ajjeesin jiraa awwala;Cubbuu akka kanaa saba ofii irratti hojjetanii, waan hojjetaa turan keessa xumura irratti hoongahuu waaqni nu haa baraaru!
“Oyteen takka cabdu tan hafte irra kaayan” akkuma jedhan, Dhaabaa Dabalee Aangoo irraa ari’amu Bakar Shaalettuubakka bu’a, Bakar shaalees yoo kan aangoo irraa ari’amu ta’e oytee birattuu bitamee bakka bu’a waan ta’eef, Oromiyaa keessaa yoo dhabmne nutuu dhabama malee, hanga lubbuun jirru Oytee Marqaa dhabnee, Marqaa dhabnee agabuu ima hin bulle jechuun waan dhaadataa jiru fakkatu murni TPLF.
Nuti ilmaan Oromoo addatti ammoo qeerroon dhadannoo diinaatiif bakka kennuu osoo hin taane, seenaa xurawaa of irraa haqnee, Of taanee, wal taanee dina inikkaa keenya kan madhaa maati, sa’aa nama, alaa mana keenyaa saamee saamsisaa jiru yeroon itti of irraa qabnu amma ta’uu qaba.Addatti ammoo jala deemtuu fi ergamtoota diinaa kanneen ergama diinaa baadhatani deeman isaan golaa fi golichoo keenya beekan dinni keenya hamaan isaan waan ta’eef halaalatti of irraa ittisuun dubbii fardii ta’uu qaba.
“Lafee Santawwaa ishemaan ishee cabsan” akkuma jedhan, Sochii Warraqqsa Biyyooleesaa FXG Guutummaa Oromiyaa keessatti Qeerroo barattoota Oromoo fi Ummata Oromoo bal’aan dhoohuun ji’oota 7f mootummaa gabroomfataa hiddaan raasaa ture fi jiru dhaamsuuf jecha, addatti ammoo Shira Mootummaan Wayyaanee Dukkana dahoo godhachuun jiraattoota Magaalaa Shaashamannee irratti gochaa duguuginsa sanyii rawwatan qabbaneessuuf, Diina Inikkaa Ummata Oromoo, Qondaala Ol’aanaa koree gidduu (centeral committee)OPDO fi Amanamaa TPLF kan ta’e Bakar Shaalee Waxabajjii 29 bara 2016tti Murni TPLFGodina Arsii Lixaatti Bobbaasuun onoota godinicha keessatti argaman 12n Ona Dodolaa magaalaa Dodolaa irratti waltajjii marii nageenyaa maqaa jedhuun akka marii gaggeessu taasisuu dhagenya.
Ergamaan diinaa Bakar Shaalee ergaa gooftolii isaa Fiixaan baasuuf fakkatoota akka isaa waliin Magaalaa Dodolaatti maqaa waltajjii marii nageenyaa jedhuun ummata keessa dhalte afaan Faajjessuuf yaalus itti hin milkoofne.
Bakar Shaalee ummata Oromoo biratti nama idoo hin qabne addatti ammoo Ona itti dhalate Ona Dodolaa irratti nama gochaa dugiiginsa Sanyii ummata keessatti dhalatee guddate irratti rawwata turee fi jiru ta’uu, Goototni sabboontotni ilmaan Oromoo waltajjii irratti argamantolchanii waan beekaniif, olola afaan faajjii inni saba isaa ittin gowwoomsuuf ergamtoota isaa irraa qabatee dhufe harkaa fashalsuun “Saree Roobaa” taasisuun salphisanii galchan jechuu oggaan dhagahuu, Bakar Shaalee eenyuun akka ta’ee fi eenyuun akka bakka bu’e anis tolchee beeka waan ta’eef raaguun na hin dhibne.
Egaa anis Bakariin baroota waliin turree fi bira turetti eenyuun akka ta’e tolchee waan beekuuf eenyummaa isaa ibsuun yeroo natti hin fudhanne. Bakar Lukkee diinaa Ergama diinaa birxa baasuuf jecha ummata isaa irratti duuluu nama aadaa godhate waan ta’eef, jechaanis ta’ee gochaan ummata keessa dhalate sobee sossobuun summii diinaa itti facaasuun, goolamiinsa, laaqamaa fi maanxama hin feesifne keessa ummatatti uumuun isaaf salphaa ture.
