Quantcast
Channel: Oromia
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1918

#OromoProtests, July 4, 2016

$
0
0

Ateeteen gosoota garaa garaatu jiru. Isaan keessaa muraasni isaanii: Ateetee Deemsisaa, Ateetee Hormaataa fi Ateetee Duulaati. Akkuma maqaan isaa ibsu Ateeteen Duulaa wayita duulli jiru ykn diinni nama waraanu sirna Ateetee raawwatudha. kaayyoon isaa namni diina waraanuuf ba’u mirgaan akka galuufidha. Dubartiin Oromoo Dhiira(Abbaa warraashii) diinaan loluuf ba’u ateetee Duulaatiin geggeessiti. Dubartoota Ollaa siinqee qabatanii gara sirnichaa dhufan waliin Goota waraanaaf ba’aa jiru kanaaf Waaqa kadhatanii faaruu ateetee duulaan onnachiisanii geggeessu. Namni siinqee jala hulluuqee ba’e ajjeesee ykn booji’eetu gala. Sababni isaa Siinqeen dubartii Oromoo adda guddaa qaba. Addi kunis injifannoo gonfachiisa. Kanaan Haadholiin Oromoo Gootota isaanii gara adda waraanaatti erganii mirgaan galchanii milkaa’aniiru. Viidiyoon argitan kun Wayitan hojiif miiltoowwan koo waliin Gara Godina Arsii Lixaa deeme kan waraabamedha. Haadholiin kunniin yeroo nagaa walitti dhaammannu haala kanaan eebbisanii nu geggeessani. Tv OBSn guyyaa tokkoo guutummaa sirna kanaa qopheessee akkan dhiyeessu abdiin qaba.



#‎OromoProtests‬ This barbaric attack was carried out Ahgazi on this young boy in Jimma Horo District of Qelam Walaga
========
“G/Q/W aanaa jimmaa horroo keessatti dargaggoo cundaa hambisaa kan jedhamu gaafa guyyaa 26/10/2008A.L.H galgala naannoo sa’aatii 4 keessa reebicha hamaa humna waraanaa wayyaaneen irra ga’een miidhamni guddaan irra ga’eera.
reebicha hamaa irraan kan ka’e ilkaaniif madabi ilkaanii isaa miidhamuu isaa irraan kan ka’e buufati fayyaa aanichaa dadhabuun gara H/D.doollootti ergamus yaala argachuu waan hin dandeenyeef gara finfinneetti geeffamee akka yaalamuuf riifeeriin kennameef.. kanaaf OROMOONNI HUNDI DEEGGARSA LAMMUMMAAA AKKA BAATAN ISINIIN JEDHA QEERROON MAGAALAA NUUNNUU”
Jawar Mohammed


#‎OromoProtests‬ Last night at 6:30 PM clash within federal police at Ambo University Awaro campus resulted in death of 2 offficers and one critically wounded. The killer is identified as officer from Afar and the three victims are from Tigray. Apparently the Afar officer was summoned by senior Tigrean commander for investigation. He left the meeting after short-while and returned with his loaded gun opening fire on the three officers. He is yet to be apprehended as he escaped with his gun.
=============
Guyyaa 26/10/08 kaleessaa galgala sa’a 12:30 irratti magaalaa Amboottii Universty Amboo awwaroo camp keessattii Federal police jidduu ttii walittii bu’iimsii uumaamee lubbun darbe jira. Poolisiin federaalaa lammii Affaar ta’e tokko federaalota Tigray sadihiin qorannoof yaamame aariidhaan bahee qawwee fudhatee dhukaasa itti banee lama ajjeese 1 ammo madeessee du’aafi jiruu jidduu jira. Loltuun Affaar sun qawwee akkuma qabateen waan maqeef hamma ammaa hin qabamne.


