Quantcast
Channel: Oromia
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1918

#OromoProtests, July 7, 2016

$
0
0

‪#‎oromoprotests‬ Adoolessa 7,2016 Baha Oromiyaatti FXG jabaatuun yeroo wal irraa hin cinneen gabaasuun keenya ni yaadatama. Odeessa Qeerroon Harargee lixaa
– Aanaa Boordadee
– Mi’eessoo
– Ciroo
– Meecataa
– Hirnaa
Akkasuma Harargee Bahaatti
– Qarsaa
– Haromayyaa
– Awwaaday
– Kombolchaa
Godinaalee Hararge lamaan aanaalee kanatti Waxabajii 2/2016 qophi ramaadanaan kan wal qabateen Qeerrroon akkuma gabaasaa turre FXGf haala mijeessuun daandiwwan onoota kana keessaa cufuudhaan alaabaa fannisee tureen alaabaan keenya (ABO) torban tokkoo oliif ona kanneen keessatti waajjiraalee garagaraa fi mannen barnootaa birattis akkasuma magaalaa keessatti fannifamee kan ture yoommuu tahu kaleessa akkuma
gabaasne uummannis dabalataan kaleessa guyyaa Edi Mubarak onoota kanneen irraa alaabaa qabatee bahee jira. walumaa galatti Qeerroon
onoota kanneen irraa akka karooraatti kan milkaawen injifannoo guddaa gonfatuun olaantummaa isaa kan beeksifate Qeerroon bulchiinsa diinaa
haga diigamutti bulchiinsa mataa isaanii dhaabbatuun uummanni ofiin of bulcaa akka jiru har’a Qeerroon gabaasee jira.
Godinaalee lixa Oromiyaa Shaggar lixaattis FXG itti fufuun wayyaaneen manneen jireenyaa uummataa sakatta’uun Qeerroon gabaaasera. Har’a
daandii gara wallaggaa geessuu shawaa lixaa keessatti kan cufamee ture humni diinaa banachuunis Qeerroon gabaasee jira.
Barruun warraaqsaa “OROMIYAAN NI BILISOOMTI” jedhus Amboo fi bakkoota garagaraatti darbatamuunis kan mul’ate waraana wayyaanee naannicharra jiruun funaanamuunis gabaasni Qeerroo achirraa nu gahe addeessa. Via 
Adem Misoma


#‎OromoProtests‬ galgala kana weerara waraanni Wayyaane Haragee Dhihaa magaalaa Mi’eessootti namoota afran armaan gadii ukkaamsuun bakka buusan hin beekamne.
1. Ramadaan Gammadaa Adame
2. Caalaa Ahmad Lishee
3, Jibroo Ali Yuuyyaa
4, Ali Yuuyyaa
Via Adem Misoma


Walgahii konyan Add Bilisummaa oromoo (ABO) Riyaad Ayyana Iida al-fixrii sababeffachuun hawaasa magaalaa Riyaadifi naannoo sanittif qophessan haala gariifii milkii guddaan xumurame jira. Jabaadha oromoonni nannoo sannii! ! Via Sirkanan Ahmed

sauid

 

13615386_1392787480747731_4685116110677256569_n


ABOni dhaaba kashalaboota fi jala deemtotaa Wayyaannee ganda keessaaan Hogganamuu osoo hin taane ilmaan oromoo, qaqqalii,kutatoo,goototaa ,qaroo fi jireenya isaani guutu saba isaanitiif dabarsanii laataniin hogganamaa.
ofiif diina jala kurkuraa sabontotaa of fakkeessuuun Dhiirraa qabsoof bahee alaa jiruu qeequ feeti sobduun ganda keessaa hundii,qeequ fi komiin haala qaba.
osoo ofummaafu qabsoo oromoon gochaa jirutii sadoo dhunfaaf jechaa gufuu ta’aa jiranii,ofii homaa osoo hin dalagiin gara hoggantoota qabsoo oromootti maltuu ol hiixachiisa?
warrii ta’ee jettanii ergamaa diinumaa wayyaanee irraa fudhachuun sabontotaa fakkaachuun uummaata keenya keessaatti summii faccaasa jirtan gochaa diinuma akka kana irraa akkaa dhaabatani isinii gaafanaa.