“Dhalcha bade lamuu irraa hin deebi’an” akkuma jedhan, Bakar Shaalee fi Fakkaattotni isaa, Ona Dodolaa Magaalaa Dodolatti gaafa Waxabajjii 29 bara 2016 ergama diinaa qabatanii ummata isaanii amansiisuuf yaalanis gochaan isaanii ummataan irratti dammaqamuun waan bahaniif osoo hin mikaayin waaroo salphinnaa uffachuun gaaffii ummataa qofaaf of qopheessan. Akka isaan yaadanii gooftolii isaanii gammachiisuuf jecha milli isaanii lafa hanqatee ummata duratti bahan osoo hin taanee dubbiin fallaa isaa ta’eti kan argame.
Akka kanaanis hirmaattotni walgahichaa maanguddootni gaaffillee gara garaa dhiheessaniin,
- Mootuummaan Keessan TPLF Ummata Oromoo irratti sababa maaliif miidhaa adda addaa gaggeessa?
- Biyyaa fi Biyyee keenya irrattii maaliif nu hidha, nu hiraasa, nu ajjeesa?
- Lafa keenya irratti Lafee keenya cabsee Rawwatee maaliif ilmaan keenya nu jalatti rasaasaan qiyyaafatee ajjeesa?
- Hanga yoomii akkatti nu gidiraa, nu ajjeessaa, nu bulchuuf karoora baafata?
- Isin hoo hanga yoomii ergama diinaa baattanii nu gowwoomsuuf yaaltu jechuun waaroo salphinnaa gonfachiisuun ergama diinaa isaan baatanii deeman harka fashalsan.
Bakar Shaalee Fakkatota akka isaa qabatee ergama diinni itti kenne bakkaan gahuuf, QBO baroota dheeraaf diinaa fi ergamtoota diinaatiin ukkaanfamaa ture kan hadha dhiigaa fi lafee ilmaan isaatiin daraaree firii naqachuttii jiru dhaamsuuf, Waltajjii marii nageenyaa jechuun marii taasisuun, Beenzilaa bobaahaa jiru Bishaan itti facaasuun dhaamsuu akka jechuti.
Gochaa sukaneessaa ilmaan Oromoo jiraattota magaalaa Shashamannee irratti dukkanaan daheefachuun mootummaan ergamtota isaa itti erguun ficisiiseee araarfachuuf jecha Bakarii Shalee maqaa aantummaa fi itti dhiheenyaatiin Ummata Oromoo Godina Arsii Lixaatii erguu jechuun, tuffii ummata Oromootiif qaban bakkaan gahuu dha.
Gabroomfattootni Oggaa Ummata Oromoo irraan miidhaa gahuu yaadanitti, (Sirritti isin galchina) jechaa dhaadachuun.
Isintu wali, Isinumaanisin doorsisna, isinuumaan isin hiina, isunumaan isin ajjeefna, isinuumaan qe’ee fi qabeenya keessan saamna, Isinumaan biyyaa fi biyyee keessan irraa isin baqachiifna jechuun, “Fiindoo Harree isimaan isii guban” akka jechuu fakkaata.
Oggaa Muddamsuu keessa seenanii Rakkoo Uumame qabbaneessuuf yaalanitti ammoo.
Ummata keessan ofii doorsiftan, Ofii keessanii hiitan, Ofii keessanii Ajjeeftan, Ofii Keessanii Saba keessan Biyyaa isaa irraa baqachiiftan, Qe’ee fi qabeenya Ummata keessanii Ofii saamtan, Rakkoo isinii fi ummata keessan giddutti dhalatuuf rakkoon rakkoo Bulchiinsa gaariti jechuun furmaata akkasitti barbaaduun hojii keessan ta’uu qaba, Hojjettoota Mootummaa gita hojii kamuu irra jiran kanneen quuqama saba isaaniif qaban kan jireenya ofii qofaaf mootummaa waliin socho’an, isaannan saba isaanitiif garaa hiran irratti wal ijaartanii, yoo irra geessan hojii irraa rarraasuun, hojii irraa ari’uun, maqaa kira sasabdummaatiin ebalutuu horii ummaataa nyaatee lafaan lixe jechuun wal basaasuun keessan ta’uu qaba, Akkaa kanaan amanamummaa nuuf qabaadhaa, sadarkaa hojii keessanii karaan ittii isiniif guddisuu dandeenyu, idoo jirtanitti ga’uumsa isin hojii keessan irratti qabdan osoo hin taane, amanamummaa fi dirqama nu isinitti kennine yoo dhibbaan dhibatti bahattan qofa dha;hanga kana hin ta’initti rakkoo ummataan nurratti dhalatuuf itti gaafatamummaa kan fudhatuu fi dirqama nu isinitti kennine fudhachuuf of qopheessuu qabdu jechuun dorsisuu ture.