bekelegerbaዛሬ ጠዋት እነበቀለ ገርባ ፍርድ ቤት ቀጠሮ ነበራቸውየቂሊንጦ እስር ቤት አስተዳደር የሚያደርስባቸውን ሰብአዊ መብት ጥሰት እና ጫና በተያያዘ አቤቱታ አቅርበው ነበር። ዛሬ የእስር ቤቱ አስተዳደር የሚሰጠውን ምላሽ ለመስማት ነበር ቀጠሮ የተሰጠው። አስተዳደሩ ምላሽ ያለውን በፅሁፍ አቅርቧል። ምላሹን አይቶ ትእዛዝ ለመስጠት ለሃምሌ 8/2008 ቀጠሮ ተሰጥቷል። አቶ በቀለ እና አቶ ደጀኔ ካቀረቡት አቤቱታ ውስጥ ከጤናቸው ጋር የተያያዘ የሆነው ጊዜ መውሰድ ስለሌለበት ቶሎ ውሳኔ እንዲሰጥበት ጠበቃቸው አቶ አመሃ ለፍርድቤቱ ጥያቄ አቅርበው የነበረ ሲሆን የሁለቱን የጤና ጉዳይ በተመለከተ ትእዛዝ ተሰጥቷል። በቀለ እና ደጀኔ የታዘዘላቸው መድሃኒት በእስር ቤቱ ግቢ ውስጥ በሚገኘው መድሃኒት ቤት የለም ከተባለ እንኳን ከውጪ ተገዝቶ እንዲገባላቸው እንዲያደርጉ ከቂሊንጦ ለመጡኦፊሰሮች ተነግሯል።በተያያዘ ደጀኔ ጣፋ እናቱ የታደሰ መታወቂያ ስለሌላቸው እስርቤት ገብተው ሊጠይቁት አለመቻላቸውን ገልፆ ወይ ችሎት ውስጥ እንዲገናኙ ወይ በጡረታ መታወቂያ መግባት እንዲችሉ እንዲፈቀድላቸው አቤቱታ አቅርቧል። ዳኛውም እንዲተባበሩት ለኦፊሰሮች ጠይቀዋል። የደጀኔ እናት የሚኖሩበት አካባቢ ቀበሌ መታወቂያቸውን ሊያድስላቸው ፈቃደኛ ባለመሆኑ ነው መታወቂያቸው ያልታደሰው እና እስካሁን ልጃቸውን ማየት ያልቻሉት።★ከክሳቸው ጋር በተያያዘ ባቀረቡት መቃወሚያ ላይ ዳኞች የሚሰጡት ብይን ለማሰማት ለሃምሌ 25/2008 የተሰጠው ቀጠሮ እንደተጠበቀ ነው።‪#‎OromoProtests‬


Guyyaa dheengadaa fi kaleessa Godina Harargee bahaa Aanaa Jaarsoo magaala Ahmad-Imaam keessattii dargaggooni hiriira mormii cimaa kan taasisan yoo tahuu:- dhadannoolee “Wayyaaneen nuu hin bulchitan, ABO’n haa nuu bulchuu waan feetan fidaa” jettuufi fkkf kan biroo dhageessisaa oolan jechuun oduun garasii nu geesse ni ibsiti. Mormii kanan wal- qabatee dargaggooni Sadii fi abbootii isanii kan barbaada dhaqaan waliin Aanaa Jaarsoo magaala Ejarsa goorooti hidhamanii jiru. Maqaan namoota hidhamanii keessa tokko dargaggoo Fu’aad (maqaa qosaa isaa Fuhee) jedhamu hojiin isaa konkolaachisa tahe yoo tahuu maqaa namoota hafaani qulqulleesseen siif dhiheessina.

Aanaan Jaarsoo dur sabboontootaafi qabsoo Oromoo keessatti seenaa boonsaa kan qaban ture. Haatahuu malee bara 2014 irraa jalqabee warraaqsa fincila guutuu Oromiyaatti sabni Oromoo gaggeessaa tureefi itti jiru kana keessaatti hirmaannaan isaanii bayyee gad bu’aafi dadhabaa tahuun aanoota muraasa qabsoo seena qabeettii kana irratti osoo hin hirmaatin hafan keessa takka. Aanaa Jaarsoo irraa warraaqsa bara kana gaggeeffamaa ture irratti mormii isaanii kan dhageessisan araddaa laga mixe qofa ture. Yeroo ammaa immoo sochii qeerroon magaalaa Ahmad-Imaam jalqabe waliin araddoota lama tahanii jiru. Sochii qeerroon Ahmad-Imaam jalqabde kanatti aansuun immoo aanaa Jaarsoo guutuu keessatti qeerroon warraaqsa isii finiinsuun jibba mootummaa wayyaaneef qaban ibsachuun akkasumaas qabsoo seena qabeettii oromoo kana irraa qooda fudhachuu qabaniin dhaamsa keenya.