Via FB – Moses Gada

abo_qeerranso


#‎OromoProtests‬ Heavy gun fire being reported in Miesso town, West Hararge. Several people feared injured. July 7, 2016
======
Harargee Lixaa Magaalaa Mi’eessoo keessatti dhukaasa hedduutu dhagayama. Namni hedduunis akka dhayame shakkama. Hordofnee isin beeksifna.

Via Deebisaa Gadaa Maccaa


‪#‎Oromoprotest‬
Adoolessa 7/2016 Magaalaan Finfinnee fi Magaalotni Addaa Naannawaa Finfinnee Waraana Agaazii fi Poolisii Federaalaan Shororkeffamaa jiru, Addatti Magaalaa Finfinnee Keessatti Guyyaa Ha’aa Waraanni Agaazii, Poolisiin Federaalaa fi Poolisootni Magaalaa Finfinnee Fageenyaa 1km tokkoo hin Caalleen wal irraa fagaachuun fi Hidhannoo guutuun Daandii qabatanii uummata shororkeessa kan olaanii fi Guutummaan Magaalaa Finfinnee fi Magaalota Addaa Oromiyaa naannawaa Finfinneetti argaman raafama guddaa keessa galanii jiraachuun ibsame!!
Mootummaan Abbaa Irree Master pilaanii Finfinnee fi Magaalota Oromiyaaf qopheesse dirqamaan hojiirra olchuuf kan carraaquu yoo ta’uu, Waraanaa humnaa oliii Oromiyaa Keessa Bobaasee ilmaan Oromoo Manguddoonnii fi hawwaan illee ulfina dhorkuun dhaabaa sakkaatta’insaa seeraan alaa gaggeessa jira. warraaqsii biyyooleessa oromiyaa FXG golee Oromiyaa garaagaraa fi addatti Bahaa Oromiyaa fi naannoo Finfinnee fi Finfinnee keessatti jabaachuun sirnicha caalmatti raafama keessa kan galche jiru ta’uun hubatame jira. Tarkaanfiin haleellaan Magaalaa finfinnee fi magaalaa Amboo keessatti Poolisootaa Federaalaa irratti akkaan jabachuun caalaatti sirnicha raafamaa fi kufaatii isa dhumaatti seenmsisa jiraachuun hubatamee jira.
Injifannoon uummata Oromoof!!
Via FB – Seenessaa Qeerroo
finfinne


HUBACHIISA..
‪#‎Oromoprotests‬
Ololli loohee bahuu qoruumsaa kutaa 12ffaa torbaan dhufu silaa laatamu irratti hafarfamaa jiru dhimma mirkanaa’e tokkoo miti. Qoruumsichi hin bahu yaada jedhu qabaachuu baannuus sababoonni bahuuf immoo ifa tahuu qaba. Haatahuu garuu kan qoruumsi bahee nu harka jira jedhu warra ESAT yoo tahu maaliif akka baasan nuuf galuu baatuus yoo dhugaa taheef immoo qoratamee kan mirkanaa’u taha.
Tarii immoo jarattiin barattoota saba biraa qalbii rarraasuufi akka qalbiin isaan qo’annaa irraa faca’uu godhuuf tooftaa akkana fayyadamuuf yaalu malu. Gama biraatiin warrummaan wayyaaneetuu tooftaa akkanaatiin barattoota burjaajeessuuf tahuu mala. Qoruumsi bahe kun dhuguma kan torbee itti aanu kana qoramuuf deemamu yoo tahe Ministeerri barnota Itophiyaa dafee mirkaneessuu qaba. Kan gama keessaatiin hiramaa jira jedhamu immoo soba. Kanaaf barattoonni keenya qalbii takkaan qo’annaa keessan itti fufaa. Dhimma isaa immoo nuutu hordefee wan irra geenye isiniin gaha. Isin jabaadhaa qo’adhaa!
via Saphaloo Kadiir


#‎oromoprotests‬ dhamsaa jaarata magaala mi’essoo Guyuma kalesa guya ida ijole hucu aadaa ufatani san makriba fi ishayi idu patrol 3 n jole marsani isani fudhuf dirmana hawasatin halela fi du’ara olan kanas aka tahu kan godhe basasa ijoluma kale kesahi arar qaqaban maqan wara qabame 1 ramadan gamada 2 jilo 3 yuya kan jamanidha ini toko maqa hin qulqulefane


This is not in America or Europe. It is happening in Oromia.