Waan ta’eefis Ummata Irraa dhalataan, kan keessatti guddattan afaan wal beektan waan ta’eef dhaqaa amansiisaa, waan nu isiniin jennen jedhaanii jechuun, “Harreen dhiittee ilkaan wal irraa hin cabsitu” Ummata keessan akkanatti amansiisuu qabdan akka jechuuti.
Mootummoota Abbaa Irree Habashaa dhufaa lufaa dabran keessatti Qabsoo ummata Oromootiin gaggeefamu kamuu harka fashalsuuf akka tarsiimotti kanneen diinii itti dhimma bahee Ummata Oromoo cabsee, qabsoo isaanii quucarse, garaaf bultoota harcaatuu eenyummaa ishee hin beeknetti fayyadameeti.
Hardhas gochaan farruumaa diinaan amaleffatame itti fufuun yeroo Oromoon bakka jiruu dammaqee alaa fi keessan harka wal qabtee qabsoo isaa finiinsaa jiruttis diinni tooftaa gabroomsuu baretti dhimma bahee ilmaan sabaa saba irraa fottoqsuun dantaa dhuunfatiin sobe sossobee eenyumaa ishe walaalchisiisee saba iraatti bobbaasuun fedhii isaa guttataa jira.
Murna TPLF Wayyaaneef Bakar Shaalee gole Oromiyaa keessa Arsii fi Baale(Sikkoo fi Mando)keessatti adda durumadhaan nama aangoo sadarkaa olitti fayyadamee ummata Oromoo irratti duuluun, daandii diinni irra kaaye qofarra masakamuun injifannoolee cululuqoo Tigrootaaf galmeesiseedha.
Gochaan Saamichaa, Hidhaa, Ajjeechaa, Biyyarraa baqachiisuu fi kkf Bakar Shalee Ummata Oromoo Naannoo Arsii fi Baalee irratti raawwataa turee fi jiru tarrisa isaa nan ibsa yoon jedhe waan yeroon na gahu natti hin fakkatu.
Bakar Shaalee Fincaan Oromoo ti. Keessayyuu ilma qonnaan bulaa bu’aa bahii jirenyaa dhiphoo keessa dabruun kufee ka’ee sadarkaa hadha irra jiru gahedha. Haa ta’u malee dhiigaanis Oromoo ta’u, gochaan farrummaa inni saba isaa irratti hojjetaa turee fi jiru Oromummaa isaa irraa mulquu bira ceehee Oromoo ture jechuunuu Ummata Oromoo gochaa isaa kana tolchanii beekaniif wal nama gaafachiisa.
Akkaan ani gochaa qabatamaa inni hojjete beekutti Bakar Ummata Oromootiif addatti ammoo Ummata Ona Dodolaatiif nama gumaati.
Bakar Shaalee bu’uura isaa irraa qabee dhiigaan Oromoo ta’us, jechaa fi gochaan inni ummata Oromoo irratti raawwataa turee fi jiru kan diinummaati. Bakar Shaalee Gochaa Diinummaa baadhatee diinaa tumsuun, Ummata Oromoo tumsiisuun, Hidhuun, Saamsisuun, Doorsisuun, Ajjeesisiisuu fi Biyarraa Baqachisiisuun waan hadhaan tana dhalate osoo hin tanee bubuleera.
Erga gaafa Tigroonni tokko jedhanii Oromiyaa seenanitiiqabee, Ummata keessaa dhalatee fi keessatti dhalate irratti namagochaa qaaneessaa fi farrummaa kan boruu seenaanis ta’ee seeraan wal nama gaafachiisu hojjetaa tureedha.Gochoota Farrummaa inni hojjetaa ture keessaa muraasni:
-Gubachuu Bosona Baalee keessaa kallattiidhaanis ta’ee cina galaan Bakar Shaalee namaharka keessaa qabuudha.
