Damee Boruu irraa
Makmaaksaa Oromoo keessa haala har’a uummatni Oromoo keessa jiru kan calaqisiisu tokko makmaaksa waa’ee mukaa himamu dha. “Mukkunni yaa’ii walitti bahee qottoon nu fixxee Maal haa goonu?” jedhee wal gaafatee jedhama. “ Kan nu fixe qottoo miti jallaa keenya jedhe jaarsii” jedhan. Nuyis kunoo Wayaanee nu fixxee jennee waakkachaa jira. Garuu kan nu fixxaa jiru jallaa keenya warra garaa itti nyaatan malee sammuu itti yaadan hin qabne.
Sabni tokko bilisa tahee hiree mataa isaa ofiin murteefatee kan biyya dhaabbachuu danda’u yoo uummatni isaa harka qalabate kaayyoo bilisummaaf dhaabbate dha. Namni tokko akk a nama tokkotti fedhii adda ddaa qabachuu danda’a. Fedhii isaa kana guutachuuf dantaa uummata isaa ganee kan mataa hordofuudhaan dhiiga obbolaa isaan jiraachuuf fedhii kan qabu jira. Haalli kana fakkaatuu uummta qabsoo gochaa jiruu keessatti mul’achuun waan haaraa miti.
Kan Saba Oromoo kan haaraa godhuu gurmuudhaan ijaaramanii ifatti dantaa haalgaa tiksuuf dhaabbachuu dha. Uummatni Oromoo qabsoon isaa inni duraa warra dhalootan Oromoo tahanii yookan Oromoo ofiin jedhanii qabsoo uummata Oromoo gufachiisan of jalaaa qulqulleessuu dha. Warraa kan irratti karaa lama hojjechuu qabna. Inni duraa karaa danda’amu maraa akka badii uummata isaanii irratti hojjechaa jiran kana hubatanii uummataa isaanii wajjin hiriiro qabsoo galan dhiibaa irratti gochuu dha. Inni lammaffaa yoo didanii badii uummata isaanii irratti hojjetan kana itti fufuu filtan qabsoon uummata Oromoo dura isaan barbadeessuu qaba.
Midhaa guddaa kan ilaamaan Oromoo irraan gahaa jiru warra dhalootan Oromoo tahee, uummata Oromoo keessaa jiraachaa diinaaf odduu keenu dha. Uummatni Oromoo uummataa nagaa jaalatuu fi mirga dhala namaaf kabajaa guddaa qabu dha. Warra jallaa isa keessaa dhalate miti orma isa miidhaa jiru irratti iyyuu tarkaanfii murteessaa fudhachuun jaalala isaa akka hin taane ni agarra .
Haa tahu malee amalli aadaa Oromoo kun gaarii tahee utuu jiruu dadbabinsas akka qabus hubachuun rakkisaa natti fakkaatu. Yaroo diina dhiiga ijoollee kee dhangalaasaa jiru of irratti rukkutuu dhiisuun jabina miti. Nagaan karaa tokko qofa dhufuu hin danda’u. Nageenyi kan argamuu fi naganaa jiraachuu kan danda’amu yooa humna wal duraa dhaabbatuu lamaan fedhiin walitti dhufe qofa. Yoo kana hin taane nageenyi hawwii qofa tahee hafa.
Waan uummatni Oromoo nagaa jaallattuuf jecha warra isaa midhaa jiran irratti jarjartiin tarkaanfii fudhachuu dhiisuun akka namotni halagaa tahan Oromoo ajjeessuu fi waraanuun Mootummaa TPLF irraa gatii nyaachaa jiraan Oduu (SQ Waxxabajjii 29, 2016) kan dhageenye dha. Yoo nama Oromoo ajjeessan kuma Shantama , yoo waraanan kumaa fi dhiba shaan akka argatan namootni qabaman ragaa bahanii jiru jedhama. Haala kanaan Shaashimanee keessatti lubbuun Oromoota hedduu akka darbe dhageenyeera. Mootummaan offuma isaa utuu dhiba baayyeen ajjeessaa fi kuma baayyeen madeessaa jiru maaliif akka Oromoon haaduun waraanamu barbaada? jenneee wal gaafachuu qabna. Tokko : uummatni Oromoo uummata ollaa wajjin akka wal dhabu yaaluuf. Lama: uummatni Oromoo eenyu akka isa ajjeessu waan hin beekneef dhiphuu fi yaaddoon akka jiraatu gochuu. Sadii: uummata Oromoo nama tokko iyyuu ka’ee of irratti uummata loluu danda’u miti jedhanii tuffachuu dha.