Qellem Ona Jimmaa Horrootti Ummanni Hiraarfamaa Jira.Qeerroo Qellem, Jimmaa Horroo Waxabajii 7/2016(SBO/WBO – Adoolessa 07,2016) Qellem ona Jimmaa Horrootti waraanni wayyaanee uummata hiraarsaa jiraatuu Qeerroon gabaasee jira. Torban tokkoo ol kan tahu humni waraana wayyaanee tarkaanfi uummata nagaa irratti fudhatuu irraa dargaggootni onichaa hedduun midhamuun gabaafamee jira.Wayyaaneen Qellem Wallagga Ona kana keessa humni WBOseenee keessa jiraata jechuunis yerodhaa yerootti sakatta’iinsa jabaa fi waraana ishee ramaduu Qeerroon onicha keessaa gabaasaa jira.Jiraattota onichaa irra miidhaa gahaa turee fi jiruun uummanni bakka osoo hin laannee FXG yoomillee kan hin dhaabne tahee waan itti fufeef dabalatan kaleessa Ed Mubaarak irratti uummanni sagalee tokkoon- Mootummaa gabroonfataa kana hin feenu!- Hidhamtootni keenya nuuf haa gadhiifaman!- Wayyaaneef gibirri hin kennamu!- Abbaan biyyaa Oromoodha!- WBOn gaachana uummata Oromooti!- Dhiigni ilmaan Oromoo Bilisummaadhaandeebiti!jedhuun sagaleen uummataa kaleessa ona kana keessatti dhagahamaa kan turee dha.Ramadaana baasuu irratti tokkummaadhaan uummanni bahe kan ture yoommuu tahu wayyaaneen haga baadiyaatti waraana ishee ramaddee ummaticha keessa WBOn seenee jira, ummanni ona Jimma Horroo guutuun ABO deggera kanjedhu akkuma armaan duraa xiyyeffannoo itti gochuun namootni nagaan hidhamaa fi dararfamaa jiraatuun Qeerroon har’a gabaasee jira.


#‎OromoProtests‬-Kun diddaa fi mormii guyyaa kalee magaalaa Dirree Dhawa akeessatti adeemsifame. Guyyaa 6/2016 magaalaa Dirree Dhawa bakka Eid irratti alaaban ABO bifa kanan balaliitee jirti.
13620899_10208725776533507_5933001459864180537_n