-Lafa Qonnaa hadhaan tana hunxee Misooma Qonnaa Jedhamuun beekamu kan gaashaa heddutti lakkawamu, Qoonnaan bultootaa fi Horsiisee Bultoota Ganda Hunxee Aloolaa fi Ganda Gadeedoo Gannat irraa buqqasuun Tigroota Maqalee fidee namni qubachise Bakar Shaaleeti.
-Hidhaa Malkaa Waakkanaa keessatti ilmaan Oromoo hojii waardiyallee qaban keessaa ariisisuun guutummaa qabeenyaa Malkaa Wakkanaa irraa galu Tigreedhaaf akka oolu namni adda durummaadhaan tasise Bakar Shaaleeti.
-Omishaa fi galii adda addaa ummanni Oromoo qabu kanneen akka Paarkii Diinshoo, Lafa qonnaa Ardaayitaa, Lafa Qonnaa Aarduu, Lafa Qonnaa Hiinja Burqituu, Lafa qonnaa Seeroftaa fi Galii Gaarreen Baalee irraa galu keessatti Tigroota iddoo furtuu qabsiisuun namni Oromoo Hiyyoomsee diina garaachaan dhahachiise Bakar Shaaleeti.
-Bakar Shalee raga qabatamaa fi hubatama kan nama dhiisii osoo afaan qabaatee dhagaa muknillee raga itti bahuun gochaa Farruumaa Seeraanis ta’ee, seenaan isa gaafachiisuu nama rawwataa turee dha.
Bara 1996/2004 daarktarrii ol’aanaa Gumruukaa fi Galii ta’ee oggaa hojjetaa turetti, Ajjeechaa gar jabinnaa Tigrichi, keellaa Dodolaa irrattii huccuu seeraan ala magaalattii seene jechuun, konkolaataan dirree qonnaa irratti bittinsiisuun ibiddaan gubaa ture irratti uffata gubataa jiru fudhachuuf yaalte ittiin jechuun m/b sad. 2ffaa Dodolaatti barataa gola 9ffaa kan ture fi dhalataa Ona Dodolaa Ganda Tulluu Alawansoo kan ta’e Naasir Woliyyii Baadhaasoo Xaqaqaa jedhamu rasaasaan adda isaa ruktee oggaa Baqatutti, Bakar Shaalee nama diina innikkaa Oromoo ta’uun gochaa Tigrichaan raawwatame salphisee ergama gooftoolii isaa qofa fudhachuun dhiga dhangala’e harkaan dhiqatee galgala sana galama bulchiinsa Magaalaa Dodolaatti Maatii Naasirii fi ummata Oromoo ajjeechaagar jabinnaa Tigreen rawwatamemormaa ture walitti qabuun marii taasiseedha.
Marii taasise kanaanis Tigrichaaf galata oolee nama borumtaa guyyaa ajjechaa sanaa araara buuse gumaan maatii Naasiriif akka kaffalamuu godhee dirqama diinaan itti kenneme dhibbaan dhibbatti baheedha.
Kan nama dinqu Bakar Shaalee Ummata Orommoo gaafa sana Ajjeefamuu Naasir irratti Argamuun ofii bohu duratti Imimmaan Sobaa busuun jechaa inni gaaf san ummata Oromoo sobee sossobee jedhe keessaa, “Yaa ummata kiyyaa Nu hadhaa mitii dur duunee, inni du’e du’ee ati kan jirtu Hirmii nama du’ee tufadhuu, gumaa nama keetii fudhadhu” jedhee ummata mooraa galmaa keessatti dhibootaan lakkawaman jecha tokoon tasgabbeessee Jaarsummaa gumaa fudhachuutiif jaarsa biyyaa lakkofsiise.
Guyyaa gaafa Tigrichi Naasir ajjeesuu, Tigreen amanamummaa Bakar Shaalee qabdu irraa, Tigrichi ganama keessa akka lakkoofsa habashatti saa’atii 4:00 tti Naasiriin adda isaa keessa rukutee Bakar Ammoo Bilbila itti bilbilameen Tigricha Dodolaa ka’ee baqataa jiru Shashamannetti riphsiisee, guyyaa keessa saa’atii 9:00 yoo ta’u Finfinnee ka’ee Dodola dhufuun rifaatuu Oromoof qabu Ibsuuf osoo hin tane Tigree nama gumaa akka hin tanee baraaruuf saa’atii 10:00tti nama ummata walitti qabee balbala Oromoo gaddaan cufee Hulaa Tigree gamachuun saaqee galeedha.