13592410_627524514090140_6148168496641855988_n


‪#‎OromoProtests‬– This is Taye Danda’a Araddo who was an outstanding student of Law at Addis Ababa University (AAU) and a role model for many students. He was jailed in 2009 and sentenced to 10 years. He was released recently from the prison after seven years imprisonment.
Taye had been in jail from 2004-2007 due to his political views. Without giving up, after his release, he went back to school and continued his education till his arrest three days before his graduation in 2009.
Taye has been a star student, and he had been hired by AAU as a professor before his latest arrest by Ethiopian government authorities. He had received countless awards from the district-level to Caffee Oromiyaa for his academic successes.
Taye was only three days away from his graduation when he was arrested; and he had been offered a teaching position at the same university.
==========================
Kun Taayyee Danda’aa Araddoo ti. Taayyeen bara 2009 hidhamee hidhaan waggoota kudhanii itti murtaa’e; sababa kanaan waggoota torbaaf manneen hidhaa Itoophiyaa addaddaa keessatti gidirfamaa ture. Hidhaa waggoota torbaa fixuunis dhiyeenya hidhaa irraa hiikame. Taayyeen kana duras bara 2004-2007tti barattoota Yunivarsitii Finfinnee fi miseensota Waldaa Maccaa fi Tuulamaa fi gaazexeessitoota Oromoo waliin hidhamee ture. Yeroo san kan hidhame sababa magaalaa Finfinnee gara Adaamaatt jijjiiruu mormaniif ture. Hidhaa waggaa sadii booda manni murtii bilisaan gadhiisee ture. San booda barumsa seeraa Yunivarsitii Finfinneetti barachaa turetti deebi’ee yeroo eebbaaf dhiyaatu qabamee hidhame.
Taayyeen nama dhugaaf falmu, barumsa isaatti jabaa, nama naamusaa fi sansakkaa Oromummaa jabaa qabuudha. Taayyeen kan dhalatee guddate, Oromiyaa giddugalaa, Shawaaa Kaabaa, aanaa Kuyyuu keessatti ta’uun beekamaadha.

tahe


YAADACHIISA

13592552_10204825039105530_4745105466343175589_n

Yeroo ammaa warraaqsa cimaa ummannii magaalaa Awwadaay godhaa jiran irraa ka’uun mootummaan wayyaanee sodaa guddaa keessa seenuun magaalaa Awwadaayifi Haroomaayaa humna waraanaan weeraree jira. Kanumaan wal qabatee hawaasni, ulamaayiin ykn sheekkootnii keenya maarti mana gaddaa (taziyaa) ijoollee waraanni wayyaanee fixee sanitti kan argaman waan taheef daranuu mootummaan wayyaanee yaadda’uun basaasoota waan ummanni mari’atuufi waan irratti waliigalan odeeffannoo funaantuuf gara manneen taaziyaafi masgiidootatti ergaa jiraachuun baramee jira.

Kanaaf hawaasni keenya basaastuulee tana ofirraa eeguuf hanga danda’ametti bakka teessan maratti akka wal quba qabaattan isin yaadachiifna. Keessattuu manneen taaziyaatti ofeeggannoo godhuuf akka isiniif mijjaa’utti eenyu akka seeneefi eenyu akka bahu hordofuufi mariifi murtii keessaniis namoota beektaniifi hubattan waliin qofa akka gaggeeffattan dhaamsa keenyaan isin yaadachiifna.


Ilmaan Oromoo qabeenya saamanii hidhuu,ajjeessuu,hiyyoomsuu fi biyyaa ari’uun, ABO irratti olola kijibaa fi maqa balleessii tikoota Wayyaaneen qindaayee ganna 25 oliif deemsisuun qabsoo Oromoo dhaloota Qeerroo fi Jajjabeen qabatee jiru duubatti deebisuu akka hin dandeenye mikaneefachuun waajiba! Qabsoon kalee eegale dhalootaan simatamee ni injifata malee duubatti hin deebi’u.

ijoolee


ባለጊዜዎች የምስኪን ገበሬ መሬት ነጥቀው የተንጣለለ ቪላ ሲሰሩ ህጋዊ ፣ ምርጫ ያጣ መድረሻ የጠፋው ዜጋ በቁራሽ መሬት የቆርቆሮ ቤት ቀልሶ ልኑር ሲል ህገወጥ የሚባሉባት ዲሞክራሲያዊ ልማታዊነት ሥርአት የሰፈነባት ኢትዮጵያ ይቺ ናት።

This is Ethiopia under TPLF!