#‎የኦሮሞተቃውሞ‬-የወያኔ መንግስት አውሬ መሆኑን ደጋግማችሁ ማረጋገጥ ከፈለጋችሁ ይህን ግፍ ተመልከቱ። የአዲስ አበባ ከተማ አስተዳደር በተለያዩ ክፍላተ ከተሞች በርካታ ቤቶችን በአፍራሽ ግብረ ኃይል የማፍረስ በማፍረስ ላይ ነው። በዚህም መሠረት:-
1. በቦሌ ክፍለ ከተማ ልዩ ስሙ ወረገኑ በሚባል ቦታ ላይ ለበርካታ ዓመታት ቤት ሠርተው፣ ትዳር መሥርተው የሚኖሩ በሺዎች የሚቆጠሩ ቤቶች ፈርሰው ቆርቆሮ፣ በርና መስኮታቸው እየተነቃቀለ በአፍራሽ ግብረ ኃይል መወሰዱ፣
2. በንፋስ ስልክ ላፍቶ ክፍለ ከተማ ቀጣና 01 መንደር 06 በተለምዶ አጠራር ቀርሳና ኮንቶማ ቁጥራቸው 9,617 የሚደርስ አባወራዎች በጠቅላላ 19,624 ነዋሪዎች ከ10 እስከ 15 ዓመት ከኖሩበት ቦታ፣ ‹‹ሕጋዊ አይደላችሁም፡፡ ቦታው ለቄራ አገልግሎት ስለሚፈለግ ልቀቁ፤›› መባላቸው፣
3. በንፋስ ስልክ ላፍቶ ክፍለ ከተማ ኢርቱ ተክለሃይማኖት ቀጣና 4፣ ከ250 በላይ አባወራዎች ለበርካታ ዓመታት ከኖሩበት ሥፍራ ያለምንም ማስጠንቀቂያ ግንቦት 29 ቀን 2008 ዓ.ም. ቤታቸውን ከነሙሉ ንብረቱ በአፍራሽ ግብረ ኃይል መፍረሱና፣
4. በተላይም በአዲስ አበባ ላፍቶ ክፍለ ከተማ ማንጎ በሚባለው አከባቢ የዚህን በቴሰብ ቤት ውስጡ እያሉ በማፍረስ በዚህ ክረምት ከነ 3 ወር ህጻናት መንገድ ላይ ጣሏቸው።
የዚህ ዓይነቱ ፋሽስታዊ የሽብር ተግባር በምንም መልኩ ተቀባይነት የለውም። የዘር ማጥፋት ዘመቻ የተከፈተበት የኦሮሞ ህዝብ በተፈጥሮ ያለውን ህጋዊ መብት ተጠቅሞ ራሱን ከጥፋት ለመከላካል የተለያዩ የትግል ስልቶችን (ሰላማዊና የትጥቅ ትግሉን) አቀናጅቶ ኃይልን በኃይል ፣ መሣሪያን በመሳሪያ፣ ጥይትን በጥይት ፣ ጦርነትን በጦርነት መመለስ ይጠበቅበታል።



‪#‎OromoProtests‬-Adoolessa 3 bara 2016 galgala sa’a 6:30 irratti magaalaa Amboottii Universty Amboo kaampaasii Awwaroo keessattii gootichi ilma Oromoo poolisoota lammiin Tigiraay ta’an lama irratti tarkaanfii sirreessaa fudhate. Poolisiin federaalaa lammii Oromoo ta’ee kun roorroo fi miidhaa ummata Oromoo irra gahaa jiru gumaa bahuuf poolisoota federaalaa lammii Tigraay ta’an lama ajjeesee tokko immoo madeesseera. Poolisooti lamaan du’an aangoo guddaa akka qaban beekamee jira.
Poolisiin federaalaa tarkaanfii kana fudhate lammii Affaar jedhamee odeeffamee ture. Kan beekaa Wayyaanoti kan odeessisan ture. Garuu, poolisichi tarkaanfii kana fudhate lammii Oromoo kan dhalootaan Oromiyaa giddu galaa-Walisoo ti. Poolisichis otuu harka hin kennatiin hidhaannoo guutuun miliqee jira.
Gootummaan akkanaa seenaa Oromoo keessatti oggayyuu kan yaadatamuu dha.
Kanaan duras Oromiyaa kibba bahaa, Arsii lixaa keessatti miseensi poolisii Oromiyaa tokko humnoota Agaazii ummata ajjeessaa turan shan fixuun wareeagme. Poolisii Oromiyaa kan ture, Musxafaa Huseen, qawwee isaa diinatti garagalchee, agaazii 5 ajjeesee magaalaa Ajjee, godina Arsii Lixaa keessatti wareegamuun seenaa boonsaa fi fakkeenya hedduu of keessaa qabu dalagee jira.


Hawaasni Oromoo biyyaa New Zealand magaalaa Wellington keessa jiraatu eebba poolisota biyyaa New Zealand irraatti argamudhan hojii diplomasi boonsaa hojetee jira.
Guyyaa ha’raa jechuun gaafa 06/07 /2016 Eebba polisoota kana irratti argamudhan biyyi Oromoo maal akka ta’eefi qabeenya ishiin qabdu dabalatee rakkoo Uummani keenya yeroo amma kana keessatti argamu kara dura taa’aa hawaasatiin ibsi ballaan kenname jira.
Kana malees agarsiisni Aadaa Oromoos bifa nama gamachiisun sagantaa kana irratti mulifamee jira.