Namni mana issaa keessa qulqulleessu hin dandeenye isa alas hin danda’u. Akkuma kana Sabni Oromoo bilisa bahuuf yoo fedhii qabaate duraan dursee warra isa fakkaatee dhiiga isaa dhangalaasaa jiru of keessaa qulqulleessuu qaba. Diinni duraa isa nu keessaa jiru. Utuu isa nu keessaa jiru hin injifatiin isa alaa injifachuun rakkisaa dha.
Sabni Oromoo akka waanjjoo garbummaa Impayeera Itopiyaa jalatti kufee akka dhidhiitamu gochuu fi erga kufee asiis akka mana hidhaa kana keessaa hin bane gochuu namoonni dhalootaan Oromoo tahan gahaa guddaa akka qaban kana duras kaaseera. Har’as uummata Oromoo dhigisaa fi dhiigsiisaa warri jiru maqaa Oromoon garaa isaanii guutachuu warra barbaadan qofa akka tahe ifa jira. Yoo OPDO amma jiru kun illee bade OPDO biraa of qopheessaa akka jiru illee dagatamuu hin qabu.
Uummatni keenya dhugaa jiru tokko utuu hin jaalatiin fudhachuu qaba. Kan humna hin qabne diina miti firuu hinjaalatu, hin kabaju. Yoo humna qabaannee duwwaa firra keenya miti diinni keenya iyyuu akka uummataatti nu sodaata, nu kabaja. Amma humna murteessaa tahe hin qabaanneetti uummatni Oromoo bara baraan gantoota ijoollee isaa tahaniin darbii gurguramuu irraa ooluu hin jiru.
Uummatni Oromoo duraan dursee dhalootaan Oromoo tahanii yookan maqaa Oromoo fudhatanii dantaa Saba Oromoo kan dhunfaa isaaniif dabarsaanii ooshatan qajeelchee adabuudhaan aboomuu qaba. Sabni uummata isaa hin aboomannee diina of irraa ittisuun hin jabaata. Warra isa fakkaatee , keessa jiraatee diinaaf hojjetutu hammeenyaa fi gaaga’ama madaala hin qabne irraan gaha. Kana godaansa qabsoo bilisummaa Saba Oromoof godhamu kana keessatti hubannee kan wal hubachiifne natti fakkaata. Bilisa bahuufis tahee, nagana bara baraan jiraachuuf jalaa keenya amma danda’ame qajeelchuu yoo dide cirree gatuu qabna. Bilisummaan xurree biraa hin qabu. Utuu keessaa diigaa jiranii humna halagaa alaa of irraa ittisuun ulfaataa dha.
Qabsoon bilisummaa Kaayyoo irratti hundaauu qabu. “Addis Ababa Master Plan” Oromoon bakka jiru maraa ka’ee sagalee tokkoon diina dura dhaabbatee akka diinni duubatti deebi’u gochuu danda’uun injifannaa guddaa dha. Akkuma plaanni kun hafee jira jedhameen baayyeen keenya gallee hiriba bareedaa rafaa jirra. Kaan keenya immoo wal irratti boba’uu dhaan hiriroo diina Saba Oromoo wajjin galuu filnneera.
Kan nama qaanessu,Mootummaan TPLF “ Addis Ababa Master Plan” akkuma yaadeti guutuutti hojii irra olshaa jira. Mana kumaataman lakkawamu naannoo Finfinnee irraa yaroo buldozariin galgalshuu biyya Oromoo kan ijaaraa jiru nutti fakkaataa? Oromoon biyyaa keessaa jiru har’as akkuma durii dhiiga isaa dhangalaasee bilisummaa isaaf falmachaa jira. Irra guddaan Oromoo ala jiruu (diaspora) waan dantaa isaa guutuuf filachaa jira, Impaayeera Itopiyaa deebisanii ijaaruu illee taatu. Biyyii biyyoon biyyaa kan isa itti du’aa jirutti. Warri maqaa uummata Oromoon daldalaa jiran yoo uummatni keenya dammaqinsaa gahaa qabaate bakka hin qabaatan. Hojiin Qeerroo Bilisummaa Oromoo nu boonsuu irra darbee bilisummaa Saba Oromoo kan mirkanneessu tahuu isaaf karaa koo mamii hin qabu. Warri bilisummaa Saba Oromoo irratti amantii qabnu karaa dandaeenyu maraan Qeerroo Bilisummaa Oromoo wajjin daabbachuun dirqama keenya.
Injifannoo Uummata Oromoo!
Oromiyaan Ni Bilisoomti!