evitee_evicted


Adoolessaa 3-4/2016 Godina Lixa Shaqggar Amboo: Aanaa Xuqur Incinnii Magaalaa Dirree Incinniitti Goototni Qeerroon Daragaggootni Barattootni Oromoo fi uummatni Oromoo walitti Dhufuun Warraaqsaa Biyyoolessaa Oromiyaa FXG Marsaa 6ffaa bifa adda ta’een dhoosuun mootummaa faashistii abbaa irree wayyaanee dura Dhaabbatan. Yakka Ajjeechaa Duguginsa Sanyii (‪#‎Genocide‬) Godinaalee Bahaa Oromiyaa Harargee Awwadayi , Arsii Lixaa Shaashaamannee, fi Bakkoota hedduutti Yaakka Waraanaa Agaaziin Rawwatamaa jiru gadi jabeessuun balaaleffatan.
Tarkaanfiin Ajjeechaa Duguuginsa Sanyii Waraanaa Agaaziin uummata Oromoo Oromiyaa golee garaagaraa keessatti fudhatamaa jiruu kufaatii abbaa irraa kan saffisiisuu fi mootummaa wayyaanee fi aangawootaa biyyatti gaafatamaa seeraa fi seenaa jala kan galchu malee gaaffii uummata Oromoo deebii kan hin taa’ee fi Warraaqsaa Biyyooleessa Oromiyaa takkaa dhaabuu kan hin dandeenye ta’uu ifaadha!!
Warraaqsiii Biyyoolessaa Oromiyaa FXG Marsaa 6ffaan Godinaalee Bahaa Oromiyaa Finiinfamaa jiruu Daran Jabaachuun Giddugaleessa Oromiyaa Finfinnee fi Naannoo Ishee dabalatee Godinaalee dhihaa Oromiyaa guutummaa Godina Lixa Shaggar Amboo fi Aanoota godina lixa Shaggar jalatti argamaan, Godina Horroo Guduruu Wallaggaa, Godina Bahaa Wallaggaa fi Lixa Wallaggaa keessatti Itti Fufee Jiraachuu Fi Barruun Warraaqsa FXG Marsaa 6ffaas Godinicha keessa belbelaa jiraachuun Mootummaan Abbaa irree Wayyaanee taa’umsaa fi dhaabii hanqatee halkanii guyyaa dhiphinaa fi Muddaama ulfaatatti seenee jiraachuun ibsame jira.
Haaluma Walfakkaatuun Lixa Shaggaar Aanaa Xuqur Incinnii Magaalaa Dirree Incinniitti bifa adda ta’een Warraaqsii Biyyoolessaa Oromiyaa FXG marsaa 6ffaan kan dhoofame yoo ta’u, Godinichuma Aanota Akka Tokkee Kuttaayee, Gudar, Amboo Mana Barumsaa liibaan Maccaa sadarkaa 2ffaa, Giincii, Jalduu , Meettaa Roobii, Gindabarati, Adaa’aa Bargaa, Midaa Qanyiitti Sochiin uummataa fi dargaggootaan jabaachuu irraa mootummaan wayyaanee soda fi Muddama guddaa seenuun human waraanaa dabalataan uummatarratti bobbaasuun duulaa hidhaa, sakkattaa’aa fi hiraarrasaa guddaa waraanatti dhimma bahee raawwachaa jiraachuun yakka waraanaa uummataarratti dalagaa jiraachuun ibsamera.
Injifannoon Uummata Oromoof!!


‪#‎oromoprotests‬ Adoolessa 04,2016) )Adoolessa 3/07/2016 Warraaksi biyyoolessaa Godina SHawwaa Lixaa aanaa Dirree Incinnii keessatti daran jabaatee itti fufee jira. Waraanni Mootummaa wayyaanees yeroo darbe Fincilli qabanaa’eera jedhee yeroof Naannoo sana irraa buqa’ee ture. Garuu fincilli kun daran humna mootummaa garboonfataa wayyaanee ol waan itti ta’eef humna waraanaa daran dabaluun ummata magaalaa Dirree Incinnii goolaa akka jiru beekamee jira.
Magaalattii keessattis dhaadannoon kanneen akka:
*Humni Waraanas Hatattamaan oromiyaa keessaa ba’uu qaba.
*Hidhamtoonni siyyaasaa kanneen akka Baqqalee garbaa’Dajanee xaafaa, faa hatattamaan akka hiikaman.
*Uummata Oromoo yeroo Ammaa Maqaa investimentii jedhuun lafa isaa irraa buqqisuun hatattamaan akka dhaabbatu.
* Uummata Oromoo ajjeessuun,hidh
uunnii fi doorsisuun nurraa haa dhaabbatu kan jedhuu fi
*Hiree uummata oromoo murteessuu kan danda’u uummata oromoo qofa jechuun sagalee isaanii dhageessifachaa oolaniiru.
Walumaa galatti ummanni naannoo Dirree Incinnii Diddaa mootummaa Wayyaanee irraa qaban ibsachaa akka oolan gabaafameera.
Mootummaan wayyaanees akkuma amala isaa fincila kanaan riffannaa guddaa keessa seenuun Humna federaalaan Uummata nagaa reebaa jiraachuu maddeen keenya achirraa ifa godhu.


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1918