13592716_10208511493218990_969599541362022288_n13615264_10208511493538998_8341400549170211473_n13627181_10208511493939008_747126844934028027_n


Adooleessa 7, 2016
Dhaamsa Qeerroo Arsii lixaa irraa nu dhaqabe.
“Namni Suuraa kana irratti argitan kun maqaan isaa Dasalenyi Hussein Quxeesaa jedhama. Kaabinee fi Kantiibaa magalaa Kuyaara ti. Namni kun aadaa abbaa isaa hordofuun ilmaan Oromoo baayy’ee ajjeechaa, hidhaa fi gidirsaaf dabarse kan kennaa turee fi ammas Agaaziif dabarsee kan kennaa jiruu dha.
Torbee lama dura Hayyuu aadaa, seenaa fi Afaan Oromoo nama ta’aan abbaa keenya obbo Dhaabaa Waari’oo akka maafiyoota Wayyaaneen ukkamsaman kan godhe kaabinoota Arsii lixaa keessaa Kantiibaa magaalaa Kuyaara -Dasaalenyi Hussein kan guddaa taphate ta’uun isaa beekameera. Hanga ammaatti yakka diinni lammii isaannii irratti raawwachaa jiru irraa osoo barachuu danda’anuu, hinhumaahu saboontoota Oromoo qaqaali ukkaamsiisuun hojii diinnumaa daanga dhableetti waan bobba’eef gochaa suukaneessaa kanarraa gootowwan Arsii isa kana bakka itti gochu qaba. Namootni isa kana hin beeknees akka ofiirraa eeganiif dhaamsa dabarsina”.


Adoolessa 6,2016 Kutaa Bulchiinsii Magaalaa Finfinnee Hannaa furiitti Poolisootni Federaalaa 6 Dhiiga uummataa dhangalaasuu fi Sochii Warraaqsaa Biyyoolessaa Oromiyaa FXG Dura dhaabbachuuf bobbaafaman Humna Ittisa uummataan Haleelamuun Du’aan Adabaman, Reeffii Poolisoota kanaas Bakkeetti gartamee Bargamoo keessa kan Argame ta’uu mirkanaa’era.
Humni Waraana Wayyaanee waraannii Poolisii Finfinnee fi Poolisiin Federaalaa akkasumas Waraanni Agaazii Karooraa Master Pilaanii Fenfinnee hojiitti hiiksisuuf ramadamee manneen Jireenyaa uummataa addatti immoo kan Uummata Oromoo diiguu fi qawween doorsisee diigsisuuf bobbaafame humna Ittisa Uummataan haleelamuun gaaga’ama guddaa keessa galee jiraachuu irra poolisoota Federaalaa dhalootaan Oromoo ta’anii fi Tigrootaa fi amaarota gidduutti wal shakkiin guddaan dhalatee jiraachuu maddeen keenya gabaasan. Kana malees Poolisootni ilmaan Oromoo sirna nama nyaataa Wayyaanee keessatti argaman bakka hundattiyyuu ilmaan Oromoo xiyyeeffannoo dhimma Oromoo fi Oromiyaa irratti kennuun sba isaanii cina dhaabbachuu dhaamsa dabarfatan.


Qirmaanni guutuu biyyaa kutaa 12ffaa akka ESAT jedhe kana dhuguma bahe taanaan wayyaaneen jiraatti du’uu ishii beekun ofumaa darsa xaxattee odoo baatee gaarii ta’a. Gochi kun mootummaan wayyaanee mootummaa saba bicuu ta’uu ishiillee ifaan jalaa mul’isee jira.
===================================
ESAT በቅርቡ እንደገለፀው እውን የ12 ክፍል ማትሪክ ፈተና ወጥቶ ከሆነ ወያኔ በቁም መሞቷን አምና ጔዟን ጠቅልላ መውጣት አለባት። ይህ ጉዳይ የወያኔ መንግስት የአንድ እዚህ ግባ ማይባል አናሳ ብሔር መንግስት መሆኑንም በገሃድ ያስመሰክራል።።




Viewing all articles
Browse latest Browse all 1918