Egaa yaa Oromoo isinitti haa dhagahamu, seenaan Naasir Woliyyii inni Tigrichaan qabeenyaa isaatiif biyyaa fi biyyoo isaa irratti ajjeefame guyyaa gaaf sanaa qofa Bakar Shaaleetiin, “Yaa ummata kiyyaa Nu hadhaa mitii dur duunee, inni du’e du’ee ati kan jirtu Hirmii nama du’ee tufadhuu gumaa nama keetii fudhadhu” jechuun dubbatame qofa ta’e.Isa kana irraa hafe gumaa nama ofii baafachuu fi nama nama isaa ajjeesee fi ajjeesisiise seeraanis ta’ee seenaan dhiheefachuun kan dhalootaati.
Walumaa galatti haasawa koo gara xumuraatti fiduuf, Tigroonni hadhallee Bakar Shalee gochaan inni kalee dheengadda saba isaa irratti hojjechaa ture gahaa miti ittiin jechuun, golaa fi gollichoo Oromoo situ beeka waan ta’eef hadhas akkuma asiin duraa“nama du’e awwaaladhaa; kan jirtan ammoo abbaan fedhe yoo waan fedhe isin godhe hin dubatinaa cal jedhaa adabadhaa” ittiin jedhi jechuun akka inni ummta isaa tasgabbessuuf Ummata Arsii Lixaatti fakkaattota isaa waliin bobaasan.Egaa anis kanumaafan “Osoo Gaafa Naqattoo Nyaadhe Na Hidhanii Fe’umattii Hin Dabru” jettee Sareen jedhe.
Yoomiyyuu taanaan “Tiisisa irraaa Damma eeguun” akkuma hin danda’amne Bakarii fi Fakkaattota isaa irraa dhimmaa Oromoo fi Oromiyaa irratti hojjetu, Walabummaa oromoo fi Bilisummaa Oromiyaatiif abjotu jennee yaaduun nurraa hin eegamu. Kan ta’uu qabu nuti ilmaan Oromoo bakkuma jirutti of taanee wal taanee xiqqaa fi guddaa keenyaan wal masaknee QBO finiinsuun mirga abbaa biyyumaa keenya gonfachutuu nurraa eegama.
Bakar Shaalee Godina Baalee hadhaan tana Arsii Lixaa jedhamee beekamu ona Dodolatti dhalate.Bakar bara 2000 irraa egalee hojjetaa civil sarvisii fi basaasaa Wayyanee ta’uun Gammoojjii Baalee Raayituu (remote area)irraa qabee hanga hadhaan tana jirutti godinoota Baalee fi Arsii keessa nama muudamaan aangoo gara gadii irraa hanga sadarkaa guutuu biyyatti guddachuun hojjetaa turee fi jiruudha.
Bakar erga gaafa hojii mootummaa qabateetii eegalee nama ergama diinaa qofa irratti xiyyeffatee hojjetu ture .Amanamummaadhaan nama fira isaa ganee diinaaf jecha mataa isaa haadatuudha.Muudamni Wayyaneedhaan Bakar Shaaleetiif kenname walduraa duubaan, Hojjetaa Civil Service, Kaabinee Ona Dodolaa, Bulchaa Ona Dodolaa, Bulchaa godina Baalee, Komishiiii komishhiinara Poolisii Oromiyaa, Daarektara hojii gamtaa Oromiyaa, Daayreektara ol’anaa abbaa taaytaa Gumrukaa fi galii Itoophiyaa fa’a ta’uun hanga angoo hadha harkaa qabutti Baale Raayituu irraa ka’ee sadarkaadhaan ilmaan Oromoo ajjeesisiisaa, hiisisiisaa, qe’ee fi qabeenyaa isaanii saamsisaa amna karaa dheera qaxxamuruun nama Finfinnee dhufeedha.
Bakar addatti Warqinee Gabayyoo waliin ta’ee Muumicha ministeraa duraanii Wayyanee fi ergamtootni isaanii baantu Mallasiin biratti hojii basaasummaatiin odeessa Caffee irraa guree itti geessun nama dhageetti guddaa qabuudha.
Bakar Shaalee nama umriin isaa waggaa 40-50 giddutti argamu yoo ta’uu abba ijoolee lamati.Bakar Wayyanee biratti harka mirgaa isaanii ta’uun beekkamus, Ilmaan Oromoo biratti ammoo nama osoo jiru du’ee hidha gadi awwaalameedha.
waan ta’eefis nuti ilmaan Oromoo yakkamtootaa, ergamtoota diinaa, Ayyaan laallattoota fi sirna dhabloota saba ofii ganuun garaa ofiitiif jecha garaa waliin dhalatan irratti gochaa duguuginsa sanyii raawwataa turanii fi jiran yeroon itti saaxillu amma ta’uu qaba.
Bakar Shaalee Dhiigan Oromoo ta’us ilaalchi inni Oromoof qabu ilaalchaa diinati.Hojii isaa keessaa kan ummata Oromoo dinqisisu yoo jiratee Gaafa aangooo mootummatti seenuuf jiru nama beekumsaa fi dandeetti addaa qabuun sadarkaa amma irra jiru kana gahe osoo hin taane, Gitni hojii isaa jalqabatti Hojjeetaa civil service, naannoo gammoojii Baalee, Raayituu irraa eegalee hanaga hadha Finfinnee gahetti, ilmaan Oromoo Baalee Diida’a warra Arsii fi Baalee (Sikkoo fi Mando) dhiiga dhugaa amanamummaa TPLFf qabuun sadrkaa aangoo amma irra jiruu qofa.
Waan isa irraa hafeen ammoo Oromoon bayina’ummata isaa miliyoona 40 olii kan himatu, rakkataa fi salphataaa akka Bakarii lakkaweti. QBO keessatti Kaayyoon ganama Walabummaan Ormiyaa fi Bilisummaan Oromoo kan gootoni wareegamtootni Oromoo Lubbuu isaanii qallii jijjiraa hin qabne itti wareegan sun galma gahuuf Basaastottnii fi lukkeeleen akka Bakar Shaalee saba keessaa qulqulaahanii bahuu qaban jechutti amana ummanni Oromoo bal’aan.
Walumaa galattii cufti ilmaan Oromoo Kanneen alaa fi keessa jirtan, kanneen dhugaa saba keessanii ifa baasuuf jecha qabsoo hadhaawaa gaggeessa jirtan, addatti ammoo qeerroon barttootni Oromoo bobaa diinaa jala teettanii diinaan wan’aansoo qabaa jirtan itti galli QBO walabummaa Oromiyaa fi Bilisummaa Oromoo akka ta’uuf sochiin Waraaqsa Biyyoolessaa FXG hadhaan tana guutummaa Oromiyaa keessatti ji’oota 7f finiinuun daa’imaa fi jaarsa dabalatee lubbuun namoota 500 olitti tilmaamamu hanga guyyaa hadhaatti wareegamuun, Mootummaa Gabroomfataa hidaan raasaa turee fi jiru ummata Oromoo boonsuuun addunyatti akka dhageetti hore waan ta’eef, galanni keessan Bilisummaa haa ta’u!
Waan ta’eefis ilmaan Oromoo alaa fi keessatti dhimmaa Oromoo fi Oromiyaa ilaallatauun qabsoo hadhaawaa bifa kamiinuu gaggeessaa jirtan, kanneen dhiibbaa diinaatiin biyya keessan irraa baqachuun biyya lafaa irratti faffacaatanii jirtan hundi keessanuu yeroon itti wal taanee irree tokkoon bakka jirrutti waan harkaa qabnuun, qaamaan, yaadaan, Beekumsaa fi dandeettii ogummaa qabnuutiin, Mallaqaa fi kkfn QBO itichuun mootummaa gabroomsatti yeroon xumura goonu amma ta’uu qaba.
Qasaawan ni kufa qabsoon itti fufa!
Gabroomfataan ni kufa!
Bilisummaan ni dhufa!
Gadaan gadaa Bilisummaati!
Injifannoon Ummata Oromoof!!
Waaqoo Nooleetiin